LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr23 Caamsaa ful. 1-13
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • CAAMSAA 1-7
  • CAAMSAA 8-14
  • CAAMSAA 15-21
  • CAAMSAA 22-28
  • CAAMSAA 29–WAXABAJJII 4
  • WAXABAJJII 5-11
  • WAXABAJJII 12-18
  • WAXABAJJII 19-25
  • WAXABAJJII 26–ADOOLESSA 2
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2023
mwbr23 Caamsaa ful. 1-13

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

CAAMSAA 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 17-19

“Warra Kaan Akka Yihowaan Isaan Ilaalutti Ilaali”

w17.03 24-25 key. 7

Wantoota Barreeffamaniif Xiyyeeffannaa ni Kennituu?

7 Mee amma immoo waaʼee ilma Aasaa kan taʼe Yoshaafaax haa ilaallu. Amalawwan gaggaarii hedduu qaba ture. Yoshaafaax Waaqayyotti amanamuudhaan wantoota gaggaarii hedduu raawwateera. Taʼus, yeroon itti murtoowwan dogoggoraa godhes jira. Fakkeenyaaf, Ahaab Mooticha isa hamaa mootii mootummaa kaabaa turee wajjin firooma gaaʼelaa uumee ture. Kana malees, Miikiyaas raajichi akeekkachiisa kan isaaf kenne taʼus, Ahaabii wajjin warra Sooriyaa irratti lola banee ture. Waraanicha irratti Yoshaafaax hamma xinnoof duʼa irraa kan oole siʼa taʼu, achiis gara Yerusaalemitti deebiʼe. (2 Sen. 18:1-32) Yeroo kanatti Yehuu raajichi, “Ati maaliif nama hamaa gargaarte? Maaliifis nama isa Waaqayyoon jibbutti hidhatte?” jedhee isa gaafate.—2 Seenaa 19:1-3 dubbisi.

w15 8/15 11-12 key. 8-9

Jaalala Yihowaa Isa Hin Badne Irratti Xiinxalaa

8 Yihowaan akka Waaqa nu jaallatuu fi balleessaa keenya nuuf dhiisutti akka isa ilaallu barbaada. Wanta gaarii nu keessaa argachuuf nu ilaala. (2 Sen. 16:9) Fakkeenyaaf, Yoshaafaax isa mootii Yihudaa turee wajjin haala wal qabateen akkas godheera. Ahaab inni mootii Israaʼel taʼe Raamoot-Giilʼaaditti warra Sooriyaa yeroo lolu, Yoshaafaax isa gargaaruuf walii galuudhaan murtoo gadhee godhee ture. Raajonni sobaa 400 taʼan Ahaab inni hamaa taʼe milkaaʼina akka argatu kan dubbatan taʼus, raajii Yihowaa isa dhugaa kan taʼe Miikiyaas garuu akka moʼamu raajii dubbatee ture. Ahaab waraanicha irratti kan duʼe siʼa taʼu, Yoshaafaax immoo baqatee hamma xinnoodhaaf duʼa irraa ooleera. Yerusaalemitti erga deebiʼee booda Ahaabiin deggeruu isaatiin ifatamee ture. Taʼu iyyuu, ilma Haannaanii isa mulʼata arguu kan taʼe Yehuun, Yoshaafaaxiin “Wanti gaariin si irraa argameera” (hiika bara 1899) jedhee ture.—2 Sen. 18:4, 5, 18-22, 33, 34; 19:1-3.

9 Yoshaafaax bulchuu jalqabee utuu baayʼee hin turin, gurguddoonni, Lewwoonnii fi raajonni guutummaa magaalaa Yihudaa keessa deemanii uummaticha Seera Yihowaa akka barsiisan ajajee ture. Namoonni naannoo isaanii jiran Yihowaa sodaachuu waan jalqabaniif, duulli godhame buʼaa gaarii argamsiiseera jechuun ni dandaʼama. (2 Sen. 17:3-10) Yoshaafaax gocha gowwummaa kan raawwate taʼus, Yihowaan wanta gaarii inni godhe utuu hin argin hin hafne. Seenaan Macaafa Qulqulluu kun, nuyis mudaa kan qabnu taanus garaa guutuudhaan isa gammachiisuu kan barbaadnu yoo taʼe Yihowaan hamma dhumaatti akka nu jaallatu nu yaadachiisa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w17.03 20 key. 10-11

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!

10 Ilma Aasaa kan taʼe Yoshaafaaxis “akkuma Aasaa abbaa isaatii wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’e hojjete.” (2 Sen. 20:31, 32) Akkamitti? Yoshaafaax akkuma abbaa isaa sabichi Yihowaa akka barbaaddatu jajjabeesseera. “Macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo” fayyadamee sabicha barsiisuuf duula qopheessee ture. (2 Sen. 17:7-10) ‘Yaada namootaa gara Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaaniitti deebisuuf’ naannoo mootummaa kaabaa saba Israaʼel, jechuunis hamma biyya gaaraa isa kan Efreemitti deemeera. (2 Sen. 19:4) Yoshaafaax ‘garaa isaa guutuu Waaqayyo duukaa buʼaa ture.’—2 Sen. 22:9

11 Hundi keenya iyyuu duula barsiisuu guddaa Yihowaan yeroo harʼaatti adeemsisaa jiru irratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Waaqayyoon tajaajiluuf akka kakaʼan isaan gargaaruudhaan Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuuf jiʼa jiʼaan galma ni baafattaa? Carraaqqii gochuudhaan, akkasumas eebba Waaqayyootiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Galma kana irra gaʼuuf ni kadhattaa? Wanta yeroo boqonnaa keetti raawwattu dhiisuu kan si gaafatu yoo taʼe illee, hojii kana fudhachuuf fedhii qabdaa? Akkasumas, akkuma Yoshaafaax namoonni waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼan gargaaruuf naannoo Efreem deeme, nutis namoonni gumii irraa fagaatan gara gumiitti akka deebiʼan gargaaruu dandeenya. Dabalataanis jaarsoliin, naannoo gumii isaanii keessatti namoota gumiidhaa baafamanii fi cubbuu raawwachuu dhiisaniif gargaarsa gochuuf qophii gochuu dandaʼu.

CAAMSAA 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 20-21

“Waaqa Keessan Yihowaatti Amanaa”

w14 12/15 23 key. 8

Yeroo Biyyi Lafaa Moofaa Taʼe Kun Badutti Tokkummaa Qabaachuu

8 Bara Yoshaafaax Mootichaatti sabni waaqayyoo, diinni cimaan, jechuunis “loltoonni baayʼeen” naannoosaanii turan isaan loluuf dhufanii turan. (2 Sen. 20:1, 2) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, humna ofiisaaniitiin diinasaanii kana moʼuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Yihowaa gargaarsa gaafataniiru. (2 Seenaa 20:3, 4 dubbisi.) Akkas kan godhanis kopha kophaasaanii karaa sirrii isaanitti fakkaateen hin turre. Macaafni Qulqulluun, “Yihudoonni hundinuu niitota isaanii fi ijoollota isaanii akkasumas mucoolii isaanii wajjin balbala mana qulqullummaa, fuula Waaqayyo dura in ijaajju turan” jedha. (2 Sen. 20:13) Ijoolleenis taʼan maanguddoonni, amantiidhaan qajeelfama Yihowaa hordofuuf carraaqqii kan godhan siʼa taʼu, Yihowaanis diinotasaaniirraa isaan eegeera. (2 Sen. 20:20-27) Kun, sabni Waaqayyoo yeroo rakkinaatti tokkummaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe nu hubachiisa.

w21.11 16 key. 7

Hiriyoonni Gaaʼelaa Dhiheenyatti Gaaʼela Dhaabbattan Yihowaa Tajaajiluu Irratti Xiyyeeffadhaa

7 Yihowaan karaa Yaahaaziʼel Leewwichaa Yoshaafaaxiif deebii kenneera. Yihowaan, “Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa; fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus ilaalaa” jedhe. (2 Sen. 20:13-17) Garuu haala kanaan waraana irratti hirmaachuun baramaa miti. Haa taʼu malee, qajeelfama kana kan kenne nama utuu hin taʼin Yihowaa dha. Yoshaafaaxis Waaqa isaatti guutummaatti amanamuudhaan, akkuma inni isaan jedhe godhe. Yommuu innii fi sabni isaa diinota isaaniitti dhihaatanitti fuuldura kan dhaabe loltoota dandeettii guddaa qaban utuu hin taʼin, faarfattoota meeshaa waraanaa hin hidhanne ture. Yihowaanis Yoshaafaaxiin hin qaanessine; diina isaanitti dhufe isaaniif injifateera—2 Sen. 20:18-23.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 1271 key. 1-2

Yooraam

Yooraam dhiibbaa gadhee haati manaa isaa Ataaliyaan hamma tokko irratti gooteen kan kaʼe daandii qajeelinaa abbaa isaa Yoshaafaax hin hordofne. (2Mo 8:18) Yooraam obbolaa isaa jaʼaa fi sanyii moototaa tokko tokko ajjeesuu qofa utuu hin taʼin, sabichi Yihowaa irraa gara waaqolii sobaatti akka garagalu godheera. (2Se 21:1-6, 11-14) Guutummaan bulchiinsa isaa jeequmsa keessaa fi alaatiin kan guutame ture. Jalqaba, Edoom ni fincile; achiis Libnaan Yihudaa irratti fincile. (2Mo 8:20-22) Eeliyaas raajichi ergaa akeekkachiisaa, “Kanaan kan kaʼes, Yihowaan saba kee, ilmaan kee, haadhotii manaa kee fi qabeenya kee hundumaa dhaʼicha guddaadhaan ni rukuta” jedhu Yooraamiif ergeera. Kana malees Yooraam Mootichaan, “dhukkuba marʼimaanii dabalatee dhukkuboota hedduudhaan ni dhiphatta; hamma marʼimaan kee gad baʼuttis dhukkubichi guyyaa guyyaadhaan sitti cimaa deema” jedheera.—2Se 21:12-15.

Wanti hundi akkuma raajiidhaan dubbatametti raawwatameera. Yihowaan Araboonnii fi Filisxeemonni biyyattii akka weeraranii fi haadhotii manaa fi ilmaan Yooraam akka boojiʼan heyyameera. Taʼus Yihowaan ilmi Yooraam inni quxisuun Yehoʼahaaz (Akaaziyaa jedhamees ni waamama) qofti akka oolu heyyameera; kanas kan godhe kakuu Mootummaa Daawit wajjin galeen kan kaʼedha. “Kana hundumaa boodas, Yihowaan dhukkuba marʼimaanii hin fayyineen isa rukute.” Waggaa lama booda “marʼimaan isaa isa keessaa ni baʼe” achiis suutuma suuta ni duʼe. Namni hamaan kun ‘yeroo duʼetti namni tokko illee isaaf hin gaddine.’ Achiis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame, taʼus, “iddoowwan awwaalchaa moototaa keessatti hin turre.” Sana booda ilmi isaa Akaaziyaan bakka isaa mootii taʼe.—2Se 21:7, 16-20; 22:1; 1Se 3:10, 11.

CAAMSAA 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 22-24

“Yihowaan Gocha Ija Jabinaan Raawwatamu ni Eebbisa”

w09-AM 4/1 24 key. 1-2

Yoʼaas Hiriyummaa Gadhee Uumuu Isaatiin kan Kaʼe Yihowaa Dhiise

YEROO TOKKO magaalaa Yerusaalem bakka manni qulqullummaa ture keessa haalli jiru dhiphisaa ture. Akaaziyaa Mootichi reefuu ajjeefamuu isaa ture. Ilmi ishii Akaaziyaan erga ajjeefamee booda wanta Ataaliyaan goote yaadufillee baayʼee ulfaataadha. Ataaliyaan ilmaan Akaaziyaa warra ijoollee ilma ishii taʼan ajjeesiste! Kana kan goote maaliif akka taʼe beektaa? Bakka isaanii mootuu taʼuu waan barbaadeefi.

Haa taʼu malee, Yoʼaas mucichi inni ilmaan ilma Ataaliyaa keessaa tokko taʼe duʼa irraa oole ture. Akkoon isaa Ataaliyaan kun taʼuu isaa hin beektu turte. Yoʼaas akkamitti akka oole beekuu barbaaddaa? Mucichi adaadaa, Yoshebaa jedhamtu qaba. Dubartiin kun Yoʼaasiin mana qulqullummaa keessa dhoksite. Akkas gochuu kan dandeesse abbaan manaa ishii Yehoyaadaan Luba Olaanaa waan tureefi. Abbaan manaa fi haati manaa kun miidhaan akka irra hin geenyeef mucicha dhoksan.

w09-AM 4/1 24 key. 3-5

Yoʼaas Hiriyummaa Gadhee Uumuu Isaatiin kan Kaʼe Yihowaa Dhiise

Yoʼaas waggaa jaʼaaf mana qulqullummaa keessa dhokfamee ture. Achi utuu jiruu waaʼee Yihowaa fi waaʼee seera isaa waan baayʼee barate. Umuriin isaa waggaa torba yommuu taʼu Yehoyaadaan mootii isa gochuuf tarkaanfii tokko tokko fudhate. Yehoyaadaan Yoʼaasiin akkamitti akka mootii godhee fi mootuu hamtuu kan taate Ataaliyaa irra maaltu akka gaʼe beekuu barbaadaa?—

Yehoyaadaan eegdota addaa Yerusaalemitti mootota eegan iccitiidhaan waame. Achiis innii fi haati manaa isaa ilma Akaaziyaa Mootichaa ijoollummaa isaatti akkamitti akka oolchan itti hime. Itti aansees Yoʼaasiin eegdota kanatti agarsiise. Isaanis mootii taʼu kan qabu Yoʼaas akka taʼe irratti walii galan. Kanaafuu maal gochuu akka qaban karoora baafatan.

Yehoyaadaan Yoʼaasiin bakka dhokatee ture irraa baasee gonfoo mootii mataa isaa irra kaaʼe. Yeroo kanatti sabichi ‘harka isaanii walitti rukutanii, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.’ Eegdonni Yoʼaasitti marsanii miidhaan akka irra hin geenye eegu turan. Ataaliyaan iyya gammachuu kana yommuu dhageessu fiigdee dhaqxee mormii ishii ibsite. Haa taʼu malee, ajaja Yehoyaadaatiin eegdonni sun Ataaliyaa ajjeesan.—2 Mootota 11:1-16.

it-1-E 379 key. 5

Awwaalcha, Bakka Awwaalchaa

Yehoyaadaa Lubni Olaanaan inni nama qajeelaa taʼe kabaja “magaalaa Daawit keessatti moototaa wajjin” awwaalamuu argateera. Namoota sanyii mootii hin taane keessaa namni ulfina akkasii akka argate ibsame isa qofadha.—2Se 24:15, 16.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 1223 key. 13

Zakkaariyaas

12. Ilma Yehoyaadaa Luba Olaanaa. Erga Yehoyaadaan duʼee booda Yoʼaas Mootichi raajota Yihowaa dhaggeeffachuu mannaa gorsa dogoggoraa dhaggeeffachuudhaan waaqeffannaa dhugaa irraa garagale. Durbiin Yoʼaas, Zakkaariyaas (2Se 22:11), waaʼee kanaa cimsee sabicha kan akeekkachiise taʼus, Sabichi garuu yaada geddarachuu mannaa mooraa mana qulqullummaa keessatti dhagaadhaan isa tuman. Zakkaariyaas duʼuuf yommuu jedhu akkas jedhe: “Yihowaan kana haa ilaalu; akka hojii keettis siif haa deebisu.” Warri Sooriyaa Yihudaa irra miidhaa guddaa geessisuu isaanii qofa utuu hin taʼin, Yoʼaas ‘dhiiga ilmaan Yehoyaadaa lubichaa dhangalaasuu isaatiin kan kaʼe’ tajaajiltoota isaa lamaan waan ajjeefameef raajiin kun raawwatameera. Kitaabni Qulqulluun Saptuujantiin Giriikii fi Laatiin Vulgeet Yoʼaas kan ajjeefame dhiiga “ilma” Yehoyaadaa gumaa baasuuf akka taʼe ibsu. Barreeffamni Maasoorotaa fi Siriiyaak phashiittaan garuu “ilmaan” jedhu; jecha baayʼina agarsiisu kana kan fayyadaman Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaa isa lubaa fi raajii ture kana kabajuu fi iddoo guddaa isaaf kennuuf taʼuu dandaʼa.—2Se 24:17-22, 25.

CAAMSAA 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 25-27

“Yihowaan Wanta Kana Irra Baayʼee Caalu Siif Kennuu ni Dandaʼa”

it-1-E 1266 key. 6

Yoʼaas

Kana malees Yoʼaas Edoomotaa wajjin akka wal waraananiif loltoota isaa kuma dhibba tokko mootii Yihudaatiif kireesseera. Haa taʼu malee, gorsa “nama waaqa dhugaa” tokkoon loltoonni kun ni bittinnaaʼan. Taʼus loltoonni kun meetiin taalantiin dhibbi tokko (doolaara 660,600) kan isaaniif kaffalame taʼus gara manaatti deebifamuu isaaniitti ni aaran, tarii kan aaraan boojuu argachuuf yaadan waan dhabaniif taʼuu dandaʼa. Kanaafuu gara kaabaatti erga deebiʼanii booda Samaariyaa irraa (bakka buufata isaanii taʼuu hin ooltu) kaasee hanga Beet Hooronitti magaalota mootummaa isa kibbaa saaman.—2Se 25:6-10, 13.

w21.08 30 key. 16

Gaarummaa Yihowaa “Dhandhamaa Ilaalaa”

16 Yihowaadhaaf aarsaa kaffali. Yihowaa gammachiisuuf dirqama wantoota nu gammachiisan hunda dhiisuun nu hin barbaachisu. (Lal. 5:19, 20) Haa taʼu malee, fedhii keenya aarsaa gochuu waan hin barbaanneef caalaatti tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuu irraa duubatti yoo jenne, dogoggora namicha fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee fi jireenya mijataa jiraachuuf jedhee Waaqayyoon dhiisee wajjin wal fakkaatu raawwachuu dandeenya. (Luqaas 12:16-21 dubbisi.) Obboleessi Kiristiyaan jedhamuu fi Faransaayi keessa jiraatu, “Yeroo koo fi humna koo Yihowaa fi maatii koof kennaa hin turre” jedheera. Innii fi haati manaa isaa qajeelchitoota taʼuuf murteessan. Galma isaanii kana irra gaʼuuf garuu hojii isaanii dhiisuun isaan barbaachiseera. Wanta isaan barbaachisu guuttachuuf hojii qulqullinaa jalqaban; maallaqa xiqqoo argatanitti gammadanii jiraachuus barataniiru. Aarsaa kana kaffaluun isaanii isaan kiiseeraa? Kiristiyaan, “Caalaatti tajaajila keenyatti gammaduu dandeenyeerra; namoonni deddeebii gaaffii goonuuf waaʼee Yihowaa yommuu baratan arguunis nu gammachiiseera” jedheera.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w07-AM 12/15 10 key. 1-2

Gorsaa Hafuuraa Gaarii Taʼe Qabdaa?

OOZIYAAN umurii isaa waggaa 16​tti mootummaa Yihudaa isa kibbaa irratti mootii taʼe. DH.K.D. bara 829 irraa kaasee hanga bara 778​tti waggaa 50 oliif bulcheera. Dargaggummaa isaa irraa jalqabee ‘wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe godheera.’ Daandii sirrii akka hordofu wanti dhiibbaa isarratti godhe maal ture? Seenaan isaa akkas jedha: “[Ooziyaan] bara Zakkaariyaas isa Waaqa dhugaa akka sodaatu isa barsiise sanaatti Waaqa ni barbaaddata ture. Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.”—2 Seenaa Baraa 26:1, 4, 5.

Waaʼee Zakkaariyaas isa gorsituu mootichaa turee wanta Kitaabni Qulqulluun as irratti ibsuun alatti wanti beekamu hin jiru. Haa taʼu malee, Zakkaariyaas ‘Waaqa dhugaa akka sodaatu isa barsiisuudhaan’ mootiin dargaggeessi kun wanta sirrii taʼe akka godhuuf dhiibbaa gaarii irratti godheera. Kitaabni Zii Ekispoozitarii Baayibil jedhamu Zakkaariyaas, “nama beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabu, muuxannoo hafuuraa guddaa qabuu fi beekumsa isaa warra kaaniif hiruu dandaʼu” akka taʼe ifaadha jedheera. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko waaʼee Zakkaariyaas akkas jedheera: “Raajii sirriitti kan beeku . . . hubataa, Waaqayyoof kan bulee fi nama gaarii ture; kunis Ooziyaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise fakkaata.”

CAAMSAA 29–WAXABAJJII 4

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 28-29

“Akkaataan Guddinaa Kee Gaarii Taʼuu Baatus Yihowaa Tajaajiluu ni Dandeessa”

w16.02 14 key. 8

Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa

8 Ruut irraa haala adda taʼeen Hisqiyaas dargaggeessichi kan dhalte saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti ture. Taʼus, waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan galan eeganii kan jiraatan Israaʼeloota hunda hin turre. Abbaa Hisqiyaas kan taʼe Ahaaz Mootichi warra waadaa galan hin eegne sana keessaa tokko ture. Namni hamaan kun mootummaan Yihudaa waaqolii tolfamoo akka waaqeffatu kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, mana qulqullummaa Yihowaa Yerusaalem keessa jiru xureesseera. Hisqiyaas, obboloonni isaa tokko tokko haala suukanneessaa taʼeen dhaabiitti gubamanii waaqayyolii tolfamoodhaaf aarsaa waan godhamaniif, yeroon ijoollummaa isaa baayʼee kan nama gaddisiisu ture!—2 Mot. 16:2-4, 10-17; 2 Sen. 28:1-3.

w16.02 15-16 key. 9-11

Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa

9 Hisqiyaas nama hamaa fi Waaqayyoon mormu taʼee guddachuu dandaʼa ture. Namoonni rakkina kanaa gad taʼe keessa darban kaan, ‘Waaqayyoon komachuuf’ ykn jaarmiyaa isaatti aaruuf sababii gaʼaa akka qaban isaanitti dhagaʼama. (Fak. 19:3) Namoonni tokko tokko immoo haalli maatii gadheen isaan keessatti guddatan jireenya gadhee akka jiraatan, tarii immoo dogoggora maatiin isaanii hojjete irra deebiʼanii akka hojjetan akka isaan dirqisiise amanu. (His. 18:2, 3) Garuu akkana jedhanii yaaduun isaanii sirrii dhaa?

10 Seenaan jireenyaa Hisqiyaas gaaffii kanaaf deebii quubsaa kenna! Addunyaa hamaa kana keessatti wantoota gadhee namoota irra gaʼan kan fidu Yihowaa waan hin taaneef, isatti aaruuf matumaa sababii gaʼaan hin jiru. (Iyo. 34:10) Dhugaa dha, warri ijoolleen isaanii gaarii ykn gadhee akka taʼan dhiibbaa guddaa isaan irratti gochuu dandaʼu. (Fak. 22:6; Qol. 3:21) Kana jechuun garuu, namni tokko haalli maatii isaa wanta inni jireenya isaa keessatti raawwatu ni murteessa jechuu miti. Faallaa kanaatiin, Yihowaan hunduma keenyaaf kennaa gatii guddaa qabu tokko, jechuunis dandeettii wanta hojjennuu fi nama akkamii akka taanu filachuuf nu gargaaru nuu kenneera. (Kes. 30:19) Hisqiyaas kennaa kana akkamitti itti fayyadame?

11 Hisqiyaas abbaan isaa mootota Yihudaa warra hamoo keessaa tokko taʼus, inni mootota gaggaarii keessaa tokko taʼuu dandaʼeera. (2 Mootota 18:5, 6 dubbisi.) Eeyyee, abbaan isaa dhiibbaa gadhee isa irratti kan geessise taʼus, namoonni gara biraan dhiibbaa gaarii isa irratti godhanii fi inni filachuu dandaʼu jiru turan. Yeroo sanatti akkuma Miikiyaasii fi Hoseʼaa, Isaayaasis raajii ture. Hisqiyaas Mootichi wanta namoonni amanamoon kun hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii labsaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan, gorsii fi sirreeffamni Yihowaa garaa isaa akka tuqu heyyameera. Kanaafuu, Hisqiyaas dogoggora guguddaa abbaan isaa hojjete sirreessuu jalqabe. Kanas kan godhe, mana qulqullummaa qulqulleessuudhaan, uummatichi dhiifama akka argatu Waaqayyoon kadhachuudhaan, akkasumas duula balʼaa godhee waaqayyolii tolfamoo balleessuudhaan ture. (2 Sen. 29:1-11, 18-24; 31:1) Hisqiyaas yeroo mootiin Asor Senaaheriib Yerusaalemiin akka balleessu sossodaachisetti dabalatee yeroo rakkoowwan gurguddaan isa mudatanitti ija jabinaa fi amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Fayyina argachuuf Waaqayyotti amanameera; dubbiidhaanis taʼe fakkeenya taʼuudhaan saba isaa jajjabeesseera. (2 Sen. 32:7, 8) Yeroo booda of tuuluu isaatiin kan kaʼe sirreeffamni yeroo isaaf kennametti gad of qabee yaada geddarateera. (2 Sen. 32:24-26) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Hisqiyaas seenaan isaa inni duraa seenaa isaa isa boodaa akka balleessu ykn jireenya gara fulduraa akka isa dhabsiisu hin heyyamne. Kanaa mannaa, michuu Yihowaa taʼuu isaa argisiiseera, fakkeenya gaariis nuuf taʼeera.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w12 2/15 24-25

Naataan—Amanamummaadhaan Waaqeffannaa Dhugaa Deggereera

Naataan amanamummaadhaan Yihowaa kan waaqeffatu waan tureef, karoora Daawit handhuura waaqeffannaa dhugaa dhaabbataa taʼe isa jalqabaa lafarratti ijaaruuf qabu garaa guutuudhaan deggereera. Haa taʼu malee, yeroo sanatti Naataan maqaa Yihowaatiin dubbachuu mannaa miirasaa isaaf ibsuusaa ture. Gaafa sana galgala, Waaqayyo Naataan ergaa adda taʼe mootichatti akka himu isa ajajeera: Mana qulqullummaa Yihowaa kan ijaaru Daawit miti. Kan ijaaru ilmaan Daawit keessaa isa tokkodha. Taʼus Naataan, Waaqayyo Daawitiif kakuu akka galeefi teessoonsaa ‘barabaraan jabaatee akka dhaabatu’ dubbateera.—2 Sam. 7:4-16.

Fedhiin Waaqayyoo wanta Naataan ijaarsa mana qulqullummaa ilaalchisee dubbatee wajjin kan walsimu miti. Haa taʼu malee raajiin gad of deebisu kun utuu hin guungumin, kaayyoo Yihowaa fudhachuudhaan deggereera. Yihowaan karaa taʼe tokkoon nu sirreessuu yoo barbaade fakkeenya gaarii nuuf taʼa! Hojiin Naataan sana booda raajii taʼuudhaan raawwate surraan Yihowaa akka isa duukaa ture argisiisa. Yihowaan, Naataaniifi Gaadi isa ilaaltuu wajjin faarfattoota tajaajila mana qulqullummaarratti faarfatan 4,000 akka qindeessu Daawitiin qajeelchuurratti akka isa gargaaran hafuuraan akka isaan geggeesse haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.—1 Sen. 23:1-5; 2 Sen. 29:25.

WAXABAJJII 5-11

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 30-31

“Walitti Qabamuun Nuuf Gaariidha”

it-1-E 1103 key. 2

Hisqiyaas

Hinaaffaa Waaqeffannaa Dhugaatiif Qabu. Hisqiyaas hinaaffaa waaqeffannaa dhugaatiif qabu umurii isaa waggaa 25​tti akkuma aangoo qabateen argisiiseera. Hojiin isaa inni jalqabaa mana qulqullummaa deebisee banuu fi haaressuu ture. Achiis, lubootaa fi Leewwota walitti qabee akkas isaaniin jedhe: “Yihowaa Waaqa Israaʼelii wajjin kakuu galuun fedhii garaa kootii ti.” Kakuun Seerichaa hojii irra kan jiru taʼus waan dagatameef kakuuchaaf amanamoota taʼuuf Yihudaa keessatti akka haaraatti kakuu galan. Hisqiyaas kakaʼumsa guddaadhaan Leewwota tajaajila isaaniitiif gurmeessuu eegale, akkasumas qophii meeshaalee muuziqaa taphachuu fi faarfannaa jajannaa faarfachuuf godhame deebisee hundeesse. Yeroon isaa jiʼa Niisaan, jiʼa Faasikaan itti kabajamudha, garuu manni qulqullummaa fi Leewwonni qulqulluu hin ture. Niisaan gaafa 16, manni qulqullummaa ni qulqullaaʼe, miʼawwan isaas iddootti deebifaman. Achiis Israaʼeloota hundaaf qophiin araaraa addaa ni godhame. Jalqaba bulchitoonni mootummichaaf, mana qulqullummaa fi sabichaaf aarsaawwanii fi aarsaa cubbuu fidan, itti aansee sabichi aarsaawwan gubaman kumaan lakkaaʼamu dhiheesse.—2Se 29:1-36.

it-1-E 1103 key. 3

Hisqiyaas

Sabichi kan hin qulqulloofne taʼuun isaa yeroo isaatti Faasikaa akka hin kabajne waan isaan dhowweef, Hisqiyaas qophii seericha keessa jiruu fi Israaʼelonni qulqulluu hin taane Faasikaa jiʼa tokko booda akka kabajan heyyamutti fayyadame. Hisqiyaas Ber Sheebaadhaa hanga Daaniitti xalayaa fiigdotatti erguudhaan Yihudaa qofa utuu hin taʼin Israaʼelootas waameera. Fiigdonni kun namoota hedduu irraa qoosaan isaan mudateera; haa taʼu malee namoonni dhuunfaan keessumaa Asheer, Minaasee fi Zaabiloon keessaa gad of qabuudhaan dhufaniiru; Efreemii fi Yisaakor keessaas namoonni tokko tokko hirmaataniiru. Warra kana malees namoonni Israaʼelota hin taanee fi Yihowaa waaqeffatan irratti argamaniiru. Namoota Mootummaa kaabaa keessa jiranii fi waaqeffannaa dhugaa deggaraniif ayyaana kana irratti argamuun ulfaataa kan ture taʼuu hin oolu. Namoonni kun akkuma ergamtoota sanaa mormii fi qoosaan irra gaʼee taʼuu hin oolu, sababiin isaas mootummaan gosa kurnanii kan mancaʼe, waaqeffannaa sobaatiin kan faalamee fi Asoorotaan kan hacuucame ture.—2Se 30:1-20; Lak 9:10-13.

it-1-E 1103 key. 4-5

Hisqiyaas

Ayyaana Faasikaa booda, Ayyaanni Maxinoo guyyaa torbaaf kabajame; warri ayyaana kana irratti hirmaatan baayʼee waan gammadaniif guutummaan gumichaa guyyaa dabalataa torbaaf ayyaanicha kabajuuf murteesse. Yeroo rakkisaa taʼe kanattillee Yihowaan saba isaa eebbisaa akka jiru mulʼateera. “Bara Solomoon ilma Daawit isa mootii Israaʼel ture irraa jalqabee wanti akkanaa Yerusaalem keessatti taʼee waan hin beekneef, Yerusaalem keessa gammachuu guddaatu ture.”—2Se 30:21-27.

Wanta itti aansee raawwatame irraa hubachuun akka dandaʼamutti, gammachuun isaanitti dhagaʼame miiruma yeroo muraasaaf turu utuu hin taʼin, waaqeffannaa dhugaan iddootti deebiʼee fi haaromee akka ture agarsiisa. Namoonni kun mana isaaniitti deebiʼuu isaanii dura guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam, akkasumas Efreemii fi Minaasee keessaallee siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan, iddoowwan olkaʼoo fi iddoowwan aarsaa ni diigan, akkasumas utubaawwan waaqeffannaa ni mummuran. (2Se 31:1) Hisqiyaas bofa sibiila diimaa Museen tolche caccabsuudhaan fakkeenya taʼeera, sababiin isaas sabichi bofa sibiila diimaa kana waaqa tolfamaa godhachuudhaan aarsaa aarfamu dhiheessaafii ture. (2Mo 18:4) Ayyaana guddaa sana booda Hisqiyaas garee lubootaa gurmeessuu fi deggarsa tajaajila mana qulqullummaatiif godhamu qindeessuudhaan waaqeffannaa qulqulluun akka itti fufuu mirkaneesseera; kana malees akkuma seerichi ajajutti kurnoo fi firii jalqabaa Leewwotaa fi lubootaaf akka kennan kan gorse siʼa taʼu, sabichis garaa guutuudhaan deebii kenneera.—2Se 31:2-12.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w18.09 6 key. 14-15

“Isin Wantoota Kana yoo Beektanii fi yoo Hojii Irra Oolchitan Gammadoo Dha”

14 Kallattii kan biraan amalli gad of qabuu keenya hangam gad fageenya akka qabu argisiisu immoo, namoota dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu keenya dha. Yaaqoob 1:19, “dhaggeeffachuutti ariifataa” taʼuu akka qabnu dubbata. Gama kanaan Yihowaan fakkeenya hunda caalu taʼeera. (Uma. 18:32; Iya. 10:14) Haasaa Baʼuu 32:11-14 (dubbisi) irratti galmeeffamee jiru irraa maal akka barannu haa ilaallu. Yihowaan Museen yaada dabalataa akka isaaf kennu kan isa hin barbaachisne taʼus, wanta isatti dhagaʼamu akka dubbatu carraa isaaf kenneera. Namni nama yaada dogoggoraa dhiheessu tokko obsaan dhaggeeffatee, sana booda yaada isaa kana fudhatee hojii irra oolchu jiraa? Taʼus, Yihowaan namoota amantiidhaan isa waammatan obsaan dhaggeeffata.

15 Hundi keenya akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Yihowaan gad jedhee namootaa wajjin walitti dhufeenya kan godhuu fi akkuma Abrahaam, Raahel, Musee, Iyaasuu, Maanoʼaa, Eliyaasii fi Hisqiyaasiin dhaggeeffate namoota kan dhaggeeffatu erga taʼee, anoo obboloota koo kabajuu, yaada isaanii dhaggeeffachuu fi hojii irra oolchuudhaan hunda isaanii kabajuu hin qabuu? Gumii koo ykn maatii koo keessaa namni yeroo ammaatti xiyyeeffannaa koo barbaadu jiraa? Kana ilaalchisee maal gochuun qaba? Waaʼee kanaa hoo maal gochuun dandaʼa?’—Uma. 30:6; Abo. 13:9; 1 Mot. 17:22; 2 Sen. 30:20.

WAXABAJJII 12-18

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 32-33

“Yeroo Rakkinaatti Madda Jajjabinaa Taʼaa”

it-1-E 204 key. 5

Asoor

Senaaheriib. Senaaheriib ilmi Saargon sadaffaan bara bulchiinsaa Hisqiyaas waggaa 14​ffaatti (Dh.K.D. 732) mootummaa Yihudaa haleele. (2Mo 18:13; Isa 36:1) Hisqiyaas waanjoo Asooronni sababa abbaa isaa Akaaziin isa irratti feʼan irratti fincilee ture. (2Mo 18:7) Kanaan kan kaʼes Senaaheriib Yihudaa weeraruudhaan magaalota 46 qabate (Isa 36:1, 2 wajjin wal bira qabii ilaali); achiis buufata isaa isa Laakiishitti argamu irraa Hisqiyaas gibira warqii taalantii 30 (gara doolaara 11,560,000) fi meetii taalantii 300 (gara doolaara 1,982,000) akka kaffalu gaafachuun isaa ibsameera. (2Mo 18:14-16; 2Se 32:1; Isa 8:5-8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wanti inni gaafate kun hundi raawwatamuus Senaaheriib dubbii himaa isaa erguudhaan Yerusaalem haalduree tokko malee harka akka kennattu gaafate. (2Mo 18:17–19:34; 2Se 32:2-20) Sana booda Yihowaan halkan tokkotti loltoota isaa 185,000 balleessuudhaan namni of tuultu taʼe kun gara Nanawweetti akka deebiʼu isa dirqisiise. (2Mo 19:35, 36) Boodas achitti ilmaan isaa lama Senaaheriibiin ajjeesan, achiis ilmi isaa kan biraan Eesaar Hadoon jedhamu bakka isaa mootii taʼe. (2Mo 19:37; 2Se 32:21, 22; Isa 37:36-38) Seenaa waaʼee balleeffamuu loltoota Asoor ibsuun alatti taateewwan kun hundi miʼa barreeffamaa piriizimii jedhamuu fi seenaa waaʼee Senaaheriib ibsu, akkasumas piriizimii isa kan waaʼee Eesaar Hadoon ibsu irratti galmeeffamaniiru.—FAKKIIWWAN (PICTURES), jildii 1, ful. 957.

w13 11/15 19 key. 12

Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet—Nuuf Hiika Maalii Qabu?

12 Yihowaan wanta nuti gochuu hin dandeenye kan nuuf godhu ta’us, wanta gochuu dandeenyu akka goonu barbaada. Hisqiyaas “gurguddoota isaa fi loltoota isaa wajjin” erga mari’atee booda walii galuudhaan “burqituuwwan bishaanii warri mandarattii duuba jiran hundinuu akka duuchaman” godhe. “Kana booddee Hisqiyaas itti jabaatee kellaa mandarattii isa caccabe deebisee, riqaa irratti ijaarsisee, karaa alaas akkasuma kellaa kan biraa itti dabalee ijaarsisee, . . . itti dabalees eeboo fi gaachana baay’ee in hojjechiise.” (2 Sen. 32:3-5) Yihowaan sabasaa yeroo sana turan eeguufi tiksuuf, namoota jajjaboo kanneen akka Hisqiyaas, Abbootii firdiifi raajota karaa hafuuraa cimoo ta’anitti fayyadameera.

w13 11/15 19 key. 13

Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet—Nuuf Hiika Maalii Qabu?

13 Tarkaanfiin Hisqiyaas ittaansuudhaan fudhate, burqituuwwan duuchuu ykn kellaa deebisee ijaaruu caalaa iddoo guddaa kan qabudha. Hisqiyaas tiksee baay’ee isaaniif yaadu waan tureef saba sana walitti qabuudhaan, “Mootii Asor . . . sodaattanii hin na’inaa! Inni irree fooniitiin lola, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf in lola” jedhee isaan jajjabeesse. Yihowaan sabasaatiif akka lolu isaan yaadachiisuunsaa amantiisaanii akka jabeesseef hin shakkisiisu! Yihudoonni kana erga dhaga’anii booda, “dubbii Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbateen humna in argatan.” Sabichi akka jabaatu kan godhe “dubbii Hisqiyaas” akka ture yaadadhaa. Inni, gurguddoonni biyyaafi namoonni ciccimoon isaa wajjin turan, akkasumas Miikiyaas raajichiifi Isaayaas raajichi, akkuma Yihowaan karaa raajiisaa dursee dubbatetti tiksitoota gaarii ta’aniiru.—2 Sen. 32:7, 8; Miikiyaas 5:5, 6 dubbisi.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w21.10 4 key. 11-12

Garaadhaa Yaada Geddarachuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

11 Boodas, Yihowaan kadhannaa Minaaseen dhiheesseef deebii kenneera. Kadhannaa isaa irraa garaadhaa jijjiirama akka godhe hubateera. Yihowaan wawwaannaa Minaaseen dhiheesse dhagaʼuudhaan gara aangoo isaatti isa deebiseera. Minaaseenis garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuudhaaf wanta dandaʼu hundumaa godheera. Inni wanta Ahaab takkaa godhee hin beekne godheera. Amala isaa jijjiireera. Waaqeffannaa sobaa mormuudhaan waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf carraaqqii cimaa godheera. (2 Seenaa 33:15, 16 dubbisi.) Minaaseen waggoota hedduudhaaf maatii isaa, bulchitoota isaa fi saba isaa irratti dhiibbaa gadhee gochaa waan tureef, tarkaanfii kana fudhachuuf ija jabinaa fi amantii guddaa qabaachuun isa barbaachisa. Taʼus, dhuma jireenya isaa irratti dogoggora raawwate tokko tokko sirreessuuf carraaqqii godheera. Ilma ilma isaa kan taʼe Yosiyaas irrattis dhiibbaa gaarii gochuu hin oolu; Yosiyaas mootii gaarii ture.—2 Mot. 22:1, 2.

12 Seenaa Minaasee irraa maal baranna? Minaaseen gad of qabeera. Yihowaan akka garaa isaaf laafu cimsee kadhachuu fi amala isaa jijjiiruudhaanis wanta dabalataa godheera. Balleessaa isaa sirreessuuf carraaqqii cimaa godheera; innis taʼe warri kaan Yihowaa akka waaqeffatan gochuuf waan isaaf dandaʼame hundumaa godheera. Seenaan Minaasee namoota hammina cimaa raawwataniif illee abdii kenna. Seenaan kun Yihowaan ‘Waaqa gaarii fi dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe’ taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. (Far. 86:5) Yihowaan namoota garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama ni godha.

WAXABAJJII 19-25

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SEENAA BARAA 34-36

“Dubbii Waaqayyoo Irraa Guutummaatti Fayyadamaa Jirtuu?”

it-1-E 1157 key. 4

Huldaa

Yosiyaas ‘kitaabni Seerichaa’ inni Hilqiyaan lubni olaanaan yommuu manni qulqullummaa haareffamu argate yeroo dubbifamu yommuu dhagaʼu, Yihowaa gaafachuuf namoota erge. Isaanis gara Huldaa dhaqan; ishiinis badiisa ajajamuu diduun geessisu ilaalchisee wantoonni ‘kitaabicha’ keessatti galmeeffaman hundi saba gantuu taʼe kana irra akka gaʼan mirkaneessite. Huldaan itti dabaluudhaan Yosiyaas Yihowaa duratti waan gad of qabeef badiisa kana hunda akka hin argine, abbootii isaa wajjin akka walitti qabamuu fi nagaadhaan akka awwaalamu dubbatte.—2Mo 22:8-20; 2Se 34:14-28.

w09 6/15 10 key. 20

Mana Yihowaatiif Kan Hinaaftan Ta’aa!

20 Hojiin haaromsaa Yosiyaas Mootichi qindeesse yommuu adeemsifamu, Hilqiiyaan Angafni Lubootaa, “macaafa seera Waaqayyoo isa karaa Musee kennamee ture sana in argate.” Hilqiiyaanis kitaabicha Shaafaan caafticha mootummaatti kan kenne si’a ta’u, Shaafaan ergaa kitaabichaa Yosiyaasiif dubbise. (2 Seenaa 34:14-18 dubbisi.) Kun bu’aa akkamii argamsiise? Yeruma sana mootichi gaddaan uffatasaa tarsaasee, uummatichi Yihowaa akka kadhatu ajaje. Waaqayyo Huldaa raajittiitti fayyadamee, sochiiwwan amantii Yihudaa keessatti raawwatamaa turan tokko tokko akka balaaleffatu isaanitti hime. Haa ta’u malee, Yihowaan carraaqqii cimaa Yosiyaas sochiiwwan waaqolii tolfamoo balleessuuf godhetti waan gammadeef, yommuu guutummaa sabichaarratti balaan akka dhufu himame Yosiyaas Yihowaa biratti fudhatama argateera. (2 Sen. 34:19-28) Kanarraa maal barachuu dandeenya? Nuyis akkuma Yosiyaas gochuuf fedhii akka qabnu beekamaadha. Gantummaan ykn amanamummaa dhabuun waaqeffannaa keenya keessatti yoo babal’ate balaa ga’uu danda’u waan beeknuuf, qajeelfama Yihowaa dafnee hojiirra oolchuu barbaanna. Yihowaan hinaaffaa Yosiyaasitti akkuma gammade, nuyis waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa argisiisnutti akka gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w17.03 27 key. 15-17

Wantoota Barreeffamaniif Xiyyeeffannaa ni Kennituu?

15 Yosiyaas Mooticha isa nama gaarii ture irraa hoo akeekkachiisa akkamii arganna? Wanta akka inni moʼamuu fi akka inni ajjeefamu godhe ilaali. (2 Seenaa 35:20-22 dubbisi.) Yosiyaas, mootii Gibxii kan taʼe Nekoon Mootichi wanti wal isaan lolsiisu akka hin jirre dubbatus, “isatti in duule.” Kitaabni Qulqulluun wanti Nekoon dubbate kun “abboommii Waaqayyoo” akka taʼe dubbata. Yosiyaas isa loluu kan dhaqe maaliif ture? Kitaabni Qulqulluun sababii isaa hin ibsu.

16 Yosiyaas wanti Nekoon dubbate kun abboomii Yihowaa akka taʼe akkamitti beekuu dandaʼa? Ermiyaas isa raajota amanamoo keessaa tokko taʼe gaafachuu dandaʼa ture. (2 Sen. 35:23, 25) Haa taʼu malee, kana gochuu isaa wanti ibsu jiru. Akkasumas, Nekoon ‘warra isa lolu loluuf,’ jechuunis Yerusaalemiin utuu hin taʼin, Karkemiishiin loluuf deemaa ture. Kana malees, Nekoon Yihowaas taʼe saba isaa waan hin arrabsineef waraanni kun maqaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabatu hin turre. Kanaafuu, Yosiyaas Nekoo irratti waraana banuuf murteessuun isaa sirrii hin turre. Seenaa kana irraa barumsa akkamii arganna? Yeroo rakkinni tokko nu mudatu dhimmicha ilaalchisee fedhiin Yihowaa maal akka taʼe tilmaama keessa galchuu qabna.

17 Rakkinni tokko yeroo nu mudatu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa galchuu fi hojii irra oolchuu qabna. Dhimmoota tokko tokko irratti jaarsolii gumii mariisisuu barbaanna taʼa. Wanta kanaan dura beeknu yaadannee ykn barreeffama keenya irratti qorannoo goonee taʼuu dandaʼa. Taʼus, jaarsi tokko dhugaawwan buʼuuraa irratti yaaduu dandeenyu kan biraa nu hubachiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko misiraachicha lallabuu akka qabdu beekti. (HoE. 4:20) Haa taʼu malee, guyyaa tokko tajaajila baʼuuf karoorfatte haa jennu; abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane garuu akka ishiin manaa hin baane barbaade. Yeroo erga waliin dabarsanii akka turanii fi lama taʼanii waa utuu hojjetanii akka barbaadu itti hime. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan akka Waaqayyoof abboomamuu akka qabduu fi barattoota gochuu akka qabdu ibsan yaadatti taʼa. (Mat. 28:19, 20; HoE. 5:29) Haa taʼu malee, haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu fi tole kan jettu taʼuu akka qabdus yaadachuu qabdi. (Efe. 5:22-24; Filp. 4:5) Abbaan manaa ishii tajaajila baʼuu ishii mormaa jira moo guyyaadhuma sanaaf qofa tajaajila akka hin baane ishii gaafachaa jira? Fedha Waaqayyoo yeroo raawwannutti ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi qalbii qulqulluu qabaachuuf carraaquu qabna.

WAXABAJJII 26–ADOOLESSA 2

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IZRAA 1-3

“Yihowaan Akka Sitti Fayyadamu Heyyami”

w22.03 14 key. 1

Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?

YIHUDOONNI baayʼee gammadanii turan. Yihowaan Israaʼelota waggoota hedduudhaaf boojuu Baabilon jala turan akka gadhiisu “hafuura Qiiros Mootii Faarsi ni kakaase.” Mootichi Yihudoonni gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼanii ‘mana Yihowaa Waaqa Israaʼel deebisanii akka ijaaran’ labsii baase. (Iz. 1:1, 3) Kun labsii baayʼee nama gammachiisu dha! Labsiin kun waaqeffannaa dhugaan biyya Waaqayyo saba isaatiif kenne keessatti deebiʼee hundeeffamuuf akka jedhu kan argisiisu dha.

w17.10 26 key. 2

Konkolaattonnii fi Gonfoon Si Eegu

2 Yihudoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan dhiirotaa fi dubartoota amantii qaban akka turan Zakaariyaas beeka ture. Namoonni kun, tasgabbii mana isaanii keessatti qabanii fi hojii isaanii dhiisanii akka deeman, warra ‘Waaqayyo yaada isaanii kaase’ turan. (Iz. 1:2, 3, 5) Biyya baayʼeen isaanii ijaan illee arganii hin beekne dhaquuf biyya beekan gadhiisanii baʼaniiru. Mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruuf bakka guddaa hin kennan utuu taʼee, daandii buʼaa baʼii taʼe keessa karaa kiilomeetira 1,600 deemsa rakkisaa hin deeman turan.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 1/15 19 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Izraa

1:3-6. Akkuma Israaʼeloota Baabilonitti hafan tokko tokkoo Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼeen tajaajiltoota yeroo guutuu taʼuu ykn bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqanii tajaajiluu hin dandaʼan. Taʼus warra tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaa jiran ni deggaru, akkasumas ni jajjabeessu. Kana malees hojii misiraachicha lallabuu fi barattoota gochuutiif fedhiidhaan buusii godhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi