LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Amajjii ful. 6-7
  • Amajjii 27–Guraandhala 2

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 27–Guraandhala 2
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Amajjii ful. 6-7

AMAJJII 27–GURAANDHALA 2

FAARFANNAA 140-143

Faarfannaa 44 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Gargaarsa Argachuuf Erga Kadhattee Booda Wanta Siif Dandaʼame Hunda Godhi

(Daq. 10)

Gorsa fudhachuuf fedhii qabaadhu (Fr 141:5; w22.02 12 key. 13-14)

Wanta Yihowaan sabasaa gargaaruuf kanaan dura raawwaterratti xiinxali (Fr 143:5; w10 3/15 32 key. 4)

Waan hundumaa akka Yihowaan ilaalutti ilaaluuf carraaqi (Fr 143:10; w15 3/15 32 key. 2)

Obboleessi dargaggeessi tokko qoʼannaa dhuunfaa gochaa jira. Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Ala ta⁠a⁠ʼee kadhachaa jira. 2. Obboleessa maanguddoo tokkoo wajjin yeroo tajaajilanitti gorsa isarraa fudhachaa jira.

Faarfannaan 140-143 Daawit gargaarsa argachuuf akka kadhate qofa utuu hin taʼin, kadhannaasaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii akka fudhates ni ibsa.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fr 140:3—Daawit arraba namoota hamoo arraba bofaatti kan fakkeesse maaliifi? (it-2-E 1151)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 141:1-10 (th qoʼannaa 12)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama tokkoof gargaarsa qabatamaa erga gootee booda waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariisisi. (lmd barumsa 3 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) LALLABA ADDABABAYII. Namni dhugaa baatuuf hojiitti akka ariifatu sitti hime. (lmd barumsa 7 qabxii 3)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Hojiin Argisiisa. ijwfq 21—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Dhiiga Kan Hin Fudhanne Maaliifi? (th qoʼannaa 7)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 141

7. Yaalii Fayyaa ykn Yaalii Baqaqsanii Walʼaanuu Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophaaʼaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yihowaan, ‘yeroo dhiphinaatti salphaatti isa biraa gargaarsa akka argannu’ waadaa galeera. (Fr 46:1) Yaaliin fayyaa ykn yaaliin baqaqsanii walʼaanuu yommuu nu mudatu dhiphachuu dandeenya. Haataʼu malee, Yihowaan wantoota akkasiitiif akka qophoofnu wantoota nu barbaachisan nuu qopheesseera. Fakkeenyaaf, jaarmiyaan isaa, Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa (DPA), Waraqaa Eenyummaaa fi dookmantoota odeeffannoo yaalii fayyaa qabatanb dabalatee Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu (HLC) nuu qopheesseera. Qophiiwwan kun seera Waaqayyo dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuuf nu gargaaru.—HoE 15:28, 29.

Obboleettiin tokko Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa guutaa jirti.

VIIDIYOO Yaalii Fayyaa Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophooftaniittuu? jedhamu taphachiisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Obboloonni tokko tokko Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa qopheeffachuudhaan kan fayyadaman akkamitti?

  • Namoonni tokko tokko Qajeelfama Odeeffannoo Haadholii Ulfa Taʼaniif Qophaaʼe (S-401) jedhamurraa kan fayyadaman akkamitti?

  • Haalli hospitaala akka turru, yaalii baqaqsanii walʼaanuu akka godhannu ykn yaalii dhibee kaansarii akka godhannu nu dirqisiisu yoo nu mudate, haalli sun dhiiga fudhachuu kan hin gaafanne yoo taʼellee dafnee Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu qunnamuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

QOPHOOFTANIITTUU?

  • Murtoo keessan Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa keessanirratti barreessaa

  • Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu dafaa qunnamaa

  • Dhiigaa fi qoqqoodama dhiigaa fudhachuu ilaalchisee akkasumas mala yaalii fayyaa dhiiguma ofii keessanii fayyadamuu gaafatu ilaalchisee ejjennoo qabdan ogeessa fayyaa isin yaaluuf ibsuuf qophaaʼaa.—lff barumsa 39 ilaali

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 21 key. 14-22

Yaada Xumuraa (Daq.3) | Faarfannaa 103 fi Kadhannaa

a Babalʼistoonni cuuphaman ofii isaaniitiif Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa akkasumas ijoollee isaanii xixinnoodhaaf Waraqaa Eenyummaa tajaajilaa barreeffamaarraa fudhachuu dandaʼu.

b Odeeffannoo Haadholii Ulfa Taʼaniif Qophaaʼe (S-401), Odeeffannoo Namoota Yaaliin Baqaqsanii Walʼaanuu Ykn Keemooteeraappiin Godhamuufiif Taʼu (S-407), akkasumas Odeeffannoo Warra Mucaa Yaaliin Fayyaa Barbaachisu Qabaniif Taʼu (S-55) yeroo isin barbaachisutti jaarsoliirraa fudhachuu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi