LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Amajjii ful. 14-15
  • Guraandhala 24–Bitootessa 2

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala 24–Bitootessa 2
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Amajjii ful. 14-15

GURAANDHALA 24–BITOOTESSA 2

FAKKEENYA 2

Faarfannaa 35 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Qoʼannaa dhuunfaa godhachuuf fedhii guddaa qabaachuu kan qabdu maaliifi?

(Daq. 10)

Dhugaadhaaf dinqisiifannaa qabdu guddifachuuf (Fak 2:3, 4; w22.08 18 key. 16)

Murtoo gaarii gochuuf akka si gargaaruuf (Fak 2:5-7; w22.10 19 key. 3-4)

Amantii kee cimsachuuf (Fak 2:11, 12; w16.09 23 key. 2-3)

Namni Israaʼel tokko holqa keessaa doomaadhaan lafa qotaa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU, ‘Barsiifata qoʼannaa dhuunfaa koo fooyyessuu kanan dandaʼu akkamitti?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 2:7—Yihowaan, “Warra amanamummaadhaan deemaniif gaachana” kan taʼe akkamitti? (it-1-E 1211 key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 2:1-22 (th qoʼannaa 12)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Odeeffannoo hiriyoota gaaʼelaatiif qophaaʼee fi jw.org irratti argamu akkamitti akka argatu nama haasofsiistutti himi. (lmd barumsa 1 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) KARAA ALIDLEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Barreeffama dhimma namni kanaan dura haasofsiistan kaasee wajjin walqabatu tokko kenniif. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) lmd kutaa dabalata A qabxii 8—Mata duree: Abbaan Manaa fi Haati Manaa Waliif Amanamoo Taʼuu Qabu. (th qoʼannaa 13)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 96

7. Qabeenya Dhokfame Barbaaduuf Fedhii Qabdaa?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Dargaggootaa qabeenya dhokfame barbaaduu yaanni jedhu isin gammachiisaa? Taanaan Kitaabni Qulqulluun qabeenya uumama cufa keessatti hundarra caalu akka barbaaddan isin affeera. Innis beekumsa Waaqayyooti. (Fak 2:4, 5) Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan dubbisuuf yeroo ramaduu fi wanta dubbistanirratti qorannaa gochuudhaan qabeenya kana barbaaduu dandeessu. Akkas gochuun keessan isin gammachiisa, akkasumas isin kiisa!

  • Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistan gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeessu? (w24.02 32 key. 2-3)

  • Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf maalfaatti fayyadamuu dandeessu?

Dargageessi akka qorataatti uffatee jiru tokko saanduqa albuudaan guutame banee gammachuudhaan ilaalaa jira.

Viidiyoon walitti aanee baʼuu fi Michoota Yihowaa Irraa Baradhu jedhu wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisterratti akkamitti akka xiinxaltu si gargaaruu dandaʼa.

Dargaggeessi tokko qoʼannaa dhuunfaa gochaa jira. Birooshurri “Jireenyi Uumamaan Argamee?” jedhu minjaala isaarra jira.

VIIDIYOO Michoota Yihowaa Irraa Baradhu —Abeel jedhu taphachiisi.

Uumama 4:2-4 fi Ibroota 11:4 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Abeel michuu Yihowaa akka ture kan argisiise akkamitti?

  • Abeel Yihowaarratti amantii kan qabaate akkamitti?

  • Amantii kee guddifachuu kan dandeessu akkamitti?

GORSA GAARII

Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu sirriitti akka beektu yoo sitti dhagaʼamellee waaʼee namoota, iddoowwanii fi waaʼee wantoota dubbiste sanaa qorannaa godhi. Haala kanaan Kitaaba Qulqulluu yoo dubbiste wanti dubbiste si gammachiisa!

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 23 key. 1-8 fi seensa kutaa 8

Yaada Xumuraa (Daq.3) | Faarfannaa 102 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi