LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Bitootessa ful. 14-15
  • Ebla 28–Caamsaa 4

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla 28–Caamsaa 4
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Bitootessa ful. 14-15

EBLA 28–CAAMSAA 4

FAKKEENYA 11

Faarfannaa 90 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Hin Dubbatinaa!

(Daq. 10)

Wanta “ollaa” keessan miidhu hin dubbatinaa(Fak 11:9; w02-AM 5/15 26 key. 4)

Wanta wal qoqqoodinsa uumu hin dubbatinaa(Fak 11:11; w02-AM 5/15 27 key. 2-3)

Wanta iccitiidhaan qabamuu qabu hin dubbatinaa (Fak 11:12, 13; w02-AM 5/15 27 key. 5)

Obboloonni lama Galma Walg⁠a⁠ʼiitti waliin haas⁠a⁠ʼaa jiru. Inni tokko obboleessa gara isaanii dhufaa jiru tokko hamachaa jira.

KANARRATTI XIINXALI: Wanti Yesuus dubbatee fi Luqaas 6:45​rratti galmeeffamee jiru dubbii nama miidhu dubbachuurraa fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 11:17—Gaarummaa argisiisuun kan nu fayyadu akkamitti? (g20.1 11, saanduqa)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 11:1-20 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Maree Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TA’EEN DHUGAA BA’UU. Carraa wanta walgaʼii dhiheenyatti gootanirraa barattee nama tokkotti himuuf si dandeessisu argachuuf yaali. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TA’EEN DHUGAA BA’UU. Viidiyoowwan Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiran keessaa tokko itti argisiisi. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 4) LALLABA ADABAABAAYII. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeriitii, akkamitti akka qoʼatamu itti argisiisi. (lmd barumsa 10 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 157

7. Arrabni Keessan Nagaa Akka Jeequ Hin Godhinaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Cubbamoota waan taaneef wanta dogoggora taʼe ni dubbanna. (Yaq 3:8) Haata’u malee, wanta dogoggoraa dubbachuun miidhaa akkamii akka qabu dursinee ni yaadna taanaan, wanta booda itti gaabbinu dubbachuurraa of qusachuu dandeenya. Dubbiiwwan nagaa gumii jeequu dandaʼan tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

  • Of Jajuudhaan Dubbachuu. Dubbiin akkasii wal morkii fi hinaaffaa uumuu danda’a.—Fak 27:2

  • Dubbii hin amanamne. Dubbiin akkasii kallattiidhaan soba dubbachuu qofa utuu hin taʼin, taʼe jedhanii nama dogoggorsuu dabalata. Dubbii keenyaan xinnumallee amanamoo taʼuu dhiisuun, namoonni akka nu hin amanne gochuu fi maqaa keenya balleessuu danda’a.—Er 10:1

  • Hamii nama miidhu. Hamiin waa’ee namootaa fi waa’ee jireenya isaanii dhugaa jiru jalʼisanii ykn dhimma dhuunfaa isaanii keessa seenanii dubbachuu argisiisa. (1Xi 5:13) Gochi akkasii qoccolloo fi wal qoqqoodinsa uumuu danda’a

  • Dheekkamsa. Jecha miira keenya toʼachuu dadhabnee nama nu aarsetti dubbannu argisiisa. (Efe 4:26) Dubbiin akkasii miidhaa geessisuu danda’a.—Fak 29:22

Fakkiiwwan viidiyoo “Wantoota Nagaa Mancaasan ‘Of Irraa Baasaatii Gataa’​—⁠Gabaabfamee kan fudhatame” jedhamu irraa fudhataman 1. Eemlii fi Siiliyaan walitti garagalanii kaafteeriyaa keessa ta⁠a⁠ʼaa jiru. Siiliyaan wanta Heeliin marsariitii hawaasaa irratti baaste ilaalaa jirti. 2. Heeliin naannoo Galma Walg⁠a⁠ʼiitti aariidhaan Siiliyaatti dubbachaa jirti.

VIIDIYOO Wantoota Nagaa Mancaasan ‘Of Irraa Baasaatii Gataa’—Gabaabfamee kan fudhatame jedhamu taphachiisi. Achiis akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Viidiyoon kun dubbiin keenya salphaadhumatti nagaa gumii jeequu akka danda’u kan argisiisu akkamitti?

Nagaa isaanii deebisanii kan argatan akkamitti akka taʼe beekuuf, viidiyoo‘Nagaa Barbaadaa, Duukaas Buʼaa’ jedhu ilaalaa.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 25 key. 14-21

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa Haaraa Walgaʼii Naannoo 2025 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi