LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Sadaasa ful. 2-16
  • Sadaasa 4-10

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa 4-10
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Sadaasa ful. 2-16

SADAASA 4-10

FAARFANNAA 105

Faarfannaa 3 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Biyyatti Abdachiifamte. Fakkii: 1. Abrahaam. 2. Yisihaaq. 3. Yaaqoob.

1. ‘Inni Kakuu Isaa Bara Baraaf ni Yaadata’

(Daq. 10)

Yihowaan waadaa Abrahamiif gale Yisaaqii fi Yaaqoobiifis irra deebiʼeera (Uma 15:18; 26:3; 28:13; Fr 105:8-11)

Waadaan inni gale kun matumaa waan hin raawwatamne fakkaata ture (Fr 105:12, 13; w23.04 28 key 11-12)

Yihowaan waadaa Abrahaamiif gale matumaa hin irraanfanne (Fr 105:42-44; it-2-E 1201 key. 2)


AKKANA JEDHII OF GAAFADHU, ‘Yihowaan amanamaa taʼuunsaa waadaa gale akka raawwatu amanuuf kan na gargaaru akkamitti?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 105:17-19—“Wanti Yihowaan jedhe” Yooseefiin kan qulqulleesse akkamitti? (w86-E 11/1 19 key. 15)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 105:24-45 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu hojiidhaan qabamee jira. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu falmii yeroo jalqabu yaadaa gaarii dubbachuudhaan maricha xumuri. (lmd barumsa 4 qabxii 5)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Barreeffama dhimma namni fedhii qabu sun kanaan dura kaase ilaallatu tokko kenniif. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

7. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama haasofsiistu sanatti waaʼee appilikeeshinii JW Library® himi; achiis akka buufatu gargaari. (lmd barumsa 9 qabxii 5)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 84

8. Jaalala Keessan Argisiisuu Kan Dandeessan Akkamitti?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yeroo, humnaa fi qarshii keenya hojii Mootummichaa deggeruuf yommuu itti fayyadamnu jaalala ilma Yihowaa Yesuus Kiristoos isa mootii taʼeef qabnu argisiisaa jirra. Jaalalli akkasii Yihowaa ni gammachiisa; obbolootaa fi obboleettota keenyas ni fayyada. (Yoh 14:23) Mata dureen “Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa kan Jiru Akkamitti?” jedhuu fi dhaabbataadhaan jw.org irratti baʼu buusiin gootan obboloota keenya addunyaa mararra jiran fayyadaa kan jiru akkamitti akka taʼe argisiisa.

Harka namaa saanduqa buusii keessa buusii kaaʼaa jiru. Fakkii: 1. Obboleessi tokko abbaa murtii dura dhaabbatee jira. 2. Obboleettiin tokko hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti hirmaachaa jirti. 3. Obboleettiin tokko viidiyoo afaan mallattoo ilaalaa jirti.

VIIDIYOO Buusiin Gootan Maal Raawwachuu Dandaʼa? jedhu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Buusiin gootan bilisummaa obboloota keenyaa eegsisuuf kan fayyade akkamitti?

  • Maallaqni ‘hirʼina warra kaanii guutuuf’ buusii godhame galmawwan walgaʼii ijaaruuf kan gargaare akkamitti?—2Qor 8:14

  • Hojii Kitaaba Qulqulluu afaanota hedduutti hiikuutiif buusii godhametti fayyadamuun buʼaawwan akkamii argamsiise?

Intarneetiirraa Caalaatti Baradhu

Mallattoo “Buusii” harka saantima qabate argisiisu.

Hojii Dhugaa Baatota Yihowaa deggeruuf fedhiidhaan buusii gochuu kan dandeessu akkamitti? Fuula jalqabaa appilikeeshinii JW Library irraa gaditti mallattoo “Buusii” jedhu tuqi. Biyyoota hedduu keessatti liinkii gaaffiiwwan yeroo baayʼee gaafataman jedhu keessaa mata dureen Dhugaa Baatota Yihowaatiif Buusii Godhi—Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman jedhu jira.

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 17 key. 13-19

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 97 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi