LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Adoolessa ful. 10-16
  • Hagayya 5-11

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya 5-11
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Adoolessa ful. 10-16

HAGAYYA 5-11

FAARFANNAA 70-72

Faarfannaa 59 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Waaʼee Humna Waaqayyoo ‘Dhaloota Itti Aanutti Himaa’

(Daq. 10)

Daawit ijoollummaa isaatti eegumsa Yihowaa argateera (Fr 71:5; w99-AM 9/1 18 key. 17)

Daawit yeroo dulloometti gargaarsa Yihowaa argateera (Fr 71:9; g04-AM 11/8 23 key. 3)

Daawit ijoolleetti muuxannoo isaa himuudhaan isaan jajjabeesseera (Fr 71:17, 18; w14 1/15 23 key. 4-5)

Maatii kutaa torbee darbe dhihaatee fi “Qajeelfamoota Waaqeffannaa Maatiitiif Gargaaran” jedhu hojiirra oolchaa jiran. Hiriyoota ga⁠a⁠ʼelaa maanguddoota t⁠a⁠ʼan waaqeffannaa maatii isaanirratti affeeranii yommuu isaan suuraa itti argisiisanii fi muuxannoo isaanitti himan gammachuudhaan dhaggeeffachaa jiru.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Gumii keenya keessa namni waggoota hedduudhaaf dhugaa baatuu taʼee tajaajilee fi Waaqeffannaa Maatii keenya irratti gaafannoo gochuufii dandeenyu jiraa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 72:8—Abdiin Yihowaan Abrahaamiif kennee fi Uumama 15:18 irratti argamu yeroo bulchiinsa Mooticha Solomoonitti raawwii isaa kan argate akkamitti? (it-1-E 768)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 71:1-24 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu falmii yeroo jalqabu, yaada gaarii dubbachuudhaan maricha xumuri. (lmd barumsa 4 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Fira kee kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf mamee turee wajjin marii keessan itti fufaa. (lmd barumsa 8 qabxii 4)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Haasaa. ijwfq 49—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Wantoota Itti Amanan Tokko Tokko kan Jijjiiran Maaliifi? (th qoʼannaa 17)

AKKA KIRSITIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 76

7. Yaada Waaqeffannaa Maatiif Taʼu

(Daq. 15) Mariidhaan kan dhihaatu.

Maatiin duraan ilaalle dhaabatanii faarfannaa Mootummichaa shaakalaa jiru.
Maatichi JW Biroodkaastiingii ilaalaa jira.
Ijoollee isaanii keessaa ishiin tokko Waaqeffannaa Maatiirratti yeroo shaakalan haadha ishiitiif ibsaa jirti.

Waaqeffannaan Maatii yeroo barbaachisaa ijoolleen “adabaa fi gorsa Yihowaa” itti baratanidha. (Efe 6:4) Barachuun carraaqqii gaafata. Taʼus, ijoolleen fedhii dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qaban yeroo guddifachaa deeman caalaatti jaallatu. (Yoh 6:27; 1Ph 2:2) Saanduqa “Yaadawwan Waaqeffannaa Maatiitiif Taʼan” jedhuu fi maatiin Waaqeffannaan Maatii isaanii barumsi kan irraa argatamuu fi gammachiisaa akka taʼu gochuuf gargaaru ibsi. Achiis, gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:

  • Yaadawwan asirratti dhihaatan keessaa isa kam yaaluuf yaaddan?

  • Yaanni gaariin argattan kan biraan jiraa?

YAADAWWAN WAAQEFFANNAA MAATIITIIF TAʼAN

KITAABA QULQULLUU:

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban sanaa isa sagaleedhaan qophaaʼe dhaggeeffadhaa, ykn dabareedhaan sagalee keessan ol kaasaa dubbisaa. Miseensonni maatii hundi nama garaagaraa bakka buʼuudhaan dubbisuu dandaʼu

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban sanaa irratti hundaaʼuudhaan gaaffii qopheessaa. Miseensonni maatii hundi gaaffii tokko filatanii qorannaa akka irratti taasisan godhaa. Achiis, yaada argatan isiniif hiruu dandaʼu

  • Gaaffii ykn haala tokko kaasaa. Achiis, kitaaba Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu keessaa qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhimmichaa wajjin wal qabatan barbaadaa

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko bifa diraamaatiin hojjedhaa

  • Torban torbaniin kaardii caqasa Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffattan tokko qopheeffadhaa. Achiis, caqasicha yaadachuuf yaalaa. Fakkeenyaaf birooshura Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi jedhamu irraa caqasoota kutaa dabalataa A jalatti tarreeffamanitti fayyadamuu dandeessu. Kaardiiwwan torban darbanitti qopheessitan irra deebiʼaa ilaalaa

  • Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa yaada tokko filadhaa qoʼadhaa

  • Miseensi maatii keessan tokko, mata dureewwan walitti aananii baʼanii fi “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” ykn “Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname” jedhaman keessaa mata duree tokkorratti ibsa akka kennu godhaa. Mata dureewwan kun jw.org irraa mata duree, “BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU” jedhu jalatti argamu

WALGAʼIIWWAN:

  • Kutaawwan walgaʼii gumii irratti dhihaatan keessaa muraasa isaanii qophaaʼaa

  • Yaada walgaʼii irratti kennitan qophaaʼaa, akkasumas shaakalaa. Yaada gabaabaa kennuuf qophaaʼaa

  • Faarfannaawwan Mootummichaa shaakalaa

  • Walgaʼii dura ykn booda nama tokko jajjabeessuuf maal isaan jechuu akka dandeessan mariʼadhaa, akkasumas shaakalaa

  • Miseensi maatichaa walgaʼii itti aanu irratti kutaa barataa qabu tokko, kutaasaa kana maaticha duratti akka shaakalu godhaa

TAJAAJILA:

  • Tajaajila manaa gara manaatiif qophaaʼaa

  • Nama deebitanii gaafachuuf yaaddan tokko haasofsiisuuf qophaaʼaa

  • Haala karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf isin gargaaru tokko yaadaa. Achiis, akkamitti maree jalqabuu akka dandeessan shaakalaa

  • Tibba Ayyaana Yaadannootti ykn yeroo hojii irraa boqonnaa baatan ykn yeroo manni barumsaa cufamutti tajaajila keessan balʼifachuuf galma baafachuu dandeessan irratti mariʼadhaa

WANTA MAATICHAAF BARBAACHISU:

  • Rakkoowwan uumaman ykn uumamuu dandaʼaniif akkamitti furmaata kennuu akka dandeessan shaakalaa. Fakkeenyaaf, walabummaa, miidhaa abbaan humnaa geessisu, wal qorachuu fi ayyaanota kabajuu ilaalchisee haalawwan isin mudatan akkamitti akka furtan mariʼadhaa

  • Warri akka ijoollee, ijoolleen akka warraa taʼuudhaan wal jijjiiraatii shaakalaa. Ijoolleen akka warraa taʼan, qorannaa godhanii warra isaanii akka ijoollee taʼan amansiisuuf yaalu

YAADA DABALATAA:

  • JW Biroodkaastiingii® ilaalaatii irratti mariʼadhaa

  • jw.org irraa viidiyoo tokko ilaalaa ykn mata duree tokko dubbisaatii irratti mariʼadhaa

  • Mata duree, “Dargaggoota” ykn “Ijoollee” jedhu keessaa mata duree tokko irratti mariʼadhaa. Mata dureewwan kun jw.org irraa kutaa, BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU jedhu jalatti argamu

  • Yaadannoo walgaʼii naannoo ykn walgaʼii aanaa irratti qabattan irratti mariʼadhaa

  • Uumama Yihowaa tokko ilaalaa ykn qorannoo irratti godhaa, achiis, waaʼee Yihowaa maal akka isin barsiisu mariʼadhaa

  • Darbee darbee namni tokko Waaqeffannaa Maatii keessan irratti akka hirmaatu godhaa, akkasumas gaafannoo godhaafii

  • Galma hafuuraa baafadhaa, galma baafattanirra akkamitti gaʼuu akka dandeessanis mariʼadhaa

  • Waliin taʼaatii boca wanta tokkoo hojjedhaa, akkasumas kaartaa fi gabatee kaasaa

VIIDIYOO Waaqeffannaa Maatii keessan fooyyessuu keessan itti fufaa jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Maatiin sun ijoollee hin qabu taanaan, abbaan manaa tokko waaqeffannaan maatii isaanii haadha manaa isaatti akka tolu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 13 key. 17-24

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 123 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi