BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 10-13
Yihowaan Waaqa Amanamaa Dha
Yihowaan qorumsa nu irra gaʼu hambisuuf filata taʼa; haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanta qorumsa nu irra gaʼe karaa buʼa qabeessa taʼeen dandamachuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan ‘karaa itti keessaa baanu’ nuuf qopheessa.
Yihowaan Dubbii isaa, hafuuraa qulqulluu fi nyaatawwan hafuuraa inni qopheessutti fayyadamee, sammuu, garaa fi miira keenya tasgabbeessa.—Mat 24:45; Yoh 14:16, milj.; Rom 15:4
Hafuura qulqulluutti fayyadamee seenaawwanii fi dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka yaadannu gochuudhaan, tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhannu nu gargaara.—Yoh 14:26
Maleekota isaatti fayyadamee nu gargaara.—Ibr 1:14
Kiristiyaanota hidhata keenya taʼaniitti fayyadamee nu gargaara.—Qol 4:11