AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Kadhannaa Keessan Akkamitti Deebisaa Akka Jiru Hubachuuf ni Carraaqxuu?
Kitaabni Qulqulluun kadhannaa Yihowaan deebise ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo, Yihowaan yaaddoo isaanii akkamitti akka dhaggeeffatee fi akkamitti akka isaan gargaare yommuu hubatan, amanitiin isaanii akka cimu beekamaa dha. Kanaafuu, kadhannaa keenya irratti wanta barbaannu adda baasnee caqasuu fi deebii Yihowaan nuuf kennu hubachuun keenya gaarii dha. Deebiin inni nuuf kennu isa nuti gaafanne irraa adda ta’uu ykn isa gaafanne caaluu akka danda’u yaadatti qabadhaa. (2Qo 12:7-9; Efe 3:20) Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akkamii kennuu danda’a?
Jabina qaamaa, miiraa ykn hafuuraa rakkina tokko dandamachuuf nu gargaaru.—Flp 4:13
Ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru.—Yaq 1:5
Fedhii fi humna wanta tokko raawwachuuf nu gargaaru.— Flp 2:13
Tasgabbii yeroo dhiphannutti nu barbaachisu.—Flp 4:6, 7
Karaa qaamaa ykn miiraa deggarsa warri kaan nuuf godhan.—1Yo 3:17, 18
Namoota isaaniif kadhanneef gargaarsa gochuudhaan.—HoE 12:5, 11
VIIDIYOO ‘YIHOWAAN ISA KADHANNAA DHAGA’U DHA’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Sababa fayyaa keenyaatiin humni keenya yoo xinnaate muuxannoon obboleessa Shimiizuu akkamitti nu jajjabeessa?
Fakkeenya obboleessa Shimiizuu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?