LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Bitootessa ful. 5
  • Karaawwan Yihowaatti Akka Amanamnu Itti Argisiisnu Sadi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaawwan Yihowaatti Akka Amanamnu Itti Argisiisnu Sadi
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Murtoowwan Dhuunfaa kan Gootan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Bitootessa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Karaawwan Yihowaatti Akka Amanamnu Itti Argisiisnu Sadi

Daawit Yihowaatti waan amanameef Goliyaadiin injifateera. (1Sa 17:45) Yihowaan humna isaa fayyadamee tajaajiltoota isaa hunda gargaaruu barbaada. (2Se 16:9) Muuxannoo fi dandeettii keenyatti amanamuu mannaa gargaarsa Yihowaan nuuf godhutti amanamuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaawwan sadi haa ilaallu:

  • Irra deddeebiʼii kadhadhu. Dogoggora erga raawwattee booda dhiifama argachuuf qofa utuu hin taʼin, jabina qorumsa si mudatu dandamachuuf si gargaaru argachuufis kadhadhu. (Mat 6:12, 13) Murtoo erga gootee booda murtoo kee Yihowaan akka siif eebbisu kadhachuu mannaa, murtoo gochuu kee dura qajeelfamaa fi ogummaa akka siif kennu kadhadhu.—Yaq 1:5

  • Dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi, akkasumas qoʼadhu. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisi. (Fr 1:2) Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxali, akkasumas barumsa argatte hojii irra oolchi. (Yaq 1:23-25) Muuxannoo qabdutti amanamuu mannaa tajaajila baʼuu kee dura qophaaʼi. Barumsa dhihaatu dursitee qophaaʼuudhaan walgaʼiiwwan gumii irraa guutummaatti fayyadami.

  • Jaarmiyaa Yihowaa wajjin waltaʼiinsaan hojjedhu. Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa yeroo yerootti kennu hordofi, akkasumas dafii hojii irra oolchi. (Lak 9:17) Jaarsoliin yommuu gorsaa fi qajeelfama kennan dhaggeeffadhu.—Ibr 13:17

Poolisoonni yommuu obboleessa tokko gara mana hidhaa geessanitti gaazexeessitoonnii fi obboloonni kaan ilaalaa jiru.

VIIDIYOO ARIʼATAMA SODAACHUUN NU HIN BARBAACHISU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARGAMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

• Obboloonnii fi obboleettonni kun wanta nama sodaachisu akkamiitu isaan mudate?

• Wanti sodaa isaanii moʼuuf isaan gargaare maali dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi