Hagayya 10-16
BA’UU 15-16
Faarfannaa 149 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 1)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Faarfannaadhaan Yihowaa Jajadhaa”: (Daq. 10)
Bau 15:1, 2—Musee fi dhiironni Israaʼel faarfannaadhaan Yihowaa jajataniiru (w95-AM 10/15 11 key. 11)
Bau 15:11, 18—Yihowaan jajannaan kan isaaf malu dha (w95-AM 10/15 11-12 key. 15-16)
Bau 15:20, 21—Miiryaamii fi dubartoonni Israaʼel faarfannaadhaan Yihowaa jajataniiru (it-2-E 454 key. 1; 698)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)
Bau 16:13—Yihowaan yeroo Israaʼeloonni lafa onaa keessa turanitti dimbiriqqee ykn simbirroota isaan sooruu kan filate maaliif taʼuu dandaʼa? (w11-AM 9/1 14)
Bau 16:32-34—Huuroon ykn hubboon mannaa qabate eessa kaaʼama ture? (w06-AM 1/15 31)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Bau 16:1-18 (th qoʼannaa 10)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu—Viidiyoo: (Daq. 4) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha erga taphachiistee booda gaaffiiwwan armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu: Laliseen gaaffiitti akka gaariitti kan fayyadamte akkamitti? Ergaa caqasichaa ifa kan goote hoo akkamitti?
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Barreeffama Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko kenni. (th qoʼannaa 3)
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 5 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhamu erga beeksistee booda (garuu viidiyicha hin taphachiisin) irratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 9)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Qajeelchaa Taʼuudhaan Yihowaa Jajadhaa”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Obboleettota Mongooliyaatti Argaman Sadi jedhamu taphachiisi. Obboleessa (ykn obboleettii) gumii keessanitti qajeelchaa taʼee tajaajilaa jiru ykn kanaan dura qajeelchaa taʼee tajaajilee beeku tokkoof gaafannoo godhi. Gaaffiiwwan armaan gadii isa gaafadhu: Rakkoowwan akkamiitu si mudate? Eebbawwan akkamii argatte?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 111 fi 112
Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)
Faarfannaa 143 fi Kadhannaa