SEENAA JIREENYAA
Yihowaatti Amanamuudhaan Nagaa Dhugaa Argachuu Dandaʼeera
NAMOONNI waaʼee jireenya kootii yeroo na gaafatan, yeroo baayʼee, “Ani shaanxaa harka Yihowaa jirudha!” jedheen deebisaaf. Akkuman shaanxaa koo bakkan barbaade fuudhee deemu, Yihowaa fi jaarmiyaan isaas yeroo barbaadanitti bakka barbaadan akka na geessan akkan barbaadu dubbachuu kooti. Ramaddii ulfaataa taʼe, yeroo tokko tokkommoo balaadhaaf nama saaxilu fudhadheera. Taʼus, nagaa dhugaa kan argamsiisu Yihowaatti amanamuu akka taʼe baradheera.
YIHOWAA BEEKUU FI ISATTI AMANAMUU
Bara 1948tti mandara xinnoo kibba dhiha Naayijeeriyaatti argamtu tokko keessattan dhaladhe. Yeroo sanatti wasiilli koo Mustaafaanii fi obboleessi koo angafaa Waahabiin cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii turan. Yeroo umuriin koo waggaa sagal turetti abbaan koo ni duʼe. Baayʼee gaddeen ture. Waahabiin abbaan koo yeroo duʼaa kaʼu isa arguu akka dandeenyu natti hime. Yaanni nama jajjabeessu kun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf na kakaase. Achiis bara 1963tti nan cuuphame. Obboloonni koo kan biroon sadiis ni cuuphaman.
Bara 1965tti obboleessa koo angafaa Wiilsan wajjin Leegos keessa jiraachuun jalqabe; achittis qajeelchitoota yeroo hundaa Gumii Igboobii keessa jiranitti baayʼee dhihaachuun jalqabe. Gammachuu fi hinaaffaan isaanii waan na kakaaseef, Amajjii 1968tti anis qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe.
Obboleessi Beetelitti tajaajiluu fi Albarti Olugbeebii jedhamu kaaba Naayijeeriyaatti qajeelchitoonni addaa akka barbaachisan nutti himuuf walgaʼii addaa tokko qopheesse. Obboleessi keenya Olugbeebiin, “Isin dargaggoota; yeroo fi humna keessan Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuu dandeessu. Hojiin hojjettan baayʼeetu jira” yeroo nuun jedhetti miira akkamiitiin dubbachaa akka ture ammayyuu nan yaadadha. Fakkeenya Isaayyaas raajichaa hordofuu waanan barbaadeef foormiin guute.—Isa. 6:8.
Caamsaa 1968tti qajeelchaa addaa taʼeen magaalaa Kaanoo ishii kaaba Naayijeeriyaatti argamtutti ramadame. Yeroo kanatti Waraanni Biyaafraan (1967-1970) geggeeffamaa ture. Waraanni kun kaaba Naayijeeriyaatti rakkina hedduu geessiseera, lubbuu namoota hedduus galaafateera; achiis gara baha Naayijeeriyaatti ceʼe. Obboleessi tokko miidhaan akka narra hin geenye waan sodaateef garas akkan hin deemne na amansiisuuf yaalee ture. Garuu ani akkanan jedheen: “Waan naa yaaddeef galatoomi. Yihowaan ramaddii kanarratti akkan isa tajaajilu yoo barbaade akka na wajjin taʼu hin shakku.”
NAANNOO WARAANAAN MIIDHAME KEESSATTI YIHOWAATTI AMANAMUU
Haalli Kaanoo keessa ture baayʼee nama gaddisiisa ture. Waraanni waliinii magaalaa guddoo kana baayʼee miidhee ture. Tajaajilarratti yeroo tokko tokko reeffa namoota lola kanaan ajjeefamanii ni argina turre. Magaalaa Kaanoo keessa gumiiwwan baayʼeen kan jiran taʼus, obboloonni hedduun garuu baqatanii turan. Babalʼistoonni magaalattii keessatti hafan 15 hin guutan turan; isaanis baayʼee sodaatanii fi abdii kutatanii turan. Obboloonni kun qajeelchitoonni addaa jaʼa yeroo achi geenyu baayʼee gammadan. Yeroo isaan jajjabeessinu tasgabbaaʼuu jalqaban. Sochiiwwan tajaajilaa isaaniitti akka deebiʼan, gabaasa tajaajilaa gara waajjira dameetti deebiʼanii erguu akka jalqabanii fi barreeffamoota akka ajajan isaan gargaarre.
Qajeelchitoonni addaa Afaan Haawusaa barachuu jalqabne. Namoonni naannichaa ergaa Mootummichaa afaan dhalootaa isaaniitiin yeroo itti himnu nu dhagaʼuu jalqaban. Haa taʼu malee, miseensonni amantaa naannichatti beekamu tokkoo hojii lallabaa keenyatti waan hin gammanneef baayʼee of eeggachuu qabna turre. Gaaf tokko namichi tokko anaa fi hiriyaa tajaajilaa koo cuupheedhaan ariʼee ture. Kan nama gammachiisu garuu, baayʼee waan fiigneef nu bira gaʼuu hin dandeenye! Balaa hedduun kan ture taʼus, Yihowaan ‘tasgabbiidhaan akka jiraannu’ nu gargaareera; lakkoofsi babalʼistootaas guddachuu jalqabe. (Far. 4:8) Yeroo ammaatti Kaanoo keessatti babalʼistoonni 500 ol taʼan gumiiwwan 11 keessatti tajaajilaa jiru.
NIIJARITTI MORMII DANDAMACHUU
Niyaamii, Niijar keessatti qajeelchaa addaa taʼee yeroon tajaajilu
Jiʼoota muraasaaf Kaanootti ergan tajaajilee booda Hagayya 1968tti qajeelchitoota addaa lama wajjin magaalaa guddoo Riippabliika Niijar kan taate Niyaamiitti ramadamne. Utuma baayʼee hin turin Niijar ishiin Dhiha Afrikaatti argamtu naannoowwan garmalee hoʼan keessaa tokko akka taate hubanne. Hoʼa isaa dandamachaa afaan hojii biyyattii kan taʼe Afaan Faransaayi barachuu qabna turre. Haalawwan rakkisoon kun jiraatanis Yihowaatti amanamuudhaan babalʼistoota muraasa achi jiran wajjin magaalaa guddoo keessatti lallabuu jalqabne. Yeroo gabaabaa keessatti namni Niyaamii keessa jiraatuu fi dubbisuu dandaʼu hundi jechuun ni dandaʼama kitaaba Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaruu fi Dhugaa Gara Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamu argachuu dandaʼeera. Namoonni kitaaba kana argachuuf nu barbaacha dhufanillee jiru turan.
Utuma baayʼee hin turin abbootiin taayitaa naannichaa Dhugaa Baatota Yihowaa akka hin jaallanne hubanne. Adoolessa 1969tti biyyattii keessatti walgaʼii aanaa isa jalqabaa godhachuuf gara namoota 20 taanee walitti qabamnee turre. Babalʼistoonni lama akka cuuphaman eegaa turre. Haa taʼu malee, guyyaa jalqabaatti poolisoonni dhufanii saganticha dhaabsisan. Qajeelchitoota addaa fi daawwataa olaanaa gara buufata poolisiitti geessan. Erga nu qoratanii booda guyyaa itti aanutti deebinee akka dhufnu nu ajajan. Abbootiin taayitaa rakkina uumuu akka dandaʼan waan hubanneef, haasaan cuuphaa mana dhuunfaa keessatti akka dhihaatu qophii goone; achiis kaadhimamtoonni dhoksaadhaan laga keessatti akka cuuphaman goone.
Torban muraasa booda mootummaan anii fi qajeelchitoota addaa kan biroon shan biyyattii keessaa akka baanu nu ajaje. Saʼaatii 48 keessatti biyyattii gadhiisnee akka deemnu nutti himan; biyyattii keessaa baʼuuf mala mataa keenyaatti fayyadamuu qabna turre. Nutis tole jennee kallattiidhaan gara waajjira damee Naayijeeriyaa deemne; achittis ramaddii haaraan nuuf kenname.
Mandara Orisuunbaarii jedhamtuu fi Naayijeeriyaatti argamtu tokkottan ramadame; achitti babalʼistoota naannichaa muraasaa wajjin gammachuudhaan tajaajilaan ture; namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnus qabna turre. Jiʼa jaʼa booda garuu, waajjirri damee kophaa koo gara Niijaritti akkan deebiʼu na gaafate. Jalqabarratti baayʼee naʼee kanan ture taʼus, obboloota Niijar keessa jiran wajjin wal arguuf hawween ture.
Gara Niyaamiittin deebiʼe. Achi gaʼee borumtaa isaatti daldalaan Naayijeeriyaa tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo hubatee waaʼee Kitaaba Qulqulluu gaaffii na gaafachuu jalqabe. Erga waliin qoʼachuu jalqabnee boodas sijaaraa xuuxuu fi garmalee dhuguu isaa dhiisee cuuphame. Obboloota kutaa biyyattii garaa garaatti argaman wajjin tajaajiluu fi namoonni naannichaa waggoota hedduu keessatti dhugaa kan fudhatan akkamitti akka taʼe arguun koo na gammachiiseera. Yeroon jalqaba achi deemetti biyyattii keessa Dhugaa Baatonni jiran 31 turan; yeroon achii baʼettimmoo 69 turan.
“WAAʼEE HOJII MOOTUMMICHAA GIINII KEESSATTI HOJJETAMAA JIRUU BAAYʼEE HIN BEEKNU”
Dhuma bara 1977tti leenjii argachuuf gara Naayijeeriyaattin deebiʼe. Koorsiin torban sadii erga naaf kennamee booda, dhumarratti qindeessaa Koree Waajjira Damee kan taʼe obboleessi keenya Maakoolmi Viigoon xalayaa waajjira damee Seeraa Liyoonirraa ergame akkan dubbisu natti kenne. Obboloonni qajeelchaa qeenxee fayya buleessa Ingiliffaa fi Afaan Faransaayi dubbachuu dandaʼuu fi Giinii keessatti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajilu barbaadaa turan. Obboleessi keenya Viigoon hojii kanaaf leenjiʼaa akkan ture natti hime. Ramaddiin kun salphaa akka hin taane cimsee naaf ibse. “Ramaddii kana fudhachuu kee dura irratti yaadi” jedhee na gorse. Anis yeruma sana, “Kan na erge Yihowaa waan taʼeef nan deema” jedheen isaaf deebise.
Xiyyaaraan gara Seeraa Liyoon deemeen obboloota waajjira damee keessa jiran wajjin wal arge. Miseensi Koree Waajjira Damee tokko, “Waaʼee hojii Mootummichaa Giinii keessatti hojjetamaa jiruu baayʼee hin beeknu” naan jedhe. Hojii lallabaa Giinii keessatti hojjetamu kan toʼatu waajjira damee kana taʼus, rakkina siyaasaa achi jiruun kan kaʼe babalʼistoota biyyattii wajjin wal qunnamuu hin dandeenye. Obboloonni waajjira damee kana keessa jiran obboleessa obboloota biyyattii keessa jiran daawwatu erguuf yeroo garaa garaatti kan yaalan taʼus isaaniif hin milkoofne. Kanaafuu, gara Konaakrii ishii magaalaa guddoo Giinii taatee deemuudhaan achi jiraachuuf heyyama argachuuf akkan yaalun gaafatame.
“Kan na erge Yihowaa waan taʼeef nan deema”
Konaakrii yeroon gaʼu gara iimbaasii Naayijeeriyaa deemeen ambaasaaddara Naayijeeriyaa wajjin wal arge. Achiis Giinii keessatti lallabuu akkan barbaadun itti hime. Innis qabamuu ykn miidhaan narra gaʼuu waan dandaʼuuf achi akkan hin turre na jajjabeesse. “Gara Naayijeeriyaa deebiʼii achitti lallabi” yeroo naan jedhu, animmoo, “As turuuf murteesseeran” isaan jedhe. Kanaafuu, Ministeera Dhimma Keessaa Giiniitiif xalayaa barreessee akka na gargaaran gaafate; ministeerichis na gargaare.
Utuma baayʼee hin turin gara waajjira damee Seeraa Liyoonitti deebiʼeen murtoo ministeerichaa obbolootatti hime. Obboloonni Yihowaan imala koo akkamitti akka naaf eebbise yeroo dhagaʼan gammachuudhaan iyyan. Giinii keessa jiraachuuf heyyaman argadhe.
Seeraa Liyoon keessatti hojii aanaa yeroon hojjedhu
Bara 1978 hanga 1989 keessatti Giinii fi Seeraa Liyoon keessatti hojii aanaa hojjedheera, Laayibeeriyaa keessattimmoo bakka buʼaa ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajileera. Jalqabarratti, yeroo baayʼee na dhukkuba ture. Yeroo tokko tokko kan na dhukkubu naannoowwan fagaatanii argamanittidha. Taʼus, obboloonni hospitaala na geessuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu turan.
Yeroo tokko busaa cimaanii fi maagaan na qabatee ture. Boodas yeroon bayyanadhu obboloonni eessatti akka na awwaalan mariʼachaa akka turanin hubadhe. Wantoonni lubbuu koo balaadhaaf saaxilan akkasii jiraatanis ramaddii koo dhiisee deemuuf matumaa yaadee hin beeku. Nagaa dhugaanii fi itti fufiinsa qabu kan argamu Waaqa namoota duʼan duʼaa kaasuu dandaʼurraa akka taʼe mirkanaaʼaan ture.
ANII FI HAATI MANAA KOO YIHOWAATTI AMANAMNEERRA
Guyyaa cidha keenyaa, bara 1988
Bara 1988tti qajeelchituu Doorqaas jedhamtu wajjin wal barre; Doorqaas obboleettii baayʼee gad of qabduu fi nama hafuuraati. Gaaʼela erga dhaabbannee boodas hojii daawwannaa wajjin hojjechuu keenya itti fufne. Doorqaas ramaddii keenyarratti na wajjin jabaattee hojjetteetti; Yihowaadhaaf jettees aarsaa hedduu kaffalteetti. Waliin taanee gumii tokkoo gara gumii kan biraatti yeroo imallu baʼaa keenya baannee hanga kiilomeetira 25 miilaan deemna turre. Gumiiwwan kana caalaa fagaatanii jiran deemuufimmoo geejjiba argannu kamittiyyuu ni fayyadamna turre; karaan isaa dhoqqaaʼaa fi boolla hedduu kan qabudha.
Doorqaas baayʼee ija jabeettiidha. Yeroo tokko tokko bishaan naachi keessa guute ceʼuun nu barbaachisa ture. Yeroo tokko guyyaa shaniif imaluun nu barbaachisee ture; yeroo sanatti riqichi mukaa tokko cabee waan tureef laga ceʼuuf yabala fayyadamnee turre. Doorqaas yabala sanarraa buʼuuf yeroo kaatu bishaan keessatti kufte. Lamaan keenyayyuu daakuu hin dandeenyu; lagicha keessammoo naacha hedduutu jira ture. Kan nama gammachiisu, dargaggoonni muraasni dhufanii bishaanicha keessaa ishii baasan. Yeroo muraasaaf haalli kun abjuudhaanillee nu dhiphisa ture; taʼus, ramaddii keenyatti itti fufneerra.
Ijoolleen keenya Jaahgiiftii fi Eeriik kennaa Yihowaa biraa argannedha
Jalqaba bara 1992tti Doorqaas akka ulfoofte yeroo beeknu baayʼee naanee turre. Yeroo kanatti qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluu keenya itti fufuuf ykn dhiisuuf murteessuun nu barbaachisee ture. “Yihowaan kennaa nuu kenneera” jennee yaanne. Kanaafuu, intala teenya Jaahgiifti (Ingiliffaan “Kennaa Yaah” jechuudha) jennee moggaasuuf murteessine. Jaahgiifti dhalattee waggaa afur boodammoo obboleessi ishii Eeriik ni dhalate. Ijoolleen keenya lamaanuu dhuguma kennaa Yihowaa biraa argannedha. Jaahgiifti yeroo muraasaaf waajjira hiikkaa fagoo Konaakriitti argamu keessatti tajaajilteetti, Eeriikimmoo tajaajilaa gumiiti.
Doorqaas yeroo booda qajeelchituu addaa taatee tajaajiluu kan dhaabde taʼus, utuma ijoollee guddistuu qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiluu ishii itti fufuu dandeesseetti. Ani gargaarsa Yihowaatiin tajaajila yeroo guutuu addaa keessatti itti fufuu dandaʼeera. Ijoolleen keenya erga guddatanii booda Doorqaas deebitee qajeelchituu addaa taatee tajaajiluu jalqabde. Amma lamaan keenyayyuu Konaakrii keessatti misiyoonota dirree taanee tajaajilaa jirra.
MADDA NAGAA DHUGAA
Yeroo hunda bakka Yihowaan na ergu hundumaa nan deeman ture. Anii fi haati manaa koo eegumsaa fi eebba isaa yeroo baayʼee argineerra. Yihowaatti amanamuun keenya dhiphina namoota qabeenyatti amanamanirra gaʼurraa nu oolcheera. Anii fi Doorqaas Maddi nagaa dhugaa “Waaqa fayyinaa keenya” Yihowaa akka taʼe muuxannoo keenyarraa baranneerra. (1 Sen. 16:35) Lubbuun namoota isatti amanaman hundaa “korojoo jireenyaa keessatti of eeggannoodhaan maramee Waaqa [keenya] Yihowaa bira” akka taaʼu mirkanaaʼoodha.—1 Sam. 25:29.