Sadaasa 26–Muddee 2
HOJII ERGAMOOTAA 6-8
Faarfannaa 124 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Gumiin Kiristiyaanaa Inni Haaraan Qorumsi Isa Mudate”: (Daq. 10)
HoE 6:1—Dubartoonni Afaan Giriikii dubbatanii fi abbootiin manaa isaanii irraa duʼan, gumii keessatti loogiin isaan irratti raawwatamee akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama (bt-AM 41 key. 17)
HoE 6:2-7—Ergamoonni rakkina uumame sana furuuf tarkaanfii fudhataniiru (bt-AM 42 key. 18)
HoE 7:58–8:1—Gumicha irratti ariʼatamni cimaan ni kaʼe
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
HoE 6:15—Fuulli Isxifaanos “akka fuula maleekaa” kan taʼe haala akkamiitiini? (bt-AM 45 key. 2)
HoE 8:26-30—Kiristiyaanonni yeroo harʼaa hojii Filiphoos raawwachaa turee wajjin wal fakkaatu irratti hirmaachuuf mirga kan argatan karaa kamiini? (bt-AM 58 key. 16)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) HoE 6:1-15
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Achiis namni sun walgaʼii irratti akka argamu afeeri.
Deddeebii Gaaffii Sadaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Caqasa mataa keetii filadhu, akkasumas barreeffama qoʼachiisuuf itti fayyadamnu tokko kenni.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) lv 33-34 key. 16-17
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”: (Daq. 15) Jaarsa gumiitiin mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo ‘Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu’ jedhamu taphachiisuudhaan jalqabi. Xalayaa dinqisiifannaa waajjirri damee buusii gumichi waggaa darbe godheef erge dubbisi. Buusii gochuudhaan faayidaa akkamii akka argannu ibsi. Baasii gumichi jiʼa jiʼaan baasu ibsi. Akkamitti buusii gochuu akka dandeenyuu fi buusiin kun akkamitti hojii irra akka oolu ibsi. Deggersa isaan arjummaadhaan godhaniif gumicha galateeffadhu.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 28 fi saanduqa “Fakkeenyota Waaʼee Soomii Dubbatan” jedhu
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 110 fi Kadhannaa