LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Adoolessa ful. 8-9
  • Adoolessa 29–Hagayya 4

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa 29–Hagayya 4
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Adoolessa ful. 8-9

ADOOLESSA 29–HAGAYYA 4

FAARFANNAA 69

Faarfannaa 13 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Yesuus daldaltootaa fi horii isaanii mana qulqullummaa keessaa ar⁠i⁠ʼaa jira.

1. Raajiiwwan Faarfannaa 69 Irratti Ibsaman Yesuus irratti Raawwatamaniiru

(Daq. 10)

Yesuus sababii malee jibbameera (Fr 69:4; Yoh 15:24, 25; w11 8/15 11 key. 17)

Yesuus mana Yihowaatiif hinaaffaa qaba ture (Fr 69:9; Yoh 2:13-17; w10 12/15 8 key. 7-8)

Yesuusiin miirasaa miidhaniiru, wayinii hadhooftuun itti makames isaaf kennaniiru (Fr 69:20, 21; Mat 27:34; Luq 22:44; Yoh 19:34; it-2-E 650)


KANARRATTI XIINXALI: Yihowaan raajiiwwan waaʼee Masihiichaa dubbatan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti akka ibsaman kan godhe maaliifi?

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 69:30, 31—Caqasoonni kun qabiyyee kadhannaa keenyaa fooyyessuuf kan nu gargaaran akkamitti? (w99-AM 1/15 18 key. 11)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 69:1-25 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Obsa Qabaadhu—Yesuus Maal Godhe?

(Daq. 7) Mariidhaan kan dhihaatu. VIIDIYICHA taphachiisi, achiis, lmd barumsa 8 qabxii 1 fi 2​rratti mariʼadhaa.

5. Obsa Qabaadhu—Fakkeenya Yesuus Hordofi

(Daq. 8) lmd barumsa 8 qabxii 3-5 fi “Caqasoota Kanas Ilaali” isa jedhurratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 134

6. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa

(Daq. 5)

7. Qajeelfamoota Waaqeffannaa Maatiitiif Gargaaran

(Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu.

Suuraawwan: 1. Abbaan tokko waaqeffannaa maatiif dursee qopha⁠a⁠ʼaa jira. 2. Booda, abbaan kun haadha manaasaa fi ijoollee durbaa isaa sadanii wajjin waaqeffannaa maatii godhachaa jiru.

Amajjii 2009​tti, Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu Gumii, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii fi Walgaʼii Tajaajilaa wajjin walitti makamee walgaʼii torban gidduurratti dhihaachuu jalqabe. Kun, maatiiwwan haala isaanii irratti hundaaʼuudhaan galgala tokko Waaqeffannaa Maatii isaaniitiif ramaduuf isaan gargaareera. Baayʼeen isaanii, qophii Yihowaa fi walii isaaniitti akka dhihaatan isaan gargaare kana akka dinqisiifatan ibsaniiru.—Kes 6:6, 7.

Qajeelfamoonni mataawwan maatii Waaqeffannaan Maatii isaanii gaarii akka taʼu gochuuf isaan gargaaruu dandaʼan tokko tokko maalfaʼi?

  • Dhaabbataa gochuu. Dandaʼamnaan, torbee keessatti guyyaa dhaabbataa Waaqeffannaa Maatiitiif ramaddan tokko qabaadhaa. Sababii taʼe tokkoon guyyaa sanatti geggeeffachuu yoo dadhabdan, guyyaa kan biraa itti geggeeffachuu dandeessan ramadaa

  • Qophaaʼuu. Haadhotii manaa keessanii wajjin mariʼadhaa, yeroo tokko tokkommoo ijoollee keessanis yaada gaafadhaa. Maatichi torbee torbeedhaan wantootuma wal fakkaatan raawwachuun itti tola taanaan, qophiin yeroo balʼaa fudhachuu dhiisuu dandaʼa

  • Maatiidhaaf akka taʼutti mijeessuu. Ijoolleen guddachaa yeroo deeman fedhii fi dandeettiin isaanii ni jijjiirama. Sagantaan keessan, miseensonni maatichaa karaa hafuuraa akka guddatan kan gargaaru taʼuu qaba

  • Jaalala irratti kan hundaaʼee fi kan nama gammachiisu akka taʼu gochuu. Haalli qilleensaa mijataadha taanaan, darbee darbee alatti godhachuu dandeessu. Gidduutti boqonnaa fudhachuuf bilisummaan isinitti haa dhagaʼamu. Rakkina maaticha mudachaa jiru tokko irratti mariʼachuun barbaachisaa taʼus, isaan ceephaʼuuf ykn adabuuf waaqeffannaa maatii keessanitti hin fayyadaminaa

  • Yeroo tokkotti wantoota adda addaarratti Mariʼachuu. Fakkeenyaaf, walgaʼii torban sanaa keessaa muraasa isaa waliin qophaaʼuu, jw.org irraa viidiyoo ilaaluu fi irratti mariʼachuu, akkasumas, tajaajilaaf waliin qophaaʼuu ni dandeessu. Waaqeffannaa Maatii irratti waliin mariʼachuu kan qabnu taʼus; Saganticha keessaa hamma tokko qoʼannaa dhuunfaa gochuuf itti fayyadamuu dandeenya

Gaaffii kanarratti mariʼadhaa:

  • Qajeelfamoota kana keessaa warra kamfaa waaqeffannaa maatii keessan irratti hojiirra oolchuuf yaaltanii beektu?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 13 key. 8-16 fi saanduqa ful. 119​rratti argamu

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 114 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi