LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 3 ful. 14-ful. 15 key. 3
  • Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin Ajajamne
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iddoo Jireenyaasaaniitii Kan Baafaman Maaliifi?
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Waaqayyo Hundumarra Ni Caala
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 3 ful. 14-ful. 15 key. 3
Addaamii fi Hewaan yommuu iddoo biqiltuu Eedan keessaa baʼan

BARUMSA 3

Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Addaam firii dhowwamee fi Hewaan isaaf kennite qabatee

Gaaf tokko Hewaan utuu kophaa ishii jirtuu bofni tokko ishiitti dubbate. “Waaqayyo dhuguma muka . . . hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” ishiidhaan jedhe. Hewaanis deebistee, ‘Muka tokko irraa kan hafe mukeetii hunda irraa nyaachuu ni dandeenya. Firii muka sana irra jiru yoo nyaanne garuu ni duuna’ jette. Bofichis, ‘Hin duutan. Yoo isa irraa nyaattan akka Waaqayyoo taatu’ ishiidhaan jedhe. Kun dhugaa turee? Lakki soba dha. Hewaan garuu yaada kana ni amante. Hewaan firii mukichaa irra deddeebitee yommuu ilaaltu nyaachuuf caalaatti hawwite. Achiis firii sana ni nyaatte; Addaamiifis ni kennite. Waaqayyoof ajajamuu yoo didan akka duʼan Addaam beeka ture. Taʼus, Addaam firii sana ni nyaate.

Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu Eedan keessaa yommuu baʼan, maleekotaa fi billaa ibiddaa balbala irra jiru

Guyyuma sana gara boodaa, Yihowaan Addaamii fi Hewaanitti dubbate. Maaliif isaaf ajajamuu akka didan isaan gaafate. Hewaan bofichatti qabatte; Addaam immoo Hewaanitti qabate. Addaamii fi Hewaan isaaf waan hin ajajamneef, Yihowaan jannata keessaa isaan baase. Akka isaan deebiʼanii itti hin seenneef, maleekotaa fi billaa ibiddaa balbala irra dhaabe.

Yihowaan qaamni Hewaaniin sobes akka adabamu dubbate. Inni bofa isa Hewaanitti dubbate sana hin turre. Yihowaan bofni dubbachuu akka dandaʼu godhee isa hin uumne. Bofichi akka dubbatu kan godhe maleekaa hamaa tokko ture. Kana kan godhes, Hewaaniin gowwoomsuuf jedhee ti. Maleekaan sun Seexana isa Diyaabilos jedhamee waamamu dha. Gara fuulduraatti, namoonni wanta hamaa akka godhan akka isaan hin gowwoomsineef Yihowaan Seexana ni balleessa.

“[Diyaabilos] jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhugaa keessa jabaatee hin dhaabbanne.”—Yohaannis 8:44

Gaaffii: Hewaan firii sana kan nyaatte maaliifi? Addaamii fi Hewaan Yihowaadhaaf erga ajajamuu didanii booda maaltu isaan irra gaʼe? Seexanni inni Diyaabilos jedhame eenyu?

Uumama 3:1-24; Yohaannis 8:44; 1 Yohaannis 3:8; Mulʼata 12:9

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi