LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 3 ful. 7
  • Dubbiin Waaqayyoo Jijjiirameeraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubbiin Waaqayyoo Jijjiirameeraa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KITAABNI QULQULLUUN YEROO HARʼAA JIRU ERGAA WAAQAYYOO ISA JALQABAA QABACHUU ISAA MIRKANAAʼOO KAN TAANU AKKAMITTI?
  • Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • A3 Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • ‘Dubbiin Waaqayyoo Dhugaa’ Taʼuu Isaa Amani
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 3 ful. 7
Part of the book of Isaiah from the Dead Sea Scrolls above a modern translation of Isaiah in Arabic.

Gubbaadhaan kutaa kitaaba Isaayaas Maraa Galaana Duʼaa, jalaan immoo isa afaan Arabaa ammayyaatiin hiikame. Ergaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu utuu hin jijjiiramin hanga harʼaatti turuu dandaʼeera

Dubbiin Waaqayyoo Jijjiirameeraa?

Namoonni tokko tokko, ‘Dubbiin Waaqayyoo jijjiirameera taʼa’ jedhanii yaadu. Isaayaas raajichi Dubbiin Waaqayyoo “bara baraan dhaabatee in hafa” jedheera. (Isaayaas 40:8) Maarree, abdiiwwan Waaqayyo kenne utuu hin jijjiiramin akka turan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaqayyo, Dubbiin isaa eegamee akka turuu fi akka hin faalamne gochuuf humna qaba. Bara duriitti, namoonni Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan harkaan garagalchan, wanti tokko iyyuu itti dabalamuu, jijjiiramuu ykn keessaa baʼuu dhiisuu isaa mirkaneeffachuuf, qubee hunda tokko tokkoon lakkaaʼu turan. Taʼus, ilmaan namootaa cubbuu waan dhaalaniif, garagalchitoonni tokko tokko dogoggora xixinnoo uumaniiru.

KITAABNI QULQULLUUN YEROO HARʼAA JIRU ERGAA WAAQAYYOO ISA JALQABAA QABACHUU ISAA MIRKANAAʼOO KAN TAANU AKKAMITTI?

Koppiiwwan Kitaaba Qulqulluu durii harkaan barreeffamanii fi kumaan lakkaaʼaman jiru. Koppiin tokko garaa garummaa xiqqoo yoo qabaate illee, koppiiwwan kaanii wajjin walbira qabanii ilaaluun ni dandaʼama.—Odeeffannoo dabalataa argachuuf, “Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?” jedhuu fi jw.org irratti argamu ilaali.

Fakkeenyaaf, barreeffamoota durii maraawwan kitaabaa Galaana Soogiddaa haa ilaallu. Barreeffamoota kana Araboota qubattoota taʼantu holqa naannoo Galaana Duʼaatti argamu keessaa bara 1947⁠tti argate. Barreeffamoonni durii kunneen kutaawwan Kitaaba Qulqulluu waggoota kuma lamaa ol lakkoofsisan qabataniiru. Hayyoonni, barreeffamoota durii harkaan barreeffaman kunneen Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti nu harkatti argamuu wajjin walbira qabanii ilaalaniiru. Maarree maal argatan?

Hayyoonni kun Dubbiin Waaqayyoo yeroo harʼaatti nu harkatti argamu qabiyyeen isaa barreeffamoota jalqaba barreeffamanii wajjin tokko akka taʼe hubataniiru.a Barreeffamoota harkaan barreeffaman durii irratti of eeggannoodhaan qorannoon godhamuun isaa, Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaatti itti fayyadamnu ergaa Waaqayyoo isa jalqabaa akka qabate mirkaneessa. Kanaafuu, Waaqayyo Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo harʼaatti itti fayyadamnu ergaan isaa akka hin jijjiiramne eegumsa akka godheef mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Kanaafuu, Dubbiin Waaqayyoo kan hin jijjiiramne taʼuu isaa guutummaatti amanuudhaan dubbisuu dandeenya. Yaada kana sammuutti qabachuudhaan, waaʼee Waaqayyoo raajota isaa irraa maal barachuu akka dandeenyu haa qorru.

a Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa guutuu Ingiliffaan, Geezaa Varmashiin qophaaʼan fuula 16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi