LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Caamsaa ful. 6-7
  • Caamsaa 27–Waxabajjii 2

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa 27–Waxabajjii 2
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Caamsaa ful. 6-7

CAAMSAA 27–WAXABAJJII 2

FAARFANNAA 42-44

Faarfannaa 86 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Barumsa Waaqayyoorraa Guutummaatti Fayyadamaa

(Daq. 10)

Hamma isiniif dandaʼame qaamaan argamuudhaan warra kaanii wajjin Yihowaa waaqeffadhaa (Fr 42:4, 5; w06-AM 6/1 9 key. 4)

Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu jalqabuu keessan dura kadhadhaa (Fr 42:8; w12 1/15 15 key. 2)

Dhugaa Kitaaba Qulqulluu jireenya keessan keessatti hojiirra oolchaa (Fr 43:3)

Obboleettota walgaʼii guddaa irratti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa fi yaadannoo qabachaa jiran.

Barumsi Waaqayyoo qorumsa akka dandamannu jabina nuuf kenna, akkasumas waadaa yeroo of murteessinetti galle eegnee akka jiraannu nu gargaara.—1Ph 5:10; w16.09 5 key. 11-12.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 44:19—Caqasa kanarratti ibsi “bakka sardiidonni jiraatan” jedhu maal argisiisa? (it-1-E 1242)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 44:1-26 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Haasaa sabaa torban sana dhihaatu irratti affeeri. Viidiyoo Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu beeksisiitii (garuu hin taphachiisin) irratti mariʼadhaa (lmd barumsa 7 qabxii 5)

6. Haasaa

(Daq. 3) lmd kutaa dabalataa A qabxii 4—Mataduree: Namni hundi fayyaa guutuu qabaata. (th qoʼannaa 2)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 21

7. Hojii fi Barumsa Ilaalchisee Murtoo Sirrii Godhaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Suuraawwan: Obboleessi dargaggeessi tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda maal akka godhu yaadaa jira. 1. Gorsituu mana barumsaa isaa wajjin yommuu mariʼatu. 2. Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti yommuu hirmaatu. 3. Biyya kan biraa deemee yommuu lallabu yaadan ilaalaa jira.

Dargaggootaa, barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumurtanii booda wanta gochuu dandeessan karoorfattaniittuu? Tarii hojii qajeelchaa taʼuuf isin dandeessisu yaadatti qabattaniittu taʼa. Yookiin ogummaa, ragaa barumsaa ykn dippiloomaa hojii akkasii argachuuf isin dandeessisu argachuuf barumsa dabalataa barachuuf yaadaa jirtu taʼa. Yeroon kun jireenya keessan keessatti yeroo murteessaadha! Taʼus filannoo hedduu isinii dhihaatuun kan kaʼe burjaajaʼuu dandeessu ykn warri kaan wanta isaan gammachiisu akka raawwattan dhiibbaa waan isin irratti godhaniif dhiphachuu dandeessu. Maarree murtoo sirrii gochuuf maaltu isin gargaara?

Maatewos 6:32, 33 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Hojii fi barumsa ilaalchisee murtoo gochuu keenya dura galma hafuuraa ifa taʼe sammuutti qabachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Warri Maatewos 6:32 fi 33 hojiirra akka oolchan ijoolleesaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?—Fr 78:4-7

Fedhiin qarshii hedduu ykn beekamtii argachuuf qabdan murtoo keessan irratti dhiibbaa akka hin goone of eeggadhaa. (1Yo 2:15, 17) Namni tokko qabeenya hedduu qabaachuunsaa qofti ergaa Mootummichaa akka hin dhageenye gufuu isatti taʼuu akka dandaʼu yaadadhu. (Luq 18:24-27) Namni tokko sooressa taʼuuf dhamaʼa taanaan amantii cimaa qabaachuu fi Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffachuu hin dandaʼu.—Mat 6:24; Mar 8:36.

VIIDIYOO Wantoota Badanitti Akka hin Amanamne Of Eeggadhaa!—Qabeenya jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Fakkeenyi 23:4 fi 5 murtoo gaarii gochuuf kan si gargaaru akkamitti?

GORSA GAARII

  • Galma hafuuraa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa baafadhu

  • Barumsi filattuu fi hojiin hojjechuuf yaadde galma hafuuraa kee wajjin kan walsimu taʼuusaa mirkaneeffadhu

  • Filannaa gaarii godhi, jijjiirama barbaachisu gochuufis qophaaʼi. Barumsa ykn leenjii dabalataa fudhachuuf yoo murteessite, barumsa barattu sanaan carraan hojii jiraachuusaa mirkaneeffadhu

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 10 key. 5-12

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 47 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi