LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Adoolessa ful. 8-9
  • Adoolessa 28–Hagayya 3

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa 28–Hagayya 3
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Adoolessa ful. 8-9

ADOOLESSA 28–HAGAYYA 3

FAKKEENYA 24

Faarfannaa 38 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Rakkina Isin Mudatuuf Of Cimsaa

(Daq. 10)

Beekumsaa fi ogummaa argadhaa (Fak 24:5; w23.07 18 key. 15)

Yeroo abdii kutattanittillee barsiifata hafuuraa keessan itti fufaa (Fak 24:10; w09 12/15 18 key. 12-13)

Karaa hafuuraa cimoo taʼuun keenya rakkinarraa akka bayyanannu nu gargaara (Fak 24:16; w20.12 15)

Obboleettiin dhibee cimaadhaan qabamtee jirtu tokko, hiriyaa ishii wajjin gammachuudhaan manaa gara manaa tajaajilaa jirti. Dubartii balbala mana ishii irra dhaabbattee jirtutti taableetii ishiirraa waa itti argisiisaa jirti.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 24:27—Fakkeenya kanarraa maal baranna? (w09 10/15 12)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 24:1-20 (th qoʼannaa 11)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Utuu ati dhugaa isaaf hin baʼin mariin gootan addaan cita. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Qophii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf goone ibsiif, akkasumas kaardii teessoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf gargaaru kenniif. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

7. Haasaa

(Daq. 3) lmd kutaa dabalataa A qabxii 11—Mata duree: Waaqayyo Dubbii Isaa Nuuf Kenneera. (th qoʼannaa 6)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 99

8. Yeroo Rakkinaatti Wal Gargaaraa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Dhukkubni, balaan uumamaa, jeequmsi uummataa, waraanni ykn ariʼatamni akkuma tasaa kaʼuu dandaʼu. Rakkinni akkasii yommuu uumamu obboloonnii fi obboleettonni keenya wal gargaaru, akkasumas wal jajjabeessu. Kallattiidhaan rakkinni akkasii yoo nurra gaʼuu baates, rakkina obboloota keenyarra gaʼeen kan kaʼe gaddi nutti dhagaʼama, akkasumas isaan gargaaruuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa ni goona.—1Qo 12:25, 26.

Suuraawwan: Obboloonni obbolootasaanii karaa garaagaraatiin gargaaraa jiru. 1. Obboloonni Galma Walg⁠a⁠ʼii balaa uumamaatiin diigame deebisanii ijaaraa jiru. 2. Obboloonni obboleettii biyya isaaniitti godaantee fi intala ishii miira h⁠o⁠ʼaadhaan simachaa jiru. 3. Obboleettiin tokko saanduqa buusii Galma Walg⁠a⁠ʼii jiru keessatti buusii gochaa jirti. 4. Obboloonni, obbolootasaanii biyyasaanitti baqataniif Galma Walg⁠a⁠ʼii keessatti wantoota isaan barbaachisan isaaniif hiraa jiru. 5. Hojjettoonni fedhaa bishaan raabsaa jiru. 6. Obboleessi tokko kadhachaa jira.

1 Mootota 13:6 fi Yaaqoob 5:16b dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Kadhannaan tajaajiltoonni Waaqayyo warra kaaniif dhiheessan humna kan qabu maaliifi?

Maarqos 12:42-44 fi 2 Qorontos 8:1-4 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Maallaqa hedduu waan hin qabneef hojii addunyaa maraatiif buusiin gochuu dandeenyu muraasa yoo taʼellee, obboloota keenya rakkinni isaanirra gaʼaa jiru gargaaruuf buusii gochuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

VIIDIYOO Obboloota Dhorkaa Jala Jiran Jajjabeessuu jedhamu taphachiisi. Achiis gaaffilee armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Obboloonni, obboloota Baha Awurooppaa bakka dhorkaan ture keessa jiraatan gargaaruuf aarsaa jaalalarratti hundaaʼe akkamii kaffalan?

  • Obboloonni utuma dhorkaa jala jiranii, ajaja walitti qabamaa akkasumas wal jajjabeessaa jedhu hojiirra kan oolchan akkamitti?—Ibr 10:24, 25

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 4-5

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 112 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi