LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 10 ful. 105-115
  • Karaawwan Tajaajila Kee Itti Balʼifattu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaawwan Tajaajila Kee Itti Balʼifattu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BABALʼISAA GUMII TAʼANII TAJAAJILUU
  • BAKKA GARGAARSI CAALAATTI BARBAACHISUTTI TAJAAJILUU
  • AFAAN KAN BIRAATIIN LALLABUU
  • TAJAAJILA QAJEELCHAA
  • MISIYOONOTA DIRREE IRRA TAJAAJILAN
  • HOJII AANAA
  • MANNEEN BARUMSAA TIʼOOKRAASII
  • TAJAAJILA BEETEL
  • TAJAAJILA HOJII IJAARSAA
  • GALMAWWAN HAFUURAA AKKAMII QABDA?
  • Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Dargaggootaa —Jireenya Keessanitti Maal Gochuu Yaaddu?
    Dargaggootaa—Jireenya Keessanitti Maal Gochuu Barbaaddu?
  • Manneen Barnootaa Tiʼookraasii Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Mulʼisan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 10 ful. 105-115

BOQONNAA 10

Karaawwan Tajaajila Kee Itti Balʼifattu

YESUUS barattoonni isaa waaʼee Mootummichaa akka labsaniif yommuu ergetti, “Hojiin makarichaa guddaa dha; hojjettoonni garuu muraasa” isaaniin jedhee ture. Hojiin hojjetamu hedduu waan taʼeef itti dabaluudhaan, “Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa” jedheera. (Mat. 9:37, 38) Yesuus barattoonni isaa tajaajila isaanii akkamitti akka raawwatan isaanitti himeera. “Hanga Ilmi namaa dhufutti matumaa magaalotaa fi gandeen Israaʼel waliin hin geessan” jechuudhaan hojichi ariifachiisaa taʼuu isaa ibseera.—Mat. 10:23.

2 Yeroo harʼaattis hojiin lallabaa hojjetamu hedduun jira. Misiraachoon Mootummichaa dhumni dhufuu isaa dura lallabamuu qaba; yeroon hafe immoo baayʼee gabaabaa dha. (Mar. 13:10) Bakki itti lallabnu addunyaa waan taʼeef, haalli Yesuusii fi barattoota isaa mudate nuunis nu mudata; taʼus balʼinni hojichaa kan isaanii irra ni caala. Namoota addunyaa biliyoonaan lakkaaʼamanii wajjin yommuu walbira qabamnu lakkoofsi keenya muraasa taʼus, Yihowaan akka nu gargaaru mirkanaaʼoo dha. Misiraachoon Mootummichaa addunyaa maratti ni lallabama; yeroo Yihowaan murteessettis dhumni ni dhufa. Maarree tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa ni kenninaa? Kana galmaan gaʼuuf hoo galmawwan tiʼookraasii akkamii baafachuu dandeenya?

3 Wanta Yihowaan tajaajiltoota isaa isaaf of murteessan irraa barbaadu ilaalchisee Yesuus akkana jedheera: “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.” (Mar. 12:30) Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon akka tajaajillu nu irraa eegama. Kana jechuun tajaajila Yihowaa keessatti wanta nuuf dandaʼame hunda gochuudhaan guutummaatti akka isaaf bullee fi garaadhaa akka isaaf of murteessine argisiisna jechuu dha. (2 Xim. 2:15) Haalaa fi dandeettii keenya irratti hundaaʼuudhaan tokkoon tokkoon keenyaaf carraan baname jira. Mee carraawwan kana keessaa tokko tokko haa ilaallu; achiis tajaajila kee guutummaatti raawwachuuf galmawwan tiʼookraasii baafachuu dandeessu murteessuu dandeessa.

BABALʼISAA GUMII TAʼANII TAJAAJILUU

4 Namoonni dhugaa fudhatan hundi misiraachicha lallabuuf mirga argataniiru. Hojiin Yesuus barattoota isaatiif kenne inni guddaan kana dha. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Barataan Yesuus tokko misiraachoo dhagaʼe yeruma sana warra kaanitti himuu jalqaba. Indiriyaas, Filiphoos, Qorneelewosii fi warri kaanis akkasuma godhaniiru. (Yoh. 1:40, 41, 43-45; HoE. 10:1, 2, 24; 16:14, 15, 25-34) Kana jechuun namni tokko cuuphamuu isaa dura iyyuu misiraachicha warra kaanitti himuu dandaʼa jechuu dhaa? Eeyyee! Namni tokko akkuma gumii keessatti babalʼisaa hin cuuphamne taʼuuf gaʼumsa qabaateen manaa gara manaa deemee lallabuuf mirga argata. Kana malees, akkuma dandeettii fi haala isaatti bifa tajaajilaa kan biraa irratti hirmaachuu dandaʼa.

5 Babalʼisaan tokko erga cuuphamee booda warri kaan misiraachicha akka dhagaʼaniif wanta isaaf dandaʼame hunda akka godhu hin shakkisiisu. Dhiironnis taʼan dubartoonni hojii lallabaa irratti hirmaachuuf mirga qabu. Fedhii Mootummichaa babalʼisuu irratti gumaacha xinnoo gochuu dandaʼuun keenya illee mirga guddaa dha. Namni bifa tajaajilaa kan biraa irratti hirmaachuudhaan tajaajila isaa balʼifachuu barbaadu kam iyyuu gammachuu guddaa argata.

BAKKA GARGAARSI CAALAATTI BARBAACHISUTTI TAJAAJILUU

6 Tarii naannoon tajaajilaa gumii kee irra deddeebiʼamee kan hojjetamee fi balʼinaan kan dhugaan itti baʼame taʼuu dandaʼa. Taanaan bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtee tajaajila kee balʼifachuu akka dandeessu sitti dhagaʼama taʼa. (HoE. 16:9) Jaarsa ykn tajaajilaa gumii yoo taate immoo gumiin gargaarsa kee barbaadu kan biraa jira taʼa. Ilaaltuun ol aanaa aanaa kee gumii kan biraa aanicha keessa jiru akkamitti gargaaruu akka dandeessu yaada sii kennuu dandaʼa. Biyyuma kee keessa taʼee naannoo biraatti tajaajiluu yoo barbaadde immoo waajjirri damee odeeffannoo si gargaaru sii kennuu dandaʼa.

7 Biyya alaatti tajaajiluu barbaaddaa? Taanaan dhimma kana irratti of eeggannoodhaan yaaduun si barbaachisa. Jaarsolii gumii kee wajjin dhimma kana irratti maaliif hin mariʼattan? Murtoon akkasii sii fi nama sii wajjin bakka sana deemu irratti dhiibbaa akka geessisu beekamaa dha. (Luq. 14:28) Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf tajaajiluuf karoora hin qabdu taanaan naannoodhuma biyya kee keessa jiru tokkotti tajaajiluun gaarii taʼuu dandaʼa.

8 Biyyoota tokko tokkotti obboloonni ilaaltuu ol aanaa taʼanii tajaajilan hamma tokko dhugaadhaaf haaraa taʼuu dandaʼu. Obboloonni biyyoota kanaa amala gad of qabuu qaban, jaarsoliin muuxannoo qabanii fi gara gumii isaanii dhufan dursa fudhatanii akka geggeessan godhu. Jaarsa biyyoota akkasii deemtee tajaajiluuf yaadaa jirtu yoo taate, kaayyoon kee obboloota gumii sanaa bakka buutee tajaajiluu akka hin taane yaadadhu. Kanaa mannaa, kaayyoon kee isaanii wajjin tajaajiluu taʼuu qaba. Ulaagaalee isaa guutuuf akka carraaqanii fi itti gaafatamummaa gumii akka fudhatan jajjabeessi. (1 Xim. 3:1) Akkaataan wantoonni tokko tokko itti hojjetaman karaa ati biyya keetti beektu irraa adda yoo taʼan obsa qabaadhu. Muuxannoo jaarsa taʼuudhaan argatte obboloota gargaaruuf itti fayyadami. Akkas gochuun kee gara biyya keetti yoo deebite illee jaarsoliin gumichaa gumicha akka gaariitti geggeessuu dandaʼu.

9 Waajjirri damee maqaa gumiiwwan gargaarsa kee barbaadanii sii kennuu isaa dura Koreen Tajaajilaa Gumii kee xalayaa deggersaa sii barreessuu qaba. Jaarsa, tajaajilaa gumii, qajeelchaas taate babalʼisaa, xalayaan deggersaa kun sii barreeffamuu qaba. Koreen tajaajilaa xalayaa deggersaa fi foormii guutte waajjira damee biyya ati tajaajiluu barbaaddu sana jirutti erga.

AFAAN KAN BIRAATIIN LALLABUU

10 Tajaajila kee balʼifachuuf afaan mallattoo dabalatee afaan kan biraa barachuu barbaadda taʼa. Afaan kan biraa barattee lallabuuf galma qabda yoo taʼe, jaarsolii fi ilaaltuu ol aanaa aanaa maaliif hin mariisistu? Yaadaa fi jajjabina si barbaachisu siif kennuu dandaʼu. Qajeelfama waajjirri damee kennuun aanaawwan tokko tokko babalʼistootaa fi qajeelchitoota afaan kan biraatiin lallabuu barbaadan, afaanicha barsiisuuf qophii gochuu dandaʼu.

TAJAAJILA QAJEELCHAA

11 Babalʼistoonni hundi qajeelchaa gargaaraa, qajeelchaa yeroo hundaa fi qajeelchaa addaa dabalatee ulaagaalee tajaajila yeroo guutuu kan birootiif barbaachisan beekuu qabu. Babalʼisaan qajeelchaa taʼuu barbaadu tokko Kiristiyaana cuuphamee fi fakkeenya taʼu, akkasumas haalli isaa tajaajila irratti saʼaatii barbaadamu dabarsuuf kan isa dandeessisu taʼuu qaba. Foormii qajeelchaa gargaaraa fi qajeelchaa yeroo hundaa kan raggaasisu koree tajaajilaa gumii ti; qajeelchaan addaa immoo waajjira dameetiin muudama.

12 Babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼuu barbaadan akkuma haala isaaniitti yoo xiqqaate jiʼa tokkoof, jiʼoota walitti aanan muraasaaf ykn yeroo hin murtoofneef muudamuu dandaʼu. Babalʼistoonni Mootummichaa hedduun yeroowwan adda taʼanitti jechuunis tibba Ayyaana Yaadannootti ykn jiʼa ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii isaanii daawwatutti qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilu. Tokko tokko immoo jiʼoota boqonnaa baʼanitti fayyadamu. Babalʼistoonni barattoota taʼan yeroo manni barumsaa isaanii cufamutti qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajiluu barbaadu taʼa. Babalʼistoonni yeroo saʼaatiin isaan irraa barbaadamu hirʼatutti, jechuunis jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti, akkasumas jiʼa ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii isaanii daawwatutti qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajiluu filachuu dandaʼu. Haalli kee maal iyyuu yoo taʼe naamusaa fi barsiifata gaarii kan qabdu, saʼaatii si irraa barbaadamu guutuu kan dandeessuu fi jiʼa tokko ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu akka dandeessu kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe jaarsoliin foormii mirga kana argachuuf guutte ilaaluuf fedhii qabu.

13 Qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf haalli keessa jirtu saʼaatii waggaatti si irraa barbaadamu guutuuf kan si dandeessisu taʼuu qaba. Qajeelchaa yeroo hundaa yeroo taatu gumii kee wajjin walitti dhihaattee hojjechuun kee barbaachisaa dha. Qajeelchitoonni hinaaffaa qaban warri kaan tajaajilaaf hinaaffaa akka qabaatanii fi qajeelchitoota akka taʼan illee jajjabeessuudhaan gumichaaf eebba taʼu. Haa taʼu malee, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf foormii guutuu kee dura babalʼisaa fakkeenya taatee fi yoo xinnaate erga cuuphamtee jiʼa jaʼa kan guutte taʼuu qabda.

14 Qajeelchitoonni addaa yeroo baayʼee qajeelchitoota yeroo hundaa tajaajila isaanii irratti buʼa qabeeyyii taʼan keessaa filatamu. Bakka waajjirri damee isaan ramadu kamitti iyyuu tajaajiluu kan dandaʼan taʼuu qabu. Yeroo baayʼee kan ramadaman bakka fagoo namoota fedhii qaban argachuu fi gumii haaraa hundeessuu dandaʼanitti dha. Yeroo tokko tokko qajeelchitoonni addaa gumiiwwan naannoo tajaajilaa isaanii waliin gaʼuu irratti gargaarsa barbaadanitti ramadamu. Qajeelchitoonni addaa jaarsolii taʼan tokko tokko immoo tajaajila irratti namni dabalataa barbaachisuu baatus gumiiwwan xixinnoo taʼan akka gargaaran ramadamuu dandaʼu. Qajeelchitoonni addaa wanta jireenyaaf isaan barbaachisuuf maallaqni murtaaʼe isaaniif kennama. Qajeelchitoonni addaa tokko tokko yeroo gabaabaaf muudamu.

MISIYOONOTA DIRREE IRRA TAJAAJILAN

15 Koreen Tajaajilaa Qaama Ol Aanaa misiyoonota dirree irra tajaajilan muuda; waajjirri damee biyya sanaa immoo naannoo namoonni baayʼeen jiranitti isaan ramada. Misiyoononni kun hojii lallabaa irratti, akkasumas gumii cimsuu fi jajjabeessuu irratti gaʼee guddaa qabu. Yeroo baayʼee misiyoononni dirree irra tajaajilan Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatti leenjiʼu. Manni jireenyaa isaaniif kennama, akkasumas wanta jireenyaaf isaan barbaachisuuf maallaqni murtaaʼaan isaaniif kennama.

HOJII AANAA

16 Obboloonni ilaaltota ol aanaa aanaa taʼuuf Qaama Ol Aanaadhaan muudaman, jalqaba bakka buʼoota ilaaltota ol aanaa aanaa taʼanii tajaajiluudhaan leenjii fi muuxannoo argatu. Obboloonni kun tajaajilaa fi obboloota isaanii ni jaallatu. Qajeelchitoota hinaaffaa qabani dha, Kitaaba Qulqulluu dhimmanii qoʼatu, haasaa dhiheessuu fi barsiisuu irrattis dandeettii qabu. Firii hafuuraa argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼu, akkasumas madaallii isaanii eeggatu, sababa qabeeyyii fi hubatoo dha. Obboleessi tokko kan fuudhe yoo taʼe, haati manaa isaa ishiin qajeelchituu taate amala ishii fi hariiroo warra kaanii wajjin qabduun fakkeenya gaarii taati. Lallaba irratti buʼa qabeettii dha. Kana malees, abbaa manaa ishiitiif bitamuu akka qabdu beekti; isa bakka buutee hin dubbattu ykn ishiidhumti qofti dubbachuuf hin yaaltu. Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi haadhotiin manaa isaanii hojii ulfaataa waan hojjetaniif, namoonni tajaajila akkasiitiif carraaqan fayya buleeyyii taʼuu qabu. Qajeelchitoonni ilaaltota ol aanaa aanaa taʼuuf hin gaafatan. Kanaa mannaa, fedhii akkasii akka qaban ilaaltuu ol aanaa aanaa isaaniitti himu; inni immoo yaadawwan tokko tokko isaaniif kenna.

MANNEEN BARUMSAA TIʼOOKRAASII

17 Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa: Naannoowwan tajaajilaa baayʼinaan hin hojjetamne waliin gaʼuu fi gumiiwwaniif gargaarsa hafuuraa kennuuf labsitoonni Wangeela Mootummichaa dabalataa ni barbaachisu. Kanaafuu, obboloonnii fi obboleettonni qeenxee taʼan akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa leenjii addaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatti kennamu fudhachuuf foormii guutuu dandaʼu. Barattoonni kun erga eebbifamanii booda biyyuma isaanii keessatti bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii akka tajaajilan ergamu. Haa taʼu malee, warri hojii kanaaf of dhiheessuu dandaʼan biyya isaanii keessatti ykn biyya alaatti ramaddii kan biraan isaaniif kennamuu dandaʼa. Muraasni immoo yeroo gabaabaaf ykn dhaabbataadhaan qajeelchitoota addaa taʼaanii ramadamuu dandaʼu. Qajeelchitoonni mana barumsaa kana galanii barachuu barbaadan, walgaʼii yeroo walgaʼii naannootti kaayyoo kanaaf qophaaʼu irratti argamuudhaan ulaagaalee guutuu qaban beekuu dandaʼu.

18 Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad: Obboloonnii fi obboleettonni qeenxee, akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa mana barumsaa kana irratti akka hirmaatan filataman Afaan Ingiliffaa dubbachuu kan dandaʼanii fi tajaajila yeroo guutuu addaa keessa kan jiran taʼuu qabu. Obboloonni kun hojii tajaajila irrattis taʼe waajjira damee keessatti hojjetamu cimsuu fi qindeessuu irratti gumaacha guddaa gochuu dandaʼu. Obboloota isaanii tajaajiluu akka jaallatan argisiisaniiru; kanaafuu, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi tiʼookraasii akka baratanii fi cimsanii akka hordofan gaarummaadhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Koreen waajjira damee biyya isaanii barattoonni gaʼumsa qaban foormii akka guutan affeera. Barattoonni mana barumsaa kana irraa eebbifamanii baʼan biyya alaatti ykn biyya isaanii keessatti tajaajila dirree irratti ykn waajjira damee keessatti ramadamu.

TAJAAJILA BEETEL

19 Beetelitti tajaajiluun mirga addaa ti. Beetel jechuun “Mana Waaqayyoo” jechuu dha; kunis wiirtuu sochiin tiʼookraasii itti hojjetamu kanaaf maqaa sirrii dha. Obboloonnii fi obboleettonni Beetel keessatti tajaajilan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu, hiikuu fi raabsuu irratti gaʼee guddaa qabu. Tajaajilli isaanii Qaama Ol Aanaa isa gumiiwwan addunyaa maratti argaman hordofuu fi qajeelfama kennuuf gumaacha guddaa godha. Miseensonni Beetel hojii hiikkaa hojjetan hedduun kan jiraatanii fi kan hojjetan naannoo waajjira damee afaan isaan hiikan dubbatamutti dha. Kunis namoonni afaanicha yommuu dubbatan dhagaʼuuf isaan gargaara. Kana malees, barreeffamoota afaanichaan hiikan sana namoonni hubachuu fi dhiisuu isaanii ofuma isaaniitiin adda baafachuuf isaan gargaara.

20 Hojiin Beetelitti hojjetamu hedduun cimina qaamaa barbaada. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee obboloonni Beetelitti waamaman dargaggoota Yihowaaf of murteessanii cuuphaman, fayya buleeyyii fi cimina qaamaa qabani dha. Waajjirri damee biyyi kee jala jiru gargaarsa kan barbaaduu fi Beetel galtee tajaajiluu kan barbaaddu yoo taʼe, ulaagaalee si irraa barbaadaman jaarsolii gumii kee gaafachuu dandeessa.

TAJAAJILA HOJII IJAARSAA

21 Ijaarsi gamoowwan tiʼookraasii tajaajila qulqulluu keessaa tokko yeroo taʼu, hojii mana qulqullummaa Solomoon ijaaruuf hojjetamee wajjin wal fakkaata. (1 Mot. 8:13-18) Obboloonnii fi obboleettonni hedduun hojii kana irratti hirmaachuuf jecha yeroo fi qabeenya isaanii fedhiidhaan kennuu irratti hinaaffaa guddaa argisiisaniiru.

22 Atoo gargaarsa gochuu ni dandeessaa? Babalʼisaa cuuphamtee fi hojii akkasii irratti hirmaachuuf fedhii qabdu yoo taate, obboloonni hojii ijaarsaa naannoo keetti hojjetamu ol aantummaadhaan toʼatan gargaarsa ati gootu ni dinqisiifatu; ogummaan ati qabdu muraasa yoo taʼe illee si leenjisuuf fedhii qabu. Hojii kana irratti hirmaachuu akka barbaaddu jaarsolii gumii keetti maaliif hin himtu? Babalʼistoonni cuuphamanii fi gaʼumsa qaban tokko tokko hojiiwwan ijaarsaa tiʼookraasii biyyoota alaatti hojjetaman irratti illee hirmaachuu ni dandaʼu.

23 Hojii ijaarsaa irratti hirmaachuuf carraa hedduun jira. Babalʼistoonni cuuphamanii fi fakkeenya taʼan, akkasumas ogummaa muraasa qaban, pirojeektota naannoo isaanii jiran gargaaruu dandaʼan tajaajiltoota fedhaa Diizaayinii fi Ijaarsa Naannoo taʼanii tajaajiluu dandaʼu. Warri kaan immoo pirojeektota fagaatanii jiran irratti yeroo murtaaʼeef gargaarsa gochuu dandaʼu; yeroo akkasiitti waajjirri damee torban lamaa hanga jiʼa sadiitiif tajaajiltoota fedhaa hojii ijaarsaa taʼanii akka tajaajilan isaan muuda. Warri yeroo dheeraadhaaf akka tajaajilan muudaman tajaajiltoota hojii ijaarsaa jedhamu. Tajaajilaan hojii ijaarsaa biyya alaatti ramadamu immoo tajaajilaa hojii ijaarsaa biyya alaa jedhama. Gareen Hojii Ijaarsaa, tajaajiltoota hojii ijaarsaa fi tajaajiltoota fedhaa hojii ijaarsaa of keessatti qabate pirojeektota hundumaa irratti adda durummaadhaan hojjeta; tajaajiltoonni fedhaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo, akkasumas obboloonni gumii garaa garaa keessaa fedhiidhaan of dhiheessan immoo gargaarsa isaaniif godhu. Gareewwan hojii ijaarsaa kun naannoowwan waajjira damee jala jiranitti pirojeektii tokko yeroo xumuran pirojeektii kan biraatti ceʼu.

GALMAWWAN HAFUURAA AKKAMII QABDA?

24 Yihowaadhaaf kan of murteessite yoo taate, fedhiin kee bara baraaf Yihowaa tajaajiluu dha. Garuu galmawwan hafuuraa akkamii qabda? Galmawwan hafuuraa baafachuun kee humna kee fi wantoota qabdu kan biroo ogummaadhaan fayyadamuuf si gargaara. (1 Qor. 9:26) Galmawwan akkasii baafachuun kee guddina hafuuraa gochuuf si dandeessisa; akkasumas mirgawwan tajaajilaa dabalataa argachuuf yommuu carraaqxutti, wantoota barbaachisoo taʼan irratti xiyyeeffachuuf si gargaara.—Filp. 1:10; 1 Xim. 4:15, 16.

25 Phaawulos ergamaan tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼa. (1 Qor. 11:1) Inni tajaajila Yihowaatiif guutummaatti of kennee ture. Yihowaan carraawwan hedduu akka isaaf bane hubatee ture. Phaawulos obboloota Qorontos jiraniif, “Balballi hojii balʼaan naaf banameera” jedhee barreesseera. Nuufis balballi hojii balʼaan nuuf banameera mitii? Keessumaa misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti gumii wajjin taanee Yihowaa tajaajiluuf carraawwan hedduun nuuf banamaniiru. Garuu akkuma Phaawulos ‘balbala balʼaa’ sanaan ol seenuuf, ‘mormitoota hedduu’ wajjin qabsoo gochuu qabna. (1 Qor. 16:9) Phaawulos of adabuuf fedhii qaba ture. “Qaama koo haleeleen akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha” jechuu isaa qalbeeffadhu. (1 Qor. 9:24-27) Nuti hoo akkas gochuuf fedhii qabnaa?

Galmawwan hafuuraa baafachuun kee humna kee fi wantoota qabdu kan biroo ogummaadhaan fayyadamuuf si gargaara

26 Namni kam iyyuu haala isaa irratti hundaaʼuudhaan galmawwan tiʼookraasii irra gaʼuuf carraaqqii akka godhu jajjabeeffama. Obboloonni hedduun ijoollummaa isaaniitti galma hafuuraa waan baafataniif yeroo ammaatti tajaajila yeroo guutuu tokko irratti hirmaachuu dandaʼaniiru. Yeroo ijoollee turanitti warri isaanii fi namoonni kaan akkas akka godhan isaan jajjabeessaniiru. Kanaafuu, gaabbii tokko malee gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu dandaʼaniiru. (Fak. 10:22) Galmawwan baafachuu dandeenyu kan biroon immoo torban torbaniin tajaajila irratti hirmaachuu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu ykn walgaʼiiwwaniif qophaaʼuuf yeroo dabalataa ramaduu dha. Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe jabaannee dhaabbachuu fi tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu dha. Akkas yoo goone Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi galma keenya isa dhumaa irra gaʼuu, jechuunis bara baraaf isa tajaajiluu dandeenya.—Luq. 13:24; 1 Xim. 4:7b, 8.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi