LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Adoolessa ful. 4-5
  • Adoolessa 14-20

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa 14-20
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Adoolessa ful. 4-5

ADOOLESSA 14-20

FAKKEENYA 22

Faarfannaa 79 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Ijoollee Guddisuuf Gargaaran

(Daq. 10)

Rakkina jireenya keessatti isaan mudatuuf ijoollee keessan qopheessaa (Fak 22:3; w20.10 27 key. 7)

Akkuma dhalataniin ijoollee keessan leenjisuu jalqabaa (Fak 22:6; w19.12 26 key. 17-19)

Karaa akka isaan jaallattan argisiisuun isaan adabaa (Fak 22:15; w15 11/15 5 key. 6)

Abbaan tokko gaarummaadhaan intala isaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa ragaa dhiheessaa jira. Taableetii ishiirra fakkiin sadarkaa jijjiirama tirannaa garaagaraa argisiisu jira.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 22:29—Hojii gumii keessatti hojjennuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya hoo faayidaa akkamii qaba? (w21.08 23 key. 11)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 22:1-19 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 5 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama haasofsiistutti odeeffannoo warra gargaaru jw.org irraa akkamitti akka argatu itti argisiisi.(lmd barumsa 1 qabxii 4)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwyp mata duree 100—Mata duree: Seera Warri Koo Baasan Yoon Cabse Maal Gochuun Dandaʼa? (th qoʼannaa 20)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 134

7. Yommuu Ijoollee Kee Leenjistu Isaaniif Obsi; Garuu, Gadhiisii Isaan hin Godhin

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Ijoollee guddisuun obsa guddaa gaafata. Warri yeroo hunda ijoollee isaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabu, akkasumas yeroo gaʼaa isaaniif kennuu qabu. (Kes 6:6, 7) Warri wanta garaa ijoolleesaanii keessa jiru beekuuf gaaffii gaafachuu fi garaadhaa isaan dhaggeeffachuu qabu. (Fak 20:5) Warri qajeelfama ijoollee isaaniif kennan tokko, hamma ijoolleen isaanii hubatanii hojiirra oolchanitti irra deddeebiʼanii, siʼa hedduu isaaniif ibsuu qabu taʼa.

Haa taʼu malee, warri ijoollee isaaniitiif obsan gadhiisii isaan hin godhan. Yihowaan warraaf wanta gochuu qabanii fi gochuu hin qabne ilaalchisee ijoollee isaaniitiif qajeelfama akka kennan aangoo isaaniif kenneera. Yeroo ijoolleen isaanii hin ajajamin hafanittimmoo adaba barbaachisu akka isaaniif kennan aangoo isaaniif kenneera.—Fak 6:20; 23:13.

Efesoon 4:31 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Warri ijoollee isaanii aariidhaan adabuu kan hin qabne maaliifi?

Galaatiyaa 6:7 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Warri ijoolleen isaanii wanta sirrii hin taane yoo raawwatan miidhaan akka isaanirra gaʼu barsiisuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Suuraa viidiyoo “ ‘Obsa Qabaachuudhaan Jaalalaan Wal Dand⁠a⁠ʼaa’​—⁠Ijoollee Keessan” jedhamurraa fudhatame. Maaksi intala isaa Suu obsaan dhaggeeffachaa jira.

DIRAAMAA ‘Obsa Qabaachuudhaan Jaalalaan Wal Dandaʼaa’—Ijoollee Keessan jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Viidiyoo kanarraa maal barattan?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb “Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame,” seensa kutaa 1 fi barumsa 1

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 6 and Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi