Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Hagayya 2019
HAGAYYA 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 XIMOTEWOS 1-4
“Waaqayyo Hafuura Sodaa Nuuf Hin Kennine”
(2 Ximotewos 1:7 dubbisi.)
Dargaggootaa—Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa
9 Phaawulos Ximotewosiin gargaaruuf yeroo booda, “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu [‘yaada sirrii qabaachuu,’ NW] malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne” isaan jedheera. (2 Xim. 1:7) ‘Yaada sirrii qabaachuun,’ akka gaariitti yaaduu danda’uu kan dabalatudha. Haalli tokko akka isin barbaaddan ta’uu baatus keessa darbuu dabalata. Dargaggoonni tokko tokko, waan ija laafaniif, yeroo dheeraadhaaf hirriba rafuu ykn televijiinii ilaaluudhaan, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn garmalee dhugaatii alkoolii dhuguudhaan, iddoowwan afeerriin jiru hundaatti argamuudhaan ykn saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuudhaan, haalawwan isaan dhiphisanirraa boqonnaa argachuuf yaalu. Nuyi Kiristiyaanonni, “Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti [“yaada sirrii qabaachuutti,” NW] qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf” gorfamneerra.—Tit. 2:12.
(2 Ximotewos 1:8 dubbisi.)
w03-AM 3/1 9 key. 7
‘Cimi, Ija Jabaadhu!’
7 Phaawulos Ximotewosiif yeroo barreessu akkana isaan jedhee ture: “Waaqayyo hafuura humnaa . . . malee hafuura sodaa nuuf hin kennine. Kanaaf, waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti . . . hin qaanaʼin.” (2 Ximotewos 1:7, 8; Maarqos 8:38) Jechoota kana yeroo dubbisnutti akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Amantii kootti nan qaanaʼaa? Moo ija jabinaanan waaʼee isaa dubbadha? Namootan wajjin hojjedhutti ykn wajjin baradhutti Dhugaa Baatu Yihowaa taʼuu koo ifatti nan dubbadhaa? Moo isaan dhoksuufan yaala? Warra kaan irraa adda taʼuun na qaanessaa? Moo hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabutti akkan boonuun argisiisa?’ Misiraachoo lallabuu fi amantii namoonni hin jaallanne hordofuu ilaalchisee miira sirrii hin taane namni qabu kam iyyuu gorsa Yihowaan Iyaasuudhaan “Cimi, Ija Jabaadhu” jechuudhaan kenne haa yaadatu. Wanti iddoo guddaa qabu ilaalcha namoonni nu wajjin hojjetan ykn baratan qaban utuu hin taʼin, ilaalcha Yihowaa fi Yesuus qaban akka taʼe matumaa hin dagatinaa.—Galaatiyaa 1:10.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.)
Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa
13 Ximotewosis nama amantii ture. Phaawulos, Ximotewosiin “loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii taʼe” jedhee erga isa waamee booda akkana isaan jedhe: “Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa keessa hin seenu.” (2 Xim. 2:3, 4) Tajaajiltoota yeroo guutuu miliyoona tokkoo ol taʼan dabalatee, duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaatti argaman hamma haalli isaanii isaaniif heyyame gorsa Phaawulos hojii irra oolchu. Dhiibbaa beeksisa daldalaa fi addunyaa naannoo isaanii mormuudhaan, dhugaa buʼuuraa, “Inni liqeeffatu . . . abbaa liqiitiif hojjetaa [“garba,” NW] dha” jedhu yaadatu. (Fak. 22:7) Seexanni yeroo keenyaa fi humna keenya hundaa daldala addunyaatiif garboota taanee akka balleessinu gochuu caalaa waan barbaadu hin qabu. Murtoowwan tokko tokko waggoota hedduudhaaf idaadhaan akka hidhamnu nu gochuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko idaa manaa kaffaluuf, konkolaataa bitachuuf, barumsa barachuu fi cidha guddaa qopheessuuf jedhanii liqii guddaa keessa seenu. Jireenya keenya salphaa yoo goone, idaa fi baasii keenyas yoo hirʼisne ogummaa akka qabnu argisiisna. Karaa kanaan sirna daldalaa yeroo harʼaatti jiruuf garboota taʼuu mannaa, Waaqayyoon tajaajiluuf bilisa of goona.—1 Xim. 6:10.
(2 Ximotewos 2:23 dubbisi.)
Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu
10 Yeroo harʼaa, gumii keessatti gantummaan baayʼinaan saba Yihowaa hin mudatu. Taʼus, barumsi Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne yommuu nu mudatu, maddasaa baruuf yaaluu mannaa irraa fagaachuu qabna. Isaanii wajjin haasaʼuudhaanis taʼe Weeb saayitii isaaniirratti yaada kennuudhaan ykn karaa kamiiniyyuu gantootaa wajjin falmii gochuun barbaachisaa miti. Kaayyoon keenya nama sana gargaaruu yoo taʼellee, namoota akkasii wajjin mariʼachuun gorsa armaan olitti kennameef akka nuti hin ajajamne argisiisa. Saba Yihowaa waan taaneef yaada akkasiirraa fagaachuu qabna; eeyyee gantootarraa fagaachuu qabna!
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Ximotewos 1:1-18) Phaawulos isa abdii jireenyaa karaa Kiristoos Yesuus kennamee wajjin haala wal simuun, fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, 2 Ximotewos ilma koo isa jaallatamaadhaaf: Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa gaarummaa guddaan, gara laafinnii fi nagaan siif haa taʼu. 3 Ani wawwaannaan utuu gargar hin kutin halkanii fi guyyaa dhiheessu keessatti yommuun si yaadadhu, akkuma abbootiin koo gochaa turanitti Waaqa ani tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessuu fi qalbii qulqulluudhaan isa tajaajilu sana nan galateeffadha. 4 Imimmaan kee yommuun yaadadhu gammachuudhaan akkan guutamuuf, si arguuf nan hawwa. 5 Sababiin isaas, amantii kee isa fakkeessaa hin qabne jalqaba akkoo kee Looyisii fi haadha kee Ewunqee keessa ture nan yaadadha; amantiin kun si keessas akka jiru nan amana. 6 Kanaan kan kaʼes, kennaa Waaqayyoo isa yommuu ani harka koo si irra kaaʼe sii kenname akka ibiddaatti akka qabsiistu sin yaadachiisa. 7 Sababiin isaas Waaqayyo hafuura humnaa, hafuura jaalalaa fi hafuura sammuu fayyaa malee hafuura sodaa nuuf hin kennine. 8 Kanaaf, waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuuttis taʼe ana isa isaaf jedhee hidhamee jirutti hin qaanaʼin; kanaa mannaa, humna Waaqayyootti amanamuudhaan atis gama keetiin misiraachichaaf jecha rakkina si irra gaʼu dandaʼi. 9 Inni sababii hojii keenyaatiin utuu hin taʼin, sababii kaayyoo isaatii fi gaarummaa isaa isa guddaatiin nu oolcheera; akkasumas waamicha qulqulluudhaan nu waameera. Gaarummaan kunis Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen yeroo dheeraa dura nuu kenname. 10 Amma garuu gaarummaa guddaan sun, mulʼifamuu Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus, isa karaa misiraachichaa duʼa balleessee jireenyaa fi jireenya hin badne irratti ifni akka ifu godhe sanaatiin akka gaariitti beekameera; 11 anis kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera. 12 Rakkinni kun na irra gaʼaa kan jiru kanaafi; taʼus ani itti hin qaanaʼu. Sababiin isaas ani isan amane Sana beeka; inni hamma guyyaa sanaatti wanta ani imaanaadhaan itti kenne sana eeguu akka dandaʼus hin shakku. 13 Amantii fi jaalala tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabduun dubbii sirrii ana irraa dhageesse sana akka qajeelfamaatti hordofuu kee itti fufi. 14 Wanta gaarii imaanaadhaan sitti kenname kana karaa hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi. 15 Figeelosii fi Hermogenesiin dabalatee namoonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiran hundi na dhiisanii akka deeman beekta. 16 Gooftaan maatii Oneesiforositti gara laafina haa argisiisu; sababiin isaas inni yeroo baayʼee na jajjabeesseera; funcaadhaan hidhamuu koottis hin qaanofne. 17 Kanaa mannaa, yeroo Roomaa keessa turetti dhimmee na barbaadee na argateera. 18 Gooftaa Yihowaan guyyaa sanatti gara laafina isaa isatti haa argisiisu. Tajaajila inni Efesoon keessatti raawwate hundas akka gaariitti beekta.
HAGAYYA 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | TIITOO 1–FIILMOON
“Jaarsolii Muudaa”
(Tiitoo 1:5-9 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Caaffanni Qulqullaaʼoon muudamni akkamitti raawwatamaa akka ture balʼinaan kan hin ibsine taʼus, akkamitti akka raawwatamaa ture wantoonni argisiisan tokko tokko jiru. Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa jalqabaarraa yeroo deebiʼanitti, ‘tokkoon tokkoon waldaa sanaaf jaarsolii akka foʼan, soomanii erga kadhatanii booddee, amantoota sana hundumaa harka gooftaa isa isaan itti amananiitti hadaraa akka kennan’ Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (HoE. 14:23) Waggoota hedduu booda, Phaawulos miiltoosaa kan taʼe Tiitoosiif akkas jedhee barreesseera: “Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture.” (Tiitoos 1:5) Ximotewos isa yeroo baayʼee Phaawulosii wajjin deemaa tureefis aangoon akkasii waan kennameef fakkaata. (1 Xim. 5:22) Kanarraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, jaarsoliifi tajaajiltoota gumii kan muudan, ergamoota ykn jaarsolii Yerusaalem keessa turan utuu hin taʼin daawwattoota olaanaa turan.
Fakkeenya Macaafa Qulqulluu kanarraa kaʼuudhaan, Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa akkaataa jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii itti muudamanirratti jijjiirama godheera. Fulbaana 1, 2014rraa eegalee, muudamni akka armaan gadiitti raawwatamaa jira: Tokkoon tokkoon daawwataa olaanaa, aanaa daawwatu keessatti obboloota muuduudhaaf yaada jaarsoliin dhiheessan of eeggannoodhaan qora. Yeroo gumii daawwatutti, hamma isaa dandaʼametti obboloota akka muudamaniif yaadni dhihaatee wajjin tajaajiluudhaan sirriitti isaan beekuuf yaala. Yaada dhihaaterratti qaama jaarsolii wajjin erga mariʼatee booda, daawwataan olaanaa aanaa, aanaa daawwatu keessatti jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muuduuf itti gaafatamummaa qaba. Karaa kanaan, akkaataan muudamaa isa jaarraa jalqabaatti turee wajjin akka wal fakkaatu godhameera.
Muuduurratti gaʼee kan qaban eenyufaʼi? Akkuma beekamu, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” naaʼota sooruurratti itti gaafatamummaa guddaa qaba. (Mat. 24:45-47) Kunimmoo, gargaarsa hafuura qulqulluutiin Caaffata Qulqullaaʼoorratti qorannaa gochuu kan dabalatudha; qorannaan kun kan godhamu, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu gumii addunyaa mararra jiru gurmeessuurratti gaʼee guddaa qabanii wajjin haala walqabateen qajeelfama hojiirra ooluu dandaʼu kennuufidha. Akkasumas, hojjetaa amanamaan daawwattoota olaanaa aanaafi miseensota Koree Waajjira Damee muuda. Tokkoon tokkoon waajjira dameemmoo qajeelfamni kennamu hojiirra akka oolu gochuurratti deggersa kenna. Tokkoon tokkoon qaama jaarsolii obboloonni isaan gumii Waaqayyoorratti akka muudamaniif yaada dhiheessan, ulaagaalee Macaafa Qulqulluu guutuusaanii of eeggannoodhaan ilaaluu kan qabu siʼa taʼu, kunis itti gaafatamummaa guddaadha. Tokkoon tokkoon daawwataa olaanaa aanaa, yaada jaarsoliin gumii dhiheessan of eeggannoofi kadhannaadhaan irratti yaaduudhaan erga gamaaggamee booda, obboloota ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoo guutan muuduuf itti gaafatamummaa guddaa qaba.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Tiitoo 1:12 dubbisi.)
w89-E 5/15 31 key. 5
Gaaffii Dubbistootaa
Inni oduu gadhee waaʼee sanyii ykn gosa Qarxeesootaa iddoo hundumaatti dubbatamu kam irratti iyyuu matumaa walii hin galu ture. Phaawulos warri Qarxees Kiristiyaanota gaarii Waaqayyo duratti fudhatama argatanii fi hafuura qulqulluu isaatiin dibaman akka taʼan akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 2:5, 11, 33) “Magaalaawwan hundatti” Kiristiyaanota gaʼaa gaʼumsa qabanii fi gumii hundeessuuf barbaachisan jiru turan. Kiristiyaanonni kun mudaa kan qaban taʼus, namoota soba dubbatan, dadhaboo fi albaadhessa akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya; utuu namoota akkasii turanii Yihowaa duratti fudhatama argachuu isaanii itti hin fufan ture. (Filiphisiyus 3:18, 19; Mulʼata 21:8) Akkasumas akkuma namoota yeroo harʼaatti saba hundumaa keessatti argaman kaanii, warri Qarxeesis namoota garaa qajeelaa qabanii fi ulaagaa naamusaa gadi buʼaa naannoo isaanii jiruun gaddan turan; kana malees ergaa Kiristiyaanotaaf darbe fudhachuuf qophaaʼoo turan.—Hisqiʼel 9:4; Hojii Ergamootaa 13:48 wajjin wal bira qabi.
(Fiilmoon 15, 16 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Tiitoos, Filemoniifi Ibrootaa
15, 16—Phaawulos, Filemon Oneesimosiin birmaduu akka baasu kan isa hin gaafanne maaliifi? Phaawulos, ‘mootummaa Waaqayyoo akka lallabuufi waa’ee Yesus Kiristos gooftichaa akka barsiisu’ hojii isaa kennamerratti xiyyeeffachuu barbaada ture. Kanaafuu, dhimma garbummaa dabalatee dhimmawwan namootaa keessa galuu hin barbaadu ture.— HoE. 28:31.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Tiitoo 3:1-15) Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka bitamanii fi akka ajajaman, akkasumas hojii gaarii hundumaatiif kan qophaaʼan akka taʼan isaan yaadachiisuu kee itti fufi. 2 Kana malees, maqaa namootaa akka hin balleessine, lola akka hin jaallanne; kanaa mannaa, tole kan jedhan akka taʼanii fi namoota hundatti garraamummaa hundumaa akka argisiisan isaan yaadachiisi. 3 Nuti iyyuu duraan hubannaa kan hin qabne, kan hin ajajamne, karaa irraa kan maqfamne, hawwii fi gammachuu adda addaatiif kan garboomne, yeroo hunda hammina kan hojjennuu fi kan hinaafnu, akkasumas kan jibbamnee fi kan wal jibbinu turre. 4 Waaqayyo inni nu fayyise garuu, gaarummaa fi jaalala isaa ilmaan namootaatti argisiiseera. 5 Kan nu fayyises inni gara laafessa waan taʼeef malee, nuti wanta qajeelaa waan hojjenneef miti. Kanaa mannaa yeroo nu qulqulleessuudhaan akka jiraannu nu godhetti, akkasumas yeroo hafuura qulqulluutti fayyadamee haaraa nu godhetti nu fayyise. 6 Hafuura kanas karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos baayʼinaan nu irratti dhangalaaseera; 7 kana kan godhes, gaarummaa Waaqayyo keenyaatiin qajeelota erga jedhamnee booda, akka abdii nuuf kennameetti dhaaltota jireenya bara baraa akka taanuufi. 8 Dubbiin kun amanamaa dha; kanaaf, namoonni Waaqayyotti amanan sammuun isaanii yeroo hunda hojii gaarii hojjechuu irratti akka xiyyeeffatu gochuu akka dandaʼaniif, dhimmawwan kana jabeessitee akka dubbattu nan barbaada. Wantoonni kun namootaaf gaarii fi faayida qabeessa dha. 9 Haa taʼu malee, falmii gowwummaa, hidda dhalootaa lakkaaʼuu, akkasumas waaʼee Seerichaa irratti wal falmuu fi wal loluu irraa fagaadhu; wantoonni kun buʼaas taʼe gatii hin qaban. 10 Nama garee amantii babalʼisu, siʼa tokko gorsi; siʼa lammaffaas gorsi; sana booda isa irraa fagaadhu; 11 namni akkanaa daandii isa sirrii irraa kan jalʼate, cubbuu hojjechaa kan jiruu fi kan ofitti murteesse taʼuu isaa beeki. 12 Ani yeroo gannaa Niqopholiis keessatti dabarsuuf waanan murteesseef, Arxemaasiin yookiin Tikiqosiin yommuun gara keetti ergu, gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi; 13 Zeenaas inni Seericha akka gaariitti beekuu fi Apholos wanta karaadhaaf isaan barbaachisu akka hin dhabneef wanta hunda godhiif. 14 Namoonni keenyas warra kaan akka gargaaranii fi buʼaa kan hin qabne akka hin taane, hojii gaarii hojjechuu haa baratan. 15 Warri anaa wajjin jiran hundi nagaa siif dhaamaniiru. Obboloota keenya warra nu jaallatanitti nagaa naa himi. Gaarummaan Waaqayyoo hunda keessanii wajjin haa taʼu.
HAGAYYA 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 1-3
“Qajeelina Jaalladhaa, Jalʼina Immoo Jibbaa”
(Ibroota 1:8 dubbisi.)
Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!
8 Yihowaan Ilmasaa Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee bara 1914tti muudeera. ‘Uleen mootummaa Yesus’ “ulee qajeelummaa” waan taʼeef, bulchiinsisaa yoomiyyuu taanaan gaariifi qajeelaadha. ‘Teessoo kan kenneef Waaqayyo waan taʼeef,’ aboonsaa seera qabeessadha. Kana jechuun muudamuusaatiif buʼuura kan taʼe Yihowaadha jechuudha. Kana malees, teessoon Yesus ‘barabaraaf’ kan jiraatudha. Bulchiinsa Mootii Waaqayyoon muudameefi aboo guddaa qabu kana jala taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenyatti ni boonna!
(Ibroota 1:9 dubbisi.)
Kiristos Mootichaaf Ulfina Kennaa!
7 Faarfannaa 45:6, 7 dubbisi. Yesus qajeelina waan jaallatuufi wanta Abbaasaatiif ulfina hin fidne waan jibbuuf, Yihowaan Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee isa muudeera. Yesus “dibata gammachuutiin” waan dibameef ‘hiriyootasaa,’ jechuunis mootota Yihudaa hidda dhaloota Daawitirraa dhufan hunda ni caala. Karaa kamiin? Tokkoffaa, Yesusiin kallattiidhaan kan dibe Yihowaadha. Akkasumas, Yihowaan Mootiifi Angafa Lubootaa godhee isa muudeera. (Far. 2:2; Ibr. 5:5, 6) Kana malees, Yesus dhadhaa ejersaatiin utuu hin taʼin, hafuura qulqulluudhaan dibame; mootummaansaas lafarratti utuu hin taʼin samiirratti kan hundeeffamedha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 1:3 dubbisi.)
it-1-E 1185 key. 1
Fakkaattii
Yesuus yeroo hunda eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti ni calaqqisiisaa?
Yesuus inni Ilma Waaqayyoo isa angafaa taʼee fi yeroo booda nama taʼee ture, fakkaattii Abbaa isaa akka taʼe ibsameera. (2Qo 4:4) Sirumayyuu Waaqayyo Ilma isaa kanaan ‘Kottaa, akka fakkaattii keenyaatti nama in umnaa’ isaan jechuun isaa iyyuu ilmi fakkaattii Abbaa isaa akka qabu kan argisiisu dha; wal fakkaattiin Abbaa isa Uumaa taʼee fi kan Ilmaa kun kan jalqabe yeroo Ilmi isaa uumame kaasee ti. (Uma. 1:26; Yoh 1:1-3; Qol 1:15, 16) Yesuus yeroo nama mudaa hin qabne taʼee lafa irra jiraachaa turetti amalawwanii fi eenyummaa Abbaa isaa hamma namni tokko calaqqisiisuu dandaʼu hundatti calaqqisiiseera: kanaan kan kaʼes “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedhee dubbachuu dandaʼeera. (Yoh 14:9; 5:17, 19, 30, 36; 8:28, 38, 42) Haa taʼu malee, wal fakkaattiin kun yeroo Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaafamee fi Yihowaan inni Abbaa isaa taʼe ‘samii irrattis taʼe lafa irratti aangoo hunda’ isaaf kennetti akka dabale homaa hin shakkisiisu. (1Phe 3:18; Mat 28:18) Sana booda immoo Waaqayyo Yesuusiin “iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan” waan ol ol isa godheef, amma Yesuus isa yeroo gara lafaa dhufuu isa dura ture caalaa ulfina Abbaa isaa caalaatti calaqqisiisuu dandaʼa. (Filp 2:9; Ibr 2:9) Kanaaf amma inni “eenyummaa [Waaqayyoo] sirriitti bakka buʼa.”—Ibr 1:2-4.
(Ibroota 1:10-12 dubbisi.)
it-1-E 1063 key. 7
Samii
Jechoonni Faarfannaa 102:25, 26 irra jiran Yihowaadhaaf hojjetu; haa taʼu malee, Phaawulos ergamaan akka Yesuus Kiristoosiif hojjetan godhee jechoota kanatti fayyadameera. Kun kan taʼe Yesuus inni Ilma Waaqayyoo isa tokkicha taʼe, hawaa ijaan arginu kana uumuu irratti Bakka Buʼaa Waaqayyoo taʼee waan tajaajileefi. Phaawulos yeroo akkas jedhu Waaqni utuu barbaadee samiiwwanii fi lafa ‘akkuma uffataa isaan marmaree’ akka hin jiraanne gochuu dandaʼa jechuu isaa ture; Phaawulos haala kana irraa faallaa taʼeen garuu ilmi Waaqayyoo bara baraaf akka jiraatu dubbateera.—Ibr 1:1, 2, 8, 10-12; 1Ph 2:3, milj. wajjin wal bira qabi.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 1:1-14) Bara duriitti Waaqayyo karaa raajotaa yeroo adda addaa fi karaa hedduutiin abbootii keenyatti dubbatee ture. 2 Amma immoo dhuma guyyoota kanaatti karaa Ilmaa, isa dhaaltuu wanta hundumaa godhee muudee fi karaa isaa sirnoota adda addaa uume sanaan nutti dubbate. 3 Inni ulfina Waaqayyoo ni calaqqisa, eenyummaa isaas sirriitti bakka buʼa, akkasumas waan hundumaa humna dubbii isaatiin jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda, iddoo ol aanaa mirga isa Suurra Qabeessa sanaa taaʼe. 4 Kanaaf, maqaa isa kan maleekotaa irra guddaa caalu hamma dhaalutti, maleekota irra kan wayyu taʼe. 5 Fakkeenyaaf Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalfadheera,” akkasumas “Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa” jedhee beeka? 6 Yeroo ilma isaa isa Hangafa lammata gara lafaatti fidus, “Maleekonni Waaqayyoo hundi isaaf haa sagadan” jedha. 7 Waaʼee maleekotaa immoo, “Inni maleekota isaa hafuura, tajaajiltoota isaas arraba ibiddaa godha” jedha. 8 Waaʼee Ilma isaa garuu akkana jedha: “Waaqayyo baraa hamma bara baraatti teessoo kee ti, uleen Mootummaa kees ulee qajeelinaa ti. 9 Qajeelina jaallatte, jalʼina jibbite. Waaqayyo Waaqni kee, hiriyoota kee caalaa zayitii gammachuutiin kan si dibe kanaafi.” 10 Akkasumas akkana jedha: “Yaa Gooftaa ati jalqaba irratti hundee lafaa keesse, samiiwwanis hojii harka kee ti. 11 Isaan ni badu, ati garuu ni jiraatta; isaan hundi isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu; 12 ati akkuma waaroo, akkuma uffataas isaan ni marmarta, isaanis ni jijjiiramu. Ati garuu isuma sana, waggoonni kees matumaa dhuma hin qaban.” 13 Haa taʼu malee inni maleekota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla kee siif godhutti mirga koo taaʼi” jedhee beeka? 14 Isaan hundi isaanii hafuurota tajaajila qulqulluu dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman mitii?
HAGAYYA 26–FULBAANA 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 4-6
“Gara Boqonnaa Waaqayyootti Galuuf Wanta Dandeessan Hunda Godhaa”
(Ibroota 4:1 dubbisi.)
(Ibroota 4:4 dubbisi.)
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?
3 Dh.K.D. jaarraa jalqabaattis guyyaa torbaffaan itti fufee akka ture ragaawwan argisiisan lama jiru. Ragaa tokkoffaa wanta Yesus diinotasaa tokko tokkoon jedherraa arganna. Jarri kun Yesus guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuusaa akka hojiitti waan lakkaaʼaniif isatti aaranii turan. Gooftaanimmoo, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” isaaniin jedhe. (Yoh. 5:16, 17) Yesus maal jechuusaa ture? Yesus kan himatame guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef ture. Himata kanaafis, ‘Abbaan koo hojjechuutti jira’ jechuudhaan deebii kenneera. Yesus mormitootasaatiin, ‘Aniifi Abbaankoo hojii wal fakkaatu hojjenna. Abbaankoo Sanbatasaa isa waggoota kumaatamaan lakkaaʼamaniitti hojjechaa waan jiruuf, anis guyyaa Sanbataattillee hojjechuun naa heyyamama’ jechuusaa ture. Kanaafuu, Yesus yeroo inni turetti lafaa wajjin haala wal qabateen guyyaa torbaffaan, jechuunis guyyaan boqonnaa Waaqayyoo akka hin xumuramne argisiiseera.
4 Ragaa lammaffaanimmoo isa Phaawulos ergamaan dhiheessedha. Boqonnaa Waaqayyoo ilaalchisee Uumama 2:2 yeroo caqasetti, “Nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla” jedhee geggeessaa hafuuraatiin barreesseera. (Ibr. 4:3, 4, 6, 9) Kanaafuu, guyyaa torbaffaan bara Phaawulosittis itti fufee ture. Guyyaan boqonnaa kun yeroo hammamiitiif itti fufa?
5 Gaaffii kana deebisuuf, kaayyoon guyyaa torbaffaa maal akka taʼe yaadachuu qabna. Uumamni 2:3, “Waaqayyo . . . guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses” jechuudhaan kaayyoosaa ibsa. Guyyaan sun, kaayyoosaa galmaan gaʼuuf Yihowaadhaan ‘kan qulqulleeffame’ ykn kan adda baafame ture. Kaayyoon sun, lafti namoota abboomamoo lafaafi lubbu qabeeyyii isheerra jiran hunda kunuunsaniin akka guutamtu gochuudha. (Uma. 1:28) Yihowaafi Yesus Kiristos inni “Sanbata irratti iyyuu gooftaa” taʼe, ‘amma iyyuu hojjechaa kan jiran’ kaayyoo kana galmaan gaʼuufidha. (Mat. 12:8) Hamma kaayyoon Yihowaan guyyaa kanaaf qabu dhuma Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti guutummaatti galmasaarra gaʼutti, guyyaan boqonnaa Waaqayyoo itti fufa.
(Ibroota 4:6 dubbisi.)
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?
6 Waaqayyo kaayyoosaa Addaamiifi Hewwaanitti ifatti kan hime taʼus, kaayyoo kanaa wajjin walsimuu didaniiru. Addaamiifi Hewwaan abboomamuu diduudhaan namoota jalqabaa akka turan beekamaadha. Sana booda namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman abboomamuu didaniiru. Sabni Israaʼel warri Waaqayyo isaan filatellee, akkumasaanii utuu hin abboomamin hafaniiru. Phaawulos Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko akkuma Israaʼeloota durii kiyyoo akkasiitiin qabamuu akka dandaʼan isaan akeekkachiiseera. “Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka hin hafnetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf in dhamaanaa” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 4:11) Phaawulos abboomamuu diduu, boqonnaa Waaqayyootti utuu hin galin hafuu wajjin akka wal qabsiise hubadhu. Kun nuuf hiika maalii qaba? Karaa taʼe tokkoon kaayyoo Waaqayyoo yoo mormine, boqonnaa Waaqayyootti galuu dhiisuu dandeenyaa? Deebii gaaffii kanaa beekuun keenya baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, waaʼee kanaa balʼinaan qorra. Jalqaba, fakkeenya gadhee Israaʼeloonni taʼaniifi boqonnaa Waaqayyootti utuu hin galiin kan hafan maaliif akka taʼe haa ilaallu.
(Ibroota 4:9-11 dubbisi.)
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?
16 Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni fayyina argachuuf Seera Musee tokko tokko eegu qabna jedhanii falman hin jiran. Wanti Phaawulos hafuuraan kakaʼee warra Efesooniif, “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti” jechuudhaan barreesse ifadha. (Efe. 2:8, 9) Kanaaf, Kiristiyaanotaaf boqonnaa Waaqayyootti galuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan lafaa wajjin haala wal qabateen kaayyoosaa galmaan gaʼuuf, guyyaa torbaffaa jechuunis guyyaa boqonnaasaa addaa baaseera. Kaayyoosaa isa karaa jaarmiyaasaa ifa taʼeef abboomamuufi kanaa wajjinis walsimnee jiraachuudhaan boqonnaa Yihowaatti galuu ykn isaa wajjin boqochuu dandeenya.
17 Karaa garabiraammoo, gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi karaa kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa nuu kennamu tuffannee, yaada mataa keenyaa kan hordofnu yoo taʼe, kaayyoo Waaqayyoo isa duubatti hin deebineen mormina. Kunimmoo nageenya Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Mataduree itti aanurratti haalawwan baramaa saba Waaqayyoo miidhuu dandaʼan muraasa ilaalla. Akkasumas, murtoon abboomamuuf ykn karaa mataa keenyaa deemuuf goonu dhugumaan boqonnaa Waaqayyootti galuuf dhiisuu keenya akkamitti akka argisiisu qorra.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 4:12 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
“Dubbiin Waaqayyoo” inni Ibroota 4:12 irratti “jiraataa fi humna qabeessa dha” jedhame maali dha?
▪ Yaada naannoo caqasichaa jiru irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Phaawulos ergamaan waaʼee ergaa isa kaayyoo Waaqayyoo ibsuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu dubbachaa ture.
Ibroonni 4:12 yeroo baayʼee barreeffamoota keenya irratti Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf humna akka qabu argisiisuuf itti hojjetameera; haala kanaan ibsamuun isaas sirrii dha. Taʼus, yaanni Ibroota 4:12 irra jiru hiika balʼaa akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Phaawulos, Ibroonni Kiristiyaanota taʼan kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal simanii jiraachuu akka qaban isaan gorsuu isaa ture. Kaayyoo Waaqayyoo kana keessaa baayʼeen isaa Kitaabota Qulqulluu keessatti ibsameera. Phaawulos Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baʼan akka fakkeenyaatti caqaseera. Israaʼeloonni biyyattii abdachiifamte, jechuunis ‘biyya aannanii fi damma baastuu’ fi bakka boqonnaa dhugaa itti argatan sanatti akka galan abdii qabu turan.—Bau. 3:8; Kes. 12:9, 10.
Kun kaayyoo Waaqayyo saba isaatiif ibse dha. Taʼus Israaʼeloonni yeroo booda boqu jabeeyyii waan taʼanii fi amantii waan dhabaniif, baayʼeen isaanii bakka boqonnaa sanatti utuu hin galin hafaniiru. (Lak. 14:30; Iya. 14:6-10) Haa taʼu malee, Phaawulos itti fufuudhaan ‘gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin jira’ jedheera. (Ibr. 3:16-19; 4:1) Ergaan waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ibsu kun kutaa “abdii” sanaa akka taʼe ifa dha. Akkuma Ibroonni Kiristiyaanota taʼan godhan, nutis waaʼee kaayyoo kanaa dubbisuu fi isaa wajjin wal simnee jiraachuu dandeenya. Phaawulos, abdiin kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa addeessuuf Uumama 2:2 fi Faarfannaa 95:11 irraa yaada muraasa caqaseera.
Yaanni ‘gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin jira’ jedhu xiyyeeffannaa keenya kan harkisu dha. Abdiin boqonnaa Waaqayyootti galuu ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame akka raawwatamu hin shakkinu; boqonnichatti galuufis tarkaanfii fudhanneerra. Kana kan goone Seera Musee eeguu ykn hojiiwwan kan biraatiin Yihowaa duratti fudhatama argachuuf carraaquudhaan miti. Kanaa mannaa, amantiidhaan kaayyoo Waaqayyoo isa ibsamee wajjin haala wal simuun jiraachaa jirra; akkana gochuu keenyas itti fufna. Kana malees, akkuma olitti ibsame namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi ergaa waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ibsu beekuu dandaʼaniiru. Isaan keessaa hedduun isaanii akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiruuf, amantii argisiisuu fi cuuphamanii Kiristiyaanota taʼuuf kakaʼaniiru. Tarkaanfii namoonni kun fudhachaa jiran, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa” taʼuu isaa ifatti kan mirkaneessu dha. Kaayyoon Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame jireenya namootaa irratti jijjiirama fidaa jira, gara fuulduraattis jireenya keenya irratti jijjiirama fiduu isaa itti fufa.
(Ibroota 6:17, 18 dubbisi.)
it-1-E 1139 key. 2
Abdii
Abdiin bara baraaf jiraachuu fi jireenya hin banne ilaalchisee namoota ‘waamicha isa samii irraa akka hirmaataniif’ (Ibr 3:1) dhihaateef kenname kun buʼuuraa cimaa kan qabuu fi wanta isaan itti amanamuu dandaʼan irratti kan hundaaʼe dha. Wantoota lamaan kan deggeramee dha; tokkoffaa, Waaqayyoo sobuu hin dandaʼu, keessummaa immoo waadaa gale ilaalchisee akkas gochuu hin dandaʼu; lammaffaa, abdiin keenya kan raawwatamu karaa Kiristoos isa yeroo ammaatti qaama hin duune qabuutiin qofa waan taʼeefi. Kanaan kan kaʼes abdiin kun akkana jedhameera: “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna; abdiin kunis golgaa sana keessa darbee ol seena [lubni ol aanaan Guyyaa Araaraatti gara Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa taʼeetti ol seena]; Yesuus inni akka Malkiseedeqitti bara baraan luba ol aanaa taʼes nuuf jedhee nu dursuudhaan iddoo kanatti seeneera.”—Ibr 6:17-20.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 5:1-14) Lubni ol aanaan hundi, cubbuudhaaf kennaa fi aarsaa dhiheessuuf namoota keessaa filatamee bakka isaanii buʼee wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan irratti muudama. 2 Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran gara laafinaan qabuu dandaʼa; 3 kanaan kan kaʼes, akkuma namoota sanaaf godhu, cubbuu ofii isaatiifis kennaa dhiheessuu qaba. 4 Namni tokko akkuma Aroon yoo Waaqayyo isa waame malee, ulfina kana fedha mataa isaatiin fudhachuu hin dandaʼu. 5 Haaluma wal fakkaatuun Kiristoosis, luba ol aanaa taʼuudhaan ofii isaatiif ulfina hin kennine; kanaa mannaa isa, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalfadheera” jedhe Sanatu ulfina isa gonfachiise. 6 Iddoo kan biraattis, “Ati akka Malkiseedeqitti bara baraaf luba dha” jedha. 7 Kiristoos yeroo lafa irra jiraachaa turetti, booʼichaa fi imimmaaniin gara isa duʼa irraa isa oolchuu dandaʼu Sanaatti wawwaannaa fi iyyata dhiheesse; Waaqayyoon waan sodaatuufis isaaf dhagaʼame. 8 Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barate. 9 Guutummaatti gaʼumsa kan qabu erga taʼee boodas, warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef; 10 sababiin isaas, inni akka sirna Malkiseedeqitti luba ol aanaa taʼee Waaqayyoon muudameera. 11 Nuti waaʼee isaa waan dubbannu baayʼee qabna; isin garuu daftanii hubachuu waan dadhabdaniif ibsuun rakkisaa dha. 12 Isin yeroo kanatti barsiisota taʼuu kan qabdan taʼus, ammas namni wantoota buʼuuraa waaʼee ergaa Waaqayyoo jalqabaa kaasee isin barsiisu isin barbaachisa; nyaata jabaataa nyaachuu mannaa duubatti deebitanii aannan barbaaduu jalqabdaniittu. 13 Sababiin isaas namni yeroo hunda aannan dhugu kam iyyuu daaʼima waan taʼeef, dubbii qajeelinaa wajjin wal hin beeku. 14 Nyaanni jabaataan garuu kan namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii ti.