ADOOLESSA 21-27
FAKKEENYA 23
Faarfannaa 97 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Dhugaatii Alkoolii Ilaalchisee nu Gargaaran
(Daq. 10)
Dhugaatii alkoolii ni dhugda yoo taʼe, baayʼee hin dhugin (Fak 23:20, 21; w23.12 14 key. 9)
Miidhaa machaaʼuun qabu yeroo hundumaa yaadadhu (Fak 23:29, 30, 33-35; w23.12 14 key. 4)
Alkoolii garmalee dhuguun miidhaa akka sirraan hin geessisne yaaduudhaan of hin gowwoomsin (Fak 23:31, 32)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Fak 23:21—Albaadhummaa fi garmalee furdachuu gidduu garaagarummaa akkamiitu jira? (w04-AM 11/1 31 key. 2)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fak 23:1-24 (th qoʼannaa 5)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. (lmd barumsa 3 qabxii 5)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu itti argisiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
6. Barattoota Gochuu
(Daq. 5) Barataa kee barsiifata Yihowaa hin gammachiisnee wajjin walʼaansoo gochaa jiru jajjabeessi. (lmd barumsa 12 qabxii 4)
Faarfannaa 35
7. Alkoolii Dhiheessumoo Dhiisu?
(Daq. 8) Mareedhaan kan dhihaatu.
Namni affeerraa qopheesse tokko qophiiwwan garaa garaa kan akka cidhaarratti alkoolii dhiheessuu ni dandaʼaa? Kun murtoo dhuunfaadha, haa taʼu malee namni tokko murtoo akkasii gochuusaa dura qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu fi haalawwan jiran hundumaa of eeggannoodhaan tilmaama keessa galchuu qaba.
VIIDIYOO Dhugaatii Alkoolii Dhiheessuun Qabaa? jedhamu taphachiisi. Achiis gaaffilee armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu.
Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu armaan gadii namni affeerraa qopheesse tokko dhugaatii alkoolii dhiheessuuf ykn dhiheessuu dhiisuuf kan isa gargaaran akkamitti?
Yoh 2:9—Yesuus cidha gaaʼelaa tokkorratti bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiireera.
1Qo 6:10—“Warri machaaʼan . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”
1Qo 10:31, 32—“Yeroo nyaattan yookiin yeroo dhugdan . . . wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa. Gufuu taʼuu irraa of qusadhaa.”
Haalawwan itti yaaduu qabdan tokko tokko kamfaʼi?
Murtoo gaarii gochuuf qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu garaa garaa tilmaama keessa galchuuf “dandeettii yaaduu” keenyatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?—Rom 12:1; Lal 7:16-18
8. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa
(Daq. 7)
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 2, seensa kutaa 2 fi barumsa 3