BARUMSA 3
Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin Ajajamne
Gaaf tokko Hewaan utuu kophaa ishii jirtuu bofni tokko ishiitti dubbate. “Waaqayyo dhuguma muka . . . hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” ishiidhaan jedhe. Hewaanis deebistee, ‘Muka tokko irraa kan hafe mukeetii hunda irraa nyaachuu ni dandeenya. Firii muka sana irra jiru yoo nyaanne garuu ni duuna’ jette. Bofichis, ‘Hin duutan. Yoo isa irraa nyaattan akka Waaqayyoo taatu’ ishiidhaan jedhe. Kun dhugaa turee? Lakki soba dha. Hewaan garuu yaada kana ni amante. Hewaan firii mukichaa irra deddeebitee yommuu ilaaltu nyaachuuf caalaatti hawwite. Achiis firii sana ni nyaatte; Addaamiifis ni kennite. Waaqayyoof ajajamuu yoo didan akka duʼan Addaam beeka ture. Taʼus, Addaam firii sana ni nyaate.
Guyyuma sana gara boodaa, Yihowaan Addaamii fi Hewaanitti dubbate. Maaliif isaaf ajajamuu akka didan isaan gaafate. Hewaan bofichatti qabatte; Addaam immoo Hewaanitti qabate. Addaamii fi Hewaan isaaf waan hin ajajamneef, Yihowaan jannata keessaa isaan baase. Akka isaan deebiʼanii itti hin seenneef, maleekotaa fi billaa ibiddaa balbala irra dhaabe.
Yihowaan qaamni Hewaaniin sobes akka adabamu dubbate. Inni bofa isa Hewaanitti dubbate sana hin turre. Yihowaan bofni dubbachuu akka dandaʼu godhee isa hin uumne. Bofichi akka dubbatu kan godhe maleekaa hamaa tokko ture. Kana kan godhes, Hewaaniin gowwoomsuuf jedhee ti. Maleekaan sun Seexana isa Diyaabilos jedhamee waamamu dha. Gara fuulduraatti, namoonni wanta hamaa akka godhan akka isaan hin gowwoomsineef Yihowaan Seexana ni balleessa.
“[Diyaabilos] jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhugaa keessa jabaatee hin dhaabbanne.”—Yohaannis 8:44