Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Onkoloolessa 2020
ONKOLOOLESSA 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 31-32
“Waaqolii Tolfamoo Waaqeffachuu Irraa Baqadhaa”
(Baʼuu 32:1 dubbisi.)
“Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhiʼaateera” Kanaaf—Gara Ga’eessummaatti Haa Darbinu
11 Keessumaa, haalawwan rakkisoon yommuu nu mudatan, barumsa Caaffata Qulqullaa’oo irraa arganne hojii irra oolchuun ulfaataa ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, Israa’eloonni erga Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasee yeroo muraasa booda, “Musee [kan] lolan” ta’uu isaanii irra iyyuu, ‘Yihowaa qoraniiru.’ Maaliif? Bishaan dhugan waan dhabaniif ture. (Bau. 17:1-4) Sabni Israaʼel “dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona” jedhanii Isaa wajjin kakuu galanii ji’a lama illee utuu hin guutin, waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaan seerasaa cabsaniiru. (Bau. 24:3, 12-18; 32:1, 2, 7-9) Kana kan godhan Museen abboommii Waaqayyoo fudhachuuf isaan irraa addaan ba’ee Tulluu Horeeb irra yeroo dheeraa waan tureefidhaa? Tarii warri Amaaleq deebisanii lola yoo isaanitti banan, Museen inni kanan dura harkasaa ol qabuudhaan akka injifatan isaan gargaare isaan duukaa waan hin jirreef turee? (Bau. 17:8-16) Ta’uu danda’a; haata’u malee, sababiinsaa maaliyyuu yoo ta’e, Israa’eloonni “abboomamuu hin jaallanne.” (HoE. 7:39-41) Phaawulos, Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu sodaachuudhaan abboomamuu akka didan erga ibsee booda, Kiristiyaanonnis, ‘akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufanii akka hin hafneef’ akka ‘dhama’aan’ isaan gorseera.—Ibr. 4:3, 11.
(Baʼuu 32:4-6 dubbisi.)
Waaqayyoof Abboomamuudhaan Kakuusaarraa Faayidaa Argadhaa
12 Yihowaan gamasaatiin kakuu Seerichaa raawwachuuf yeruma sana sochii kan jalqabe yommuu taʼu, kanaanis ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isatti dhihaachuu akka dandaʼan gochuuf godoo qulqullummaa fi luboota qopheesse. Karaa gara biraa immoo, Israaʼeloonni Waaqayyoof kan of murteessan taʼuu isaanii yeruma sana irraanfachuudhaan, ‘isa Qulqulluu kan Israaʼel in aarsan.’ (Far. 78:41) Fakkeenyaaf, yeroo Museen qajeelfama dabalataa fudhachuuf Tulluu Siinaa irra baʼetti, Israaʼeloonni obsa kan dhaban siʼa taʼu, Museen akka isaan dhiise yaaduudhaan amantiinsaanii laafee ture. Kanaaf dibicha warqee irraa hojjetame tolchuudhaan, “Yaa Israaʼel Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana” jedhan. (Bau. 32:1, 4) Achiis, “Ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jechuudhaan bifa fakkeenyaa hojjetaniif sagaduu fi aarsaa dhiheessuuf walitti qabaman. Yihowaan gocha isaanii kana erga argee booda Museedhaan, “Karaa ani isaan abboome irraa dafanii goran” jedheera. (Bau. 32:5, 6, 8) Kan nama gaddisiisu sana boodas, Israaʼeloonni wareega Waaqayyoof galan irra deddeebiʼanii diiganiiru.—Lak. 30:2.
(Baʼuu 32:9, 10 dubbisi.)
“Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”
14 Israaʼeloonni waaqolii tolfamoo waaqeffachuun wanta Yihowaan baayʼee jibbu akka taʼe beeku turan. (Bau. 20:3-5) Taʼus, utuma baayʼee hin turin dibicha warqee irraa hojjetame waaqeffatan! Kun Israaʼeloonni ifatti Yihowaadhaaf akka hin ajajamne kan argisiisu taʼus, amma iyyuu Yihowaa cinaa dhaabatanii akka jiran yaaduudhaan of gowwoomsanii turan. Aaron waaqeffannaa dibichaa isaanii sana, “ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jechuun isaa kan nama naasisu dha! Yeroo kanatti Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Akka ganame isatti dhagaʼame. Yihowaan sabichi akka “mancaʼee” fi ‘karaa inni isaan abboome irraa akka gore’ Museetti hime. ‘Aariin isaa isaan irratti waan bobaʼeef,’ saba Israaʼel haaraa hundeeffame sana balleessuuf yaade.—Bau. 32:5-10.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 31:17 dubbisi.)
Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba
4 Fakkeenyi Yihowaa fi Yesuus jabaatanii hojjechuudhaan kaaʼan boqochuun akka nu hin barbaachisne kan argisiisudhaa? Lakki. Yihowaan matumaa hin dadhabu, kanaafuu boqochuun isa hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan samii fi lafa erga uumee booda akka ‘boqotee fi akka aara galfate’ dubbata. (Bau. 31:17) Haa taʼu malee, kun Yihowaan hojii uumuu dhaabuu isaa fi wanta hojjetetti gammaduu isaa kan argisiisu akka taʼe ifa dha. Yesuusis yeroo lafa irra turetti jabaatee kan hojjete taʼus, boqochuu fi michoota isaa wajjin nyaachuuf yeroo ni ramada ture.—Mat. 14:13; Luq. 7:34.
(Baʼuu 32:32, 33 dubbisi.)
w87-E 9/1 29
Gaaffii Dubbistootaa
Namni tokko Yihowaa biratti beekameera, akkasumas fudhatama argateera (maqaan isaa “kitaaba jireenyaa keessa” jira) jechuun, akkuma waan dursee murteeffameetti jireenya bara baraa argachuun isaa mirkanaaʼeera jechuu miti. Museen waaʼee Israaʼelootaa akkana jedhee Yihowaa gaafatee ture: “Fedha kee yoo taʼe maaloo cubbuu isaanii dhiisiif! Yoo dhiisuufii baatte immoo macaafa kee isa keessatti na caafte keessaa na balleessi!” Waaqayyos deebisee, “Isa na duratti cubbuu hojjete duwwaa macaafa koo keessaa nan balleessa” jedhe. (Baʼuu 32:32, 33) Eeyyee, namni tokko Waaqayyo duratti fudhatama argatee “kitaaba” isaa irratti erga galmaaʼee booda illee, ajajamuu diduu ykn amantii dhabuu dandaʼa. Akkas yoo godhe, Waaqayyo ‘maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa ni haqa.’—Mulʼata 3:5.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 32:15-35 dubbisi.)
ONKOLOOLESSA 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 33-34
“Amalawwan Yihowaa Jaallatamoo Ta’an”
(Baʼuu 34:5 dubbisi.)
it-2-E 466-467
Maqaa
Uumamni ijaan argamu, Waaqni jiraachuu isaatiif ragaa taʼa; maqaa isaa garuu nutti hin himu. (Far 19:1; Rom 1:20) Maqaa Waaqayyoo beekuun, akkasumaan jecha sana beekuu caalaa waan dabalatu qaba. (2Sen 6:33) Qaama sana sirriitti beekuu, jechuunis kaayyoo isaa, wantoota inni raawwatee fi amalawwan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman beekuu gaafata. (1Mot 8:41-43; 9:3, 7; Nah 9:10 wajjin walbira qabii ilaali.) Kun haala Musee isa Yihowaan ‘maqaa isaatiin beeke,’ jechuunis, sirriitti isa beeke irratti ibsameera. (Bau 33:12) Museen, wanta ulfina Yihowaa mulʼisu arguu fi ‘maqaan Yihowaa yeroo labsamu’ dhagaʼuu dandaʼuun isaa mirga guddaa ture. (Bau 34:5, NW) Labsiin kun akkasumaan maqaa Yihowaa jedhu irra deebiʼee kan dubbatu utuu hin taʼin, waaʼee amalawwan isaa fi wantoota inni raawwate kan dubbatu dha. “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, ilmaan ijoollee isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.” (Bau 34:6, 7, NW) Haaluma wal fakkaatuun faarfannaan Musee inni yaada, “Ani maqaa [Yihowaa] nan labsa” jedhu qabate, hariiroo Waaqayyo Israaʼeloota wajjin qabuu fi amalawwan isaa kan ibsu ture.—Kes 32:3-44.
(Baʼuu 34:6 dubbisi.)
w09-AM 5/1 18 key. 3-5
Yihowaan Amalawwan Isaa Yommuu Ibsu
Wanti Yihowaan waaʼee ofii isaa ibse inni jalqabaa “ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa” taʼuu isaa ti. (Lakkoofsa 6) Hayyuun tokko akka ibsanitti, jechi Afaan Ibrootaa “ooʼa-qabeessa” jedhamee hiikame, Waaqayyo “gara laafina guddaa abbaan ijoollee isaatti argisiisu” akka qabu kan argisiisu dha. Jechi “araara qabeessa” jedhamee hiikame immoo, gochima, “tarkaanfii namni tokko nama rakkinni irra gaʼe gargaaruuf garaadhaa fudhatu” argisiisuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu dha. Kana irraa ifatti hubachuu akka dandeenyutti, akkuma warri ijoollee isaaniitiif jaalala guddaa qabanii fi garaadhaa isaaniif yaadan, Yihowaanis namoota isa waaqeffatan haaluma kanaan kunuunsa.—Faarfannaa 103:8, 13.
Itti aansuudhaan, Yihowaan ‘aariitti suuta jedhaa’ taʼuu isaa ibseera. (Lakkoofsa 6) Tajaajiltoota isaa lafa irratti argamanitti dafee hin aaru. Kanaa mannaa, cubbuu isaanii irraa akka deebiʼin yeroo isaaniif kennuudhaan dadhabina isaanii ni obsa.—2 Pheexiros 3:9.
Itti fufees Waaqayyo, ‘Jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee akka taʼe’ dubbateera. (Lakkoofsa 6, NW) Jaalalli amanamaan, amala baayʼee gaarii Yihowaa fi saba isaa gidduutti hariiroo cimaan yoom iyyuu hin jijjiiramne akka uumamu godhu dha. (Keessa Deebii 7:9) Kana malees, Yihowaan madda dhugaa ti. Inni hin gowwoomsu, hin gowwoomfamus. Inni “Waaqa dhugaa, NW” waan taʼeef, abdiiwwan waaʼee gara fuulduraa kenne dabalatee, wantoota dubbate hunda akka raawwatu guutummaatti amanuu dandeenya.—Faarfannaa 31:5.
(Baʼuu 34:7 dubbisi.)
w09-AM 5/1 18 key. 6
Yihowaan Amalawwan Isaa Yommuu Ibsu
Dhugaa guddaan kan biraan Yihowaan waaʼee isaa akka beeknu barbaadu immoo, ‘yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu’ kan namaaf dhiisu taʼuu isaa ti. (Lakkoofsa 7) Yihowaan, Waaqa cubbamoota yaada jijjiirrataniif ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ taʼe dha. (Faarfannaa 86:5, NW) Taʼus, hammina raawwatamu callisee ilaala jechuu miti. Inni ‘isa yakka raawwate utuu hin adabin akka hin dhiisne’ ibseera. (Lakkoofsa 7) Waaqni qulqulluu fi haqa qabeessa taʼe, namoota taʼe jedhanii cubbuu hojjetan utuu hin adabin hin dhiisu. Dafees taʼe turee, rakkina cubbuun isaanii geessise haammachuun isaanii hin oolu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 33:11 dubbisi.)
(Baʼuu 33:20 dubbisi.)
w04-AM 3/15 27 key. 5
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Baʼuu
33:11, 20—Waaqayyo “fuulaa fuulatti, NW” Museetti dubbachaa kan ture akkamitti? Ibsi kun, qaamonni lama baayʼee walitti dhihaatanii waliin dubbachuu isaanii argisiisa. Museen, bakka buʼaa Waaqayyoo wajjin dubbachaa kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, karaa isaa qajeelfama Yihowaan isaaf kennu fudhateera. Taʼus, ‘namni fuula isaa argee jiraachuu waan hin dandeenyeef’ Museen Yihowaa hin argine. Yihowaan, kallattiidhaan Museetti hin dubbanne. Galaatiyaa 3:19, ‘seerichi kan kenname karaa maleekotaa darbee harka araarsaa tokkootiin ture’ jedha.
(Baʼuu 34:23, 24 dubbisi.)
w98-AM 9/1 20 key. 5
Wantoota Dursi Kennamuufii Qabuuf Dursa Kennaa!
Dhiironni Israaʼelii fi namni amantii isaa jijjiiree Yihudii taʼee biyyattii keessa jiraatu kam iyyuu, waggaatti al sadi Yihowaa duratti akka dhihaatu ajajamee ture. Mataawwan maatii hedduun, miseensonni maatichaa hundi qophii kana irraa karaa hafuuraa akka fayyadamu waan hubataniif, haadholii manaa fi ijoollee isaanii fudhatanii deemu turan. Haa taʼu malee, maatichi yeroo fagaatee deemu kanatti mana isaanii fi maasii isaanii diina irraa eenyutu isaaniif eega? Yihowaan, “Waggaatti si’a sadii ana Waaqayyo gooftaa kee duratti argamuudhaaf yeroo ol baatu, namni tokko illee biyya kee fudhachuu hin kajeelu” jechuudhaan waadaa isaaniif galeera. (Baʼuu 34:24) Israaʼeloonni dhimmoota hafuuraatiif dursa yoo kennan, wanti karaa foonii isaanitti hirʼatu akka hin jiraanne amananii fudhachuuf amantii qabaachuun isaan barbaachisee ture. Maarree, Yihowaan waadaa gale eegeeraa? Eeyyee eegeera!
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 33:1-16 dubbisi.)
ONKOLOOLESSA 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 35-36
“Hojii Yihowaa Raawwachuuf Qophaaʼoo Taʼuu”
(Baʼuu 35:25, 26 dubbisi.)
Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
Wanti Yihowaa gammachiise inni guddaan wanta isaan fidan utuu hin taʼin, karaa kanaan waaqeffannaa dhugaa deggeruuf fedhii qabaachuu isaaniiti. Yeroo fi humna isaanii gumaachuufis kakaʼanii turan. Macaafni Qulqulluun, “Dubartoonni hojii harkaatti ogeessota taʼan hundinuu . . . harka isaaniitiin foʼan” jedha. “Dubartoonni garaan isaanii ogummaatti isaan dammaqse [“ogummaa qabaniifi garaansaanii isaan kakaase,” NW] hundinuu rifeensa reettii in foʼan.” Kana malees Yihowaan, Bazaaliʼeliif “ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuu” kenneera. Waaqayyo, Bazaaliʼelii fi Aholiiyabiif ogummaa hojii barbaachisu hunda hojjechuuf isaan gargaaru kenneefii ture.—Bau. 35:25, 26, 30-35.
(Baʼuu 35:30-35 dubbisi.)
Namoota Amanamoo Bara Durii—Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffaman
6 Seenaan Bazaaliʼel isa bara Museetti turee karaa itti hafuurri Waaqayyoo hojjechuu dandaʼu ilaalchisee waan hedduu nu hubachiisa. (Baʼuu 35:30-35 dubbisi.) Bazaaliʼel miʼa godoo qulqullaaʼaatiif barbaachisu hojjechuu irratti itti gaafatamummaan kennameefii ture. Bazaaliʼel hojii ijaarsaa balʼaa taʼe kana hojjechuuf itti kennamuu isaa dura beekumsa hojii harkaa qaba turee? Qabaachuu dandaʼa. Garuu wanti inni dhihootti hojjechaa ture warra Gibxiif suphee irraa xuuphii tolchuudha. (Bau. 1:13, 14) Maarree Bazaaliʼel hojii ulfaataa isaaf kenname kana raawwachuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan “hafuura ofii isaatiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera. . . . Waan garaa garaas miidhagsee akka akeeka baafameetti [akka hojjetu]” isa gargaareera. Hafuurri qulqulluun dandeettii uumamaa Bazaaliʼel qabu isaaf guddiseera. Haalli Aholiiyabis akkasuma ture. Bazaaliʼelii fi Aholiiyab hojiisaanii raawwachuu qofa utuu hin taʼin, namoota kaanis wanta hojjechuu qaban waan barsiisaniif akka gaariitti kan baratan taʼuu hin oolu. Eeyyee Waaqayyo wanta isaan barsiisan garaa isaanii keessa kaaʼeera.
(Baʼuu 36:1, 2 dubbisi.)
Namoota Amanamoo Bara Durii—Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffaman
7 Ragaan gara biraan Bazaaliʼelii fi Aholiiyab hafuura Waaqayyootiin akka geggeeffaman argisiisu, wanti isaan hojjetan kun yeroo dheeraadhaaf kan ture taʼuu isaa ti. Wantoonni isaan hojjetan waggoota 500 boodas itti hojjetamaa turaniiru. (2 Sen. 1:2-6) Haala namoota yeroo harʼaatti meeshaalee oomishan irraa faallaa taʼeen, Bazaaliʼelii fi Aholiiyab meeshaa hojjetan irratti maqaa isaanii ykn mallattoo isaanii hin keenye. Wanta isaan raawwatan hundaaf kan galateeffamu Yihowaa ture.—Bau. 36:1, 2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 35:1-3 dubbisi.)
w05-AM 5/15 23 key. 14
Daandii Yihowaa Beekuu
14 Dhimmoota hafuuraatiif dursa kennaa. Israaʼeloonni sochiiwwan hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennuu hamma dadhabanitti wanta karaa foonii isaan barbaachisuuf garmalee dhamaʼuu hin qaban turan. Israaʼeloonni jireenyi isaanii sochii guyyaa guyyaa irratti qofa akka xiyyeeffatu gochuu hin qaban turan. Yihowaan torban keessaa yeroon murtaaʼe isaaf kan qulqullaaʼe akka taʼuu fi dhimmoota waaqeffannaa Waaqa dhugaatiif dhihaatu wajjin wal qabataniif qofa akka oolu murteessee ture. (Baʼuu 35:1-3; Lakkoofsa 15:32-36) Waggaa waggaadhaan walgaʼiiwwan qulqulluu addaa godhamaniif yeroo dabalataa akka ramadan ajajamanii turan. (Lewwoota 23:4-44) Qophiiwwan kun, hojiiwwan Yihowaa guguddaa taʼan dubbachuuf, waaʼee daandiiwwan isaa yaadachiisa argachuu fi gaarummaa isaa hundaaf galateeffachuuf carraa isaaniif kennu. Israaʼeloonni Yihowaadhaaf kan bulan taʼuu isaanii yeroo argisiisan, sodaanii fi jaalalli isaaf qaban kan guddatu taʼuu isaa irra iyyuu, daandiiwwan isaa irra deemuuf gargaarsa argatu. (Keessa Deebii 10:12, 13) Dhugaawwan buʼuuraa gaariin qajeelfamoota kana keessatti ibsaman, tajaajiltoota Yihowaa harʼa jiran ni fayyadu.—Ibroota 10:24, 25.
(Baʼuu 35:21 dubbisi.)
w00-AM 11/1 29 key. 2
Arjummaan Gammachuu Argamsiisa
Wanta yeroo kanatti Israaʼelootatti dhagaʼame yaadi. Dhaloonni baayʼeen garbummaa hamaa fi hiyyummaadhaan dararamaniiru. Amma garuu bilisa baʼanii qabeenya hedduu horataniiru. Qabeenya isaanii kana keessaa hamma tokko kennuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama laata? Wanta itti dhamaʼanii argatan akka taʼee fi kennuu dhiisuuf mirga akka qaban itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, waaqeffannaa qulqulluu deggeruuf qarshii akka kennan yeroo gaafataman, buusii kan godhan mamiidhaan ykn sassataan hin turre. Qabeenya harkaa qaban sana akka argatan kan godhe Yihowaa akka taʼe hin daganne. Kanaaf, meetii, warqee fi horii qaban arjummaadhaan kennaniiru. ‘Garaan isaanii guutuu’ kennuudhaaf fedha qaba ture. ‘Garaan isaanii isaan dammaqseera, hafuurri isaaniis isaan abboomeera.’ Eeyyee, “Waaqayyoof kennaa in dhi’eessan.”—Baʼuu 25:1-9; 35:4-9, 20-29; 36:3-7.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 35:1-24 dubbisi.)
ONKOLOOLESSA 26–SADAASA 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 37-38
“Gaʼee Iddoowwan Aarsaa, Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaa Dhugaa Keessatti Qaban”
(Baʼuu 37:25 dubbisi.)
it-1-E 82 key. 3
Iddoo Aarsaa
Iddoo Aarsaa Ixaanaa. Iddoon aarsaa ixaanaa (“iddoo aarsaa warqee” jedhamees ni waamama [Bau 39:38]) muka laaftoo irraa kan hojjetamee fi irra keessi isaa fi alli isaa warqeedhaan kan uwwifamee ture. Qarqara banti isaatti warqeen uwwifamee ture. Iddoon aarsaa kun iskuweer seentiimeetira 44.5 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa seentiimeetira 89 dha; akkasumas golee isaa arfan irratti “gaanfota” ol baʼan qaba. Amartiin warqee lama danqaraa keessa loosanii ittin baachuuf gargaaru muka laaftoo irraa hojjetamee warqeedhaan uwwifame ture; amartiiwwan warqee kun karaa lamaanuu andaara isaa lamaanitti kan tolchame ture. (Bau 30:1-5; 37:25-28) Ixaanni adda taʼe iddoo aarsaa kana irratti guyyaatti siʼa lama, jechuunis ganamaa fi galgala aarfama ture. (Bau 30:7-9, 34-38) Bakka biraatti, qodaan ibiddaa ixaana aarsuuf akka fayyadu ibsameera, iddoo aarsaa kanatti ixaana aarsuufis qodaa ibiddaatti akka itti hojjetame haala isaa irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. (Lew 16:12, 13; Ibr 9:4; Mul 8:5; 2Sen 26:16, 19 wajjin walbira qabii ilaali.) Iddoon aarsaa ixaanaa godoo qulqullaaʼaa keessatti golgaa Iddoo Qulqullaaʼaa fuuldura waan taʼeef, “sanduuqa dhuga-baatuu sana dura” akka jiru godhamee ibsameera.—Bau 30:1, 6; 40:5, 26, 27.
(Baʼuu 37:29 dubbisi.)
it-1-E 1195
Ixaana
Ixaanni qulqulluun godoo qulqullaaʼaa lafa onaa keessa ture keessatti faayidaa irra oolu kennaa gati guddaa gumichi buusii godhu irraa kan hojjetamu dha. (Bau 25:1, 2, 6; 35:4, 5, 8, 27-29) Akkaataa wantoonni afur ittiin walitti makaman Museetti yommuu dubbatu Yihowaan akkana jedheera: “Wanta urgaaʼu, haphee muka urgaaʼuu, eleellaan urgaaʼu, aannan mukaa urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne, safarri isaa kan wal qixxaate fudhadhu! Akkuma warri urgooftuu qopheessan hojjettanitti, atis soogidda itti naqii qulleessi aarsaa urgaa’u isa qulqullaaʼaa qopheessi! Isa keessaas gar tokko bulleessii daakii dunkaana itti wal gaʼan keessa, saanduqa kakuu dura lafa ani itti si argu sana kaaʼi! Innis hundumaa irra qulqulluu siif haa taʼu!” Ixaanni haala kanaan qophaaʼe isaaf qofa kan dhihaatuu fi ixaana qulqulluu taʼuu isaa jabeessee ibsuuf, Yihowaan itti dabaluudhaan, “Namni tokko illee foolii isaa urgeeffachuuf jedhee kana akka isaatii yoo qopheeffate, saba isaa keessaa lafa irraa haa balleeffamu!” jedhe.—Bau 30:34-38; 37:29.
(Baʼuu 38:1 dubbisi.)
it-1-E 82 key. 1
Iddoo Aarsaa
Iddoo Aarsaa Godoo Qulqullaaʼaa. Godoo qulqullaaʼaa ijaaruu wajjin haala wal qabateen akkuma Waaqayyo ajajetti iddoon aarsaa lama ijaaramanii turan. Iddoo aarsaa isa aarsaan gubatu irratti aarfamu (“iddoo aarsaa sibiila boorrajjii” jedhamees ni waamama [Bau 39:39]) muka laaftoo irraa kan hojjetame yeroo taʼu, haala isaa irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti saanduqa irraa fi jalaan banaa taʼe fakkaata. Iddoon aarsaa kun iskuweerii meetira 2.2 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa immoo meetira 1.3 dha; golee isaa arfan gubbaatti “gaanfota” qaba. Guutummaan isaa sibiila boorrajjiitiin kan uwwifame dha. Iddoo aarsaa sana keessa afaan isaa irraa ‘gad siqee gara walakkaa’ isaatti sibiilli boorrajjiin akka gingilchaatti wal keessa babaaʼee tolfame kaaʼamee jira ture. Golee arfan irra sibiila akka gingilchaatti wal keessa babbaafame sana bira, amartiin afur jiru turan, danqaraawwan sibiilli boorrajjii itti uwwifamee fi baachuuf gargaaran lamaan amartiiwwan kana keessa loosamu turan. Kana jechuun kallattii iddoo aarsichaa lamaaniin uraan sibiila akka gingilchaa sana ittiin keessa galfamu ni qophaaʼa, amartiiwwan sun immoo kallattii lamaan rarraʼu jechuu dha. Dhimma kana ilaalchisee yaadni hayyoonni qaban baayʼee garaa gara dha, warri tokko tokko amartiiwwan saddeet akka jiran yaadu. Amartiiwwan danqaraa keessa loosanii baachuuf gargaaran afur iddoo aarsaa sanatti qabsiifamanii jiru; amartiiwwan danqaraa keessa loosanii baachuuf gargaaran afur immoo sibiila akka gingilchaa sanatti alaan maxxanfamanii jiru jedhu. Miʼawwan sibiila boorrajjii irraa hojjetaman baaldiiwwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitiiwwan dhiiga ittiin fuudhan, fileewwan foonii, baattuu irratti ibiddaa bobeessan turan.—Bau 27:1-8; 38:1-7, 30; Lakk 4:14.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 37:1 dubbisi.)
(Baʼuu 37:10 dubbisi.)
(Baʼuu 37:25 dubbisi.)
it-1-E 36
Laaftoo
Laaftoon muka dameewwan dhedheeraa qoraatti gugguddaa qaban qabu dha. Dameewwan isaa kunneen yeroo baayʼee muka laaftoo isa bira jiru wajjin wal keessa baʼee guddata; kun taʼuun isaa sababii seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee jechuun ni dandaʼama, jecha Afaan Ibrootaa heddumina argisiisuu fi shit·timʹ jedhuun itti hojjetame hubachuuf nu gargaara. Mukti laaftoo hamma meetira 6 hanga 8tti dheerachuu dandaʼa, garuu yeroo baayʼee tusii fakkaatee mulʼata. Baala lallaafaa baallee fakkaatu kan qabu yeroo taʼu, abaaboowwan bifa keelloo urgaa gaarii qaban kan qabu dha, akkasumas firii godhata. Solloqqeen isaa inni cimaa fi gurraacha taʼe, muka isaa isa baayʼee cimaa fi ulfaatina qabu kana ilbiisni kam iyyuu akka hin nyaanne eega. Mukti kun amala akkasii qabaachuun isaa fi keessumaa gammoojjiitti baayʼinaan argamuun isaa godoo qulqullaaʼaa ijaaruu fi miʼawwan isaa hojjechuuf kan filatamu akka taʼu isa taasisa. Mukti kun saanduqa kakuu (Bau 25:10; 37:1), gabatee daabboo ilaalchaa (Bau 25:23; 37:10), iddoowwan aarsaa (Bau 27:1; 37:25; 38:1), danqaraawwan miʼa ittiin baatan (Bau 25:13, 28; 27:6; 30:5; 37:4, 15, 28; 38:6), utuboota golgaan itti diraman (Bau 26:32, 37; 36:36), maqaaniiwwanii (Bau 26:15; 36:20) fi danqaraawwan isaanii (Bau 26:26; 36:31) hojjechuuf oola ture.
(Baʼuu 38:8 dubbisi.)
w15-AM 4/1 15 key. 4
Kana Beektaa?
Daawwitiiwwan gizaazaa bara keenyatti jiran irraa haala adda taʼeen daawwitiiwwan bara duriitti turan sibiila cululuqfame irraa qophaaʼa ture; yeroo baayʼee qopheessuuf kan itti fayyadaman nahaasii yeroo taʼu, sibiila boorrajjii, meetii, warqee ykn makaa warqee fi meetiidhaan qopheessuunis ni dandaʼama ture. Kitaaba Qulqulluu keessatti daawwitiin yeroo jalqabaatiif kan caqasame yeroo wiirtuun waaqeffannaa saba Israaʼel godoo qulqullaaʼa jedhamee waamamu ijaarametti ture. Miʼa bishaanii fi jaliitii sibiila boorrajjii tajaajila qulqulluutiif oolu hojjechuuf dubartoonni of ilaalee ykn daawwitii isaanii kennanii turan. (Baʼuu 38:8) Daawwitiiwwan kun kan itti hojjetaman erga baqfamanii booda taʼuu hin oolu.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 37:1-24 dubbisi.)