LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Bitootessa ful. 2-16
  • Bitootessa 3-9

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa 3-9
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Bitootessa ful. 2-16

BITOOTESSA 3-9

FAKKEENYA 3

Faarfannaa 8 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Yihowaatti Akka Amanamtu Argisiisi

(Daq. 10)

Ofii keetti utuu hin taʼin, Yihowaatti amanami (Fak 3:5; ijwbv mata duree 14 key. 4-5)

Qajeelfama isaa barbaaduu fi hordofuudhaan Yihowaatti akka amanamtu argisiisi (Fak 3:6; ijwbv mata duree 14 key. 6-7)

Garmalee ofitti hin amanamin (Fak 3:7; be 76 key. 4)

Shamarreen tokko taableetii isheetti fayyadamtee galma baafachuu dandeessu irratti qorannaa gochaa jirti. Bitaa isheetiin kan jiran birooshuroota wa⁠a⁠ʼee barumsa sadarkaa olaanaa ibsanidha. Mirga isheetiin immoo foormii tajaajila ishee ba⁠⁠l⁠ʼifachuuf ishee gargaaruu fi wa⁠a⁠ʼee Beetel ibsutu jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Wantan hojjedhu hundumaa irratti qajeelfama Yihowaa nan barbaadaa?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 3:3—Jaalala amanamaa fi amanamummaa Morma keenyatti hidhachuu fi gabatee garaa keenyaa irratti barreeffachuu kan dandeenyu akkamitti? (w06-AM 9/15 17 key. 7)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 3:1-18 (th qoʼannaa 12)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Mormii baramaa taʼe tokkoof deebii kenni. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) LALLABA ADDABABAAYII. Nama haasofsiistutti waaʼee weebsaayitii jw.org himi. Achiis, kaardii teessoo kenniif. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) w11 3/15 14 key. 7-10—Mata duree: Tajaajila Irratti Yommuu Namoonni Dantaa Hin Qabne Si Mudatan Yihowaatti Amanami. (th qoʼannaa 20)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 124

7. Jaarmiyaa Yihowaatti Amanami

(Daq. 15) Mariidhaan kan dhihaatu

Qajeelfama kaan irra, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiru hojii irra oolchuun salphaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, qajeelfama namoonni mudaa qabanii fi jaarmiyaa Yihowaa geggeessan nuu kennan fudhachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Keessumaa immoo qajeelfamichi nuuf hin galle ykn irratti walii hin galle taanaan caalaatti ulfaachuu dandaʼa.

Miilkiyaas 2:7 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan saba isaa geggeessuuf dhiirota mudaa qabanitti kan fayyadamu taʼuun isaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

Maatewos 24:45 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuuf kennu amanuu kan dandeenyu maaliifi?

Ibroota 13:17 dubbisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Murtoowwan namoonni Yihowaan akka geggeessaniif muude godhan deggeruu kan qabnu maaliifi?

Obboleessi tokko maatii tokkoof nyaata geessaa jira. Hundi isaanii maaskii godhatanii fagoodhaa harka walitti raasaa jiru.
Obboleettiin tokko walg⁠a⁠ʼii irratti deebii deebisaa jirti. Obboleessi tokko immoo maayikiraafoonii itti qabaa jira. Warri walg⁠a⁠ʼicha irratti argaman hundi maaskii godhataniiru.

VIIDIYOO Gabaasa Qaama Olaanaa 2021 Lakk. 9—Gabaabfamee kan fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis, akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Qajeelfamni yeroo weerara dhibeetti nuuf kenname amantii jaarmiyaa Yihowaa irratti qabdu kan siif cimse akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 23 key. 9-15, saanduqoota ful. 210 fi 212​rra jiran

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 57 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi