LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Caamsaa ful. 2-3
  • Caamsaa 5-11

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa 5-11
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Caamsaa ful. 2-3

CAAMSAA 5-11

FAKKEENYA 12

Faarfannaa 101 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Jabaatanii Hojjechuun Nama Kiisa

(Daq. 10)

Wantoota gatii hin qabne duukaa buʼuudhaan yeroo keessan hin gubinaa (Fak 12:11)

Jabaadhaa hojjedhaa, harki keessan hojii hin hiikin (Fak 12:24; w16.06 31 key. 1)

Jabaattanii hojjechuun keessan isin kiisa (Fak 12:14)

Suuraawwan: Obboleessi tokko hojii boombaa suphuu fi sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf jabaatee hojjechaa jira. 1. Meeshaaleesaa qabatee deemaa jira. 2. Meeshaasaatti fayyadamee tuubboo guddaa tokko suphaa jira. 3. Maatiisaa wajjin walgaʼii gumii hirmaachaa jira. Innii fi intallisaa harka baasanii jiru. 4. Tiraaktii tokkotti fayyadamee buufata bobbaʼaatti dhugaa baʼaa jira.

GORSA GAARII: Faayidaa jabaannee hojjechuun keenya warra kaaniif argamsiisurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu arganna.—HoE 20:35; w15-AM 2/1 5 key. 4-6.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 12:16—Yaanni caqasa kanarratti argamu haala rakkisaa keessatti cimina qabaachuuf kan nu gargaaru akkamiitti? (ijwyp mata duree 95 key. 10-11)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 12:1-20 (th barumsa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 1 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 4)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama ijoollee qabutti weebsaayitii keenya argisiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

7. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 3) Hojiin argisiisa. ijwfq mata duree 3—Mata duree: Amantiin Keessan Qofti Dhugaa Akka Taʼe Amantuu? (lmd barumsa 4 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 21

8. Gargaarsa Yihowaatiin Rakkina Dinagdee Dandamachuu

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Hojii argachuun akka si rakkisu, hojii dhabuu akka dandeessu ykn ammas taʼe gara fuulduraatti rakkinni maallaqaa si mudachuu akka dandaʼu yaaduudhaan ni dhiphattaa? Haalli dinagdee addunyaa dafee jijijjiirama. Haa taʼu malee, Yihowaan jireenya keenya keessatti hamma dursa isaaf kenninetti yeroo akkuma tasaa rakkinni dinagdee nu mudatuttillee akka nu kunuunsu nuu mirkaneesseera.—Fr 46:1-3; 127:2; Mat 6:31-33.

Fakkii, viidiyoo “Yihowaan Matumaa Nu hin Gatu” jedhamurraa fudhatame. Obboleessi Aalvaaraadoon harka haadha manaasaa qabatee maatiisaa wajjin kadhachaa jira.

VIIDIYOO Yihowaan Matumaa Nu hin Gatu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Muuxannoo obboleessa keenya Aalvaaraadoorraa maal barattan?

1 Ximotewos 5:8 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Caqasni kun, Yihowaan yeroo hundumaa tajaajiltoota isaatiif wantoota isaan barbaachisan akka guutu amantii qabdan kan isiniif cimsu akkamitti?

Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu rakkina dinagdee dandamachuuf gargaaran muraasa haa ilaallu:

  • Jireenya keessan salphaa godhaa. Liqii fi baasii keessan hirʼisaa.—Mat 6:22

  • Hojii fi barumsa ilaalchisee murtoo wantoota hafuuraatiif dursa kennuuf isin gargaaru godhaa.—Flp 1:9-11

  • Gad of qabaa, haalasaatti baruuf yaalaa. Hojii keessan yoo dhabdan hojii maatii keessaniif wanta barbaachisu dhiheessuuf isin gargaaru akkamiiyyuu hojjechuuf fedhii qabaadhaa.—Fak 14:23

  • Wanta hedduu yoo qabaachuu baattanillee wanta qabdan warra kaaniif hiruuf fedhii qabaadhaa.—Ibr 13:16

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 26 key. 1-8, saanduqa ful. 234, 238​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 57 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi