LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb ful. 2-3
  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Irra Deebii Kutaa 2⁠ffaa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?—Akkamitti Itti Fayyadamna?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Seensa
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb ful. 2-3
Maatiin tokko Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee kitaaba Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu jedhamu yommuu walii wajjin qoʼatu

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Obboloota Jaallatamo:

Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Isaa taʼe ni jaallanna. Kitaabni kun seenaa sirrii taʼe akka qabate, qajeelfama jireenyaaf amansiisaa taʼe akka qabu, akkasumas Yihowaan ilmaan namootaa kan jaallatu taʼuu isaatiif ragaa cimaa akka taʼu amanneerra. (Faarfannaa 119:105; Luqaas 1:3; 1 Yohaannis 4:19) Dhugaa bakka guddaa qabuu fi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu kana warri kaan akka beekan gargaaruuf hawwii guddaa qabna. Kana galmaan gaʼuuf jecha, kitaaba “Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu” jedhamu kana qopheessuun keenya baayʼee nu gammachiisa. Waaʼee kitaaba kanaa hamma tokko isiniif ibsuu barbaanna.

Kitaabni kun caalaatti ijoollee yaadatti qabatamee kan qophaaʼe dha. Haa taʼu malee, gaʼeessota waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu barbaadanis ni gargaara. Kitaabni Qulqulluun kitaaba namoota hundaaf qophaaʼe waan taʼeef, hundi keenya iyyuu barumsicha irra deebiʼuudhaan faayidaa fi gammachuu dhugaa akka argannu hin shakkisiisu.

Kitaabni kun Seenaa Kitaaba Qulqulluu irra jirutti fayyadamee, seenaa maatii ilmaan namootaa erga uumamanii jalqabee jiru nutti hima. Seenaa Kitaaba Qulqulluu karaa ifa taʼe, salphaatti namaaf galuu fi hamma dandaʼametti duraa duuba seenaa isaatiin dhiheessuuf carraaqqiin hundi taasifameera.

Taʼus, kitaabni kun seenaa Kitaaba Qulqulluu ibsuu caalaa wanta raawwatu qaba. Yaanni kitaabni kun qabates taʼe fakkiin isaa kan qopheeffame, seenaan Kitaaba Qulqulluu akka nuuf dhugoomuu fi miirri namoota seenaa sana keessatti ibsamanii akka nuuf galu godhuuni dha.

Barreeffamni kun Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota Yihowaadhaaf ajajamanii fi ajajamuu didanii akkamitti akka ibsu akka hubannu nu gargaara. Fakkeenya isaanii irraa barumsa akka argannu nu gargaara. (Roomaa 15:4; 1 Qorontos 10:6) Kitaabichi kutaa 14​tti kan hirame dha. Jalqaba tokkoon tokkoon kutichaa irratti yaadawwan ijoo barumsicha irraa argachuu dandeenyu ibsa.

Warra yoo taatan, ijoollee keessanii wajjin barumsicha dubbisuu fi fakkiiwwan barumsichaa wajjin walitti dhufeenya qaban irratti mariʼachuu barbaaddu taʼa. Achiis waliin taatanii caqasawwan Kitaaba Qulqulluu barumsichi irratti hundaaʼe dubbisuu dandeessu. Mucaan keessan wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbise barumsa kitaaba kana irraa dubbisee wajjin wal bira qabee akka ilaalu gargaaraa. Nama gaʼeessa taʼe yommuu gargaartanis ergaa Kitaaba Qulqulluu ijoo taʼe akka hubatuuf mala wal fakkaatutti gargaaramuu dandeessu.

Barreeffamni kun dargaggootaa fi gaʼeessota dabalatee, namoonni garaa qajeelaa qaban hundi Dubbii Waaqayyoo irraa akka baratanii fi hojii irra akka oolchan akka gargaaru ni abdanna. Akkas kan godhan yoo taʼe, isaanis maatiiwwan isaa warra jaallatamoo taʼuudhaan Isa waaqeffachuu dandaʼu.

Obboloota keessan,

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi