LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Caamsaa ful. 4-5
  • Caamsaa 12-18

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa 12-18
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Caamsaa ful. 4-5

CAAMSAA 12-18

FAKKEENYA 13

Faarfannaa 34 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. ‘Ibsaa Hamootaatiin’ hin Gowwoomfaminaa

(Daq. 10)

Hamoonni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii hin qaban (Fak 13:9; it-2-E 196 key. 2-3)

Namoota wanti gadheen wanta gaarii fakkaatee akka mulʼatu godhanitti hin michoominaa (Fak 13:20; w12 7/15 12 key. 3)

Yihowaan nama qajeelaa ni eebbisa (Fak 13:25; w04-AM 7/15 31 key. 6)

Suuraawwan: Filannoo gaarii hin taanee fi namni Dhugaa Baatuu hin taane godhe, filannoo gaarii obboloonni Dhugaa Baatota taʼan muraasni godhanii wajjin wal bira qabee mulʼisa. 1. Namichichi harkasaatti dhugaatii qabatee, mana dhiichisa halkanii keessatti shubbisaa jira. 2. Boodammoo, dhukkubsatee qoricha fudhachaa jira. 3. Obboloonni gara galgalaa bakkee keessa tataaʼanii jiru. Obboloonni sun warra kaanii wajjin faarfachaa, shubbisaa fi nyaachaa jiru. 4. Guyyaa itti aanuttimmoo tajaajilaa jiru.

Jireenyi namoota wantoota addunyaa keessa jiran argachuuf carraaqqii godhanii akka namoonni hedduun yaadanitti gammachiisaa miti. Haa taʼu malee namoonni fedhii Yihowaa raawwatan jireenya dhugumaan gammachuu qabu jiraatu

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 13:24—Caqasni kun jaalalaa fi adabbii ilaalchisee maal nu barsiisa? (w21.02 5 key. 13)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 13:1-17 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Dhimma yeroo ammaatti namoota hedduu yaaddessaa jiru tokko erga kaastanii booda, Kitaaba Qulqulluurraa wanta nama sana gargaaru itti argisiisi. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Walgaʼiirratti akka argamu affeeri. (lmd barumsa 2 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 9—Mata duree: Ijoolleen Warra Isaanii Kabajanii fi Isaaniif Ajajaman Milkaaʼina Argatu. (th qoʼannaa 16)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 77

7. “Ifni Qajeelotaa Akka Gaariitti ni Ifa”

(Daq. 8) Mareedhaan kan dhihaatu.

Dubbiin Waaqayyoo beekumsaa fi ogummaa gita hin qabne qabateera. Daandii keenyarratti akka ifu yoo heyyamne milkaaʼina guddaa fi gammachuu dhuma hin qabne arganna. Addunyaan kana nuu kennuu hin dandaʼu.

Fakkii, viidiyoo “Addunyaan Wanta hin Qabne Isiniif Kennuu hin Dandaʼu” jedhurraa fudhatame. Obboleettii Geeyinanshiinaan dirree keessa teessee samii ilaalaa jirti.

VIIDIYOO Addunyaan Wanta hin Qabne Isiniif Kennuu hin Dandaʼu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Muuxannoon obboleettii keenya Geeyinanshiinaa “ifni qajeelotaa” “ibsaa hamootaa” irra baayʼee akka caalu kan nuuf mirkaneessu akkamitti?—Fak 13:9

Waaʼee wantoota addunyaa keessa jiranii abjuʼachuudhaan ykn filannoo Yihowaa tajaajiluuf isin dandeessisu gochuu keessanitti gaabbuudhaan yeroo keessan hin gubinaa. (1Yo 2:15-17) Kanaa mannaa, ‘beekumsa hunda caalaa gatii guddaa qabuu’ fi argattanirratti xiyyeeffadhaa.—Flp 3:8.

YAADA WAAQEFFANNAA MAATIITIIF TAʼU:

Yeroo garaagaraatti viidiyoo kutaa Dhugaan Jireenya Namootaa ni Jijjiira jedhu jalatti baʼu tokko ykn lama ilaalaa. Viidiyichi gatii dhugaan qabu kan addeessu akkamitti akka taʼe irratti yaadaa.

8. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa

(Daq. 7)

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 26 key. 9-17

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 43 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi