LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Amajjii ful. 8-9
  • Amajjii 29–Guraandhala 4

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 29–Guraandhala 4
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Amajjii ful. 8-9

AMAJJII 29–GURAANDHALA 4

IYYOOB 40-42

Faarfannaa 124 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Wanta Iyyoob Irra Gaʼe Irraa Barumsa Argannu

(Daq. 10)

Yihowaa wajjin yommuu wal bira qabamnu beekumsi keenya muraasa akka taʼe yaadadhaa (Iyo 42:1-3; w10 10/15 3-4 key. 4-6)

Gorsa Yihowaa fi jaarmiyaan isaa isiniif kennu fudhachuuf qophaaʼoo taʼaa (Iyo 42:5, 6; w17.06 25 key. 12)

Rakkinni yoo isaan irra gaʼeyyuu Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼan ni eebbisa (Iyo 42:10-12; Yaq 5:11; w22.06 25 key. 17-18)

Iyyoobii fi haati manaa isaa tabba irra dhaabbatanii dinqisiifannaadhaan wal ilaalaa jiru. Iyyoob beeladootaa fi mana isaatti harkasaa qabaa jira.

Yihowaan amanamummaa isaatiif Iyyoobiin kiiseera

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Iyo 42:7—Michoonni Iyyoob sadan ceephaʼaa kan turan Iyyoobiin utuu hin taʼin eenyuunidha? Kana beekuun keenya ceephoo dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (it-2-E 808)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Iyo 42:1-17 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Nama amantaa Kiristiyaanaa hin hordofne haasofsiisuu. (lmd barumsa 5 qabxii 3)

5. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 13 qabxii 6-7 fi Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu (lmd barumsa 11 qabxii 4)

6. Haasaa

(Daq. 4) lmd kutaa dabalataa A qabxii 2—Mataduree: Lafti Matumaa Hin Baddu. (th qoʼannaa 13)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 108

7. Warri Kaan Yihowaan Akka Isaan Jaallatu Akka Beekan Gargaari

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Fakkii viidiyoo “Maatii Yihowaa Keessatti Jaalala Kiristiyaanaa Arganneerra” jedhu irraa fudhatame. Mimii fi haati ishee obboleettii hospitaala ciistee jirtuuf abaaboo fi kaardii kennaa jiru.

Waaqa jaalalaa waaqeffachuu keenyatti baayʼee gammanna. (1Yo 4:8, 16) Yihowaan jaalala taʼuun isaa gara isaatti nu harkisa akkasumas isatti dhihaannee akka jiraannu nu kakaasa. Hoolota isaa waan taaneef hundi keenyayyuu jaalala Yihowaa dhandhamaa jirra.

Nutis akkaataa miseensota maatii keenya, obboloota keenyaa fi namoota kaan itti qabnuun fakkeenya jaalalaa Yihowaa hordofuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. (Iyo 6:14; 1Yo 4:11) Isaan jaallachuudhaan namoonni kaan Yihowaa akka beekanii fi akka isatti dhihaatan gargaaruu dandeenya. Namoota hin jaallannu taanaan garuu Yihowaan akka isaan jaallatu amanuun isaanitti ulfaata.

VIIDIYOO Maatii Yihowaa Keessatti Jaalala Kiristiyaanaa Arganneerra jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Jaalala argisiisuun barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee muuxannoo Lee Lee fi Mimii irraa maal baratte?

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Yihowaan akka isaan jaallatu akka isaanitti dhagaʼamuuf maal gochuu dandeenya?

  • Hoolota Yihowaa gatii guddaa qaban akka taʼanitti isaan ilaalaa.—Fr 100:3

  • Karaa isaan jajjabeessuun isaanitti dubbadhaa.—Efe 4:29

  • Wanta isaanitti dhagaʼamu hubachuuf yaalaa.—Mat 7:11, 12

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 5 key. 1-8, saanduqa ful 43​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 126 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi