LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Caamsaa ful. 10-11
  • Waxabajjii 9-15

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii 9-15
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Caamsaa ful. 10-11

WAXABAJJII 9-15

FAKKEENYA 17

Faarfannaa 157 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

Hiriyoonni gaaʼelaa Israaʼel durii keessa jiraatan tokko, nyaata salphaa daabboorraa qophaaʼe manasaanii ishii xinnoo keessa taaʼanii nyaachaa jiru.

Hiriyoonni gaaʼelaa nagaa qaban tokko waliin nyaachaa jiru

1. Gaaʼela Keessan Keessatti Nagaa Qabaadhaa

(Daq. 10)

Gaaʼela keessatti nagaa qabaachuun carraaqqii guddaa kan gaafatu taʼus, carraaqqiin godhamu nama hin gaabbisiisu (Fak 17:1; fakkii jiru ilaali)

Wantoota xixinnoorratti wal hin falminaa (Fak 17:9; g-AM 9/14 11 key. 2)

Miira keessan toʼadhaa (Fak 17:14; w08-AM 5/1 ful. 10 key. 6–ful. 11 key. 1)

Hiriyoonni gaaʼelaa bara Kitaaba Qulqulluutti jiraatan tokko nyaata baayʼee fuuldura taaʼanii jiru. Hiriyoonni gaaʼelaa sooreyyii taʼan kun gammachuu hin qaban. Lamaanuu harka maratanii jiru; yeroo abbaan manaashii haasaʼuu tuffii akka qabdu karaa mulʼisuun achirraa garagaltee iddoo biraa ilaalaa jirti.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 17:24—Yaanni, ‘Ijji nama gowwaa hamma handaara lafaatti asii fi achi joora’ jedhu hiika akkamii qaba? (it-1-E 790 key. 2)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 17:1-17 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 3 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) LALLABA ADDABAABAAYII. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 6 qabxii 4)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwbv mata duree 60—Mata duree: Fakkeenyi 17:17 Hiika Akkamii Qaba? (th qoʼannaa 13)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 113

7. Barsiifata Waliin Haasaʼuun Akka Isinitti Salphatu Godhu Qabaadhaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Maatiin tokko gammachuu akka qabaatuuf akka gaariitti waliin haasaʼuu qaba. Miseensonni maatichaa iftoominaan kan waliin haasaʼan yoo taʼe, waliin taʼanii galma tokkorra gaʼuu fi yeroo rakkinaatti wal deggeruu dandaʼu. (Fak 15:22) Maatii keessan keessatti iftoominaan waliin haasaʼuuf maal gochuu dandeessu?

Yeroo waliin dabarsaa. (Kes 6:6, 7) Miseensonni maatii yeroo waliin hojjetan, sochiiwwan hafuuraarratti yeroo waliin hirmaatanii fi yeroo waliin bashannanan jaalallii waliif qabanii fi amantiin walirratti qaban ni cima. Bilisummaadhaan waliin haasaʼuufis carraa argatu. Yeroo tokko tokko, wanta miseensonni maatii keessan barbaadan gochuuf fedhii keessan aarsaa gochuun isin barbaachisuu dandaʼa; taʼus, aarsaan kaffaltan isin hin gaabbisiisu! (Flp 2:3, 4) Maarree, yeroo waliin dabarsitanitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?—Efe 5:15, 16.

Fakkii, viidiyoo “Gorsa Nagaa Maatiitiif Fayyadu Hordofaa—Akka Gaariitti Yaada Wal Jijjiiraa” jedhamurraa fudhatame. Maatii waliin soorataa jiran argisiisa.

VIIDIYOO Gorsa Nagaa Maatiitiif Fayyadu Hordofaa—Akka Gaariitti Yaada Wal Jijjiiraa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Meeshaalee elektiroonikiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun maatiin sirriitti akka waliin hin haasofne kan godhu akkamitti?

  • Viidiyoo kanarraa akka gaariitti waliin haasaʼuu ilaalchisee barumsa kan biraa akkamii argattan?

Sirriitti dhaggeeffadhaa. (Yaq 1:19) Ijoolleen miira isaanii akka isaaniif hubannuu fi akka isaanitti hin murteessine yoo isaanitti dhagaʼame miirasaanii bilisummaadhaan ibsuuf kakaʼuu dandaʼu. Kanaafuu, ijoolleen keessan wanta isin yaaddessu tokko yoo dubbatan miira keessan toʼachuuf yaalaa. (Fak 17:27) Garaadhaa isaan dhaggeeffadhaa. Karaa jaalala qabuun isaan gargaaruu akka dandeessaniif, yaadasaanii fi miirasaanii isaaniif hubachuuf yaalaa.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 27 key. 19-22, saanduqa ful. 242​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 35 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi