LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Caamsaa ful. 12-13
  • Waxabajjii 16-22

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii 16-22
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Caamsaa ful. 12-13

WAXABAJJII 16-22

FAKKEENYA 18

Faarfannaa 90 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Warra Dhukkubaa Wajjin Walʼaansoo Gochaa Jiran Jajjabeessaa

(Daq. 10)

Ogummaan Waaqayyoo dubbii keessan haa qajeelchu (Fak 18:4; w22.10 22 key. 17)

Haala namni sun keessa jiru hubachuuf yaalaa (Fak 18:13; mrt mata duree 19 saanduqa)

Michuu deggersa godhuu fi obsa argisiisu taʼaa (Fak 18:24; wp23.1 ful. 14 key. 3–ful. 15 key. 1)

Abbaan manaa tokko yeroo haati manaasaa miira ishii isaaf ibsitu gara laafinaan dhaggeeffachaa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Hiriyaan gaaʼelaa koo dhibee qaamaa ykn dhibee sammuu wajjin walʼaansoo gochaa jirti taanaan akkamittan ishii gargaaruu dandaʼa?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 18:18—Bara duriitti carraan kan buufamu maaliif ture? (it-2-E 271-272)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 18:1-17 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu afaan kan biraa dubbata. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Namni haasofsiistu yaada kee akka gabaabsitu si gaafate. (lmd barumsa 7 qabxii 4)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama haasofsiistu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhugaa barbaachisaa taʼe barsiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 5)

7. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 4) Hojiin argisiisa. ijwfq mata duree 29—Mata duree: Kiriʼeeshiniizimiitti ni Amantuu? (lmd barumsa 5 qabxii 5)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 144

8. Homaa Dubbachuun Utuu Isin hin Barbaachisin Namoonni Jaallattan Yihowaatti Akka Dhihaatan Gargaaraa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Baayʼeen keenya namoota yeroo ammaatti Yihowaa tajaajilaa hin jirre beekna; tarii hiriyaan gaaʼelaa keenya, ijoolleen keenya ykn michoonni keenya baayʼee jaallannu gumiirraa fagaatanii taʼuu dandaʼa. Dhiibbaa isaanirratti gochuudhaan ykn karaa sirrii hin taaneen isaanitti dubbachuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan amansiisuuf yaaltanii beektuu? Kakaʼumsi keenya gaarii taʼus, wanti dubbannu haallisaa akka hammaatu gochuu dandaʼa. (Fak 12:18) Maarree, akkamitti yoo isaan gargaarre wayya?

Pheexiros Tokkoffaan 3:1 abbaan manaa hin amanne tokko amala haati manaasaa utuu homaa hin dubbatin argisiistuun moʼamuu akka dandaʼu ibsa. Obboleettiin tokko abbaan manaa ishii Kitaaba Qulqulluurratti ishii wajjin mariʼachuu hin barbaadu yoo taʼellee, Yihowaa akka beeku isa gargaaruu ni dandeessi. Amaloota Yihowaarraa baratte kanneen akka jaalalaa, gaarummaa fi ogummaa jiran argisiisuun ishii abbaan manaa ishii waaʼee Yihowaa akka baratu isa kakaasuu dandaʼa. (Fak 16:23) Amallii fi dubbiin keenya gaarii taʼuunsaa nama jaallannuu fi Yihowaa tajaajilaa hin jirrerratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼa.—Qol 4:6.

VIIDIYOO Warra Amantiidhaaf Jabaatanii Loluu Irratti Milkaaʼina Argatan—Warra Hiriyaa Gaaʼelaa hin Amanne Qaban jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

    Suuraa, viidiyoo “Warra Amantiidhaaf Jabaatanii Loluu Irratti Milkaaʼina Argatan—Warra Hiriyaa Gaaʼelaa hin Amanne Qaban” jedhamurraa fudhatame. Obboleettii Hiidiikoo Saasaakii.
  • Muuxannoo obboleettii keenya Saasaakiirraa maal barattan?

  • Suuraa, viidiyoo “Warra Amantiidhaaf Jabaatanii Loluu Irratti Milkaaʼina Argatan—Warra Hiriyaa Gaaʼelaa hin Amanne Qaban” jedhamurraa fudhatame.” Obboleettii Nooriikoo Itoo.
  • Muuxannoo obboleettii keenya Itoorraa maal barattan?

  • Suuraa, viidiyoo “Warra Amantiidhaaf Jabaatanii Loluu Irratti Milkaaʼina Argatan—Warra Hiriyaa Gaaʼelaa hin Amanne Qaban” jedhamurraa fudhatame.” Obboleettii Toomee Okaadaa.
  • Muuxannoo obboleettii keenya Okaadaarraa maal barattan?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 27 key. 23-26, saanduqa ful. 244 fi 247​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 60 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi