LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Amajjii ful. 6-7
  • Amajjii 22-28

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 22-28
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Amajjii ful. 6-7

AMAJJII 22-28

IYYOOB 38-39

Faarfannaa 11 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Yeroo Fudhattanii Uumama Ni Ilaaltuu?

(Daq. 10)

Yihowaan erga lafa uumee booda, yeroo fudhatee wanta hojjete sirriitti ilaaleera (Uma 1:10, 12; Iyo 38:5, 6; w21.08 9 key. 7)

Maleekonni yeroo fudhatanii wanta Yihowaan uume ilaalaniiru (Iyo 38:7; w20.08 14 key. 2)

Yeroo fudhannee wanta Waaqayyo uume yoo ilaallee fi yoo dinqisiifanne amanannaa Yihowaan irratti qabnu cimsachuu dandeenya (Iyo 38:32-35; w23.03 17 key. 8)

Haati takkaa fi intalli ishii mana isaanii maddiitti billaacha tokko gammachuudhaan ilaalaa jiru.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Iyo 38:8-10—Yihowaan qaama Seera Baasu taʼuu isaa ilaalchisee caqasoonni kun maal nu barsiisu? (it-2-E 222)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Iyo 39:1-22 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni sun mariʼachuuf fedhii akka hin qabne yeroo hubattu, marii keessan karaa gaarii taʼeen goolabi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Maree kanaan dura gootan irratti namichi, dhiheenya kana nama jaallatu duʼaan akka dhabe sitti himeera. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 1—Mataduree: Taateewwan Yeroo Ammaa fi Amalli Namootaa Dhiheenyatti Jijjiiramni Akka Dhufu Argisiisu. (th qoʼannaa 16)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 111

7. Uumama Ilaaluun Dhimma Isa Hunda Caalaa Barbaachisaa Taʼe Yaadachuuf Nu Gargaara

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Iyyoob bineeldota ajaaʼibsiisoo Yihowaa uume kan akka roobii, allaattii awwaanisaa, guchii, naacha, risaa, fardaa fi gafarsa irratti xiinxalaa jira. Bubbee cimaan bubbisaa jira, Eliihuu fi jajjabeessitoonni sobaa sun sadan isa bira taaʼanii jiru.

Iyyoob yeroo michoonni isaa sadanii fi Seexanni isa miidhanitti, rakkoowwan isarra gaʼanii fi dubbii dogoggoraa isa ceephaʼuuf dubbatame irratti xiyyeeffateera.

Iyyoob 37:14 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Iyyoob karaa hafuuraa deebisee madaallii isaa eeggachuuf maal gochuun isa barbaachisee ture?

Rakkoon akka nutti baayʼate yommuu nutti dhagaʼamu, uumama ilaaluun keenya Yihowaan guddaa akka taʼe nu yaadachiisa, akkasumas fedhii isaaf amanamoo taanee jiraachuuf qabnu cimsachuu fi dandeettii inni nu kunuunsuuf qabu irratti amanannaa qabnu guddifachuuf nu gargaara.—Mat 6:26.

VIIDIYOO Barumsa Kitaaba Iyoob Irraa Argannu—Uumama Bineensotaa Irraa Maal Baranna? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu.

Viidiyoon kun amantii Yihowaa irratti qabdan kan isiniif cimse akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 4 key. 13-20

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 54 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi