LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Amajjii ful. 5-16
  • Amajjii 20-26

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 20-26
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Amajjii ful. 5-16

AMAJJII 20-26

FAARFANNAA 138-139

Faarfannaa 93 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Sodaan Duubatti Akka Si Jechisiisu Hin Heyyamin

(Daq. 10)

Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa jajachuu barbaanna (Fr 138:1)

Walgaʼiirratti deebii deebisuu yeroo sodaattan Yihowaan akka isin gargaaru isatti amanamaa (Fr 138:3)

Sodaachuun gaarii taʼuu dandaʼa. (Fr 138:6; w19.01 10 key. 10)

Obboleettiin tokko gumiirratti yaada kennuuf harka baasaa jirti.

GORSA GAARII: Deebii gabaabaa kennuun keenya sodaa keenya nuuf hirʼisuu dandaʼa.—w23.04 21 key. 7.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fr 139:21, 22—Kiristiyaanonni nama hundumaaf dhiifama gochuu qabuu? (it-1-E 862 key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 139:1-18 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAYII. (lmd barumsa 2 qabxii 3)

5. Barattoota Gochuu

(Daq. 4) LALLABA ADDABAABAYII. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri, akkasumas akkamitti akka qoʼatu itti argisiisi. (lmd barumsa 10 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwyp 105—Mata duree: Ija Laafina Akkamittan Moʼuu Dandaʼa? (th qoʼannaa 16)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 59

Ija Laafeyyii Yoo Taataniyyuu Tajaajila Keessanitti Gammaduu ni Dandeessu

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Ija laafessa akka taate sitti dhagaʼamaa? Yeroo baayʼee namoonni akka sin argine filattaa? Nama tokkotti dubbachuu yeroo yaaddu ni sodaattaa? Yeroo tokko tokko ija laafinni wanta raawwachuu barbaadnu raawwachuurraa duubatti akka jennu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, namoonni ija laafeyyii taʼan hedduun waaʼee Kitaaba qulqulluu namootatti himuu fi tajaajila isaaniitti gammaduu dandaʼaniiru. Fakkeenya isaaniirraa maal baranna?

VIIDIYOO ‘Ija laafettii taʼus wantan dandaʼe hunda godheera’ jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Liin, gorsa akkoon ishii “tajaajila Yihowaatiif iddoo guddaa akka kennitu” ishiidhaaf laatte hojiirra kan oolchite akkamitti?

Musee, Ermiyaasii fi Ximotewos ija laafeyyii taʼuu akka hin oolle Kitaaba Qulqulluurraa hubachuu dandeenya. (Bau 3:11; 4:10; Er 1:6-8; 1Xim 4:12) Taʼus, Yihowaan waan isaanii wajjin tureef tajaajila isaaniirratti wantoota guguddaa raawwachuu dandaʼaniiru. (Bau 4:12; Er 20:11; 2Xim 1:6-8)

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Museen gabateewwan ajaja kurnan qabatan lama harkatti qabatee jira. 2. Ermiyaas kadhachaa jira. 3. Ximotewos maraa Kitaabaa irraa dubbisaa jira.

Isaayyaas 43:1, 2 dubbisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan namoota isa waaqeffataniif waadaa akkamii galeera?

Yihowaan yeroo harʼaatti namoonni ija laafeyyii taʼan tajaajila isaaniitti akka gammadan gargaaraa kan jiru akkamitti?

VIIDIYOO Cuuphamuun Keessan Gammachuu Dabalataa kan Isiniif Argamsiisu Akkamitti — Gabaabfamee Kan Fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Obboleettiin keenya Looran tajaajilarratti humnaa fi deggersa Yihowaa kan argatte akkamitti?

  • Tajaajilli nama ija laafessa taʼe tokko kan gargaaru akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 21 key. 8-13, saanduqa ful. 193rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq.3) | Faarfannaa 151 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi