LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 11 ful. 116-122
  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GALMA WALGAʼII
  • IJAARSA GALMA WALGAʼII
  • GALMAWWAN WALGAʼII GUGUDDAA
  • Kun Iddoo Waaqeffannaa Keenyaa Ti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Galma Mootummaa Keessaniif Kabaja Qabduu?
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Bakka Waaqeffannaa Keenya Akka Gaariitti Haaqabannu
    Tajaajila Mootummaa—2003
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 11 ful. 116-122

BOQONNAA 11

Qophii Iddoowwan Waaqeffannaatiif Godhame

WAAQEFFATTOONNI Yihowaa warri dhugaan barachuu fi wal jajjabeessuuf akka walitti qabaman ajajamaniiru. (Ibr. 10:23-25) Iddoon waaqeffannaa Israaʼelota saba Waaqayyoo warra filatamanii inni jalqabaa, ‘godoo qulqulluu, jechuunis dunkaana walgaʼii’ ture. (Bau. 39:32, 40) Yeroo booda, Solomoon ilmi Daawit, ulfina Waaqayyootiif mana ykn mana qulqullummaa ijaare. (1 Mot. 9:3) Manni qulqullummaa sun Dh.K.D. bara 607​tti erga balleeffamee booda immoo, Yihudoonni waaqeffannaaf gamoowwan mana sagadaa jedhamanitti walitti qabamu turan. Yeroo booda manni qulqullummaa sun deebiʼee ijaarame; achiis wiirtuu waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajiluu isaa itti fufe. Yesuus manneen sagadaa keessattis taʼe mana qulqullummaa keessatti barsiiseera. (Luq. 4:16; Yoh. 18:20) Gaara tokko irratti illee walgaʼii godheera.—Mat. 5:1–7:29.

2 Erga Yesuus duʼee booda, Kiristiyaanonni Kitaaba Qulqulluu barsiisuu fi obboloota isaanii wajjin wal arguuf bakka uummataaf banaa taʼee fi manneen dhuunfaatti walitti qabamu turan. (HoE. 19:8, 9; Rom. 16:3, 5; Qol. 4:15; Film. 2) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, namoonni isaan ariʼatan akka isaan hin arganneef, yeroo tokko tokko iddoowwan dhokataa taʼanitti walitti qabamuuf dirqamanii turan. Dhuguma iyyuu, tajaajiltoonni Yihowaa bara durii, ‘Yihowaa irraa barachuuf’ iddoo waaqeffannaatti walitti qabamuuf fedhii guddaa qabu turan.—Isa. 54:13.

3 Yeroo harʼaattis, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa, bakkawwan uummataaf banaa taʼanii fi manneen dhuunfaatti ni geggeeffamu. Yeroo baayʼee walgaʼiin tajaajila dirree manneen dhuunfaa keessatti godhama. Namoonni mana isaanii walgaʼiiwwan akkasiitiif heyyaman kana akka mirga guddaatti ilaalu. Obboloonni baayʼeen kaayyoo kanaaf mana isaanii kennuun isaanii karaa hafuuraa akka isaan fayyade isaanitti dhagaʼama.

GALMA WALGAʼII

4 Dhugaa Baatonni Yihowaa adda durummaadhaan Galma Walgaʼiitti walitti qabamu. Yeroo baayʼee lafti erga bitamee booda galmi haaraan ni ijaarama; ykn inni achi irratti ijaaramee ture ni haareffama. Baasii hirʼisuu fi gamoowwan keenyatti sirriitti fayyadamuuf, gumiiwwan hedduun hamma dandaʼametti Galma Walgaʼii tokkotti walitti qabamu. Iddoo tokko tokkotti immoo galma kireeffachuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Galmawwan Walgaʼii haaraa ijaaramanii fi warra haaromsi guddaan irratti godhame murteessuuf sagantaa qopheessuun barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, Galma Walgaʼii duraan ture irratti haaromsi godhame xinnoo yoo taʼe murteessuuf sagantaa qopheessuun hin barbaachisu.

5 Galmi Walgaʼii ijaaramu namoota ajaaʼibsiisuuf jecha garmalee kan faayame taʼuu hin qabu. Diizaayiniin Galma Walgaʼii bakkaa bakkatti garaa gara taʼus, yeroo hunda kaayyoon isaa mijataa akka taʼu gochuu dha. (HoE. 17:24) Naannoo sanaa wajjin haala walsimuun Galmi Walgaʼii walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa gochuuf mijataa taʼuu qaba.

6 Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundi suphaa dabalatee wantoota Galma Walgaʼii itti fayyadamaniif barbaachisaniif buusii godhu. Taʼus maallaqni hin sassaabamu ykn namoonni maallaqa akka kennan hin dirqisiifaman. Namoonni walgaʼicha irratti argaman baasii galma walgaʼichaatiif barbaachisuuf buusii gochuu akka dandaʼaniif saanduqni buusii qophaaʼe jira. Namoonni buusii kan godhan fedhii isaanii fi garaadhaa kakaʼanii ti.—2 Qor. 9:7.

7 Namoonni gumii keessa jiran hundi Galma Walgaʼii qarshiidhaan deggeruu, akkasumas qulqulleessuu fi haala gaariidhaan qabuu akka mirga guddaatti ilaalu. Hojii kana qindeessuuf yeroo baayʼee jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko ni ramadama. Yeroo baayʼee gareewwan tajaajilaa dabaree dabareedhaan qulqulleessu; kan qindeessu immoo ilaaltuu ol aanaa garee ykn gargaaraa isaa ti. Galmi Walgaʼii alli isaas taʼe keessi isaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa sirriitti kan bakka buʼu taʼuu qaba.

Namoonni gumii keessa jiran hundi Galma Walgaʼii qarshiidhaan deggeruu, akkasumas qulqulleessuu fi haala gaariidhaan qabuu akka mirga guddaatti ilaalu

8 Galma tokko keessatti gumiin tokkoo ol kan walitti qabamu yoo taʼe, jaarsoliin gumiiwwan sanaa Koree Kunuunsa Galma Walgaʼii tokko hundeessu; koreen sunis dhimmoota gamoo fi qabeenyaa wajjin wal qabatan hordofa. Qaamonni jaarsolii sanaa obboleessa qindeessaa koree sanaa taʼee hojjetu tokko filatu. Koreen kun qajeelfama qaama jaarsolii jala taʼee kan hojjetu yeroo taʼu, galmichi qulqulluu taʼuu isaa, haala gaariidhaan qabamuu isaa fi wantoonni galmichaaf barbaachisan haala gaʼaa taʼeen jiraachuu isaanii hordofa. Kana gochuuf gumiiwwan galma kanatti fayyadaman qindoominaan hojjechuu qabu.

9 Gumiiwwan hedduun Galma Walgaʼii tokkotti yeroo fayyadamanitti saʼaatii walgaʼii itti godhatan dabareedhaan jijjiiruu dandaʼu. Jaarsoliin yeroo sagantaa kana baasanitti walii yaaduu fi jaalala obbolummaa qabaachuu qabu. (Filp. 2:2-4; 1 Phe. 3:8) Gumiin tokko gumiiwwan kaan bakka buʼee murteessuu hin dandaʼu. Ilaaltuun ol aanaa aanaa gumiiwwan galma sana keessatti wal gaʼan keessaa tokko yeroo daawwatutti gumiiwwan hafan sagantaa walgaʼii isaanii torban sanaa akkuma haala isaatti sirreessu.

10 Galmi Walgaʼii heyyama Koree Tajaajilaa Gumiitiin sirna cidhaa fi awwaalchaatiif tajaajiluu dandaʼa. Jaarsoliin kun gaaffii isaaniif dhihaate of eeggannoodhaan erga ilaalanii booda qajeelfama waajjirri damee isaaniif kennu irratti hundaaʼanii murtoo godhu.

11 Namoonni kaayyoo kanaaf akka itti fayyadaman Galmi Walgaʼii isaaniif heyyamame amala Kiristiyaanota dhugaa irraa eegamu argisiisuu qabu. Galma Walgaʼii sana keessatti wanti obboloota mufachiisu ykn maqaa Yihowaa fi maqaa gaarii gumichi qabu irratti arrabsoo fidu akkamii iyyuu raawwatamuu hin qabu. (Filp. 2:14, 15) Qajeelfama waajjirri damee kennuun Galmi Walgaʼii tokko dhimmoota hafuuraa, kanneen akka Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa fi Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa geggeessuuf ooluu dandaʼa.

12 Gumiin tokko iddoo itti walitti qabamuuf yeroo hunda kabaja qabaachuutu isa barbaachisa. Uffannaan, miidhaginnii fi amalli keenya ulfina waaqeffannaa Yihowaatiif taʼu kan calaqqisu taʼuu qaba. (Lal. 5:1; 1 Xim. 2:9, 10) Gorsa gama kanaan nuu kennamu hojii irra oolchuudhaan, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenyaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna.

13 Yeroo walgaʼiin geggeeffamutti wanti nama jeequ akka hin jiraanne gochuun barbaachisaa dha. Ijoolleen warra isaanii wajjin taaʼuun isaanii gaarii dha. Warri ijoollee xixinnoo qaban yeroo barbaachisaa taʼutti ijoollee isaanii gad baasanii adabuu fi wanta isaaniif barbaachisu kan biraa gochuu akka dandaʼaniif, iddoo warra kaan hin jeeqne akka taaʼan ni jajjabeeffamu.

14 Obboloonni gaʼumsa qaban walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu irratti keessummeessitoota taʼanii akka tajaajilan ramadamu. Obboloonni kun dammaqoo, namootaa wajjin kan walii galanii fi dandeettii waa madaaluu kan qaban taʼuu qabu. Itti gaafatamummaan isaanii namoota haaraa dhufan simachuu, keessummummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne gochuu, namoonni barfatanii dhufan teessuma akka argatan gargaaruu, lakkoofsa sassaabamtootaa galmeessuu, akkasumas yeroo hoʼaa fi yeroo qorraatti wanta barbaachisu gochuu kan dabalatu dha. Ijoolleen walgaʼii duraa fi walgaʼii booda asii fi achi akka hin fiignee fi waltajjii irra akka hin taphanne warri akka isaan hordofan yeroo barbaachisaa taʼutti keessummeessitoonni yaadachiisa isaaniif kennu. Dhaggeeffattoonni yaanni isaanii garmalee akka hin hihhiramneef, warri mucaa isaanii isa jeequ fuudhanii ala akka baʼan keessummeessan tokko gaarummaa fi malaan isaan gaafachuu dandaʼa. Hojiin keessummeessitootaa namoonni walgaʼii irratti argaman hundi walgaʼicha sirriitti akka hordofan gumaacha guddaa godha. Keessummeessitoonni jaarsolii fi tajaajiltoota gumii utuu taʼanii filatamaa dha.

IJAARSA GALMA WALGAʼII

15 Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni tokko tokko warra kaan caalaa qabeenya qabu turan; kanaafuu, Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Wanti yeroo ammaatti isin irraa hafe, hirʼina warra kaanii akka guutu, wanti isaan irraa hafes hirʼina keessan akka guutuufi; akka kanaan baʼaa isaa wal gargaartu.” (2 Qor. 8:14) Yeroo harʼaattis ‘baʼaa wal gargaaraa’ jirra. Maallaqni gumiiwwan addunyaa maratti argaman buusan, walitti qabamee Galma Walgaʼii ijaaruu fi haaressuuf oola. Jaarmiyichii fi gumiiwwan buusii godhame kana irraa fayyadaman deggersa obboloonni addunyaa maraa arjummaadhaan godhan kana guddaa dinqisiifatu.

16 Haala naannichaa irratti hundaaʼuudhaan waajjirri damee gumiin tokko galma isa kamitti sassaabamuu akka qabu ni murteessa. Kana malees, waajjirri damee naannoo tajaajilaa isa jala jiru keessatti Galmi Walgaʼii haaraan yoomii fi eessatti ijaaramuus taʼe haareffamuu akka qabu ni murteessa. Yeroo balaan gaʼutti Galmawwan Walgaʼii miidhaman suphuuf, darbee darbee immoo manneen obbolootaa suphuuf qophiin ni godhama.

17 Waajjirri damee lafa bituu, Galma Walgaʼii diizaayinii gochuu, heyyama ijaarsaa baasuu, ijaaruu fi suphuu irratti hojii hojjettoonni fedhaa hojjetan ni qindeessa. Biyyoota hedduutti Galmawwan Walgaʼii hedduun waan barbaachisaniif hojjettoonni fedhaa hedduun ni barbaachisu. Babalʼistoonni cuuphamanii fi gaʼumsa, akkasumas fedhii qaban foormii guutanii Koree Tajaajilaa Gumii isaaniitti akka kennan jajjabeeffamu. Babalʼistoonni hin cuuphamne illee Galma Walgaʼii isaanii ijaaruu ykn haaressuu irratti gargaarsa gochuu dandaʼu.

GALMAWWAN WALGAʼII GUGUDDAA

18 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo baayʼee gareewwan xixinnoodhaan walitti qabamu turan. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko “namoota hedduu” taʼanii walitti qabamaniiru. (HoE. 11:26) Haaluma wal fakkaatuun sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannootiif baayʼatanii walitti qabamu. Walgaʼiiwwan kanaaf yeroo baayʼee galmawwan kireeffatu; galmawwan akkasii hin argaman ykn mijataa miti yoo taʼan immoo, iddoo waaqeffannaa Galma Walgaʼii Guguddaa jedhamu ijaarrachuu ykn bitachuu dandaʼu.

19 Yeroo tokko tokko gamoon tokko erga bitamee booda, haareffamee Galma Walgaʼii Guguddaa taʼee tajaajiluu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu lafti erga bitamee booda galmi haaraan ni ijaarama. Galmi Walgaʼii Guguddaa haala naannoo sanaa irratti hundaaʼuudhaan balʼinni isaa garaa gara taʼuu dandaʼa. Waajjirri damee gatii isaa sirriitti erga shallagee fi tajaajila hangamii kennuu akka dandaʼu erga qoratee booda gamoon akkasii akka bitamu ykn akka ijaaramu murteessa.

20 Waajjirri damee obboloota itti fayyadamaa fi suphaa Galma Walgaʼii Guguddaa kanaa hordofan ni muuda. Aanaawwan yeroo walgaʼii godhatanitti akka qulqulleessan, waggaatti al lama qulqullina walii galaa akka godhanii fi suphaa barbaachisu akka godhan qophiin ni godhama. Obboloonni hojii kana hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessuun isaanii barbaachisaa dha. Kanaafuu, gumiiwwan qophii kana garaa guutuudhaan akka deggeran jajjabeeffamu.—Far. 110:3; Mil. 1:10.

21 Galmi Walgaʼii Guguddaa darbee darbee qophiiwwan tiʼookraasii kan biroo kanneen akka manneen barumsaa Kitaaba Qulqulluu fi walgaʼiiwwan addaa ilaaltota ol aanaa aanaa wajjin godhamuuf tajaajiluu dandaʼa. Akkuma Galma Walgaʼii, Galmi Walgaʼii Guguddaas waaqeffannaaf kan murteeffame dha. Yeroo Galma Walgaʼii Guguddaatti walitti qabamnu amalli, uffannaanii fi miidhaginni keenya akkuma yeroo Galma Walgaʼiitti waaqeffannaaf walitti qabamnuutti ulfina qabeessa taʼuu qaba.

22 Kutaa xumuraa guyyoota dhumaa kanatti namoonni haaraa hedduun miseensa jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuuf saffisaan yaaʼaa jiru. Kun ragaa eebba Yihowaa akka qabnu argisiisu dha. (Isa. 60:8, 10, 11, 22) Kanaafuu, qophiiwwan bakka waaqeffannaa qabaachuu dabalatee qulqulluu fi mijataa akka taʼan gochuuf godhaman deggeruu barbaanna. Akkas gochuudhaan gaʼee iddoowwan waaqeffannaa kun yeroo guyyaan Yihowaa dhihaachaa jiru kanatti isa kanaan duraa caalaa akka wal jajjabeessinu gochuu irratti qaban akka dinqisiifannu argisiisna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi