Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Ebla 2019
EBLA 1-7
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 7-9
“Qeenxee Taʼuun Kennaa Dha”
(1 Qorontos 7:32 dubbisi.)
Qeenxee Taʼuu Keessanitti Akka Gaariitti Fayyadamaa
3 Namni qeenxee taʼe tokko yeroo baayʼee nama gaaʼela godhate caalaa yeroo gaʼaafi bilisummaa qaba. (1 Qor. 7:32-35) Carraawwan adda taʼan kun, tajaajilasaa balʼifachuuf, namoota baayʼee michoota godhachuufi Yihowaa wajjin caalaatti walitti dhihaachuuf isaa heyyamuu dandaʼu. Kanaaf, Kiristiyaanonni baayʼeen, faayidaawwan qeenxee taʼuun qabu hubachuudhaan yoo xinnaate yeroodhaaf qeenxee taʼanii jiraachuu ‘fudhachuuf’ murteessaniiru. Warri kaanimmoo, duraan dursanii qeenxee taʼuuf, galma kan hin qabne taʼanis, yommuu haallisaanii jijjiiramu kadhannaadhaan erga irratti yaadanii booda gargaarsa Yihowaatiin yaadasaanii tasgabbeeffachuu akka dandaʼan hubataniiru. Kanaaf, jijjiirama haalasaanii irratti taʼe fudhachuudhaan qeenxee taʼaniiru.—1 Qor. 7:37, 38.
(1 Qorontos 7:33, 34 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Qorontos
7:33, 34—Namni gaaʼela qabu tokko, “waan biyya lafaatiif” dhimma jechuun maal jechuu dha? As irratti Phaawulos Kiristiyaanonni gaaʼela qaban, wantoota guyyaa guyyaatti isaan barbaachisaniif yaaddaʼuun isaanii sirrii akka taʼe ibsuu isaa ture. Kun immoo, wantoota gadhee biyya lafaa irratti argamaniifi Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban utuu hin taʼin, nyaata, uffataa fi mana kan dabalatu dha.—1 Yoh. 2:15-17.
(1 Qorontos 7:37, 38 dubbisi.)
w96-AM 10/15 12-13 key. 14
Qeenxee Taʼuun Yaadni Keenya Utuu hin Hihhiramin Tajaajiluuf Gargaara
14 Kiristiyaanni yeroo qeenxee taʼuudhaan dabarsu galma ofittummaa hordofuuf itti fayyadamu, Kiristiyaana gaaʼela godhate “caalaatti gaarii” gochaa jira jechuun hin dandaʼamu. Namni akkasii qeenxee kan taʼe, ofii isaatiif jedhee ti malee, ‘Mootummichaaf’ jedhee miti. (Maatewos 19:12) Dhiirri ykn dubartiin qeenxee taʼan tokko, ‘waaʼee wantoota Gooftaa yaaddaʼuu’ qabu, jechuunis ‘akkamitti Gooftaa akka gammachiisan,’ akkasumas ‘yaadni isaanii utuu hin hihhiramin garaa guutuudhaan Gooftaadhaaf buluu’ ilaalchisee yaaddaʼuu qabu. Kana jechuun xiyyeeffannaa guutuudhaan Yihowaa fi Kiristoos Yesuus tajaajiluu jechuu dha. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan, Kiristiyaanota gaaʼela godhatan “caalaatti gaarii” kan godhan kana yoo godhan qofa dha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Qorontos 7:11 dubbisi.)
lvs-AM 251
Kutaa Dabalataa
Kiristiyaanonni tokko tokko yoo ejji raawwatamuu baate iyyuu, hiriyaa gaaʼelaa isaanii irraa gargar baʼuuf yeroon itti murteessan jira. (1 Qorontos 7:11) Haalawwan armaan gadii yoo jiraatan Kiristiyaanni tokko gargar baʼuuf yaaduu dandaʼa.
• Taʼe jedhanii deggersa gochuu diduu: Maatichi qarshii ykn nyaata hamma dhabutti, abbaan manaa wanta jireenya maatichaatiif barbaachisu kennuu yoo dide.—1 Ximotewos 5:8.
• Miidhaa qaamaa cimaa geessisuu: Hiriyaan gaaʼelaa fayyaan ykn lubbuun isaa balaadhaaf akka saaxilame hamma isatti dhagaʼamutti miidhaa qaamaa cimaa kan geessisu yoo taʼe.—Galaatiyaa 5:19-21.
• Hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabu guutummaatti balaadhaaf saaxiluu: Abbaan manaa ykn haati manaa tokko hiriyaan gaaʼelaa isaanii Yihowaa tajaajiluu akka hin dandeenye kan dhowwu yoo taʼe.—Hojii Ergamootaa 5:29.
(1 Qorontos 7:36 dubbisi.)
w00-AM 7/15 31 key. 2
Addunyaa Gama Naamusaatiin Mancaʼe Keessatti Qulqulluu Taʼuu ni Dandeessa
Dargaggoonni jalqabuma yeroo fedhiin saalqunnamtii isaanii kakaʼu ariifatanii gaaʼela godhachuu hin qaban. Gaaʼelli waadaa galame eeganii jiraachuu waan gaafatuuf, itti gaafatamummaa akkasii raawwachuun bilchina gaafata. (Uumama 2:24) Namni tokko, hamma ‘umurii dargaggummaa irra darbutti’ jechuunis, hamma yeroon fedhii saalqunnamtii cimaa itti taʼuu fi ilaalcha nama tokkoo jalʼisuu itti dandaʼu darbutti eeguun isaa gaarii dha. (1 Qorontos 7:36) Kana malees, namni gaʼeessa taʼee fi fuudhuu barbaadu tokko, nama hiriyaa gaaʼelaa isaaf taʼu waan dhabeef qofa, ejja raawwachuun isaa gowwummaa guddaa dha!
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Qorontos 8:1-13) Ammas nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate ilaalchisee hundi keenya beekumsa akka qabnu beekna. Beekumsi nama bokoksa, jaalalli garuu nama ijaara. 2 Namni tokko wanta tokko akka beeku yoo isatti dhagaʼame, inni waaʼee dhimma sanaa amma iyyuu wanta beekuu qabu hunda hin beekne. 3 Namni tokko Waaqayyoon kan jaallatu yoo taʼe garuu Waaqayyo isa ni beeka. 4 Nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate nyaachuu ilaalchisee, waaqoliin tolfamoon gatii akka hin qabnee fi Waaqayyo isa tokkicha malee kan biraan akka hin jirre beekna. 5 Sababiin isaas “waaqayyolii” hedduunii fi “gooftolii” hedduun jiru; taʼus, samii irrattis taʼe lafa irratti waaqayyolii kan jedhaman yoo jiraatan iyyuu, 6 nuuf garuu isa wantoonni hundi biraa argamanii fi nutis kan isaa taane Waaqa tokkicha Abbaa qofatu jira; akkasumas, Gooftaa tokkicha isa wantoonni hundi karaa isaa argamanii fi nutis karaa isaa argamne Yesuus Kiristoos qofatu jira. 7 Beekumsa kana kan qaban garuu namoota hunda miti. Taʼus, namoonni tokko tokko dur waaqolii tolfamoo waaqeffachaa waan turaniif, nyaata waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼe nyaatu; qalbiin isaaniis dadhabaa waan taʼeef xuraaʼeera. 8 Haa taʼu malee, nyaanni caalaatti Waaqayyotti nu hin dhiheessu; yoo nyaachuu baanne wanti nutti hirʼatu hin jiru, yoo nyaannes wanti nuuf dabalamu hin jiru. 9 Garuu mirgi isin filachuuf qabdan namoota dadhaboo taʼanitti gufuu akka hin taane of eeggadhaa. 10 Ati inni beekumsa qabdu mana qulqullummaa waaqolii tolfamoo keessatti utuu nyaata nyaattuu namni tokko yoo si arge, qalbiin nama dadhabaa taʼe sanaa nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate akka nyaatu isa hin jajjabeessuu? 11 Kanaaf, beekumsa keetiin namni dadhabaan, jechuunis obboleessi kee inni Kiristoos isaaf duʼe sun ni bada. 12 Haala kanaan obboloota keessan irratti yommuu cubbuu hojjettanii fi qalbii isaanii isa dadhabaa madeessitan, Kiristoos irratti cubbuu hojjechaa jirtu jechuu dha. 13 Kanaaf, nyaanni obboleessa koo kan gufachiisu yoo taʼe, obboleessa koo akkan hin gufachiisneef ani matumaa lammata foon hin nyaadhu.
EBLA 8-14
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 10-13
“Yihowaan Waaqa Amanamaa Dha”
(1 Qorontos 10:13 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Phaawulos ergamaan, Yihowaan “hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 10:13) Kana jechuun Yihowaan wanta baachuu dandeenyu dursee beekuudhaan qorumsa nu mudatu nuuf filata jechuu dhaa?
▪ Ilaalchi akkasii hiika akkamii akka qabu ilaali. Obboleessi ilmi isaa of ajjeese tokko akkas jedhee gaafatee ture: ‘Yihowaan, ilmi keenya yoo of ajjeese anii fi haati manaa koo dandamachuu akka dandeenyu dursee beekee ture jechuu dhaa? Kun kan taʼe, rakkoo kana baachuu akka dandeenyu Waaqayyo waan murteesseefii?’ Yihowaan wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatan haala kanaan akka jijjiiru amanuuf ragaan qabatamaa taʼe jiraa?
Yaada Phaawulos 1 Qorontos 10:13 irratti galmeeffame caalaatti qoruun keenya xumura kana irra akka geenyu godha: Kitaabni Qulqulluun Yihowaan dursee rakkina baachuu dandeenyu erga qoree booda isa irratti hundaaʼee qormaata nu mudatu filata jedhee hin barsiisu. Mee ragaawwan xumura kana irra gaʼuuf nu dandeessisan afur haa ilaallu.
Tokkoffaa, Yihowaan namootaaf mirga filannoo kenneera. Jireenya keenya keessatti karaa nuuf taʼu akka filannu barbaada. (Kes. 30:19, 20; Iya. 24:15) Karaa sirrii taʼe yoo filanne, Yihowaan tarkaanfii keenya akka nuuf qajeelchu eeguu dandeenya. (Fak. 16:9) Karaa gadhee taʼe yoo filanne garuu, miidhaa nu irra gaʼu amannee fudhachuu qabna. (Gal. 6:7) Yihowaan qorumsa nu irra gaʼu dursee filata utuu taʼee, mirga filannoo keenya nuuf kabajeera jechuu ni dandeenyaa?
Lammaffaa, Yihowaan wanta “yeroonii fi walitti dhufuun” geessisu irraa nu hin eegu. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Balaa gaddisiisaan tokko kan nu irra gaʼu tarii iddoo sirrii hin taanetti, yeroo sirrii hin taanetti argamuu keenyaan taʼuu dandaʼa. Yesuus masaraan tokko jigee namoota 18 ajjeesuu isaa dubbatee ture; balaan kun kan isaan irra gaʼes fedha Waaqayyootiin akka hin taane ibsee ture. (Luq. 13:1-5) Waaqayyo balaawwan akka tasaa yommuu uumaman nama jiraachuu ykn duʼuu qabu dursee murteessa jedhanii yaaduun sirrii dhaa?
Sadaffaa, gaaffiin amanamummaa ilaalchisee kaʼe tokkoon tokkoon keenya kan ilaallatu dha. Seexanni, qorumsi yoo nu irra gaʼe amanamummaa keenya eegnee akka hin jiraanne yaaduudhaan, amanamummaa tajaajiltoota Yihowaa hunda irratti gaaffii akka kaase yaadadhu. (Iyo. 1:9-11; 2:4; Mul. 12:10) Yihowaan humna keenyaa ol akka taʼe yaaduudhaan qorumsa nu mudatu nu irraa kan dabarsu utuu taʼee, himanni Seexanni Waaqayyoon kan tajaajillu fedhii ofii keenyaaf akka taʼe dubbachuudhaan kaase dhugaa akka taʼu hin godhuu?
Arfaffaa, Yihowaan wantoota nu mudachuuf jedhan hunda beekuun isa hin barbaachisu. Waaqayyo, rakkoo nu mudatu dursee filata yaanni jedhu, waaʼee keenya gara fuulduraa ilaalchisee wanta hunda beekuu qaba jechuu dha. Garuu yaanni kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe miti. Dhugaa dha, Waaqayyo waaʼee gara fuulduraa beekuu ni dandaʼa. (Isa. 46:10) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti taʼan beekuu dhiisuufis filachuu akka inni dandaʼu ibsa. (Uma. 18:20, 21; 22:12) Kanaafuu, dandeettii waaʼee gara fuulduraa beekuuf qabu mirga filannoo keenya haala kabajuun itti fayyadama. Kun Waaqa mirga filannoo keenya kabajuu fi yeroo hunda amala isaa karaa sirrii taʼeen argisiisu irraa kan eegamu mitii?—Kes. 32:4; 2 Qor. 3:17.
Yaada Phaawulos, “Waaqayyo . . . hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu” jedhu hubachuu kan qabnu akkamitti ree? Phaawulos caqasa kana irratti wanta Yihowaan yeroo qorumsaatti godhu dubbate malee, wanta inni qorumsa dura godhu dubbachaa hin turre. Dubbiin Phaawulos rakkoowwan akkamii iyyuu jireenya keenya keessatti yoo nu mudatan, Yihowaa irratti amantii qabaannaan akka inni nu gargaaru nuuf mirkaneessa. (Far. 55:22) Yaanni Phaawulos inni nama jajjabeessu kun dhugaawwan buʼuuraa lama irratti kan hundaaʼe dha.
Tokkoffaa, qorumsi nu irra gaʼu qorumsa ‘namoota kaan irra gaʼu irraa adda’ miti. Kanaaf, qorumsawwan nu mudatan namoota hunda irra kan gaʼani dha. Waaqayyo irratti amantii yoo qabaanne, qorumsawwan kun humna keenyaa ol nutti hin taʼan. (1 Phe. 5:8, 9) Yaada 1 Qorontos 10:13 irra jiru dubbachuu isaa dura qorumsa lafa onaa keessatti Israaʼeloota mudate caqaseera. (1 Qor. 10:6-11) Qorumsawwan kun qorumsa namoota kaan irra gaʼu irraa adda hin turre ykn humna Israaʼeloota amanamoo taʼanii ol hin turre. Phaawulos isaan keessaa “tokko tokko” akka hin ajajamne siʼa afur dubbatee ture. Kan nama gaddisiisu, Israaʼeloonni tokko tokko amantii Waaqayyo irratti qaban waan dhabaniif hawwii gadheedhaan qabamanii turan.
Lammaffaa, “Waaqayyo amanamaa” dha. Waaqayyo “warra isa jaallatanii” fi ‘abboommii isaa eeganitti’ jaalala isaa isa amanamaa akka argisiisu, akkaataa inni kanaan dura saba isaa itti qabe irraa hubachuu dandeenya. (Kes. 7:9) Akkasumas, Waaqayyo yeroo hundumaa waadaa gale akka eegu seenaa darbe irraa hubachuu ni dandeenya. (Iya. 23:14) Namoonni isa jaallatanii fi isaaf ajajaman seenaa inni kanaan dura galmeessise irratti hundaaʼuudhaan, Yihowaan qorumsa nu mudatuu wajjin haala wal qabateen akka inni waadaa isaa eegu amantii qabaachuu ni dandaʼu: (1) Rakkoon kam iyyuu hamma baachuu dandaʼanii ol akka taʼu hin heyyamu, akkasumas (2) ‘karaa itti keessaa baʼan isaaniif ni qopheessa.’
Yihowaan namoonni isatti amanaman qorumsi yommuu isaan mudatu karaa itti keessaa baʼan kan isaaniif qopheessu akkamitti? Dhugaa dha, fedha isaa yoo taʼe rakkoo nu mudate sana hambisuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee Phaawulos, “[Yihowaan] jabaattanii dhaabachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa itti keessaa baatan isiniif qopheessa” jechuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, yeroo baayʼee qorumsi yommuu nu mudatu, wanta qorumsicha karaa milkaaʼina qabuun moʼuuf nu gargaaru nuuf kennuudhaan ‘karaa itti keessaa baanu nuuf qopheessa.’ Karaawwan Yihowaan qorumsa keessaa nu baasuuf itti fayyadamu tokko tokko haa ilaallu:
▪ Inni “rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.” (2 Qor. 1:3, 4) Yihowaan Dubbii isaa, hafuuraa qulqulluu fi nyaatawwan hafuuraa garbichi amanamaa fi ogeessi qopheessutti fayyadamee sammuu, garaa fi miira keenya tasgabbeessa.—Mat. 24:45; Yoh. 14:16, milj.; Rom. 15:4.
▪ Hafuura qulqulluutti fayyadamee nu jajjabeessa. (Yoh. 14:26) Yeroo qorumsi nu mudatu, hafuurri qulqulluun seenaa fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaadachuudhaan tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhannu nu gargaara.
▪ Maleekota isaatti fayyadamee nu gargaaruu ni dandaʼa.—Ibr. 1:14.
▪ Kiristiyaanota hidhata keenya taʼanii fi dubbiis taʼe gocha isaaniitiin “madda jajjabinaa guddaa” nuuf taʼanitti fayyadamuudhaan nu gargaara.—Qol. 4:11.
Egaa, yaanni Phaawulos 1 Qorontos 10:13 irratti dubbate hiika akkamii qaba? Yihowaan qorumsa nu mudatu nuuf hin filatu. Haa taʼu malee, yeroo qorumsi nu mudatutti, guutummaatti kan isatti amanamnu yoo taʼe, rakkinichi humna keenyaa ol akka taʼu akka hin heyyamnee fi karaa itti keessaa baanu akka nuuf qopheessu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Yaanni kun baayʼee nama hin jajjabeessuu?
(1 Qorontos 10:13 dubbisi.)
(1 Qorontos 10:13 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Qorontos 10:8 dubbisi.)
w04-AM 4/1 29
Gaaffii Dubbistootaa
1 Qorontos 10:8 Israaʼeloonni sababii ejjaatiin guyyaa tokkotti duʼan 23,000 akka taʼan kan dubbatu siʼa taʼu, Lakkoobsa 25:9 irratti immoo 24,000 kan jedhame maaliifi?
Lakkoofsi caqasoota kana lamaan irratti ibsame sababii adda adda itti taʼe hedduu qaba. Sababiin inni tokko lakkoofsi isaanii inni sirriin 23,000 fi 24,000 gidduutti kan argamu siʼa taʼu, hirʼisanii 23,000 gochuun ykn itti dabalanii 24,000 gochuun ni dandaʼama.
Sababa jiraachuu dandaʼu kan biraas haa ilaallu. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanota Qorontos, warra magaalaa Qorontos durii ishii halalummaan keessatti babalʼate keessa jiraatan akeekkachiisuuf seenaa Israaʼelootaa Shiixiimitti raawwatame caqaseera. Akkas jedhee barreesseera: “Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman, nutis halalummaa raawwachuu amaleeffachuu haa dhiisnu.” Phaawulos namoota ejja raawwachuu isaaniitiin Yihowaan ajjeese 23,000 taʼuu isaanii adda baasee ibseera.—1 Qorontos 10:8.
Haa taʼu malee, Lakkoobsi boqonnaa 25, “Warri Israaʼel Baʼaal isa Pheʼor waaqessuutti in qabaman; yommus dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti in bobaʼe” jedha. Yeroo kanatti Yihowaan, “angafoota saba kanaa [“hunda,” NW]” ajjeesi jedhee Musee ajaje. Museen immoo ajaja kana akka raawwataniif abbootii murtiitti hime. Dhuma irratti yeroo Fiinehaas, nama Israaʼel dubartii Miidiyaan tokko gara buufataatti fudhatee dhufe saffisaan yeroo ajjeesetti, “dhaʼichi Israaʼeloota irraa in ittifame.” Seenaan isaa, “Warri dhaʼicha sanaan ajjeefaman namoota kuma digdamii afur turan” jechuudhaan xumura.—Lakkoobsa 25:1-9.
Baayʼinni kitaaba Lakkoobsaa irratti ibsame, ‘angafoota sabaa’ warra abbootiin murtii ajjeesanii fi warra kallattiidhaan Yihowaan ajjeese akka dabalatu hin shakkisiisu. Baayʼinni namoota duʼanii 24,000 kan taʼe, angafoonni sabaa warri abbootiin murtii ajjeesan kuma tokko waan taʼaniif taʼuu qaba. Namoonni angafoota taʼan kun, ejja raawwatanii, afeerrii dhimma kanaaf qophaaʼe irratti hirmaatanii ykn warra akkas godhan deggeranii taʼus taʼuu baatus, ‘Baʼaal isa Pheʼoritti maxxanuudhaan’ [NW] cubbuu raawwataniiru.
Kitaabni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko, jechi ‘maxxanuu’ jedhu hiika “nama tokkotti of hidhuu” jedhu qabaachuu akka dandaʼu ibseera. Israaʼeloonni saba Yihowaadhaaf of murteessan turan, yeroo ‘Baʼaal isa Pheʼoritti maxxanan’ garuu waadaa Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuudhaan galan cabsaniiru. Yihowaan gara waggoota 700 booda, karaa Hoseʼaa raajichaa Israaʼelootaan, “Isaan garuu gara Baʼaal isa Pheʼor dhufan, Waaqayyo tolfamaa isa yeellaasisaa kanaaf addaan of baasan; akkuma isa jaallatan sanaas ciiggaasisoo taʼan” jedheera. (Hoseʼaa 9:10) Warra kana godhan hunda adabni Waaqayyoo inni cimaan isaaniif mala ture. Kanaan kan kaʼes, Museen, “Wanta Waaqayyo tulluu Pheʼoritti hojjete iji keessan argeera; Waaqayyo gooftaan keessan namoota Baʼaal isa Pheʼor waaqessan hundumaa isin gidduudhaa balleesseera” jechuudhaan Israaʼeloota akeekkachiiseera.—Keessa Deebii 4:3.
(1 Qorontos 11:5, 6 dubbisi.)
(1 Qorontos 11:10 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Obboleettiin tokko bakka obboleessi tokko jirutti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessitu mataa haguuggachuun ishee barbaachisaa dhaa?
▪ “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2002 (Amaariffa) irratti baʼe irratti, babalʼisaan tokko kan cuuphames taʼe kan hin cuuphamne, obboleettiin tokko isa biratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessitu mataa haguuggachuu akka qabdu ibsamee ture. Qorannaan dabalataa dhimma kana irratti godhame, qajeelfama kana irratti jijjiirama gochuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa.
Babalʼisaan yeroo obboleettiin tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa taʼe geggeessitutti ishee wajjin jiru kan cuuphame yoo taʼe, obboleettiin kun mataa ishee haguuggachuu akka qabdu beekamaa dha. Qayyabannaan akkanaa akka barumsa gumii irratti dhihaatu tokkootti ilaalama. Wanta itti gaafatamummaa obbolootaa taʼe raawwachaa waan jirtuuf, mataa haguuggachuun ishee qophii matummaa Yihowaan gumii Kiristiyaanaa keessatti godheef kabaja akka qabdu argisiisa. (1 Qor. 11:5, 6, 10) Yookiin immoo, obboleessi sun gaʼumsa kan qabuu fi kan dandaʼu yoo taʼe qayyabannicha akka geggeessu gochuu ni dandeessi.
Karaa kan biraatiin immoo, obboleettiin tokko qayyabannaa dhaabbataa taʼe yeroo geggeessitutti kan ishee wajjin jiru babalʼisaa hin cuuphamnee fi abbaa manaa ishee hin taane yoo taʼe, mataa ishee akka haguuggattu irraa hin eegamu. Haa taʼu malee, sammuun obboleettota tokko tokkoo haala akkasii keessattis mataa isaanii akka haguuggatan isaan kakaasa taʼa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Qorontos 10:1-17) Ammas yaa obbolootaa, abbootiin keenya hundi duumessa jala akka turanii fi hundi isaaniis galaana keessa darbuu isaanii akka beektan nan barbaada; 2 hundi isaanii Musee hordofanii duumessichaa fi galaanichaan cuuphaman; 3 hundi isaanii nyaata hafuuraa tokko nyaatan; 4 hundi isaanii bishaan hafuuraa tokko dhugan. Sababiin isaas isaan kattaa hafuuraa isa isaan duukaa deemu irraa dhugu turan; kattaan sunis Kiristoosiin argisiisa ture. 5 Taʼus, Waaqayyo isaan keessaa hedduu isaaniitti waan hin gammadneef, isaan lafa onaa keessatti kufanii hafaniiru.6 Nutis akkuma isaan wanta hamaa hawwan wanta hamaa akka hin hawwineef, wantoonni kun fakkeenya nuuf taʼaniiru. 7 Akkuma, “Namoonni sun nyaachuu fi dhuguuf taaʼan. Sirbuufis ol kaʼan” jedhamee barreeffame, akkuma isaan keessaa tokko tokko godhan warra waaqolii tolfamoo waaqeffatan hin taʼinaa. 8 Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman, nutis halalummaa raawwachuu amaleeffachuu haa dhiisnu. 9 Akkuma isaan keessaa tokko tokko isa qoranii bofaan balleeffaman, nutis Yihowaa qoruu haa dhiisnu. 10 Akkuma isaan keessaa tokko tokko gungumanii isa balleessu sanaan balleeffaman, isinis hin gunguminaa. 11 Wantoonni kun fakkeenya akka taʼaniif isaan irra gaʼan; nu warra dhumni sirnichaa irra gaʼes akeekkachiisuuf barreeffaman. 12 Kanaaf namni, “Ani dhaabadheera” jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu. 13 Qorumsi qorumsa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye. Haa taʼu malee, Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa itti keessaa baatan isiniif qopheessa. 14 Kanaaf, yaa obboloota jaallatamo waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa. 15 Ani akka namoota hubachuu dandaʼaniitti isinitti nan dubbadha; wanta ani dubbadhe ofuma keessanii murteessaa. 16 Xoofoon eebbaa nuti eebbisnu, dhiiga Kiristoos irraa hirmaachuu mitii? Maxinoon nuti cabsinu, qaama Kiristoos irraa hirmaachuu mitii? 17 Sababiin isaas, nuti hundi keenya maxinoo tokkicha sana irraa waan hirmaannuuf, nuti hedduu yoo taane iyyuu maxinoo tokko, jechuunis qaama tokko dha.
EBLA 22-28
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 14-16
“Waaqayyo ‘Hundumaatiif Waan Hunda’ ni Taʼa”
(1 Qorontos 15:24, 25 dubbisi.)
w98-AM 7/1 21 key. 10
“Duuti ni Balleeffama”
10 “Xumura” kan jedhame, xumura Bulchiinsa Kiristoos Waggaa Kumaa yeroo Yesuus gad of qabuu fi amanamummaadhaan Mootummicha Waaqaa fi Abbaa isaatti dabarsee kennu argisiisa. (Mulʼata 20:4) Yeroo kanatti, kaayyoon Waaqayyo, “wantoota hunda, . . . gara Kiristoositti walitti qabuu” ilaalchisee qabu ni raawwatama. (Efesoon 1:9, 10) Jalqaba garuu, Kiristoos “mootummoota hunda, aangoo hundaa fi humna” ol aantummaa Waaqayyootiin morman ni balleessa. Kun immoo, badiisa yeroo Armaagedoonitti gaʼu caalaa wanta dabalatu qaba. (Mulʼata 16:16; 19:11-21) Phaawulos, “[Kiristoos] hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miilla isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba” jedheera. (1 Qorontos 15:25, 26) Eeyyee, cubbuun karaa Addaam dhufe hundii fi duuti ni balleeffama. Kanaafuu, Waaqayyo warra duʼan gara jireenyatti deebisuudhaan, “awwaala yaadannoo” duwwaa akka taasisu beekamaa dha.—Yoh. 5:28.
(1 Qorontos 15:26 dubbisi.)
Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafa Irratti Akka Raawwatamu Godha
21 Haataʼu malee, duʼa isa yeroo baayʼee sababii dhukkubaatiin dhufuufi sababii cubbuutiin nurra gaʼerratti tarkaanfii akkamiitu fudhatama? Oolee bulee ilmaan namootaa cubbamoo taʼan hundi “diina” keenya isa humna guddaa qabuun moʼamuunsaanii hin oolu. (1 Qor. 15:26) Taʼus duuti Yihowaa caalaa humna kan qabudhaa? Raajii Isaayaas, “Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa” jechuudhaan dubbate qalbeeffadhaa. (Isa. 25:8) Yeroo sana yaada qalbiitiin ilaaluu ni dandeessuu? Sirni awwaalchaa, iddoon awwaalchaafi booʼichi hin jiraatu! Haala kanarraa faallaa taʼeen, abdii dinqisiisaan Yihowaan warri duʼan akka duʼaa kaafaman dubbate waan raawwatamuuf namoonni imimmaan gammachuu dhangalaasu! (Isaayaas 26:19 dubbisi.) Xumurarrattis miidhaan duuti geessise ni fayyifama.
(1 Qorontos 15:27, 28 dubbisi.)
Nagaa Waggaa Kumaa fi Sana Booda Jiru!
17 Jireenya gaarii waggaa kuma booda jiru ibsuuf jechi “Waaqayyo hundumaaf waan hundumaa in taʼa” jedhu caalu hin jiru. Akkas jechuun maal jechuudha? Addaamiifi Hewwaan warri mudaa hin qabne Eeden keessatti miseensa maatii Yihowaa uumama cufaa taʼuudhaan nagaadhaan akkamitti jiraachaa akka turan mee yaadaa. Yihowaa inni Uumama Cufarratti Olaanaa taʼe uumamawwansaa hunda jechuunis ergamootaafi ilmaan namootaa kallattiidhaan bulchaa ture. Kallattiidhaan Yihowaa wajjin haasaʼu; isa waaqeffatu; eebbasaas ni argatu turan. Kanaaf, Yihowaan “hundumaaf waan hundumaa” taʼee ture.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Qorontos 14:34, 35 dubbisi.)
w12-AM 9/1 9, saanduqa
Phaawulos Ergamaan Dubartoonni Yaada Isaanii Akka hin Ibsine Dhowwee Turee?
Phaawulos ergamaan, “Dubartoonni . . . gumii keessatti haa callisan” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 14:34) Phaawulos maal jechuu isaa ture? Dandeettii isaanii xiqqeessee ilaaluu isaa turee? Lakki. Dhugaa dubbachuudhaaf, Phaawulos yeroo hedduu waaʼee barumsa dubartootaa isa gaarii dubbateera. (2 Ximotewos 1:5; Tiitoo 2:3-5) Phaawulos xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti, dubartoota qofa utuu hin taʼin, namoonni kennaa qooqa haaraa fi raajii dubbachuu qaban kan biraanis yeroo namni hidhata amantii isaanii taʼe tokko dubbatutti akka ‘callisan’ gorseera. (1 Qorontos 14:26-30, 33) Tarii, akkuma kutaa addunyaa sana keessatti aadaa baramaa tureetti, dubartoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko waaʼee amantii isaanii isa haaraa beekuuf hawwii guddaa qabaniin kan kaʼe, nama haasaa dhiheessu gaaffii gaafachuuf haasaa isaa addaan kutu taʼa. Phaawulos jeequmsa akkasii hambisuuf, ‘mana isaaniitti abbootii manaa isaanii akka gaafatan’ isaan jajjabeesseera.—1 Qorontos 14:35.
(1 Qorontos 15:53 dubbisi.)
Kan hin Tortorre
Yihowaan hojjetaa amanamaa kana hangam akka amanu hubachuuf, abdii inni miseensota hojjetaa kanaatiif gale yaadi. Phaawulos ergamaan, “malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, battalumaan, hanga liphsuu ijaatti ni jijjiiramna. Sababiin isaas malakanni ni afuufama, warri duʼan kan hin tortorre taʼanii kaʼu, nutis ni jijjiiramna. Inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuu qaba, inni duʼu kunis isa hin duune uffachuu qaba” jedheera. (1 Qor. 15:52, 53) Dibamtoonni duuka buutota Kiristos ta’aniifi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan, qaama tortoru qabaatanii kan du’an ta’us, qaama ergamoota Waaqayyoorra caalu qabaatanii jireenya barabaraatiif du’aa ka’u. Sana booda kan hin duune ta’u; kana jechuunis jireenya dhuma hin qabneefi hin badne argatu. Kana malees qaama hin badne jechuunis qaama tortoruu hin dandeenyeefi of danda’ee jiraatu ni argatu. Mul’anni 4:4, namoonni du’aa ka’an kun teessoorra akka taa’aniifi mataasaaniirraa gonfoo warqee akka qaban ibsa. Kiristiyaanonni dibamoon mootota ta’uudhaan gara fuulduraatti ulfina argatu.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Qorontos 14:20-40) Yaa obboloota ko, hubannaa keessaniin daaʼimman hin taʼinaa; kanaa mannaa wanta hamaadhaaf daaʼimman taʼaa, hubannaa keessaniinis gaʼeessota taʼaa. 21 Seericha keessatti, “‘Ani qooqa keessummaa fi jechoota warra ormaatiin namoota kanatti nan dubbadha; taʼus yeroo kanatti illee isaan ana hin dhagaʼan’ jedha Yihowaan” jedhamee barreeffameera. 22 Kanaaf, qooqa hin beekneen dubbachuun warra amananiif utuu hin taʼin warra hin amanneef mallattoo dha; raajii dubbachuun garuu warra hin amanneef utuu hin taʼin warra amananiifi. 23 Iddoo guutummaan gumichaa walitti qabamee jirutti, hundi isaanii qooqa hin beekneen utuu dubbatanii namoonni hin baranne yookiin hin amanne yoo ol seenan, namoonni kun maraataniiru isiniin hin jedhanii? 24 Haa taʼu malee, isin hundi keessan utuu raajii dubbachaa jirtanii, namni hin amanne yookiin hin baranne tokko yoo ol seene, wanti isin dubbattan hundi akka inni of ceephaʼu isa godha, akkasumas gad fageenyaan akka of qoru isa kakaasa. 25 Yeroo kanatti iccitiin garaa isaa keessa jiru ifatti baʼa; kanaaf adda isaatiin gad gombifamee, “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jedhee Waaqayyoon waaqeffata. 26 Egaa yaa obboloota ko, maaltu godhamuu qaba ree? Yeroo walitti qabamtan, inni tokko kennaa faarfannaa qaba, inni tokkos kennaa barsiisuu qaba, inni kan biraan immoo kennaa mulʼataa qaba, inni tokko kennaa qooqa hin beekneen dubbachuu qaba, inni kan biraan immoo kennaa isa qooqa hin beekneen dubbatame hiikuu qaba. Taʼus, wantoonni hundi gumicha jajjabeessuuf haa taʼan. 27 Kana malees, namoonni qooqa hin beekneen dubbatan yoo jiraatan, nama lama yookiin yoo baayʼate nama sadii haa taʼan; isaanis dabareedhaan haa dubbatan; namni kan biraanis wanta isaan dubbatan sana haa hiiku. 28 Namni hiiku hin jiru taanaan garuu, gumii keessatti callisanii ofii isaanii fi Waaqayyotti haa dubbatan. 29 Namoonni lama yookiin sadii raajii haa dubbatan, warri kaan immoo hiika isaa hubachuuf haa yaalan. 30 Haa taʼu malee, namni tokko utuma achi taaʼaa jiruu mulʼanni yoo isaaf kenname inni jalqaba dubbachaa ture sun haa callisu. 31 Sababiin isaas, hundi isaanii akka baratanii fi hundi isaanii jajjabina akka argataniif, hundi keessan dabareedhaan raajii dubbachuu dandeessu. 32 Kennaawwan hafuuraa raajotaaf kennaman raajotaaf ni ajajamu. 33 Sababiin isaas Waaqayyo Waaqa nagaa ti malee Waaqa jeequmsaa miti. Akkuma gumiiwwan qulqullootaa hunda keessatti godhamu, 34 dubartoonni akka dubbatan waan isaaniif hin heyyamamneef gumii keessatti haa callisan. Kanaa mannaa, akkuma Seerichi dubbatu dhiirotaaf haa bitaman. 35 Wanta tokko barachuu yoo barbaadan, mana isaaniitti abbootii manaa isaanii haa gaafatan; sababiin isaas, dubartiin tokko gumii keessatti dubbachuun ishii qaanii dha.36 Maarree dubbiin Waaqayyoo isin biraa dhufee? Moo isinuma qofa bira gaʼe? 37 Namni raajii akka taʼe yookiin kennaa hafuuraa akka qabu yaadu kam iyyuu, wanti ani isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa akka taʼe amanee fudhachuu qaba. 38 Haa taʼu malee, namni kana tuffatu kam iyyuu ni tuffatama. 39 Kanaaf, yaa obboloota ko raajii dubbachuuf carraaqqii cimaa godhaa; taʼus, qooqa hin beekneen dubbachuu hin dhowwinaa. 40 Haa taʼu malee, wanti hundi haala gaarii taʼeen, akkasumas karaa seera qabuun haa raawwatamu.
EBLA 29–CAAMSAA 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 1-3
“Yihowaan ‘Waaqa Jajjabina Hundaa’ Ti”
(2 Qorontos 1:3 dubbisi.)
“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
4 Yihowaan inni Abbaa keenya isa gara laafessa taʼe, yommuu michoonni isaa Abrahaam, Yaaqoob, Musee fi Daawit Mootichi duʼanitti nama jaallatan duʼaan dhabuun hangam ulfaataa akka taʼe argeera. (Lak. 12:6-8; Mat. 22:31, 32; HoE. 13:22) Yihowaan yeroo michoota isaa kana gara jireenyaatti itti deebisu hawwii guddaadhaan akka eeguu fi kana gochuufis fedhii guddaa akka qabu Dubbiin Waaqayyo nuuf mirkaneessa. (Iyo. 14:14, 15) Yeroo sanatti gammadoo fi fayyaa guutuu kan qaban taʼu. Mee Waaqayyo, ilmi isaa inni baayʼee jaallatamaa taʼee fi “baayʼee itti gammadu,” [NW] dhiphina guddaadhaan yommuu duʼu wanta isatti dhagaʼamee ture yaadaa. (Fak. 8:22, 30) Wanta yeroo kanatti Yihowaatti dhagaʼamee ture ibsuun ulfaataa dha.—Yoh. 5:20; 10:1.
(2 Qorontos 1:4 dubbisi.)
“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
14 Nama gadda guddaa irra jiru tokko jajjabeessuuf wanta dubbannu beekuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “arrabni ogeessaa . . . in fayyisa” jedha. (Fak. 12:18) Namoonni hedduun birooshura, Namni Jaallattan Yeroo Duʼu jedhamu irra yaadawwan warra kaan ittiin jajjabeessuu dandaʼan argataniiru. Taʼus, yeroo baayʼee wanti caalaatti isaan fayyaduu fi isin gochuu dandeessan, ‘warra booʼanii wajjin booʼuu’ dha. (Rom. 12:15) Gabee ishiin abbaan manaa irraa duʼe akkana jetteetti: “Imimmaan karaa wanta garaa koo keessa jiru ittiin ibsu naaf taʼeera. Michoonni koo yommuu anaa wajjin booʼan kanan jajjabaadhu kanaafi. Yeroo sanatti, kanan gaddaa jiru qofaa koo akka hin taane natti dhagaʼama.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Qorontos 1:22 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
“Chaappaa” fi ‘qabdiin’ Kiristiyaanonni dibamoon hundi Waaqayyo biraa fudhatan maali?—2 Qor. 1:21, 22.
▪ Qabdii: Barreeffamni tokko akka jedhetti jechi Afaan Giriikii “qabdii” jedhamee hiikamee fi 2 Qorontos 1:22 irratti argamu, “kallattiidhaan jecha seeraa fi daldalaaf hojjetu” kan argisiisu siʼa taʼu, hiikni isaas “waa bituuf kaffaltii irraa jalaan kaffalamu, qabsiisa kennamu, kaffaltii jalqaba kaffalamuu fi waadaa galamu dha. Kun immoo seera biratti wanta akka wabiitti dhihaatuu fi wanta waliigalteen tokko akka hojjetu godhu dha.” Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen immoo, akkuma 2 Qorontos 5:1-5 irratti ibsametti kaffaltii guutuun ykn kennaan isaan argatan, qaama hafuuraa samii irratti argatan kan dabalatu dha. Kennan kun qaama hin duune argachuus ni dabalata.—1 Qor. 15:48-54.
Akka afaan Giriikii ammayyaatti, qubeelaa ittiin wal kaadhimatan argisiisuuf, jechi wal fakkaataan itti hojjetameera. Kun immoo warra akka fakkeenyatti haadha manaa Kiristoos akka taʼanitti ibsaman akka gaariitti kan ibsu dha.—2 Qor. 11:2; Mul. 21:2, 9.
▪ Chaappaa: Bara duriitti chaappaan, abbaa qabeenyummaa, wanti tokko dhugaa taʼuu isaa ykn walii galtee tokko raggaasisuuf fayyada ture. Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen immoo, qabeenya Waaqayyoo taʼuudhaan, akka fakkeenyaatti hafuura qulqulluudhaan ‘chaappaan isaanitti godhama’ ykn mallattoon isaan irratti godhama. (Efe. 1:13, 14) Haa taʼu malee, chaappaan isaanitti godhamu kun kan mirkanaaʼu yeroo namni sun amanamummaa isaa eegee duʼutti ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura yeroo taʼe tokkotti dha.—Efe. 4:30; Mul. 7:2-4.
(2 Qorontos 2:14-16 dubbisi.)
Kana Beektaa?
Phaawulos “warra moʼee duulaa galu” yeroo jedhu maal yaadatti qabatee ture?
▪ Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo . . . karaa Kiristoos akka warra moʼee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kiristosin beekuus akka foolii urgaaʼuutti harka keenyaan iddoo hundumaan [in gaʼa] . . . nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kiristoos isa Waaqayyotti urgaaʼuu dha. Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii duʼaa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha.”—2 Qorontos 2:14-16.
Phaawulos yeroo kana jedhu, hiriira injifannoo warra Roomaa, ajajaa waraanaa diinota biyyattii moʼee gale tokkoof ulfina kennuuf godhamu caqasuusaa ture. Yeroo akkasiitti, wantoonniifi namoonni boojiʼaman akka ilaalamaniif gadi kan baafaman siʼa taʼu, korommiin aarsaadhaaf dhihaatan bakka aarsaan itti godhamutti oofamu turan; namoonni ajajaa waraanaa injifate sanaafi loltootasaatiif ni ililchuuf turan. Hiriirri sun yeroo xumuramu, korommiin sun aarsaa kan godhaman siʼa taʼu, namoonni boojiʼaman hedduunis ni ajjeefamu.
Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaayikilooppeediyaan akka jedhutti, yaanni “foolii Kiristoos” jedhuufi namoota tokko tokkoof jireenya kaaniifimmoo duʼa argisiisu, “tarii warri Roomaa hiriira injifannoosaaniirratti ixaana aarsuusaanii wajjin wal qabatee kan dhufe taʼuu dandaʼa. Urgaan namoota moʼaniif injifannoo argisiisu sun, namoota boojiʼamaniif garuu duuti akka isaan eeggatu kan isaan yaadachiisu hin taʼin hin oolu.”
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Qorontos 3:1-18) Akka waan isin kanaan dura nu hin beekneetti ammas isinitti of beeksisuu qabnaa? Yookiin akka namoota tokko tokkoo xalayaa deggersaa gara keessanitti fiduun yookiin isin irraa argachuun nu barbaachisaa? 2 Isin mataan keessan xalayaa keenya isa garaa keenya keessatti barreeffame, isa namoonni hundi beekanii fi dubbisani dha. 3 Sababiin isaas isin xalayaa Kiristoos isa nuti warra tajaajiltoota taaneen, qalamaan utuu hin taʼin hafuura Waaqayyo jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin, gabatee foonii, jechuunis garaa keenya keessatti barreeffame akka taatan ifatti argisiistaniittu. 4 Nuti karaa Kiristoos Waaqayyo irratti amanannaa akkasii qabna. 5 Ulaagaa hojii kana hojjechuuf nu dandeessisu ofii keenyaan akka guutnu hin dubbannu; kanaa mannaa ulaagaa kana akka guutnu kan nu gargaaru Waaqayyo dha; 6 inni tajaajiltoota kakuu haaraa taʼuuf gaʼumsa akka qabaannu nu godheera; kakuun kunis seera barreeffame sana utuu hin taʼin, seera hafuuraa ti; sababiin isaas seerri inni barreeffame sun duʼa namatti murteessa; hafuurri garuu nama jiraachisa. 7 Kana malees fuula Musee isa calaqqisu sanaatiin kan kaʼe Israaʼeloonni hamma fuula isaa ilaaluu dadhabanitti Seerichi inni duʼa fiduu fi dhagaa irratti barreeffame sun ulfina akkasiitiin dhufeera; taʼus ulfinni sun dhuma irratti kan badu ture. 8 Kanaaf, tajaajilli hafuuraa immoo kana caalaa ulfina guddaa hin qabaatuu ree? 9 Tajaajilli seeraa inni yakkamaa nama godhu ulfina qabeessa erga taʼee, tajaajilli qajeelummaa immoo kana caalaa ulfina hin qabaatuu ree? 10 Dhugaa dubbachuuf, inni yeroo tokkotti ulfina qabeessa ture illee, inni isa caalaa ulfina qabu yommuu dhufu ulfina isaa dhabeera. 11 Egaa inni badu sun ulfinaan erga dhufee, inni utuu hin badin jiraatu kana caalaa ulfina hin qabaatuu ree? 12 Abdii akkasii waan qabnuuf, ija jabina guddaadhaan dubbanna; 13 akkasumas Israaʼeloonni dhuma wanta badu sanaa hubatanii akka hin ilaalleef, akka Museen yommuu fuula isaa haguuggate godhe sanaa hin goonu. 14 Haa taʼu malee, sammuun isaanii hadoodeera. Haguuggiin sun kan irraa fuudhamu karaa Kiristoos qofa waan taʼeef, yommuu kakuu moofaan sun dubbifamu hunda haguuggiin sun hamma guyyaa harʼaatti isaan irra jira. 15 Dhugaa dubbachuuf, hamma guyyaa harʼaatti, yeroo kitaabonni Musee dubbifaman hundatti garaan isaanii akkuma haguugametti jira. 16 Namni tokko yommuu gara Yihowaatti garagalu garuu haguuggichi irraa fuudhama. 17 Yihowaan Hafuura; bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira. 18 Hundi keenya fuula hin haguugamneen ulfina Yihowaa akka daawwitiitti yommuu calaqqisiisnu, bifa sana fakkaachuuf sadarkaa ulfinaa isa tokko irraa gara sadarkaa ulfinaa isa kan biraatti ni jijjiiramna; akka kanaan akkuma Yihowaan inni Hafuura taʼe nu godhu taana.