Seensa Kutaa 2
Yihowaan bishaan badiisaa fidee addunyaa yeroo sanatti ture kan balleesse maaliifi? Jalqaba seenaa ilmaan namootaatii kaasee, qabsoon wanta gaarii fi hamaa gidduutti taasifamuu ni eegale. Namoonni akka Addaam, Hewaanii fi ilma isaanii Qaayin jiran wanta hamaa cinaa hiriiruu filatan. Warri akka Abeelii fi Noh jiran muraasni immoo, wanta gaarii cinaa dhaabachuuf filatan. Namoonni hedduun hamoota waan taʼaniif, Yihowaan addunyaa hamaa sana ni balleesse. Kutaan kun Yihowaan isa kam cinaa dhaabachuuf akka filannee fi inni wanti hamaan isa gaarii akka moʼuu matumaa akka hin heyyamne hubachuuf nu gargaara.