LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Amajjii ful. 11
  • Guraandhala 12-18

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala 12-18
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Amajjii ful. 11

GURAANDHALA 12-18

FAARFANNAA 5-7

Faarfannaa 118 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Warri Kaan Maaliyyuu Yoo Godhan Amanamoo Taʼaa

(Daq. 10)

Daawit wanta warri kaan raawwataniin kan kaʼe yeroo tokko tokko gammachuu isaa ni dhaba ture (Fr 6:6, 7)

Daawit gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhateera (Fr 6:2, 9; w21.03 15 key. 7-8)

Amantii cimaan Daawit Yihowaa irratti qabu amanamaa taʼee akka jiraatu isa gargaareera (Fr 6:10)

Suuraan inni xiqqoon obboleettiin tokko Galma Walgaʼii alatti obboleettii kan biraatti yommuu iyyitu argisiisa. Booda isheen itti iyyame mana isheetti yommuu kadhattu.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Warri kaan maaliyyuu yoo raawwatan Yihowaaf amanamaa taʼee jiraachuuf amantii na gargaaru horachaan jiraa?’—w20.07 8-9 key. 3-4.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 5:9—Qoonqoon hamootaa awwaala baname kan taʼe akkamitti? (it-1-E 995)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 7:1-11 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 1 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Kitaaba Qulqulluu utuu hin caqasin, haasaama keessa namichi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee akka beeku godhi. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Nama isinii wajjin falmuu barbaadu. (lmd barumsa 4 qabxii 5)

7. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 4) Hojiin argisiisa. ijwfq 64—Mataduree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Qophiiwwan Sabboonummaa Jajjabeessan Irratti kan hin Hirmaanne Maaliifi? (lmd barumsa 3 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 99

8. Gabaasa Tajaajilaa Waggaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Gabaasa tajaajilaa waggaa ilaalchisee beeksisa waajjira dameerraa ergame erga dubbistee booda, dhaggeeffattoonni Gabaasa Tajaajilaa Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa 2023 irraa yaada argatan akka dubbatan affeeri. Babalʼistoota dursitee qopheessitee fi waggaa tajaajilaa bara darbeetti muuxannoo nama jajjabeessu qabaniif gaafannoo godhi.

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 5 key. 16-22, saanduqa ful. 46​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 83 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi