LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Amajjii ful. 5
  • Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaʼelli Kiristiyaanaa Milkaaʼina Akka Qabaatu Gochuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Gaa’elli Yeroo Diigamuuf Jedhu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaa’ela Keetti Gammadi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Amajjii ful. 5
Obboleessi tokko haadha manaa isaa bira lafa irra taaʼee gammachuudhaan uffata ishii wajjin miicaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa

Yihowaan waadaa gaaʼelaatiif iddoo guddaa kenna. Abbaan manaa fi haati manaa tokko walitti maxxanuu akka qaban dubbateera. (Mat 19:5, 6) Saba Waaqayyoo gidduu gaaʼelli fakkeenya taʼu hedduun jira. Taʼus gaaʼelli mudaa hin qabne hin jiru. Rakkinni uumamuun isaa hin oolu. Ilaalcha baramaa, ‘Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo rakkinni isaan mudatu gargar baʼuudhaan ykn wal hiikuudhaan furmaata argachuu dandaʼu’ jedhu irraa fagaachuu qabna. Kiristiyaanonni gaaʼela isaaniitiif eegumsa gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan muraasa haa ilaallu.

  1. Kolomsuu fi bashannana naamusa hin qabne irraa fagaachuudhaan garaa keessan eeggadhaa; wantoonni akkasii gaaʼela miidhu.—Mat 5:28; 2Ph 2:14.

  2. Michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa; fedhii akka inni gaaʼela keessanitti gammadu gochuuf qabdan guddifadhaa.—Fr 97:10.

  3. Namummaa haaraa uffachuu keessan itti fufaa; gochawwan gaarummaa xixinnoo fakkaatan illee raawwadhaa; gochawwan akkasii hiriyaan gaaʼelaa keessan jireenyi akka itti salphatu gochuu dandaʼu.—Qol 3:8-10, 12-14.

  4. Karaa ulfina qabuun akka gaariitti waliin haasaʼaa.—Qol 4:6.

  5. Dirqama gaaʼela keessatti qabdan jaalalaan raawwadhaa.—1Qo 7:3, 4; 10:24.

Kiristiyaanonni yeroo gaaʼela kabajan, Yihowaa isa gaaʼela hundeesseef ulfina akka qaban argisiisu.

VIIDIYOO ‘JABINAAN FIIGUU’ QABNA—SEERAWWAN DORGOMMICHAATIIF AJAJAMUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo ‘“Jabinaan Fiiguu” Qabna—Seerawwan Dorgommichaatiif Ajajamuu’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi Kaalawuu fi haati manaa isaa Galma Walgaʼiitti haasaan gaaʼelaa erga isaaniif kenname booda seeqaa jiru.

    Gaaʼelli tokko jalqaba irratti gaarii taʼus rakkinoonni akkamii uumamuu dandaʼu?

  • Fakkii viidiyoo ‘“Jabinaan Fiiguu” Qabna—Seerawwan Dorgommichaatiif Ajajamuu’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi Kaalawuu fi haati manaa isaa rakkina isaan mudate irratti tasgabbiidhaan mariʼachaa jiru. Kitaabni Qulqulluun banamee jiru minjaala irra jira.

    Namoonni gaaʼelli isaanii jaalala akka hin qabne itti dhagaʼamu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan isaan gargaaran akkamitti?

  • Fakkii viidiyoo ‘“Jabinaan Fiiguu” Qabna—Seerawwan Dorgommichaatiif Ajajamuu’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi Kaalawuun kitaaba ‘Seenaa Kitaaba Qulqulluu Ittiin Baradhu’ jedhamu haadha manaa isaa fi ijoollee isaa durbaa lamaaniif dubbisaa jira.

    Gaaʼelli kee gammachuu akka qabaatuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchi

    Yihowaan gaaʼela ilaalchisee seerawwan akkamii kenneera?

  • Gaaʼelli tokko milkaaʼina akka qabaatuuf hiriyoota gaaʼelaa lamaan irraa iyyuu maaltu eegama?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi