BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Amanamaa Taʼuun Nama Mudaa hin Qabne Taʼuu hin Gaafatu
Iyyoob dogoggoraan Waaqayyoon ceephaʼeera (Iyo 27:1, 2)
Iyyoob dogoggora raawwatee kan ture taʼus, akka nama amanamaatti of ilaaluu dandaʼa ture (Iyo 27:5; it-1-E 1210 key. 4)
Amanamaa taʼuun nama mudaa hin qabne taʼuu utuu hin taʼin, garaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuu gaafata (Mat 22:37; w19.02 3 key. 3-5)
KANA IRRATTI XIINXALI: Yihowaan nama mudaa hin qabne akka taanu kan nu irraa hin eegne taʼuu isaa beekuun keenya, abdii akka hin kutanne kan nu gargaaru akkamitti?