LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Waxabajjii ful. 8
  • Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Milkaaʼina Akka Argatan Isaan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Milkaaʼina Akka Argatan Isaan Gargaaraa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Waxabajjii ful. 8
Yoseefii fi Maariyaam yeroo waliin nyaatanitti Yesuusii fi ijoollee isaanii kaan barasiisaa jiru

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Milkaaʼina Akka Argatan Isaan Gargaaraa

Abbaa fi haati Waaqayyoon sodaatan ijoolleen isaanii tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼanii arguu barbaadu. Warri, ijoolleen isaanii akkana akka godhan gargaaruu kan dandaʼan, xinnummaa isaaniitii jalqabanii barumsa Kitaaba Qulqulluu isaan barsiisuudhaani. (Kes 6:7; Fak 22:6) Kana gochuun fedhii ofii aarsaa gochuu gaafataa? Eeyyee ni gaafata! Haa taʼu malee, buʼaan argattan carraaqqii gootan irra baayʼee kan caalu dha.—3Yoh 4.

Warri, Yoseefii fi Maariyaam irraa wanta baayʼee barachuu dandaʼu. Dadhabbii kan qabuu fi baasii kan isaan gaafatu taʼus, “waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deemuu amaleeffatanii turan.” (Luq 2:41) Wantoota hafuuraa maatii isaaniitiif barbaachisaniif dursa kennaa akka turan haala isaa irraa hubachuu ni dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, warri dubbii fi gocha isaaniitiin fakkeenya taʼuudhaan, akkasumas carraa argatan hundatti ijoollee isaanii barsiisuudhaan daandii isa sirrii irra akka deeman isaan gargaaruu dandaʼu.—Far 127:3-5.

KANA BEEKTUU?

Obboloonni Yesuus maatii Yihowaa tajaajilan keessatti kan guddatan taʼus, duʼuu isaa dura isatti hin amanne turan. (Yoh 7:5; HoE 1:14) Yeroo booda isaan keessaa lamaan isaanii jechuunis, Yaaqoobii fi Yihudaan kitaabota Kitaaba Qulqulluu maqaa isaaniitiin moggaafaman barreessaniiru.

VIIDIYOO CARRAA ARGATAN HUNDATTI FAYYADAMANIIRU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN KANAA GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Joonii fi Shaaran Shiilar ijoollee guddisaa, dhimmoota Mootummichaatiif dursa kan kennan akkamitti?

  • Warri, ijoollee isaanii karaa garaa garaatiin barsiisuu, qajeelchuu fi sirreessuu kan qaban maaliifi?

  • Ijoolleen qorumsa amantii isaan irra gaʼu mooʼuu akka dandaʼan warri isaanii isaan leenjisuu kan dandaʼan akkamitti?

  • Ijoolleen keessan karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaaruuf, meeshaalee jaarmiyaan Yihowaa qopheesse kamfaatti fayyadamtaniittu?

Maatii Shiilar

Maatiin keessan sochiiwwan hafuuraatiif dursa akka kennu godhaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi