ADOOLESSA 7-13
FAKKEENYA 21
Faarfannaa 98 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Gaaʼelaaf Gammachuu Argamsiisan
(Daq. 10)
Nama tokko faana gaaʼela hundeessuuf hin ariifatin (Fak 21:5; w24.05 30 key. 13)
Yeroo walii galuu dadhabdan akka gad of qabdu argisiisi (Fak 21:2, 4; w20.07 3-4 key. 3-5)
Obsaa fi gaarummaa walitti argisiisaa (Fak 21:19; w06 10/1 12 key. 13)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Fak 21:31—Caqasni kun raajii Mulʼata 6:2 irra jiru hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (w05-AM 1/15 17 key. 9)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fak 21:1-18 (th barumsa 5)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 3 qabxii 3)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 7 qabxii 3)
6. Wanta Itti Amantu Ibsi
(Daq. 5) Hojiin argisiisa. ijwfq mata duree 54—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Hiikuuf Ilaalcha Akkamii Qabu? (lmd barumsa 4 qabxii 3)
Faarfannaa 132
7. Hiriyaa Gaaʼelaa Keetti Kabaja Argisiisi
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yeroo gaaʼela dhaabbattetti hiriyaa gaaʼelaa kee jaallachuu fi kabajuuf Yihowaa duratti waadaa galteetta. Kanaafuu, hiriyaa gaaʼelaa keetti amalli argisiistu hariiroo Yihowaa wajjin qabdu ni tuqa.—Fak 20:25; 1Ph 3:7.
VIIDIYOO Gaaʼela Gammachiisaa Qabaachuuf: Wal Kabajaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Hiriyaa Gaaʼelaa kee kabajuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Caalaatti wal kabajuuf jijjiirama akkamii gochuu dandeenya?
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu nu gargaaruu dandaʼan tokko tokko kamfaʼi?
Karaawwan hiriyaa gaaʼelaa keenyatti kabaja argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko adda baasaa ibsaa?
Hiriyaa gaaʼelaa keenya ilaalchisee maalirratti xiyyeeffachuu qabna? Maaliif?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 28 key. 16-22