LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Fulbaana ful. 14-15
  • Onkoloolessa 28–Sadaasa 3

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa 28–Sadaasa 3
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Fulbaana ful. 14-15

ONKOLOOLESSA 28–SADAASA 3

FAARFANNAA 103-104

Faarfannaa 30 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Inni “Biyyoo Taʼuu Keenya” ni Yaadata

(Daq. 10)

Gara laafinni Yihowaa yaadasaatti akka hin cichine isa kakaasa (Fr 103:8; w23.07 21 key. 5)

Yommuu dogoggora raawwannu abdii nutti hin kutatu (Fr 103:9, 10; w23.09 6-7 key. 16-18)

Humna keenyaa ol nurraa hin eegu (Fr 103:14; w23.05 26 key. 2)

Abbaan manaa tokko yommuu haati manaasaa miirashee isaaf ibsitu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Akkaataan ani hiriyaa gaaʼelaa koo itti qabu akkuma Yihowaa yaada kootti akkan hin cichine argisiisaa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 104:24—Caqasni kun dandeettii kalaqaa Yihowaa ilaalchisee maal nu hubachiisa? (cl 64 key. 18)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 104:1-24 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADABAABAYII. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale tokkoo wajjin viidiyoo Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Keetiif Baga Nagaan Dhufte jedhamurratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 9)

6. Haasaa

(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 6—Mata duree: Abbaan Manaa Tokko ‘Akkuma of Jaallatutti Haadha Manaa Isaa Jaallachuu’ Qaba (th qoʼannaa 1)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 44

7. Humna Keessan Beektuu?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuun keenya isas taʼe nuun ni gammachiisa. (Fr 73:28) Haataʼu malee, humna keenya tilmaama keessa utuu hin galchin wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuuf carraaquun keenya dhiphinaa fi abdii kutannaaf nu saaxiluu dandaʼa.

Suuraa Shamarree viidiyoo “Wanta Humna Keenyaa Ol T⁠a⁠ʼe Of Irraa Eeguu Dhiisuudhaan Wanta Hedduu Hojjechuu Dandeenya” jedhamurra jirtuu.

DIRAAMAA Wanta Humna Keenyaa Ol Taʼe Of Irraa Eeguu Dhiisuudhaan Wanta Hedduu Hojjechuu Dandeenya jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan maal nurraa eega? (Mik 6:8)

  • Suuraa viidiyoo “Wanta Humna Keenyaa Ol T⁠a⁠ʼe Of Irraa Eeguu Dhiisuudhaan Wanta Hedduu Hojjechuu Dandeenya” jedhamurraa fudhatame. Shamarreen sun, hiriyaashee wajjin taatee q⁠o⁠ʼatu Kitaaba Qulqulluu tokko kaafteeriyaa keessatti jajjabeessaa jirti.
  • Shamarreen kun waaʼee galmasheerra gaʼuu baayʼee akka hin dhiphanne kan ishii gargaare maalidha?

HUMNI KEENYA HAMMAM AKKA TAʼE BEEKUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Warra kaanii wajjin wal bira of hin qabinaa. (Gal 6:4) Wanti warri kaan godhan wanta gootan irratti ykn wanta gochuu akka dandeessan yaaddan irratti dhiibbaa akka godhu hin heyyaminaa. Wanta namni umurii keessan irratti argamu ykn haalli maatiisaa kan keessanii wajjin wal fakkaatu hojjechuu dandaʼuu ol ykn gad hojjechuu dandeessu

  • Sodaan wanta haaraa yaaluurraa akka isin dhorku hin heyyaminaa. (Rom 12:1; 1Qo 7:31) Gosa tajaajilaa ulfaataa isinitti fakkaatu ykn itti gammaduu akka hin dandeenye isinitti dhagaʼamu tokko yaaluurraa dubbatti hin jedhinaa. —Mil 3:10

  • Humna keessan beekuu akka dandeessaniif galma yeroo gabaabaa baafadhaa. Fakkeenyaaf, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu ni dandeessuu? Taanaan jiʼoota muraasaaf, saʼaatii tajaajilarratti dabarsitan dabaluuf ykn qajeelchaa gargaaraa taʼuuf maaliif hin yaaltan? Waggaa tokkoof qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu dandeessuu? Qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu akka hin dandeenye yoo isinitti dhagaʼamellee ykn waggaa tokko caalaa qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu yoo dadhabdanillee galma yeroo gabaabaa baafattanii bira geessanitti matumaa hin gaabbitan.—Lal 6:9

  • Akka haalasaatti sirreeffama gochuuf fedhii qabaadhaa. Haalli keenyas taʼe humni keenya jijjiiramuu dandaʼa. Kanaafuu galma keessan yeroo hunda gamaaggamaa

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 17 key. 8-12 fi saanduqa ful. 155​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 55 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi