LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Sadaasa ful. 12-13
  • Muddee 23-29

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee 23-29
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Sadaasa ful. 12-13

MUDDEE 23-29

FAARFANNAA 119:121-176

Faarfannaa 31 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Rakkina Keessa Galuurraa Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?

(Daq. 10)

Ajajawwan Waaqayyootiif jaalala qabaadhaa (Fr 119:127; w18.06 17 key. 5-6)

Gocha dogoggoraa jibbaa (Fr 119:128; w93-AM 4/15 17 key. 12)

Yihowaa dhgaʼuudhaan dogoggora ‘muuxannoo dhabuudhaan’ raawwatamurraa of eegaa (Fr 119:130, 133; Fak 22:3)

Saantimoota warqii hedduu fi warqii hedduu biratti, Kitaaba Qulqulluu banamee jiru.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU, ‘Ajajawwan Waaqayyoo jaallachuu ykn gocha dogoggoraa jibbuurratti fooyyaʼiinsa akkamii gochuutu na barbaachisa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 119:160—Caqasa kanaa wajjin haala wal simuun waaʼee maalii mirkanaaʼoo taaneerra? (w23.01 2 key. 2)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 119:121-152 (th barumsa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu jw.org irraa odeeffannoo isa fayyadu argachuu akka dandaʼu itti argisiisi. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Maree barataa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan walgaʼiirratti hin argamne wajjin godhamu. (lmd barumsa 12 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 121

7. Qarshiin Utuu Hin Barbaachisin Akka Dhiphattan Akka Godhu Hin Heyyaminaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Namoonni maallaqa jaallatan ‘dhiphina hedduudhaan of waraanu.’ (1Xim 6:9, 10) Qarshii kan jaallannuu fi jireenya keenya akka toʼatu kan heyyamnu yoo taʼe dhiphinoonni armaan gaditti ibsamanii fi hambisuu dandeenyu tokko tokko nurra gaʼuu dandaʼu.

  • Yihowaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu hin dandeenyu.—Mat 6:24

  • Matumaa gammachuu hin qabaannu.—Lal 5:10

  • Sobuu fi gowwomsuu dabalatee wanta dogoggoraa raawwachuuf caalaatti qoramuu dandeenya. (Fak 28:20) Wanta dogoggoraa yoo raawwanne qalbiin keenya nu ceephaʼa, maqaa gadhee qabaanna, akkasumas Waaqayyo biratti fudhatama dhabna.

Viidiyoo, “Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhamurraa kutamee kan fudhatame. Mucaa dhiiraa xinnoon tokko saanduqa booyyee fakkaatuu fi keessatti qarshii cimmifatu baatee jira.

Ibroota 13:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanarratti mariʼadhaa:

  • Qarshiidhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu keenyatu dhiphinarraa nu eeguu dandaʼa? Maaliif?

Qarshii jaallachu yoo baannellee karaa sirrii taʼeen itti hin fayyadamnu taanaan dhiphinni nurra gaʼuu dandaʼa.

ANIMEESHINII GABATEE ADII Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti? jedhu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

    Viidiyoo, “Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhamurraa kutamee kan fudhatame. Mucaan duraa tokkoo fi mucaan dhiiraa tokko wantoota isaan barbaachisanii fi wantoota barbaadan galmeeffachaa jiru, gatiinsaanii meeqa akka ta’es barreeffachaa jiru. Mucaan inni dhiiraa heedfoonii, kophee, nyaataa fi tikeetii baaburaa galmeeffateera. Isheen durbaa moo boorsaa, sa’aatii, nyaataa fi boba’aa galeeffateetti.
  • Baajata baafachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

  • Viidiyoo, “Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhamurraa kutamee kan fudhatame. Mucaan isheen durbaa utuma roobaa jiruu dibaabee lama bitatte. Dibaabee tokko ofii isheetiif isa kaanimmoo obboleessa ishee, isa qarshii isaatiin aayis kireemii bitateef bitte.
  • Maallaqa hamma tokko qusachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

  • Viidiyoo, “Qarshii Keetti Seeraan Fayyadamuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhamurraa kutamee kan fudhatame. Mucaan inni dhiiraa kireediit kaardii guddaa tokkotti harkisaa funcaadhaan hidhameera; kireediit kaardii inni kan biraammoo isatti seeqaa jira.
  • Liqii hin barbaachisne keessa galuurraa fagaachuun ogummaa kan taʼe maaliifi?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq 20 key. 1-7, fi yaada seensaa kutaa 7

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 101 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi