LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Adoolessa ful. 6-7
  • Adoolessa 22-28

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa 22-28
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Adoolessa ful. 6-7

ADOOLESSA 22-28

FAARFANNAA 66-68

Faarfannaa 7 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Yihowaan Guyyaa Guyyaadhaan Baʼaa Keenya Nuuf Baata

(Daq. 10)

Yihowaan kadhannaa keenya nuuf dhagaʼa, deebiis nuuf kenna (Fr 66:19; w23.05 12 key. 15)

Yihowaan ijoollee abbaa hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan ni kunuunsa (Fr 68:5; w10-AM 12/1 23 key. 6; w09-AM 4/1 31 Key. 1)

Yihowaan guyyaa guyyaadhaan nu gargaara (Fr 68:19; w23.01 19 key. 17)

Fakkiiwwan: Obboleettiin takka guyyaatti al hedduu kadhachaa jirti. 1. Ganama akkuma hirribaa kaateen kadhachaa jirti. 2. Ijoolleen ishii mana barumsaa deemuuf yommuu jedhan isaanii wajjin kadhachaa jirti. 3. Bakka hojiitti kadhachaa jirti.

KANARRATTI XIINXALI: Yihowaan baʼaa keenya akka nuuf baatu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 68:18—Israaʼel durii keessatti ‘namoonni kennaa’ taʼan warra kamfaʼi? (w06-AM 6/1 10 key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 66:1-20 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu aadaa kan keerraa adda taʼe qaba. (lmd barumsa 5 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Tiraaktii kanaan dura kenniteef irratti hundaaʼaatii marii keessan itti fufaa. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Barattoota Godhi

(Daq. 5) lff seensa barumsa 15​ffaa fi qabxii 1-3 (th qoʼannaa 8)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 102

7. Nama Tokkoof Baʼaa Isaa Isaaf Salphisuu ni Dandeessaa?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Tajaajilaan Yihowaa kamiyyuu kophaa isaa rakkinaa wajjin walʼaansoo qabuun isa hin barbaachisu. (2Se 20:15; Fr 127:1) Yihowaan nu gargaara. (Isa 41:10) Karaawwan Yihowaan ittiin nu gargaaru tokko tokko kamfaʼi? Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaatti fayyadamee qajeelfama nuuf kenna. (Isa 48:17) Hafuura isaa isa humna guddaa qabu nuuf kenna. (Luq 11:13) Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni keenya, akka nu jajjabeessanii fi gargaarsa akka nuuf godhan isaan kakaasa. (2Qo 7:6) Kana jechuun, Yihowaan baʼaa Kiristiyaana tokkoo salphisuuf nutti fayyadamuu dandaʼa jechuudha.

Suuraa viidiyoo “Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa​—⁠Maanguddootatti” jedhamurraa fudhatame. Obboleettiin Paawulinaa Saantiz Gomeez manashee bira dhaabbattee seeqaa jirti.

VIIDIYOO Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa—Maanguddootatti jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Baʼaa maanguddoo Kiristiyaana taʼe tokkoo isaaf salphisuuf maal gochuu dandeessu?

Suuraa viidiyoo “Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa​—⁠Tajaajiltoota Yeroo Guutuutti” jedhamurraa fudhatame. Joseefii fi Aniittaan yommuu waliin tajaajilan.

VIIDIYOO Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa—Tajaajiltoota Yeroo Guutuutti jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Baʼaa tajaajiltoota yeroo guutuu isaaniif salphisuuf maal gochuu dandeessu?

Suuraa viidiyoo “Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa​—⁠Namoota Biyya Ormaatti” jedhamurraa fudhatame. Biilii fi Maajjeen yeroo Kitaaba Qulqulluu q⁠o⁠ʼatan seeqaa jiru.

VIIDIYOO Gumii Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa—Namoota Biyya Ormaatti jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Baʼaa namoota qorumsi cimaan isaanirra gaʼaa jiruu isaaniif salphisuuf maal gochuu dandeessu?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 13 key. 1-7, seensa kutaa 5​ffaa fi saanduqa ful. 117​rratti argamu

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 88 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi