LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w23 Sadaasa ful. 20-25
  • Yihowaan Kadhannaa Kootiif Deebii ni Kennaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Kadhannaa Kootiif Deebii ni Kennaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAARRAA MAAL EEGUU DANDEENYA?
  • YIHOWAAN MAAL NURRAA EEGA?
  • KADHANNAA KEENYA TOKKO TOKKORRATTI SIRREEFFAMA GOCHUUN NU BARBAACHISUU KAN DANDAʼU MAALIIFI?
  • Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Deebii kan Kennu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Qabiyyee Kadhannaa Keenyaa Fooyyessuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
w23 Sadaasa ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 49

Yihowaan Kadhannaa Kootiif Deebii ni Kennaa?

“Isin na waammattu; dhuftaniis kadhannaa natti dhiheeffattu; anis isin nan dhagaʼa.”—ER. 29:12.

FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi

QABIYYEEa

1-2. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine nutti dhagaʼamuu kan dandaʼu maaliifi?

“YIHOWAATTI baayʼee gammadi, innis fedhii garaa keetii siif ni guuta.” (Far. 37:4) Kun waadaa ajaaʼibsiisaa taʼedha! Haa taʼu malee, Yihowaan wanta isa gaafannu hunda yeruma sana akka nuuf kennu eeguu qabnaa? Gaaffii kana kaasuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Obboleettiin qeenxeen takka Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuuf kadhatte. Haa taʼu malee, waggoonni muraasni erga darbanii boodallee hin affeeramne. Obboleessi dargaggeessi tokko gumii keessatti caalaatti tajaajiluu waan barbaadeef, dhukkuba isaarraa akka isa fayyisu Yihowaa kadhate. Taʼus, itti hin fooyyofne. Warri Kiristiyaanota taʼan tokko mucaan isaanii dhugaa keessa jiraachuu isaa akka itti fufu Yihowaa kadhatan. Haa taʼu malee, mucaan isaanii Yihowaa tajaajiluu isaa ni dhiise.

2 Tarii atis Yihowaa waa gaafattee, ammayyuu wanta sana hin arganne taʼa. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan kadhannaa warra kaanii kan deebisu taʼus kan kee akka hin deebisne sitti dhagaʼameera taʼa. Yookiinimmoo balleessaa wayii akka raawwatte sitti dhagaʼamaa jira taʼa. Obboleettiin Jeenisb jedhamtu akkas ishiitti dhagaʼamee ture. Ishiinii fi abbaan manaa ishii Beetelitti tajaajiluuf fedhii guddaa akka qaban kadhannaadhaan Yihowaatti himanii turan. Jeenis, “Yeruma sana Beetel akka gallu eegeen ture” jetteetti. Garuu waggoota hedduu boodallee, Beetel akka galan hin affeeramne. Jeenis akkana jetteetti: “Baayʼee gaddee fi burjaajaʼeen ture. ‘Wanta Yihowaa gaddisiisu raawwadheeraa laata?’ jedhee yaaddaʼeen ture. Beetel galuuf cimsee Yihowaa kadhadheera. Maarree, kadhannaa kootiif deebii kan hin kennine maaliifi?”

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Yeroo tokko tokko, Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuusaallee ni shakkina taʼa. Namoonni amanamoon bara duriitti jiraatan tokko tokkos akkas isaanitti dhagaʼameera. (Iyo. 30:20; Far. 22:2; An. 1:2) Yihowaan kadhannaa keetiif deebii akka kennu wanti siif mirkaneessuu dandaʼu maalidha? (Far. 65:2) Deebii gaaffii kanaa argachuuf qabxiilee itti aanan qoruu qabna: (1) Yihowaarraa maal eeguu dandeenya? (2) Yihowaan nurraa maal eega? (3) Wanta kadhannaa keenyarratti gaafannu tokko tokkorratti sirreeffama gochuun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi?

YIHOWAARRAA MAAL EEGUU DANDEENYA?

4. Yihowaan Ermiyaas 29:12 irratti, waadaa akkamii nuuf galeera?

4 Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu waadaa galeera. (Ermiyaas 29:12 dubbisi.) Waaqni keenya tajaajiltoota isaa amanamoo baayʼee waan jaallatuuf, kadhannaa isaaniitiif yeroo hundumaa iddoo guddaa kenna. (Far. 10:17; 37:28) Kana jechuun garuu, wanta isa gaafannu hunda nuuf kenna jechuu miti. Wantoota isa gaafanne tokko tokko argachuuf hamma addunyaa haaraan dhufutti eeguun nu barbaachisuu dandaʼa.

5. Yihowaan kadhannaa keenya yeroo dhagaʼu maal tilmaama keessa galcha? Ibsi.

5 Yihowaan kadhannaa keenya yeroo dhaggeeffatu kaayyoo isaa tilmaama keessa galcha. (Isa. 55:8, 9) Kaayyoon isaa lafti namoota bulchiinsa isaatiif gammachuudhaan bitamaniin akka guutamtu gochuu kan dabalatudha. Haa taʼu malee, Seexanni ilmaan namootaa caalaatti milkaaʼina kan argatan yoo ofiin of bulchan akka taʼe dubbateera. (Uma. 3:1-5) Yihowaan wanti Diyaabilos dubbate kun soba taʼuu isaa mirkaneessuuf namoonni akka ofiin of bulchan heyyameera. Taʼus, bulchiinsi namootaa rakkina yeroo ammaatti argaa jirru hedduu geessiseera. (Lal. 8:9) Kanaafuu, Yihowaan yeroo ammaatti rakkina hunda akka hin balleessine beekna. Akkas utuu godhee namoonni tokko tokko bulchiinsi namootaa milkaaʼina akka argamsiisee fi rakkina ilmaan namootaa furuu akka dandaʼu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.

6. Yihowaan yeroo hundumaa wanta jaalalarratti hundaaʼee fi sirrii taʼe akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuun kan nu barbaachisu maaliifi?

6 Yihowaan kadhannaa wal fakkaataa taʼeef karaa adda addaatiin deebii kennuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Hisqiyaas Mootichi yeroo baayʼee dhukkubsatee turetti akka isa fayyisu Yihowaa kadhatee ture. Yihowaanis kadhannaa isaa dhagaʼee isa fayyiseera. (2 Mot. 20:1-6) Karaa kan biraatiinimmoo, Phaawulos ergamaan “qoreen foon [isaa] waraanu” akka isarraa badu Yihowaa kan kadhate taʼus, Yihowaan rakkinicha isaaf hin balleessine; wanti “qoree” jedhamee ibsame dhukkuba taʼuu hin oolu. (2 Qor. 12:7-9) Haala Yaaqoobii fi Pheexirosis akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Herodis Mootichi lamaan isaaniiyyuu ajjeesuu barbaadee ture. Gumichi Pheexirosiif cimsee kadhateera; Yaaqoobiifis kadhatee akka ture hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, Yaaqoob ni ajjeefame; Pheexiros garuu dinqiidhaan ooleera. (HoE. 12:1-11) Tarii, ‘Yihowaan Pheexirosiin oolchee Yaaqoobiin kan hin oolchine maaliifi?’ jennee yaanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu.c Taʼus, Yihowaan “matumaa haqa [akka] hin jalʼisne” mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Kes. 32:4) Lamaan isaaniiyyuu Yihowaa biratti fudhatama akka qabanis beekna. (Mul. 21:14) Yeroo tokko tokko, Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuti eegneen deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, deebiin inni kadhannaa keenyaaf kennu yeroo hunda jaalalarratti kan hundaaʼee fi sirrii akka taʼe waan amannuuf, karaa inni kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf filaterratti gaaffii hin kaasnu.—Iyo. 33:13.

7. Maal gochuurraa of qusachuuf yaaluu qabna? Maaliif?

7 Haala keenya haala warra kaanii wajjin wal bira qabuurraa of qusachuuf yaaluu qabna. Fakkeenyaaf, karaa taʼe tokkoon akka nu gargaaru Yihowaa kan kadhanne taʼus, wanta kadhanne sana hin arganne taʼa. Boodas, namni tokko wantuma nuti kadhanne akka kadhate beekne; Yihowaanis kadhannaa isaatiif deebii kan kenne fakkaata. Obboleettiin Aanaa jedhamtu haalli akkasii ishii mudateera. Abbaan manaa ishii Maatiwu dhukkuba kaansariirraa akka fayyu kadhattee turte. Yeroo sanatti obboleettonni maanguddoon lamas dhukkuba kaansarii wajjin walʼaansoo gochaa turan. Aanaan Maatiwuufis taʼe obboleettota sanaaf cimsitee kadhatteetti. Obboleettonni sun dhukkuba isaaniirraa ni fayyan; Maatiwu garuu ni duʼe. Aanaan jalqabarratti, ‘Obboleettonni kun kan fayyan Yihowaan waan isaan gargaareefii laata?’ jettee yaaddee turte. Taanaan, kadhannaa abbaan manaa ishii akka fayyuuf dhiheessiteef deebii kan hin arganne maaliifi? Dhugaadha, obboleettonni lamaan sun kan fayyan akkamitti akka taʼe hin beeknu. Yihowaan rakkoowwan keenya hundaaf furmaata dhaabbataa akka kennuu fi michoota isaa duʼan hunda duʼaa kaasuuf akka hawwu garuu beekna.—Iyo. 14:15.

8. (a) Isaayyaas 43:2 irratti akka ibsametti, Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti? (b) Yeroo qorumsi cimaan nu mudatutti kadhannaan kan nu gargaaru akkamitti? (Viidiyoo, Kadhannaan Rakkina Dandamachuuf Nu Gargaara jedhamu ilaali.)

8 Yihowaan yeroo hunda nu gargaara. Yihowaan Abbaa keenya baayʼee nu jaallatu waan taʼeef yeroo dhiphannu arguu hin barbaadu. (Isa. 63:9) Taʼus, qorumsawwan lageenii fi ibiddatti fakkeeffaman hundarraa nu hin oolchu. (Isaayyaas 43:2 dubbisi.) ‘Keessa akka darbinu’ nu gargaaruuf garuu waadaa galeera. Qorumsi nu mudatu miidhaa dhaabbataa taʼe akka nurraan geessisus hin heyyamu. Kana malees, Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabu nuuf kennuudhaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. (Luq. 11:13; Filp. 4:13) Kanaafuu, inni yeroo hundumaa wanta jabaannee dhaabbachuu fi isaaf amanamoo taanee itti fufuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.d

YIHOWAAN MAAL NURRAA EEGA?

9. Yaaqoob 1:6, 7 irratti akka ibsametti, Yihowaan akka nu gargaaru amanuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Yihowaan akka isatti amanamnu nurraa eega. (Ibr. 11:6) Yeroo tokko tokko, qorumsi nurra gaʼu humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Tarii Yihowaan kan nu gargaaru taʼuu isaallee shakkuu jalqabuu dandeenya. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun “humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu” akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. (Far. 18:29) Kanaafuu, shakkii nutti uumameef harka kennuu mannaa, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu amantii guutuu qabaachuudhaan kadhachuu qabna.—Yaaqoob 1:6, 7 dubbisi.

10. Tarkaanfii kadhannaa keenya wajjin wal simu fudhachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

10 Yihowaan tarkaanfii kadhannaa keenya wajjin wal simu akka fudhannu nurraa eega. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko walgaʼii naannoorratti argamuu akka dandaʼuuf iddoo hojiitii heyyama argachuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhateera taʼa. Yihowaan kadhannaa kanaaf deebii kan kennu akkamitti taʼuu dandaʼa? Obboleessi sun ija jabina hogganaa isaa haasofsiisuuf isa dandeessisu akka qabaatu isa gargaara taʼa. Taʼus, obboleessi sun hogganaa isaa haasofsiisuu qaba. Tarii hogganaa isaa irra deddeebiʼee gaafachuun isa barbaachisuu dandaʼa. Nama bakka buufatu akka barbaaddatu dubbachuunillee isa barbaachisuu dandaʼa. Yoo barbaachisemmoo, mindaan guyyaa sanaa akka isarraa citu yaada dhiheessa taʼa.

11. Waaʼee wantoota nu yaaddessanii irra deddeebinee kadhachuu kan qabnu maaliifi?

11 Yihowaan waaʼee dhimmoota nu yaaddessanii irra deddeebinee akka kadhannu nurraa eega. (1 Tas. 5:17) Wanta Yesuus dubbaterraa akka hubannutti, wantoota kadhannaa keenyarratti gaafannu tokko tokko yeruma sana argachuu dhiisuu dandeenya. (Luq. 11:9) Kanaafuu, abdii hin kutatin! Garaadhaa irra deddeebiʼii kadhadhu. (Luq. 18:1-7) Waaʼee dhimma tokkoo kadhachuu keenya yeroo itti fufnu, wanta kadhanne sana hammam akka barbaannu Yihowaatti argisiisna. Akkas gochuun keenya dandeettii nu gargaaruuf qaburratti amantii akka qabnus ni argisiisa.

KADHANNAA KEENYA TOKKO TOKKORRATTI SIRREEFFAMA GOCHUUN NU BARBAACHISUU KAN DANDAʼU MAALIIFI?

12. (a) Wanta kadhannu ilaalchisee gaaffiin of gaafachuu qabnu tokko maalidha? Maaliif? (b) Kadhannaan dhiheessinu Yihowaadhaaf kabaja akka qabnu kan argisiisu akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “Kadhannaan Koo Yihowaadhaaf Kabaja Akkan Qabu kan Argisiisudhaa?” jedhu ilaali.)

12 Wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne hin arganne taanaan gaaffilee sadii of gaafachuu dandeenya. Tokkoffaa, ‘Wantin kadhannaa koorratti gaafachaa jiru sirriidhaa?’ kan jedhudha. Yeroo baayʼee, wanta nu fayyadu akka beeknu nutti dhagaʼama. Taʼus, wanti kadhannaadhaan gaafanne wanta nu hin fayyanne taʼuu dandaʼa. Tarii rakkina tokko ilaalchisee kadhachaa jirra yoo taʼe, furmaanni isa nuti gaafachaa jirrurra wayyu jiraachuu dandaʼa. Wanti kadhannu tokko tokkommoo fedhii Yihowaa wajjin kan wal hin simne taʼuu dandaʼa. (1 Yoh. 5:14) Fakkeenyaaf, waaʼee warra olitti ibsamanii yaadi. Warri kun mucaa isaanii dhugaa keessa akka isaaniif jiraachisu Yihowaa kadhatanii turan. Kun kadhannaa sirrii fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa tajaajilu eenyuniyyuu hin dirqisiisu. Ijoollee keenya dabalatee hundi keenyayyuu filannaa keenyaan akka isa waaqeffannu barbaada. (Kes. 10:12, 13; 30:19, 20) Kanaafuu, warri kun garaa mucaa isaanii tuquuf akka isaan gargaaru Yihowaa kadhachuu ni dandaʼu; mucaan isaanii garaan isaa yoo tuqame Yihowaa jaallachuu fi michuu isaa taʼuuf kakaʼuu ni dandaʼa.—Fak. 22:6; Efe. 6:4.

Kadhannaan Koo Yihowaadhaaf Kabaja Akkan Qabu kan Argisiisudhaa?

Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, kadhannaa keenyaaf deebii kennuu barbaada. Taʼus, Uumaa keenya waan taʼeef kabajni isaaf mala. (Mul. 4:11) Maarree, Abbaa kee isa samii yeroo kadhattu kabaja akka isaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

  • Wanti kadhattu fedhii Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuu isaa fi kakaʼumsa sirrii qabaachuu kee mirkaneeffadhu. (1 Yoh. 5:14) Kadhannaan keenya wantoota nu barbaachisanii fi argachuuf hawwinurratti qofa akka xiyyeeffatu gochuu hin qabnu. Yaaqoob “kaayyoo dogoggoraatiif,” jechuunis ofittummaadhaan kakaʼanii yoo kadhatan kadhannaa isaaniitiif deebii akka hin arganne Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan akeekkachiiseera.—Yaq. 4:3.

  • Yaada keetti hin cichin. (Mat. 4:7) Yihowaan yeroo sirrii kadhannaa keetiif deebii itti kennu akka beeku amani. Yeroo tokko tokko, deebiin inni kadhannaa keetiif kennu isa ati eegderraa adda taʼuu dandaʼa.—Efe. 3:20.

  • Wanta guyyaa guyyaadhaan siif kennu yaadachuudhaan isa galateeffadhu. Yihowaan gargaarsa siif godheef akka isa galateeffattu yeroo itti himtu hammam akka gammadu mee yaadi.—Qol. 3:15; 1 Tas. 5:17, 18.

13. Ibroota 4:16 irratti akka ibsametti, Yihowaan kan nu gargaaru yoomi? Ibsi.

13 Gaaffiin kaasnu inni lammaffaanimmoo, ‘Yeroon Yihowaan kadhannaa kootiif deebii itti kennu ammadhaa?’ kan jedhudha. Kadhannaa keenyaaf yeruma sana deebii argachuun akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo sirrii gargaarsi isaa itti nu barbaachisu beeka. (Ibroota 4:16 dubbisi.) Tarii wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne yeruma sana yoo argachuu baanne, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu yeroo booda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waaʼee obboleessa dhukkuba isaarraa akka fayyu kadhate sanaa yaadi. Yihowaan dinqiidhaan yoo isa fayyise, Seexanni obboleessi sun Yihowaa tajaajiluu isaa kan itti fufe waan inni isa fayyiseef akka taʼe dubbachuudhaan falmii kaasuu dandaʼa. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Kana malees, Yihowaan yeroo dhukkuba hundumaa itti balleessu murteesseera. (Isa. 33:24; Mul. 21:3, 4) Hamma yeroon sun gaʼutti dinqiidhaan akka nu fayyisu eeguu hin dandeenyu. Kanaafuu, obboleessi sun dhukkuba isaa dandamatee amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaa akka itti fufuuf, ciminaa fi nagaa sammuu akka isaaf kennu Yihowaa kadhachuu dandaʼa.—Far. 29:11.

14. Muuxannoo Jeenisirraa maal baratte?

14 Waaʼee Jeenis ishii Beetel galtee tajaajiluuf kadhattee yaadi. Jeenis Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii kan kenne akkamitti akka taʼe kan hubatte waggaa shan boodadha. Akkana jetteetti: “Yihowaan yeroo sana na barsiisuu fi na qulqulleessuuf itti fayyadameera. Amantiin isarratti qabu guddachuu qaba ture. Barsiifata qoʼannaa dhuunfaa koo fooyyessuun na barbaachisa ture. Yihowaa eessattiyyuu yoon tajaajile gammachuu qabaachuu akkan dandaʼu barachuunis na barbaachisee ture.” Boodas, Jeenisii fi abbaan manaa ishii hojii daawwannaa akka hojjetan affeeraman. Jeenis duubatti deebitee yaaduudhaan akkana jetteetti: “Yihowaan karaa ani eegeen taʼuu baatus kadhannaa kootiif deebii naaf kenneera. Deebiin Yihowaan kadhannaa kootiif kennu kennaa dinqisiisaa taʼuu isaa hubachuuf yeroo muraasa kan natti fudhate taʼus, karaa kanaan jaalalaa fi gaarummaa isaa arguuf carraa argachuu kootti baayʼeen galateeffadha.”

Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Obboleettonni lama foormii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa guutaa jiru. Lamaan isaaniiyyuu foormii erguu isaanii dura kadhachaa jiru. 2. Galma Walgaʼii keessatti obboleettiin ishiin tokko xalayaa mana barumsaa sanarratti akka affeeramte ibsu obboleettii foormii guuttee dabalatee michoota ishiitti gammachuudhaan argisiisaa jirti. 3. Obboleettiin ishiin hin affeeramne Yihowaatti kadhannaa erga dhiheessitee booda xalayaa barreessaa jirti. Boodas biyya alaatti lallabaa fi hojii ijaarsaarratti hirmaachaa jirti.

Yihowaan kadhannaa keetiif deebii akka hin kennine yoo sitti dhagaʼame waaʼee wantoota kan biroo kadhadhu (Keeyyata 15 ilaali)f

15. Kadhannaa keenya balʼisnee dhiheessuun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

15 Gaaffiin sadaffaanimmoo, ‘Wanta kan biraa kadhachuun qabaa?’ kan jedhudha. Kadhannaa keenyarratti wanta barbaannu adda baasnee caqasuun keenya gaarii taʼus, yeroo tokko tokko garuu fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu akka dandeenyuuf kadhannaa keenya balʼisuun keenya gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waaʼee obboleettii qeenxee Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuuf kadhachaa turte sanaa yaadi. Iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluuf fedhii waan qabduuf, mana barumsaa kanarratti hirmaachuu barbaaddee turte. Mana barumsaa kanarratti akka affeeramtu akka ishii gargaaru Yihowaa kadhachuu ishii kan itti fuftu taʼus, carraawwan tajaajila ishii balʼifachuu itti dandeessu adda baafachuuf akka ishii gargaarus kadhachuu ni dandeessi. (HoE. 16:9, 10) Achiis gumii isaanitti dhihoo jiru keessatti qajeelchitoonni dabalataa kan barbaachisan yoo taʼe daawwataa olaanaa aanaa ishii gaafachuudhaan tarkaanfii kadhannaa ishii wajjin wal simu fudhachuu dandeessi. Yookiinimmoo waajjira dameetti barreessuudhaan iddoon babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan eessa akka taʼe gaafachuu dandeessi.e

16. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

16 Akkuma olitti ilaalle Yihowaan karaa jaalalarratti hundaaʼee fi sirrii taʼeen kadhannaa keenyaaf deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 4:3; Isa. 30:18) Yeroo tokko tokko deebii eegne argachuu dhiisuu dandeenya. Taʼus, Yihowaan kadhannaa dhiheessinu matumaa hin dagatu. Inni baayʼee nu jaallata. Matumaas nu hin dhiisu. (Far. 9:10) Kanaafuu, kadhannaadhaan garaa kee isaaf banuudhaan “yeroo hundumaa isatti [amanamuu]” kee itti fufi.—Far. 62:8.

KADHANNAA KEENYA ILAALCHISEE, . . .

  • Yihowaarraa maal eeguu dandeenya?

  • Yihowaan nurraa maal eega?

  • wanta gaafannu tokko tokkorratti sirreeffama gochuun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi?

FAARFANNAA 43 Kadhannaa Galataa

a Mata dureen kun Yihowaan yeroo hundumaa karaa jaalalarratti hundaaʼee fi sirrii taʼeen kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ibsa.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2022 irraa mata duree, “Yihowaan Yeroo Hunda Wanta Sirrii Akka Raawwatu ni Amantaa?” jedhu jalaa key. 3-6 ilaali.

d Yihowaan qorumsa cimaa dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf jw.org irraa viidiyoo Kadhannaan Rakkina Dandamachuuf Nu Gargaara jedhamu ilaali.

e Naannoo waajjira damee kan biraatti tajaajiluu ilaalchisee qajeelfama argachuuf kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu boq. 10, key. 6-9 ilaali.

f IBSA FAKKII: Obboleettonni lama foormii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa guutuu isaanii dura kadhachaa jiru. Boodas, ishiin tokko kan affeeramte taʼus, ishiin tokko garuu hin affeeramne. Obboleettiin hin affeeramne kanatti baayʼee gadduu mannaa carraa tajaajila ishii balʼifachuu itti dandeessu kan biraa adda baafachuuf akka ishii gargaaru Yihowaa kadhachaa jirti. Achiis xalayaa iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluu akka barbaaddu ibsu waajjira dameef barreessite.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi