Hagayya 24-30
BA’UU 19-20
Faarfannaa 88 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 1)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Ajajawwan Kurnan kan Isin Ilaallatan Akkamitti?”: (Daq. 10)
Bau 20:3-7—Yihowaa kabajaa, akkasumas guutummaatti kan isaaf bultan taʼaa (w89-E 11/15 6 key. 1)
Bau 20:8-11—Jireenya keessan keessatti dhimmoota hafuuraatiif dursa kennaa
Bau 20:12-17—Namoota kaan kabajaa (w89-E 11/15 6 key. 2-3)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 10)
Bau 19:5, 6, NW—Israaʼeloonni durii carraa “mootummaa lubootaa” taʼuu kan dhaban maaliifi? (w14 10/15 14-15 key. 5-6)
Bau 20:4, 5—Yihowaan ‘cubbuu abboonni’ hojjetaniif dhaloota isaan booda dhufu kan adabu akkamitti? (w10 3/15 29)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa Yihowaa, tajaajila dirree ykn qabxii kan biraa ilaalchisee barumsa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Bau 19:1-19 (th qoʼannaa 10)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Achiis kaardii teessoo jw.org kenni. (th qoʼannaa 1)
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼuun jalqabi. Achiis barreeffama Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko kenni. (th qoʼannaa 15)
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 5 ykn isaa gad) bhs 67-68 key. 17-19 (th qoʼannaa 8)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?: (Daq. 6) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii dargaggoota gaafadhu: Warri keessan akka isin amanan gochuu kan dandeessan akkamitti? Dogoggora yoo hojjettan maal gochuu qabdu? Bilisummaa dabalataa argachuuf warra keessan kabajuun kan isin barbaachisu maaliifi?
Abbaa fi Haadha Keessan Warra Dulloman Kabajaa: (Daq. 9) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyicha taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan kana dhaggeeffattoota gaafadhu: Yommuu haatii fi abbaan dulloomanitti rakkoowwan akkamii uumamuu dandaʼu? Miseensonni maatii kunuunsa warra isaaniitiif godhamuu qabu yommuu murteessanitti akka gaariitti waliin haasaʼuu kan qaban maaliifi? Ijoolleen yommuu warra isaaniitiif kunuunsa godhan isaan kabajuu kan dandaʼan akkamitti?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 116 fi 117
Yaada Xumuraa (Daq. 3 ykn isaa gad)
Faarfannaa 19 fi Kadhannaa