Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
AMAJJII 1-7
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 32-33
Warra Dhiphatan Jajjabeessaa
it-1-E 710
Eliihuu
Eliihuun nama hin loogne dha; nama kamiyyuu maqaa ulfinaa isaaf hin malleen hin waamne. Innis akkuma Iyyoob suphee irraa akka hojjetamee fi inni Hundaa Olii Uumaa isaa akka dubbateera. Eliihuun Iyyoobiin qaanessuuf kaayyoo hin qabu ture, kanaa mannaa Eliifaaz, Bildaadii fi Zofaar irraa haala faallaa taʼeen Iyyoobiin maqaa isaatiin isa waamuudhaan akka michuu dhugaatti isatti dubbateera.—Iyo 32:21, 22; 33:1, 6.
Dadhabina Namootaatiif Ilaalcha Akka Yihowaa Qabduu?
8 Obboloota keenya keessaa tokko tokko akka dadhaban kan godhe dhibee fayyaa, maatii amantiidhaan tokko hin taane keessa jiraachuu ykn dhiphina sammuu taʼuu akka dandaʼu yaadachuun keenya, caalaatti isaan gargaaruuf nu kakaasa. Nuunis haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Israaʼeloonni biyya Gibxii keessatti dadhaboofi hiyyeessa turan Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii dura, obbolootasaanii warra rakkatanitti ‘garaa akka hin jabaanne’ yaadachiisni isaaniif kennamee ture. Yihowaan, Israaʼeloonni warra hiyyeessa taʼaniif xiyyeeffannaa kennuu akka qaban akka hubatan barbaada ture.—Kes. 15:7, 11; Lew. 25:35-38.
9 Namoota haalli rakkisaan isaan mudaterratti faraduu ykn isaan shakkuu mannaa, karaa hafuuraa jajjabina isaaniif kennuu qabna. (Iyo. 33:6, 7; Mat. 7:1) Yaada kana fakkeenyaan ibsuuf: Namni doqdoqqee utuu oofuu balaan isarra gaʼe tokko gara mana yaalaa yeroo dhaqu, ogeessonni yaalii fayyaa balaa sana kan geessise isa taʼuuf dhiisuusaa adda baafachuuf yaaluu? Matumaa! Kanaa mannaa hatattamaan gargaarsa barbaachisu isaaf godhu. Haaluma walfakkaatuun, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko rakkina isarra gaʼeen dadhabbiin yoo itti dhagaʼame, wanti nuti dursa kennuufii qabnu karaa hafuuraa gargaarsa isaaf gochuu taʼuu qaba.—1 Tasaloniiqee 5:14 dubbisi.
10 Haala obboloonni keenya keessa jiranirratti yeroo fudhannee xiinxaluun keenya, wanta dadhabinasaanii fakkaatu tokkoof ilaalcha adda taʼe qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Mee waaʼee obboleettota waggoota dheeraadhaaf maatiirraa mormiin isaanirra gaʼaa jiruu yaadaa. Tokko tokko baayʼee kan gad of deebisan siʼa taʼu, salphaadhumatti kan miidhaman fakkaatu. Taʼus, amantii cimaafi jabina akka qaban hin argisiisnee? Haati qeentee taate tokko ijoolleeshee wajjin yeroo hunda gara walgaʼii gumii yommuu dhuftu yeroo argitan, amantiifi ejjennoo isheen qabdu isin hin dinqisiisuu? Waaʼee dargaggoota mana barumsaatti qorumsi utuu isaanirra gaʼuu dhugaatti maxxananiihoo maal jechuu dandeenya? Haalawwan akkasiirratti yaaduun keenya, obboloonni dadhaboo fakkaatanii mulʼatan kun, akkuma obboloota keenya haala mijataa keessa jiran kaanii ‘amantiitti sooressa’ taʼuusaanii hubachuuf nu gargaara.—Yaq. 2:5.
Dubbachuuf Yeroon Sirrii Taʼe Yoomi?
17 Namni Iyoobiin gaafachuu dhufe inni arfaffaan Eliihuu isa fira Abrahaam taʼe dha. Iyoobii fi namoonni sadan sun yommuu dubbatan isaan dhaggeeffateera. Eliihuun wanta dubbatamaa ture xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture, sababiin isaas gorsa gara laafina irratti hundaaʼee fi Iyoob ilaalcha isaa akka sirreessu gargaaru kallattiidhaan isaaf kennuu dandaʼeera. (Iyo. 33:1, 6, 17) Wanti Eliihuu yaaddesse inni guddaan ofii isaatiif ykn nama kan biraatiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu ture. (Iyo. 32:21, 22; 37:23, 24) Fakkeenya Eliihuu irraa callisuunis taʼe dhaggeeffachuun yeroo akka qabu baranna. (Yaq. 1:19) Akkasumas yommuu gorsa kenninu wanti nu yaaddessu inni guddaan ofii keenyaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu taʼuu qaba.
18 Yeroo fi akkaataa itti dubbannu ilaalchisee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennu hordofuudhaan kennaa dubbachuutiif iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. Solomoon Mootichi inni ogeessa ture hafuuraan geggeeffamee akkana jechuudhaan barreesseera: “Jechi yeroo sirrii taʼetti dubbatame, akkuma poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.” (Fak. 25:11, NW) Wanta warri kaan dubbatan sirriitti kan dhaggeeffannuu fi dubbachuu keenya dura kan itti yaannu yoo taʼe, jechoonni keenya akkuma poomii warqii gatii guddaa kan qabuu fi kan bareedu taʼa. Akkasumas wanti dubbannu xinnoos taʼe baayʼee dubbiin keenya warra kaan ni ijaara, Yihowaanis nutti gammada. (Fak. 23:15; Efe. 4:29) Kennaa Waaqayyo nuuf kenne kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuuf karaan kana irra caalu hin jiru!
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Yihowaatti Dhihaachuu Keessan Itti Fufaa
10 Waaʼee miidhagina keenyaa yaaduunis dogoggora miti. Taʼus, mallattoo dullumaa wajjin walqabatee dhufu hunda hambisuuf garmalee dhiphachuun barbaachisaa miti. Mallattoon akkasii gaʼeessa taʼuu, ulfinaafi bareedina keessaa qabaachuu keenya argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, “Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti” jedha. (Fak. 16:31) Yihowaan kan nu ilaalu akkasitti waan taʼeef, nutis akkasitti of ilaaluu qabna. (1 Phexros 3:3, 4 dubbisi.) Kanaaf, caalaatti miidhaguuf jecha yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu barbaachisaa hin taaneefi balaadhaaf nama saaxilu gochuun barbaachisaadhaa? Umriin ykn fayyaan keenya maaliyyuu yoo taʼe, ‘gammachuun Waaqayyo nuuf kennu’ bareedina dhugaa keessa keenyaa maddu nuuf taʼuu dandaʼa. (Nah. 8:10) Fayyaa guutuufi bareedina isa yeroo dargaggummaa argachuu kan dandeenyu addunyaa haaraa keessatti qofadha. (Iyo. 33:25; Isa. 33:24) Hammasitti garuu, haala amma keessa jirrutti akka gaariitti fayyadamuudhaan ogummaafi amantii qabaachuun keenya Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf nu gargaara.—1 Xim. 4:8.
AMAJJII 8-14
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 34-35
Haqni Akka Jalʼate Yommuu Nutti Dhagaʼamu
Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?
Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe hojjeta. Dhugaa dubbachuuf, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!” (Iyoob 34:10) Akkuma faarfatichi, ‘Ati qajeeltootti namoota bulchita’ jedhee dubbate Yihowaan murtiin isaa qajeelaa dha. (Faarfannaa 67:4) ‘Waaqayyo garaa ilaala’ waan taʼeef, inni fakkeessitootaan gowwoomuu hin dandaʼu, kanaa mannaa yeroo hunda dhugaa isaa beekuu ni dandaʼa akkasumas murtoo sirrii taʼe godha. (1 Saamuʼel 16:7) Hunda caalaa immoo, Waaqayyo haqa jalʼisuu fi malaanmaltummaa lafa irratti raawwatamu hunda ni beeka akkasumas abdii, “Jalʼoonni . . . biyyicha keessaa in balleeffamu” jedhu nuuf kenneera.—Fakkeenya 2:22.
Mootummaan Waaqayyoo Yommuu Dhufu Wantoota Akkamii Balleessa?
5 Yihowaan tarkaanfii akkamii fudhata? Yihowaan yeroo ammaatti namoonni hamoon akka jijjiiramaniif carraa isaaniif kennaa jira. (Isa. 55:7) Namoonni kun murtii isa dhumaa kan argatan gara fuulduraatti dha. Sirni kun garuu itti murteeffameera. Haa taʼu malee, namoota jijjiiramuu didanii fi hanga rakkinni inni guddaan jalqabutti sirna kana deggeruu isaanii itti fufan ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Yihowaan namoota hamoo bara baraaf lafa irraa balleessuuf waadaa galeera. (Faarfannaa 37:10 dubbisi.) Namoonni hamoon murtoo akkasii irraa waan oolan isaanitti fakkaata taʼa. Baayʼeen isaanii wanta godhan dhoksuu amaleeffataniiru, akkasumas addunyaa kana keessatti yeroo baayʼee haqaa fi adaba jalaa waan oolan isaanitti fakkaata. (Iyo. 21:7, 9) Kitaabni Qulqulluun garuu akkana jechuudhaan nu yaadachiisa: “Iji [Waaqayyoo] gara karaa namaa in ilaala, tarkaanfii isaa hundumaas in arga. Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin jiru.” (Iyo. 34:21, 22) Matumaa Yihowaa jalaa dhokachuun hin dandaʼamu. Namni fakkeessituu taʼe kam iyyuu isa gowwoomsuu hin dandaʼu; halkanii fi dukkanni sodaachisaan illee akka inni hin ilaalle isa daangessuu hin dandaʼu. Kanaaf Armaagedoon booda, bakka namoonni hamoon jiraachaa turan ilaalla taʼa, taʼus isaan hin arginu. Isaan bara baraaf balleeffamaniiru!—Far. 37:12-15.
Yesuusitti ni Gufattaa?
19 Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun siyaasa irraa walaba waan taaneef nutti gufatu. Filannoo irratti akka hirmaannu nurraa eegu. Taʼus, akka ilaalcha Yihowaatti namni tokko akka nu bulchu yoo filanne, isa tuffachuu akka taʼe ni hubanna. (1 Sam. 8:4-7) Kana malees namoonni, manneen barumsaa fi hospitaalota akka ijaarru, akkasumas hojiiwwan gargaarsaa irratti hirmaachuu akka qabnu isaanitti dhagaʼama. Rakkoowwan addunyaatiif furmaata hatattamaa fiduu mannaa, hojii misiraachicha labsuu irratti waan xiyyeeffannuuf ni gufatu.
20 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? (Maatewos 7:21-23 dubbisi.) Galmi keenya inni guddaan hojii Yesuus akka hojjennu nu ajaje hojjechuu taʼuu qaba. (Mat. 28:19, 20) Dhimma siyaasaa fi hawaasaa addunyaa kanaatiin matumaa yaanni keenya hihhiramuu hin qabu. Namoota kan jaallannuu fi rakkinni isaanii kan nu yaaddessu taʼus, karaan oollaawwan keenya itti gargaarru inni guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiisuu fi Yihowaa wajjin hariiroo akka uuman isaan gargaaruu akka taʼe beekna.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Fedhiidhaan Of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!
3 Eliihuun, “Ati qajeelaa yoo taate isaaf [Waaqayyoof] maal laatta? Harka kee keessaas inni maal fudhata?” jedhee gaafachuu isaatiin Yihowaan isatti hin dheekkamne. (Iyo. 35:7) Eliihuun yeroo akkas jedhu, carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf goonu gatii hin qabu jechuu isaa turee? Lakki. Yihowaan, waaqeffannaa isaaf dhiheessinu irratti kan hin hundoofne akka taʼe ibsuu isaa ture. Yihowaan kan of dandaʼe dha. Isa sooromsuus taʼe isa cimsuu hin dandeenyu. Kanaa mannaa, gaarummaa, dandeettii fi cimina kan arganne Waaqayyo irraa siʼa taʼu, akkaataa wantoota kanatti itti fayyadamnus ni hubata.
AMAJJII 15-21
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 36-37
Abdiin Jireenya Bara Baraa Waaqayyo Kenne Akka Raawwatamu Kan Amantu Maaliifi?
w15-AM 10/1 13 key. 1-2
Waaqayyoon Barbaannee Argachuu ni Dandeenyaa?
WAAQAYYO BARA BARAAF JIRAATA: Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “bara baraa hamma bara baraatti” akka jiraatu dubbata. (Faarfannaa 90:2) Jecha biraatiin Waaqayyo jalqaba hin qabu, dhumas hin qabu. Akka ilaalcha namaatti, ‘barri isaa hubannaa keenyaa oli.’—Iyyoob 36:26.
Kana beekuun kee akkamitti si fayyada: Waaqayyo sirriitti yoo isa beekte jireenya bara baraa akka siif kennu waadaa galeera. (Yohaannis 17:3) Waaqayyo bara baraaf hin jiraatu utuu taʼee waadaan kun amansiisaa taʼa turee? Waadaa akkasii raawwachuu kan dandaʼu, “Mootii bara baraa” qofadha.—1 Ximotewos 1:17.
Kennaawwan Waaqayyoo ni Dinqisiifattaa?
6 Bishaan bifa dhangalaʼaatiin argamu lafa irra jiraachuu kan dandaʼe pilaaneetiin keenya aduu irraa fageenya sirrii taʼe irratti waan argamtuufi. Lafti xinnuma gara aduutti dhihaattee jirti utuu taʼee, bishaan ishii irra jiru hundi hurkee dhumuu dandaʼa ture, ishiinis qarsaa baayʼee hoʼituu fi lubbuun irra hin jiraanne taati turte. Lafti xinnuma aduu irraa fagaattee jirti utuu taʼee immoo, bishaan hundi cabbii taʼa, ishiinis guutummaatti geengoo cabbii guddaatti jijjiiramti turte. Yihowaan lafa bakka sirrii taʼe kana irra waan kaaʼeef, marsaan bishaanii lafa irra jiru lubbuu jiraachisuu dandaʼa. Aduun bishaan galaanaa fi lafa irra jiru hoʼisuu fi hurkisiisuudhaan bishaan sun duumessa akka taʼu gooti. Aduun waggaa waggaadhaan bishaan haroowwan lafa irra jiran hunda irra caalu akka hurku gooti. Bishaan kun bokkaa ykn cabbii taʼee buʼuu isaa dura gara guyyaa kudhaniitiif hawaa keessa tura. Bishaanichi yeroo booda gara galaanaatti ykn gara lageenii fi haroowwaniitti deebiʼa; marsaan kunis irra deddeebiʼee dhufa. Marsaan buʼa qabeessaa fi dhaabbataa taʼe kun Yihowaan ogeessaa fi humna qabeessa taʼuu isaa mirkaneessa.—Iyo. 36:27, 28; Lal. 1:7.
Abdii Kee Cimsadhu
16 Abdiin jireenya bara baraa kennaa dinqisiisaa Waaqayyo nuuf kennedha. Gara fuulduraatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetu nu eeggata; yeroon kun akka dhufus mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Abdiin keenya inni qofoo dooniitti fakkeeffame qorumsa keessatti jabaannee akka dhaabbannu, ariʼatama akka dandamannuu fi duʼa akka hin sodaanne jabina nuuf kenna. Abdiin keenya baarmeexaa sibiilaattis kan fakkeeffame yeroo taʼu, sammuu keenyaaf eegumsa gochuudhaan wanta dogoggora taʼerraa fagaannee wanta gaariitti akka maxxannu nu gargaara. Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kun Waaqayyootti dhihaachuu fi jaalalli inni nuuf qabu hammam guddaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Abdiin keenya ifaa fi cimaa taʼee akka itti fufu yommuu goonu faayidaa guddaa arganna.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 492
Oduu Walitti Dabarsuu
Biyyoota durii Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanitti, odeeffannoo fi yaadni namaa namatti kan darbu karaa gara garaatiin ture. Yeroo baayʼee oduun biyya keessaa fi biyya alaa afaaniin daddarba ture. (2Sam 3:17, 19; Iyo 37:20) Imaltoonni yeroo baayʼee namoota gurmaaʼanii deemanii wajjin imalan, nyaata, bishaanii fi wantoota barbaachisoo kan birootiif magaalota ykn bakkawwan daandii isaanii irra jiranitti yommuu dhaabatan oduu iddoo fagootii dhagaʼan ni himu turan. Biyyi Filisxeem, Eeshiyaa, Afriikaa fi Awurooppaa irraa iddoo sirriitti waan argamtuuf, imaltoonni gurmaaʼanii deeman bakka fagoo deemuuf ishii keessa qaxxaamuru turan. Kanaafuu, jiraattonni biyyattii wantoota gurguddoo biyya alatti taʼan ilaalchisee odeeffannoon dafee isaan qaqqaba ture. Oduu biyya keessaa fi biyya alaa yeroo baayʼee bakka gabaa magaalaa tokkootti argachuun ni dandaʼama.
Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu
Yaalii Fayyaa ykn Yaalii Baqaqsanii Walʼaanuu Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophaaʼaa
km-AM 11/06 3
Yaalii Fayyaa Dhiiguma Koo fi Qoqqoodama Dhiigaa Fayyadamuudhaan Raawwataman Ilaalchisee Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?
Kitaabni Qulqulluun “dhiiga irraa . . . fagaadhaa” jedhee Kiristiyaanota ajaja. (HoE 15:20) Kanaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga guutuus taʼe kutaalee dhiigaa guguddoo arfan jechuunis seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatileetii fi pilaazmaa hin fudhatan. Kana malees dhiiga namootaaf hin kennan, ofii isaaniitiif yeroo biraa itti fayyadamuufis hin kaaʼan.—Lew 17:13, 14; HoE 15:28, 29.
Qoqqoodama dhiigaa warri jedhaman warra kami? Kana ilaalchisee Kiristiyaanonni hundi murtoo mataa isaanii gochuu kan qaban maaliifi?
Qoqqoodamawwan dhiigaa mala fraakshineshiin jedhamuun wantoota dhiiga keessaa baʼanidha. Fakkeenyaaf kutaalee dhiigaa gurguddoo arfan keessaa tokko kan taʼe pilaazmaan gara wantoota kanaatti qoqqoodamuu dandaʼa. Isaanis bishaan, gara parsantii 91; pirootinoota kan akka albuumin, giloobiiliinii fi faayibiriinaaj gara Parsantii 7; akkasumas wantoonni kan biroon kan akka nyaataa, hormoonootaa, gaazootaa, viitaamiinootaa, balfawwanii fi Elektiroolaayitootaa immoo gara parsantii 1.5.
Ajajni dhiiga irraa akka fagaannu nuuf kenname qoqqoodama dhiigaas ni dabalataa? Akkas jechuu hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun qoqqoodama dhiigaa ilaalchisee ibsa balʼaa hin kennu. Dhugaadhaa, qoqqoodamni dhiigaa hedduun kan qophaaʼu yaalii fayyaatiif jedhamee dhiiga arjoomameraadha. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa yaalii fayyaa qoqqoodama dhiigaatiin godhamu fudhachuuf ykn dhiisuuf hubannaadhaan murteessuu qaba.
Murtoo akkasii yommuu goonu akkas jennee of gaafachuu qabna: Qoqqoodama dhiigaa hundumaa fudhachuu dhiisuuf yeroon murteessu, qorichoota humna qaamni keenya dhukkubaa fi vaayirasii of irraa dhorkuuf qabu cimsuuf kennaman ykn qorichoota dhiigni dhangalaʼu akka kantaruuf kennaman tokko tokko hin fudhadhu jechuu koo akka taʼe naa galeeraa? Qoqqoodama dhiigaa tokko tokko maaliif akkan fudhadhu ykn maaliif akkan hin fudhanne doktarootaaf ibsuu nan dandaʼaa?
AMAJJII 22-28
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 38-39
Yeroo Fudhattanii Uumama Ni Ilaaltuu?
Yihowaa Obsaan ni Eeggattaa?
7 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan lafa kan uume akkamitti akka taʼe yeroo ibsu, “safartuu isaa” akka kaaʼe, “miiloowwan isaa” akka dhaabe, akkasumas “dhagaa golee isaa” akka kaaʼe dubbateera. (Iyo. 38:5, 6) Wanta hojjete irratti yeroo fudhatee illee yaadeera. (Uma. 1:10, 12) Mee Yihowaan wantoota uume suutuma suuta bareechaa yeroo deemetti wanta maleekotatti dhagaʼame tilmaami! Baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu. ‘Gammachuudhaan kan iyyanis’ kanaafi. (Iyo. 38:7) Kana irraa maal baranna? Yihowaan uumamawwan isaa hundumaa uumee xumuruuf waggoota kuma hedduu isatti fudhateera; taʼus Yihowaan, wantoota of eeggannoodhaan uume hundumaa irra deebiʼee yommuu ilaalu, “baayʼee gaarii” taʼuu isaanii arge.—Uma. 1:31.
Duʼaa Kaʼuun Jaalala, Ogummaa fi Obsa Waaqayyoo Mulʼisa
2 Jalqaba, Yihowaan Ilma isaa Yesuusiin uume. Achiis, ilma isaa jalqabaa kanatti fayyadamee, uumamawwan hafuuraa yaaduu dandaʼan dabalatee ‘wantoota kaan hunda uume.’ (Qol. 1:16) Yesuus mirga Abbaa isaa wajjin hojjechuuf argatetti gammadeera. (Fak. 8:30) Maleekonni warri ilmaan Waaqayyoo taʼanis gammaduuf sababii qabu turan. Yihowaa fi Hojjetaan isaa inni dandeettii qabu,Yesuus yommuu samii fi lafa uuman ni ilaalu turan. Maarree maleekotatti maaltu dhagaʼame? Yommuu lafti uumamte ‘guddisanii sagalee gammachuu kan dhageessisan’ siʼa taʼu, uumama isaa isa dhumaa nama dabalatee, yeroo inni wantoota kaan hundumaa uumettis gammachuudhaan iyyanii akka turan hin shakkisiisu. (Iyo. 38:7; Fak. 8:31.) Uumamawwan kun hundi jaalalaa fi ogummaa Yihowaa mulʼisu.—Far. 104:24; Rom. 1:20.
Waaʼee Yihowaa Uumamarraa Caalaatti Baradhu
8 Yihowaarratti amantii qabaachuu qabna. Yihowaan amantii isarratti qabu akka guddifatu Iyyoobiin gargaareera. (Iyo. 32:2; 40:6-8) Yeroo Iyyoobiin haasofsiisaa turetti urjiilee, duumessaa fi bakakkaa dabalatee uumamawwan hedduu caqaseera. Gafarsaa fi farda dabalatee waaʼee bineeldota garaa garaas dubbateera. (Iyo. 38:32-35; 39:9, 19, 20) Wantoonni kun hundi Waaqayyo humna ajaaʼibsiisaa taʼe akka qabu qofa utuu hin taʼin, jaalallii isaa fi ogummaan isaa guddaa akka taʼes nuuf mirkaneessu. Iyyoob Yihowaa wajjin wantoota kanarratti erga mariʼatee booda amantiin isarratti qabu caalaatti cimeera. (Iyo. 42:1-6) Nutis uumama yeroo qorannu Yihowaan ogummaa gita hin qabne akka qabuu fi nu caalaa humna akka qabu yaadanna. Inni wanta qorumsa nutti taʼu hundumaa balleessuu ni dandaʼa, ni balleessas. Dhugaan kun amantii isarratti qabnu nuuf cimsa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 222
Kan Seera Tumu
Yihowaan qaama seera tumudha. Uumama cufaaf Seera kan tumu isa qofadha. Seera uumamaa qaamota lubbu dhabeeyyii taʼanii fi (Iyo 38:4-38; Fr 104:5-19), lubbu qabeeyyii taʼan toʼatu isatu baase. (Iyo 39:1-30) Namnis uumama Yihowaa waan taʼeef seera uumamaa Yihowaa jala jira, akkasumas dandeettii ulaagaa sirriidhaan jiraachuu, yaaduu, waa madaaluu fi waaqeffachuu waan qabuuf, ulaagaalee naamusaa Waaqayyoof bitamuun isaa barbaachisaadha. (Rom 12:1; 1Qo 2:14-16) Maleekonni warri uumamawwan hafuuraa taʼanis seera Yihowaa jala jiru.—Fr 103:20; 2Ph 2:4, 11.
Seerawwan uumamaa Yihowaan baase cabsuun hin dandaʼamu. (Er 33:20, 21) Seerawwan, uumama Yihowaa isa ijaan argamu keessa jiran dhaabbataa fi amansiisoodha; saayintistoonni seerawwan kana keessaa isa beekan irratti hundaaʼuudhaan sochii jiʼaa, pilaaneetotaa fi qaamota samii kan biroo sirriitti shallaguu dandaʼaniiru. Namni seera uumamaa cabsu yeruma sana gatii isaa argata. Haaluma wal fakkaatuun, ulaagaan naamusaa Waaqayyo baase hin jijjiiramu, namni seera kana cabsus utuu hin adabamin hin hafu. Kan inni adabamu garuu akka nama seera uumamaa cabseetti battaluma sanatti taʼuu dhiisuu dandaʼa. “Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata.”—Gal 6:7; 1Xi 5:24.
AMAJJII 29–GURAANDHALA 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 40-42
Wanta Iyyoob Irra Gaʼe Irraa Barumsa Argannu
‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’
4 Hojiiwwan Yihowaarratti yeroo xiinxallu, ilaalcha namootaatiin Waaqayyoon madaaluurraa of qusachuu nu barbaachisa. Yihowaan Faarfannaa 50:21rratti, “Ati akkuma ofii kee na seete” jechuudhaan ilaalcha akkasii ibseera. Haala kanaa wajjin wal fakkaatuun waggaa 175 dura hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedheera: “Namoonni ilaalcha mataasaaniitiin Waaqayyoon madaaluuf yaalu; akkasumas Waaqayyo seera namoonni hordofaniin geggeeffamuu akka qabu itti dhagaʼama.”
5 Ilaalchi Yihowaadhaaf qabnu, ilaalchaafi fedhii dhuunfaa keenyaa wajjin akka walsimu gochuuf yaaluurraa of eeggachuu qabna. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo qayyabannu, wantoonni Yihowaan raawwate tokko tokko, akka ilaalcha keenya isa daangeffamaafi mudaa qabuutti yoo ilaalaman dogoggora nutti fakkaachuu dandaʼu. Israaʼeloonni dur turan, ilaalcha akkasii qabaachuusaaniitiin kan kaʼe, walitti dhufeenya Yihowaan isaanii wajjin qabu ilaalchisee murtoo dogoggoraarra gaʼanii turan. Wanta Yihowaan isaaniin jedhe kana hubadhaa: “Isin garuu, ‘Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti’ in jettu; dhagaʼaa yaa mana Israaʼel! Karaan koo qajeelaa mitii ree? Karaa isa kan keessaniitu jalʼaa dha mitii ree?”—His. 18:25.
6 Ilaalcha mataa keenyaatiin Yihowaa madaaluurraa of eeguuf wanti nu gargaaru inni guddaan, ilaalchi keenya daangeffamaafi al tokko tokko baayʼee jalʼaa taʼuusaa hubachuudha. Iyoob kana hubachuun isa barbaachisee ture. Yeroo rakkinni isarra gaʼetti, abdii kutatee kan ture siʼa taʼu, hamma tokkos ofittummaa argisiisee ture. Dhimmawwan gurguddaa taʼan dagatee ture. Haataʼu malee Yihowaan ilaalchasaa akka balʼifatu jaalalaan isa gargaareera. Yihowaan gaaffiiwwan 70 ol taʼaniifi Iyoob deebisuu hin dandeenye isa gaafachuudhaan, hubannaansaa daangeffamaa taʼuusaa akka beeku isa gargaareera. Iyoobis gad of deebisuudhaan ilaalchasaa sirreesseera.—Iyoob 42:1-6 dubbisi.
Iji Keessan Dhimma Isa Guddaa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa
12 Yihowaan, rakkinni kun hundi Iyoob irra gaʼee utuu jiruu kallattiidhaan gorsa akkanaa isaaf kennuun isaa akka inni gara jabeessa taʼe argisiisaa? Waaqayyo gara jabeessa hin turre; Iyoobis akkasitti hin yaanne. Iyoob rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼu illee xumura irratti dinqisiifannaadhaan akkana jedheera: “Awwaaraa fi daaraa keessa taaʼee, yaada garaa koo nan geddaradha.” Buʼaan kun kan argame waan Yihowaan gorsa ifa taʼee fi isa jajjabeessu isaa kenneef ture. (Iyo. 42:1-6) Kana duras, Iyoob sirreeffama Eliihuu isa umuriidhaan isaa gadi ture irraa isaaf kenname fudhatee ture. (Iyo. 32:5-10) Iyoob, gorsa Waaqayyoo fudhatee erga ilaalcha isaa irratti sirreeffama godhee booda, Yihowaan Iyoob qorumsa jalatti amanamummaa isaa akka eege warra kaaniif mirkaneesseera.—Iyo. 42:7, 8.
“Yihowaa Abdadhu”
17 Tajaajilaan Yihowaa qorumsa cimaa ija jabinaa fi ciminaan dandamate Iyyoob qofa miti. Phaawulos ergamaan xalayaa Ibrootaaf barreesserratti tajaajiltoota Yihowaa kan biroo hedduu caqaseera; namoota kanas, “Dhugaa baatota akka duumessa guddaa [taʼan]” jedhee waameera. (Ibr. 12:1) Hundi isaanii qorumsa cimaa keessa darbaniiru; taʼus jireenya isaanii guutuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼaniiru. (Ibr. 11:36-40) Maarree, jabaatanii dhaabbachuun isaanii fi carraaqqii guddaa gochuun isaanii homaa gatii hin qabuu? Matumaa. Yeroo lubbuudhaan jiranitti waadaawwan Waaqayyo gale hundi yeroo raawwataman arguu baatanis Yihowaa abdachuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaa biratti fudhatama akka argatan mirkanaaʼoo waan turaniif, waadaawwan kun yommuu raawwataman akka argan amanannaa qabu turan. (Ibr. 11:4, 5) Fakkeenyi isaanii murtoo Yihowaa abdachuu keenya itti fufuuf goone nuuf cimsa.
18 Yeroo ammaatti jiraachaa kan jirru addunyaa isa gadheerraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu keessadha. (2 Xim. 3:13) Seexanni saba Waaqayyoo qoruu isaa itti fufeera. Gara fuulduraatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, ‘Waaqa isa jiraataa taʼe abdachuudhaan’ Yihowaadhaaf jabaannee hojjechuuf haa murteessinu. (1 Xim. 4:10) Wanti Waaqayyo Iyyoobiif godhe, “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuusaa akka mirkaneessu yaadadhu. (Yaq. 5:11) Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan” akka badhaasu amantii qabaachuudhaan nutis amanamummaa keenya eeggannee itti haa fufnu.—Ibroota 11:6 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 808
Qoosaa
Iyyoob nama qajeelaa utuma garmalee itti qoosamuu amanamummaa isaa eeggate ture. Haataʼu malee ilaalcha dogoggoraa waan qabaatee fi dogoggora waan raawwateef sirreeffameera. Eliihuun waaʼee isaa, “Namni akka Iyyoobitti qoosaa akkuma bishaaniitti dhugu kan biraan eenyu?” jedheera. (Iyo 34:7) Iyyoob Waaqni sirrii taʼuu isaa irratti utuu hin taʼin, inni sirrii taʼuu isaa irratti garmalee waan xiyyeeffateef, qajeelummaan isaa kan Waaqayyoo akka caalu godhee ibseera. (Iyo 35:2; 36:24) ‘Michoonni’ isaa sadan garmalee yommuu isatti qoosan dhimmicha Waaqayyoo wajjin wal qabsiisuu mannaa gara ofii isaatti naannesseera. Akkas gochuudhaan akkuma nama gammachuudhaan bishaan dhuguutti qoosaa sana kan dhuge yommuu taʼu, kunis nama qoosaatti gammadu isa fakkeesseera. Boodas Waaqayyo (ibsa xumura irratti isaaf kenne irratti) qoostonni sun waaʼee Waaqayyoo dhugaa dubbachaa akka hin turre Iyyoobitti himeera. (Iyo 42:7) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo Israaʼeloonni mootiin akka isaaniif moosifamu gaafatanitti, Yihowaan Saamuʼel raajichaan, “Isaan kan tuffatan siin miti; kanaa mannaa mootii isaanii akkan hin taane kan tuffatan anaani” jedheera. (1Sa 8:7) Yesuusis barattoota isaatiin, “[Maqaa keessaniin utuu hin taʼin] maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu” jedheera. (Mat 24:9) Kiristiyaanni tokko wantoota kana yaadachuun isaa, qoosaa isa mudatu ilaalcha sirriidhaan dandamachuu fi jabaatee dhaabachuudhaan badhaasa isaa argachuuf gaʼumsa akka qabaatu isa gargaara.—Luq 6:22, 23.
GURAANDHALA 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 1-4
Mootummaa Waaqayyoo Cina Dhaabadhu
“Ani Saboota Hundumaa Nan Sochoosa”
8 Namoonni ergaa kanaaf deebii akkamii kennaa jiru? Baayʼeen isaanii ergaa kana fudhachaa hin jiran. (Faarfannaa 2:1-3 dubbisi.) Saboonni jeeqamaniiru. Bulchaa Yihowaan muude fudhachuu didaniiru. Ergaa Mootummichaa nuti lallabnu akka ‘misiraachootti’ hin ilaalan. Mootummoonni hojii lallabaa dhorkan illee jiru! Bulchitoonni sabootaa hedduun Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, aangoo isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan. Kanaafuu, akkuma bulchitoonni bara Yesuus turan godhan, bulchitoonni yeroo harʼaatti argamanis duuka buutota isaa irratti haleellaa banuudhaan isa Yihowaan dibe mormaa jiru.—HoE. 4:25-28.
Addunyaa Qoqqoodame Kana Keessatti Adda Taʼaa
11 Jaalala qabeenyaa. Qabeenya keenyaaf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, yeroo qorumsaatti ejjennoo adda taʼuu ilaalchisee qabnu laaffisuu dandeenya. Ruut ishiin Maalaawwii keessa jiraattu, Dhugaa Baatonni hedduun bara 1970mmaniitti yeroo ariʼatamni isaan irra gaʼetti ejjennoo isaanii akka laaffisan argiteetti. Akkana jechuudhaan wanta yaadattu dubbatti: “Jireenya qananii dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. Isaan keessaa tokko tokko nuu wajjin hidhamanii kan turan taʼus, jireenya rakkisaa kaampii keessa jiru dandamachuu waan hin barbaadneef, yeroo booda paartii siyaasaa deggeranii gara mana isaaniitti deebiʼaniiru.” Haala kana irraa faallaa taʼeen, tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun haala dinagdee rakkisaa taʼe keessatti ykn waan qaban hunda illee yeroo dhabanitti, siyaasa irraa adda taʼanii jiraataniiru.—Ibr. 10:34.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 425
Galabaa
Galabaan qola haphii firii midhaanii kan akka garbuu fi qamadii haguuguu fi firichaaf eegumsa godhudha. Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyaan kan ibsame taʼus, bara duriitti midhaan yeroo dhaʼamu wanta raawwatamuu wajjin kan wal qabatedha. Qolli firii isa barbaachisaa taʼe haguugee jiru waan hin nyaatamneef midhaanichi erga sassaabamee booda gatii hin qabu, kanaafuu, wanta salphaa, gatii hin qabnee fi hin barbaadamne, jechuunis wanta isa gaarii irraa adda baʼee balleeffamuu qabu argisiisuuf fakkeenya gaariidha.
Jalqaba, midhaanichi yeroo dhaʼamu galabaan sun firii isaa irraa adda baʼa. Achiis qilleensatti yeroo darbatamu qolli xixiqqoon hafte akkuma awwaaraa qilleensaan fudhatamti. (WINNOWING ilaali.) Fakkeenyi kun akkaataa Yihowaan gantoota saba isaa irraa adda itti baasuu fi akkaataa inni hamootaa fi saboota mormitoota taʼan itti balleessu sirriitti argisiisa. (Iyo 21:18; Fr 1:4; 35:5; Isa 17:13; 29:5; 41:15; Hos 13:3) Mootummaan Waaqayyoo diinota isaa akka habaqiitti waan caccabsuuf akkuma galabaa salphaatti qilleensaan fudhatamuu taʼu.—Dan 2:35.
Qilleensi galabaa gatii hin qabne kana bittinneessee gara midhaaniitti akka hin deebisneef yeroo baayʼee walitti qabamee gubama. Haaluma wal fakkaatuun, Yohaannis Cuuphaan, Yesuus Kiristoos yeroo qamadii dhawutti hordoftoota amantii sobaa maal akka godhu yommuu ibsu, “habaqii isaa garuu ibidda dhaamuu hin dandeenyeen guba” jechuudhaan raajii dubbateera.—Mat 3:7-12; Luq 3:17; THRESHING ilaali.
GURAANDHALA 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 5-7
Warri Kaan Maaliyyuu Yoo Godhan Amanamoo Taʼaa
Kitaaba Qulqulluu Irraa Jabina Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
7 Miseensi maatii ykn michuun kee tokko si miidhee beekaa? Taanaan, seenaa ilma Daawit Mootichaa Abishaalom isa abbaa isaa ganee fi mootummaa abbaa isaa fudhachuuf yaalee qoruudhaan fayyadamuu dandeessa.—2 Sam. 15:5-14, 31; 18:6-14.
8 (1) Kadhachuu. Seenicha yaadatti qabachuudhaan dogoggora si irratti raawwatameef miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. (Far. 6:6-9) Wanta sitti dhagaʼamu adda baasii dubbadhu. Achiis rakkinicha dandamachuuf yommuu yaaltutti Yihowaan qajeelfama si barbaachisu hubachuuf akka si gargaaru isa gaafadhu.
Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuu Isaa Mirkaneeffadhu
3 Amantiin keenya jaalala sabni Waaqayyoo qabu qofa irratti kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Maaliif? Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko, jechuunis jaarsi ykn qajeelchaan tokko cubbuu cimaa hojjete haa jennu. Yookiin obboleessi ykn obboleettiin takka karaa taʼe tokkoon yoo si miidhan hoo? Yookiin immoo namni tokko amantiin keenya dhugaa akka hin taane dubbachuudhaan gantuu taʼuu dandaʼa. Haalawwan akkasii yoo uumaman, gufattee Yihowaa tajaajiluu kee ni dhiistaa? Barumsi argannu kana dha: Amantiin Waaqayyo irratti qabdu hariiroo isaa wajjin qabdu irratti utuu hin taʼin guutummaatti wanta namoonni kaan godhan irratti kan hundaaʼe yoo taʼe cimaa hin taʼu. Yihowaa fi saba isaatiif miirri sitti dhagaʼamu hamma tokko amantii kee guddifachuuf si gargaaruu dandaʼa. Taʼus Kitaaba Qulqulluu dhimmitee qoʼachuu fi wanta barachaa jirtu hubachuun, akkasumas wanti waaʼee Yihowaa barachaa jirtu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qorannaa gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha.—Rom. 12:2.
4 Yesuus namoonni tokko tokko dhugaa “gammachuudhaan” kan fudhatan taʼanis, yeroo qorumsi isaan irra gaʼu amantiin isaanii akka laafu dubbateera. (Maatewos 13:3-6, 20, 21 dubbisi.) Tarii namoonni kun Yesuus duukaa buʼuun rakkinaa fi dhiphina isaanitti fiduu akka dandaʼu hin hubanne taʼa. (Mat. 16:24) Yookiin Kiristiyaana taʼuu jechuun jireenya rakkina irraa walaba taʼe jiraachuu, jechuunis jireenya eebba malee rakkina hin qabne akka taʼetti yaadu taʼa. Haa taʼu malee, addunyaan yeroo harʼaa jiru rakkinaan kan guutame dha. Haalawwan tokko tokko kan jijjiiraman siʼa taʼan, gammachuu keenya yeroodhaaf nu jalaa xiqqeessuu dandaʼu.—Far. 6:6; Lal. 9:11.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 995
Awwaala
Phaawulos ergamaan Faarfannaa 5:9 irraa caqasuudhaan Roomaa 3:13 irratti qoonqoo hamootaa fi gowwoomsitootaa ‘awwaala banametti’ fakkeesseera. Akkuma awwaalli baname reeffaa tortoraadhaan guutamu, namoonni hamoonis qoonqoo isaanii bananii yommuu dubbatan dubbii nama ajjeesuu fi tortoraa taʼe dubbatu.—Mat 15:18-20 wajjin wal bira qabii ilaali.
GURAANDHALA 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 8-10
“Yaa Yihowaa . . . Sin Jajadha”!
Iddoo Maatii Yihowaa Keessatti Qabduuf Bakka Guddaa Kenni
6 Yihowaan bakka jireenyaa adda taʼe nuuf qopheesseera. Yihowaan ilmaan namootaatiif lafa kan qopheesse nama uumuu isaa yeroo dheeraa dura dha. (Iyo. 38:4-6; Er. 10:12) Inni gara laafessaa fi arjaa waan taʼeef, wanta itti gammannu hedduu nuuf qopheesseera. (Far. 104:14, 15, 24) Yeroo fudhatee wanta uume irratti yaaduudhaan “gaarii taʼuu isaa [argeera].” (Uma. 1:10, 12, 31) Yihowaan ilmaan namootaa wantoota ajaaʼibsiisoo inni lafa irratti uume hundumaa “irratti ol aantummaa” akka qabaatan gochuudhaan isaan kabajeera. (Far. 8:6) Kaayyoon Waaqayyoo, ilmaan namootaa mudaa hin qabne bara baraaf uumamawwan dinqisiisoo taʼan kana kunuunsuudhaan gammachuu akka argatani dha. Abdii dinqisiisaa taʼe kanaaf yeroo hundumaa Yihowaa ni galateeffattaa?
Kennaawwan Waaqayyoo ni Dinqisiifattaa?
10 Kennaa dubbachuu keenya akka dinqisiifannu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko namoota barumsa jijjiirama tirannaatti amananiif wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo taʼuu isaa maaliif akka amannu ibsuu dha. (Far. 9:1; 1 Phe. 3:15) Namoonni barumsa kana babalʼisan, nutis laftii fi jireenyi ishii irratti argamu hundi akkuma tasaa kan dhufe taʼuu isaa akka amannu gochuu barbaadu. Kitaaba Qulqulluu fi qabxiiwwan mata duree kana irraa barannetti fayyadamuudhaan Abbaa keenya isa samiitiif falmuu fi namoota nu dhaggeeffachuu barbaadaniif Yihowaan Uumaa samii fi lafaa taʼuu isaa kan amannu maaliif akka taʼe ibsuu dandeenya.—Far. 102:25; Isa. 40:25, 26.
‘Dubbiidhaan Fakkeenya’ ni Taataa?
13 Garaa guutuudhaan faarfadhu. Sababiin faarfannaawwan Mootummichaa itti faarfannu inni guddaan Yihowaa jajachuuf taʼuu qaba. Obboleettiin Saaraa jedhamtu faarfattuu gaarii akka taate ishiitti hin dhagaʼamu. Taʼus, faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu barbaaddi. Kanaafuu, walgaʼiidhaaf yeroo qophooftu faarfannaas ni qophoofti. Faarfannaawwan faarfataman ni shaakalti, akkasumas walaloon isaanii wanta walgaʼicha irratti dhihaatuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuuf yaalti. Saaraan, “Kun dandeettii faarfachuu koo irratti utuu hin taʼin, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuuf na gargaara” jetteetti.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 832
Quba
Waaqayyo fakkeenyaan yeroo ibsu, wantoota tokko tokko kan raawwatu quba isaatiin akka taʼe dubbateera. Fakkeenyaaf, ajajawwan kurnan gabatee dhagaa irratti kan barreesse, (Bau 31:18; Kes 9:10) dinqiiwwan kan raawwatee (Bau 8:18, 19) fi samii kan uume (Fr 8:3) quba isaatiin akka taʼe ibsameera. Waaqayyo “quba” isaatiin uume yommuu jedhamu hafuura qulqulluu ykn humnasaa isa hojii irra jiru akka fayyadame argisiisa; seenaa kitaaba Uumama keessa jiru irratti humni Waaqayyoo inni hojii irra jiru kun (ruʹach, “hafuura”) bishaan irra asii fi achi sochoʼaa akka ture ibsameera. (Uma 1:2) Haataʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Afaan Giriikii qubni fakkeenyaan ibsame kun maal akka argisiisu sirriitti hubachuuf nu gargaara; Maatewos seenaa barreesse irratti Yesuus “hafuura Waaqayyootiin” jinniiwwan akka baase ibseera, Luqaas immoo seenaadhuma kana “quba Waaqayyootiin” baase jedhee ibseera.—Mat 12:28; Luq 11:20.
GURAANDHALA 26–BITOOTESSA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 11-15
Addunyaa Haaraa Isa Nagaa Qabeessa Taʼe Keessatti Of Ilaali
w06-AM 5/15 18 key. 3
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Faarfannaa Kutaa Tokkoffaa
11:3—Buʼuurawwan diigaman warra kami? Buʼuurawwan kun seera, qajeelfamaa fi haqa jireenyi ilmaan namootaa irratti hundaaʼedha. Buʼuurawwan kun yommuu diigamanitti hawaasni ni jeeqama, haqnis hin jiraatu. Yeroowwan akkasiitti, “qajeelonni” guutummaatti Waaqayyotti amanamuu qabu.—Faarfannaa 11:4-7.
wp-AM 16.4 11
Addunyaan Fincila Irraa Bilisa Taʼe ni Dhufaa?
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti fincila lafa irraa akka balleessu dubbata. Addunyaa fincilaan guutame kana ‘guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamantu’ eeggata. (2 Pheexiros 3:5-7) Sana booda finciltoonni namoota kaan hin rakkisan. Maarree Waaqayyo gidduu akka seenuu fi fincila akka balleessu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo, “isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba” jedha. (Faarfannaa 11:5) Uumaan keenya nagaa fi haqa jaallata. (Faarfannaa 33:5; 37:28) Namoota fincila jaallataniif bara baraaf kan hin obsine kanaafi.
Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?
15 Daawit obsaan eeguun isa barbaachisee kan ture maaliifi? Faarfannaa isaa isa siʼa shan “Hamma yoomiitti” jedhee keessatti gaafate irraa deebii isaa arganna. Akkana jedheera: “Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada. Wanta gaarii inni anaaf godheef, ani Waaqayyoon nan faarfadha.” (Far. 13:5, 6) Daawit gaarummaa Yihowaatti amanameera. Yihowaan akka isa oolchu hawwiidhaan eeggateera; akkasumas wanta Yihowaan kanaan dura isa eebbisuuf godhe irratti xiinxaleera. Dhuguma iyyuu, Daawit eeggachuun isaa buʼaa akka qabu isatti dhagaʼameera.
Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafarratti Akka Raawwatamu Godha
16 Nagaa. Raajiin nama gammachiisuufi Isaayaas 11:6-9rra jiru kallattiidhaan raawwiisaa isa lammataa yommuu argatu arguu dandeenya. Dhiira, dubartiifi ijoollee utuu hin jedhin namoonni hundi nagaadhaan lafarra jiraatu. Namnis taʼe bineensi miidhaa geessisu tokkollee hin jiraatu. Guutummaan lafaa bakka jireenyaa keessan yommuu taatu, jechuunis yommuu lageen, haroowwaniifi galaana daaktan, gaarreenirra yommuu baataniifi lafa marga qaburra gammachuudhaan yommuu burraaqxan yaada qalbiitiin ilaalaa. Halkanis hin sodaattan. Yaanni Hisqiʼel 34:25rratti argamu raawwiisaa waan argatuuf, sabni Waaqayyoo “lafa onaa keessa sodaa malee in jiraatu, birʼaa malees caakkaa keessa in rafu.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Jijjiirama Gootaniittuu?
12 Kan nama gaddisiisu garuu, namoota amalawwan Phaawulos ibse calaqqisiisaniin marfamnee jirra. Namoonni kun, seera amalaafi seera bu’uuraatiin geggeeffamuun kan yeroon itti darbe akka ta’e godhanii yaadu. Barsiisonniifi warri hedduun, ijoolleedhaaf wanta sirrii hin taane heyyamu, akkasumas yaada mataasaanii akka hordofan jajjabeessu. Namoota kanaaf, wanti hundumtuu haalasaarratti kan hundaa’edha malee wanti guutummaatti sirrii ta’e hin jiru. Namoonni nama amantii ofiin jedhan hedduunillee wanta sirrii akka ta’e yaadan kamiyyuu raawwachuu akka danda’aniifi Waaqayyoofi seerasaatiif abboomamuuf dirqamni akka isaanirra hin jirre itti dhaga’ama. (Far. 14:1) Ilaalchi akkasii Kiristiyaanotarratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Namoonni of eeggannoo hin goone, qophiiwwan ti’ookraasii wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkasii horachuu danda’u. Akkaataa gumiin itti geggeeffamuuf abboomamuuf fedhii dhabuufi wantoota isaanitti hin tolle tokko tokko mormuu danda’u. Yookiinimmoo bashannana, akkaataa itti fayyadama Intarneetiifi barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee kennamu hamma tokko qofa fudhatu ta’a.