LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Adoolessa ful. 4-5
  • Adoolessa 15-21

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa 15-21
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Adoolessa ful. 4-5

ADOOLESSA 15-21

FAARFANNAA 63-65

Faarfannaa 108 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. ‘Jaalalli Kee Inni Amanamaan Jireenya Irra Wayya’

(Daq. 10)

Hariiroo gaariin Waaqayyoo wajjin qabnu jireenya caalaa gatii guddaa qaba (Fr 63:3; w01-AM 10/15 15-16 key. 17-18)

Karaawwan Yihowaan jaalala amanamaa itti nutti argisiise irratti yommuu xiinxallu, dinqisiifannaan isaaf qabnu ni dabala (Fr 63:6; w19.12 28 key. 4; w15 10/15 24 key. 7)

Dinqisiifannaan jaalala Yihowaatiif qabnu gammachuudhaan isa jajachuuf nu kakaasa (Fr 63:4, 5; w09 7/15 16 key. 6)

Suuraawwan: Obboleettii Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu tokko. 1. Obboleettii tokkoo wajjin gammachuudhaan tajaajilaa jirti. 2. Walg⁠a⁠ʼiirratti yaada kennaa jirti.

YAADA WAAQEFFANNAA MAATIIDHAAF TAʼU: Karaawwan Yihowaan jaalala amanamaa isinitti itti argisiise irratti mariʼadhaa.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 64:3—Caqasni kun yeroo hundumaa dubbii gaarii dubbachuuf kan nu kakaasu akkamitti? (w07-AM 11/15 15 Key. 6)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 10) Fr 63:1–64:10 (th qoʼannaa 12)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Namni ati haasofsiistu afaan ati dubbattu hin dandaʼu. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Mariin keessan utuu ati nama sanaaf dhugaa hin baʼin xumurama. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Mata duree isa hawwatu adda baafadhu, achiis hordoftee isa gargaaruuf beellama qabadhu. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

7. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 4) Hojiin Argisiisa. ijwfq 51—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Kanaan Dura “hin Barbaadu” Jedhan Maaliif Deebiʼanii Haasofsiisu? (lmd barumsa 4 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 154

8. Waaqayyoon Akka Jaallannu Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

(Daq. 15) Mariidhaan kan dhihaatu.

‘Jaalalli Yihowaa inni amanamaan baayʼee dha.’ (Fr 86:15) Jaalalli amanamaan asirratti ibsame, garaa guutuudhaan, amanamummaadhaan, akkasumas guutummaatti qaama tokkotti maxxanuudhaan jaallachuu argisiisa. Yihowaan ilmaan namootaa hundatti jaalala kan argisiisu taʼus, ‘jaalala amanamaa’ kan argisiisu garuu tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin hariiroo addaa qaban qofattidha. (Fr 33:18; 63:3; Yoh 3:16; HoE 14:17) Nutis isatti amanamuudhaan jaalala amanamaa inni nutti argisiise akka dinqisiifannu argisiisuu ni dandeenya. Akkamitti? Barattoota gochuu dabalatee ajajawwan isaa hundaaf abboomamuudhani.—Mat 28:19; 1Yo 5:3.

VIIDIYOO Tajaajila Irratti Jaalala hin Badne Argisiisaa jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Jaalalli

    Suuraa viidiyoo “Tajaajila Irratti Jaalala hin Badne Argisiisaa” jedhamurraa fudhatame. Abbaan viidiyicharratti mu⁠⁠l⁠ʼatu hojiidhaa galee soofaarra rafaa jira.
  • Yommuu dadhabnutti misiraachicha lallabuuf kan nu kakaasu akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo “Tajaajila Irratti Jaalala hin Badne Argisiisaa” jedhamurraa fudhatame. Abbaan kun ilmasaa wajjin tajaajilarratti hirmaataa utuu jiru namni tokko aariidhaan isaanitti dubbataa jira.
  • Yommuu mormiin nu mudatutti misiraachicha lallabuuf kan nu kakaasu akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo “Tajaajila Irratti Jaalala hin Badne Argisiisaa” jedhamurraa fudhatame. Haatii fi intalli takka dubartii suparmaarkeetii keessaa hojjettu tokkotti dubbachaa jiru.
  • Guyyaa guyyaadhaan hojii keenya yeroo hojjennutti misiraachicha lallabuuf kan nu kakaasu akkamitti?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 12 key. 14-20

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 79 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi