Suuraa, fakkii fi viidiyoo sagalee hin qabne, aanimeeshinii seenaa Kitaaba Qulqulluu balʼinaan ibsuuf gargaaru kan qabate dha.
Beetafaagee, Gaara Ejersaa fi Yerusaalem
Viidiyoo gabaabaan kun magaalaa yeroo ammaatti eet-Tuur jedhamtu, jechuunis ishii Kitaaba Qulqulluu keessatti Beetafaagee akka taate yaadamtuu kaasee hamma iddoo ol kaʼaa Gaara Ejersaatti jirutti kallattii bahaatiin gara Yerusaalemitti geessu kan argisiisu dha. Bitaaniyaan baha Beetafaagee karaa bahaatiin irraan gadee Gaara Ejersaa irratti argamti. Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo Yerusaalem keessa turanitti galgala kan dabarsan, Bitaaniyaa ishii yeroo ammaatti magaalaa eel-ʽAazaariyaa (Eel ʽEeʼizaariiyaa) Afaan Arabaatiin hiikni isaa “Biyya Alaazaar” jedhutti ture. Yesuus mana Maartaa, Maariyaamii fi Alaazaar buufatee akka ture hin shakkisiisu. (Mat 21:17; Mar 11:11; Luq 21:37; Yoh 11:1) Yesuus mana isaaniitii gara Yerusaalem yommuu deemu, karaadhuma viidiyoo kana irratti ibsamee wajjin wal fakkaatu irra deemee taʼuu dandaʼa. Niisaan 9, Dh.K.B. bara 33 Yesuus yeroo ilmoo harree irra taaʼee Gaara Ejersaa irra baʼee Beetafaageedhaa kaʼee gara Yerusaalem deemuuf karaadhuma kana irra baʼee taʼuu dandaʼa.
Daandii Bitaaniyaadhaa garaa Beetafaageetti geessu
Beetafaagee
Gaara Ejersaa
Dachaa Qedroon
Bakka Manni Qulqullummaa Itti Argamu
Mismaara Lafee Koomee Irra Jiru
Suuraan lafee koomee namaa mismaara sibilaatiin waraaname argisiisu kun seenti meetira 11.5 dheerata ture. Bocni kun jalqaba kan argame bara 1968tti yommuu kaaba Yerusaalem qotamutti siʼa taʼu, bara warri Roomaa turanitti kan hojjetame dha. Ragaan arkiʼooloojii nama muka irratti fannisuuf mismaaratti fayyadamaa akka turan argisiisa. Mismaarri kun mismaara loltoonni Roomaa Yesuus Kiristoosiin muka irratti fannisanii ittiin ajjeesanii wajjin kan wal fakkaatu taʼuu dandaʼa. Bocni kun saanduqa dhagaa ooshuweerii jedhamu keessatti kan argame siʼa taʼu, reeffi nama duʼee erga tortoree booda lafeen isaa sassaabamee saanduqa kana keessa kaaʼama ture. Kunis namni muka irratti fannifame tokko kan awwaalamu akka taʼe argisiisa.—Mat 27:35.