LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Guraandhala ful. 6
  • Abdichatti Gammadaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abdichatti Gammadaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abdii Kee Cimsadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaa Eeggachuudhaan Ija Jabeeyyii Ta’aa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?
    Dammaqaa!—2004
  • Abdiin Kee ni Raawwatama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Guraandhala ful. 6
Maatiin tokko Waaqeffannaa Maatii isaanii irratti ittiin lixa tajaajilaa yommuu shaakalan

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Abdii Keessanitti Gammadaa

Abdiin akka qofoo sibiilaa ti. (Ibr 6:19) Haalli akka obomboleettii cimaa taʼe yommuu nu mudatu akka doonii galaana irratti balaan irra gaʼuu isaatiin caccabee amantiin keenya akka hin banne nu gargaara. (1Xi 1:18, 19) Wantoota akka obomboleettii nutti taʼuu dandaʼan keessaa tokko dogoggora raawwanneen miira abdii kutachuu nutti dhagaʼamu, qabeenya qabnu dhabuu, yeroo dheeraadhaaf dhukkubsachuu, nama jaallannu duʼaan dhabuu ykn qorumsa ejjennoo keenya akka laaffisnuuf nu irra gaʼu taʼuu dandaʼa.

Abdii fi amantiin, eebba argannu ilaalchisee waadaan nuu galame akka gaariitti akka nutti mulʼatu nu gargaaru. (2Qo 4:16-18; Ibr 11:13, 26, 27) Kanaaf, abdiin keenya samii ykn lafa irra jiraachuu yoo taʼe, yeroo hunda abdii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu irratti xiinxaluudhaan abdii keenya jabeessinee qabachuu ni dandeenya. Akkas kan goonu yoo taʼe, qorumsi akkamii iyyuu yoo nu mudate gammachuu keenya eegnee jiraachuu dandeenya.—1Ph 1:6, 7.

VIIDIYOO ABDICHATTI GAMMADAA JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Museen fakkeenya hordofuu qabnu dha kan jennu maaliifi?

  • Warri mataa maatii taʼan itti gaafatamummaa akkamii qabu?

  • Waaqeffannaa Maatii keessan irratti mata dureewwan akkamii dabaluu dandeessu?

  • Abdiin qorumsawwan nu mudatan dura jabinaan akka dhaabannu kan nu gargaaru akkamitti?

  • Abdiin gara fuulduraatti hawwiidhaan eeggattan isa kami dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi