LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Caamsaa ful. 8
  • Halalummaa Irraa Fagaachuudhaan Fakkeenya Yoseef Hordofaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Halalummaa Irraa Fagaachuudhaan Fakkeenya Yoseef Hordofaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Halalummaa Irraa Baqadhaa!”
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Jireenya Kaayyoo Qabu Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • “Halalummaa Baqadhaa!”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Caamsaa ful. 8
Yoseef yommuu haati manaa Phoxiifaar uffata isaa qabattetti fiigee ishii jalaa baqachaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Halalummaa Irraa Fagaachuudhaan Fakkeenya Yoseef Hordofaa

Halalummaa akka raawwannu yoo qorumsi nu irra gaʼe, Yoseef fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Haati manaa gooftaa isaa yeroo isa sossobuuf yaalte hundatti inni ishii dideera. (Uma 39:7-10) Kanaa mannaa, “ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf qabu, jechuunis ilaalcha hiriyoonni gaaʼelaa waliif amanamoo taʼuu qabu jedhu akka qabu argisiiseera. Yeroo haalli isaa hammaatu immoo, takka dhaabbatee irratti yaaduudhaan dubartiin sun murtoo isaa akka laaffistu gochuu mannaa fiigee baqateera.—Uma 39:12; 1Qo 6:18.

VIIDIYOO HALALUMMAA IRRAA FAGAADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Mana barumsaatti Miikyoongi Jiiniin haasofsiisaa jirti.

    Wanta akkamiitu Jiiniin mudatee ture?

  • Jiin Miikyoongiin ilaalaa wanta ishiin isa gaafatte irratti yaadaa jira.

    Jiin yommuu Miikyoongi herrega irratti akka ishii gargaaru isa gaafatteetti gaaffiiwwan hubannoo akka qabu argisiisan akkamii of gaafateera?

  • Jiin, Miikyoongi akka ishii gargaaru isa gaafachuun ishii dhiibbaa kan isa irratti godhe akkamitti?

  • Jiin eessuma isaa isa jaarsa gumii taʼee wajjin haasaʼaa jira.

    Jiin gargaarsa kan argate akkamitti?

  • Jiin weebsaayitii hawaasaa irratti gaaffii Miikyoongi hiriyaa ishii akka taʼu isaaf dhiheessite balleessaa jira.

    Jiin halalummaa irraa fagaachuuf tarkaanfii akkamii fudhateera?

  • Viidiyoo kana irraa barumsa akkamii argattan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi